< Fakkeenya 20 >
1 Daadhiin wayinii nama qoostuu, dhugaatiin cimaan immoo waccuu nama godha; namni isaaniin fudhatamus ogeessa miti.
Mvinyo ni mdhihaki na kileo ni mgomvi; yeyote apotoshwaye navyo hana hekima.
2 Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti; namni isa aarsus lubbuu ofii isaa dhaba.
Ghadhabu ya mfalme ni kama ngurumo ya simba; yeye amkasirishaye hupoteza uhai wake.
3 Lola irraa fagaachuun ulfina; gowwaan hundi garuu lolatti ariifata.
Ni kwa heshima ya mtu kujitenga ugomvi, bali kila mpumbavu ni mwepesi kugombana.
4 Dhibaaʼaan yeroodhaan hin qotatu; kanaafuu inni yeroo haamaatti ni ilaala malee homaa hin argatu.
Mvivu halimi kwa majira; kwa hiyo wakati wa mavuno hutazama lakini hapati chochote.
5 Yaadni qalbii namaa akkuma bishaan gad fagoo ti; hubataan namaa garuu ni waraabbata.
Makusudi ya moyo wa mwanadamu ni maji yenye kina, lakini mtu mwenye ufahamu huyachota.
6 Namni hedduun akka jaalala hin dhumne qabu dubbata; nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa?
Watu wengi hujidai kuwa na upendo usiokoma, bali mtu mwaminifu ni nani awezaye kumpata?
7 Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata; ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.
Mtu mwenye haki huishi maisha yasiyo na lawama, wamebarikiwa watoto wake baada yake.
8 Mootiin tokko yeroo murtii kennuuf teessoo isaa irra taaʼutti, waan hamaa hunda ijuma isaatiin gingilchee addaan baasa.
Wakati mfalme aketipo katika kiti chake cha enzi kuhukumu, hupepeta ubaya wote kwa macho yake.
9 Eenyutu, “Ani garaa koo qulqulleeffadheera; ani qulqulluu dha; cubbuus hin qabu” jechuu dandaʼa?
Ni nani awezaye kusema, “Nimeuweka moyo wangu safi; mimi ni safi na sina dhambi?”
10 Madaalii jalʼaa fi safartuu jalʼaa lamaanuu Waaqayyo ni balfa.
Mawe ya kupimia yaliyo tofauti na vipimo tofauti, Bwana huchukia vyote viwili.
11 Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi qajeelaa taʼuun isaa hojii isaatiin beekama.
Hata mtoto hujulikana kwa matendo yake, kama tabia yake ni safi na adili.
12 Gurra dhagaʼuu fi ija argu, lachanuu Waaqayyotu uume.
Masikio yasikiayo na macho yaonayo, Bwana ndiye alivifanya vyote viwili.
13 Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin; midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu.
Usiupende usingizi la sivyo utakuwa maskini, uwe macho nawe utakuwa na chakula cha akiba.
14 Namni waa bitatu, “Wanni kun gaarii miti; wanni kun gaarii miti!” jedha; ergasii immoo dhaqee waaʼee waan bitate sanaa boona.
“Haifai, haifai!” asema mnunuzi, kisha huondoka akijisifia ununuzi wake.
15 Warqeen ni jira; lulli diimaanis baayʼinaan jira; arrabni beekumsa dubbatu garuu faaya gatii guddaa ti.
Dhahabu kunayo, na marijani kwa wingi, lakini midomo inenayo maarifa ni kito cha thamani kilicho adimu.
16 Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
Chukua vazi la yule awekaye dhamana kwa ajili ya mgeni; lishikilie iwe dhamana kama anafanya hivyo kwa ajili ya mwanamke mpotovu.
17 Nyaanni gowwoomsaadhaan argame namatti miʼaawa; dhuma irratti garuu afaan nama sanaa cirrachatu guuta.
Chakula kilichopatikana kwa hila ni kitamu kwa mwanadamu, bali huishia na kinywa kilichojaa changarawe.
18 Gorsaan karoora baafadhu; qajeelfama ogummaatiin waraana bani.
Fanya mipango kwa kutafuta mashauri, ukipigana vita, tafuta maelekezo.
19 Hamattuun icciitii baafti; kanaafuu odeessituu wajjin tokkummaa hin qabaatin.
Maneno ya kusengenya husababisha kutokuaminika, kwa hiyo mwepuke mtu anayezungumza kupita kiasi.
20 Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare, ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.
Ikiwa mtu atamlaani baba yake au mama yake, taa yake itazimwa katika giza nene.
21 Dhaalli jalqabumatti dafee argame dhumni isaa eebba hin qabaatu.
Urithi upatikanao haraka mwanzoni, hautabarikiwa mwishoni.
22 Ati, “Yakka ati hojjette kanaaf ani gatii kee siifin kenna!” hin jedhin; Waaqayyoon eeggadhu; inni si baasa.
Usiseme, “Nitakulipiza kwa ajili ya kosa hili!” Mngojee Bwana, naye atakuokoa.
23 Waaqayyo madaalii jalʼaa ni balfa; safartuu sobaattis hin gammadu.
Bwana anachukia sana mawe ya kupimia ya udanganyifu, nazo mizani zisizo halali hazimpendezi.
24 Adeemsi namaa Waaqayyoon qajeelfama. Yoos namni kam iyyuu akkamiin karaa ofii isaa hubachuu dandaʼa ree?
Hatua za mtu huongozwa na Bwana. Anawezaje basi mtu yeyote kuelewa njia yake mwenyewe?
25 Namni utuu itti hin yaadin, “Wanni kun Waaqaaf qulqulleeffameera” jedhee ergasii immoo waan wareege sana gaabbe kiyyoo isatti taʼa.
Ni mtego kwa mtu kuweka wakfu kitu kwa haraka na baada ya kitambo kidogo kufikiria tena nadhiri zake.
26 Mootiin ogeessi hamoota gingilchee addaan baasa; geengoo ittiin midhaan dhaʼan illee isaan irra oofa.
Mfalme mwenye hekima hupepeta waovu, hulipitisha gurudumu la kupuria juu yao.
27 Ibsaan Waaqayyoo hafuura namaa sakattaʼa; inni keessa namaa illee isumaan qora.
Taa ya Bwana huchunguza roho ya mwanadamu, huchunguza utu wake wa ndani.
28 Jaalallii fi amanamummaan mootii tokko nagaan jiraachisu; teessoon mootummaa isaas jaalalaan eegama.
Upendo na uaminifu humweka mfalme salama, kwa njia ya upendo, kiti chake cha enzi huwa salama.
29 Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti; arriin mataa kabaja nama umuriin dheeratee ti.
Utukufu wa vijana ni nguvu zao, mvi ni fahari ya uzee.
30 Abootteen nama madeessu hammina nama irraa qulqulleessa; garaffiin immoo keessa namaa geeddara.
Mapigo na majeraha huusafisha ubaya, nayo michapo hutakasa utu wa ndani.