< Fakkeenya 21 >
1 Yaadni mootii akkuma yaaʼaa bishaanii harka Waaqayyoo keessa jira; innis garuma fedhetti qajeelcha.
王の心はヱホバの手の中にありて恰かも水の流れのごとし 彼その聖旨のままに之を導きたまふ
2 Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata; Waaqayyo garuu yaada namaa madaala.
人の道はおのれの目に正しとみゆ されどヱホバは人の心をはかりたまふ
3 Fuula Waaqayyoo duratti aarsaa caalaa, waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba.
正義と公平を行ふは犠牲よりも愈りてヱホバに悦ばる
4 Iji of jajuu fi garaan of tuuluu maasii hamootaa kan hin qotaminii dha; innis cubbuu dhala.
高ぶる目と驕る心とは惡人の光にしてただ罪のみ
5 Karoorri nama tattaaffatuu buʼaa argamsiisa; namni ariifatu garuu ni hiyyooma.
勤めはたらく者の圖るところは遂にその身を豊裕ならしめ 凡てさわがしく急ぐ者は貧乏をいたす
6 Qabeenyi arraba sobuun argamu, urrii bittinnaaʼee baduu fi kiyyoo duʼaa ti.
虚偽の舌をもて財を得るは吹はらはるる雲烟のごとし 之を求むる者は死を求むるなり
7 Sababii isaan waan qajeelaa hojjechuu didaniif, fincilli hamootaa isaanuma balleessa.
惡者の殘虐は自己を亡す これ義しきを行ふことを好まざればなり
8 Karaan nama balleessaa qabuu jalʼaa dha; amalli nama qulqulluu garuu qajeelaa dha.
罪人の道は曲り 潔者の行爲は直し
9 Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
相爭ふ婦と偕に室に居らんよりは屋蓋の隅にをるはよし
10 Namni hamaan jalʼina dharraʼa; ollaan isaa gara laafina tokko iyyuu isa irraa hin argatu.
惡者の霊魂は惡をねがふ その鄰も彼にあはれみ見られず
11 Yeroo namni qoosu tokko adabamutti, wallaalaan ogummaa argata; namni ogeessi yeroo gorfamutti beekumsa argata.
あざけるもの罰をうくれば拙者は智慧を得 ちゑあるもの敎をうくれば知識を得
12 Namni qajeelaan mana hamootaa qalbeeffatee ilaala; hamootas ni balleessa.
義しき神は惡者の家をみとめて惡者を滅亡に投いれたまふ
13 Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide, innis ni iyya; deebiis hin argatu.
耳を掩ひて貧者の呼ぶ聲をきかざる者は おのれ自ら呼ぶときもまた聽れざるべし
14 Wanni dhoksaadhaan namaaf kennan aarii qabbaneessa; mattaʼaan harka bobaa jalaatiin kennanis dheekkamsa guddaa gab godha.
潜なる饋物は忿恨をなだめ 懐中の賄賂は烈しき瞋恚をやはらぐ
15 Murtii qajeelaa kennuun qajeeltotaaf gammachuu kenna; hamootatti immoo raafama fida.
公義を行ふことは義者の喜樂にして 惡を行ふものの敗壞なり
16 Namni karaa hubannaa irraa badu kam iyyuu waldaa warra duʼaniitti dabalama.
さとりの道を離るる人は死し者の集會の中にをらん
17 Namni qananii jaallatu ni deega; kan daadhii wayiniitii fi zayitii jaallatu immoo hin sooromu.
宴樂を好むものは貧人となり 酒と膏とを好むものは富をいたさじ
18 Namni hamaan nama qajeelaadhaaf, kan hin amanamne immoo nama tolaadhaaf furii taʼa.
惡者は義者のあがなひとなり 悖れる者は直き者に代る
19 Niitii nyakkiftuu fi kan daftee aartu wajjin jiraachuu mannaa, gammoojjii keessa jiraachuu wayya.
爭ひ怒る婦と偕にをらんよりは荒野に居るはよし
20 Mana nama ogeessaa keessa qabeenya gatii guddaatii fi zayitiitu jira; gowwaan garuu waan qabu hunda nyaatee fixa.
智慧ある者の家には貴き寳と膏とあり 愚なる人は之を呑つくす
21 Namni qajeelummaa fi jaalala duukaa buʼu, jireenya, badhaadhummaa fi ulfina argata.
正義と憐憫と追求むる者は生命と正義と尊貴とを得べし
22 Namni ogeessi magaalaa nama jabaatti baʼee daʼoo jabaa inni amanatu jalaa diiga.
智慧ある者は強者の城にのぼりて その堅く賴むところを倒す
23 Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu, balaa irraa of eega.
口と舌とを守る者はその霊魂を守りて患難に遇せじ
24 Nama of jajuu fi of tuulu maqaan isaa, “Qoostuu dha;” inni akka malee koora.
高ぶり驕る者を嘲笑者となづく これ驕奢を逞しくして行ふものなり
25 Sababii harki isaa hojii hojjechuu hin jaallanneef, hawwiin nama dhibaaʼaa duʼa isatti fida.
惰者の情慾はおのれの身を殺す 是はその手を肯て働かせざればなり
26 Inni guyyaa guutuu kajeela; namni qajeelaan garuu utuu hin qusatin kenna.
人は終日しきりに慾を圖る されど義者は與へて吝まず
27 Aarsaan nama hamaa balfamaa dha; yoos yoo inni yaada hamaadhaan dhiʼeesse hammam sana caalaa haa balfamu ree!
惡者の献物は憎まる 况て惡き事のために献ぐる者をや
28 Dhuga baatuun sobaa ni bada; namni isa dhagaʼu kam iyyuus bara baraan bada.
虚偽の證人は滅さる 然れど聽く人は恒にいふべし
29 Namni hamaan ija jabaata; namni tolaan garuu karaa isaa qajeelfata.
惡人はその面を厚くし 義者はその道を謹む
30 Ogummaan, hubannaanii fi karoorri Waaqayyoon mormee milkaaʼuu hin jiru.
ヱホバにむかひては智慧も明哲も謀略もなすところなし
31 Fardi guyyaa waraanaatiif qopheeffama; moʼichi garuu kan Waaqayyoo ti.
戰闘の日のために馬を備ふ されど勝利はヱホバによる