< Fakkeenya 2 >
1 Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee ajaja koos of keessatti kuufatte,
Ɗana, in ka yarda da kalmomina ka kuma ajiye umarnaina a cikinka,
2 yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee yaada kee hubannaatti deebifatte,
kana kasa kunne ga abin da yake na hikima, kana kuma yin ƙoƙari ka fahimce shi,
3 yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte,
in kuma ka kira ga tsinkaya ka kuma kira da ƙarfi don ganewa,
4 yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde,
in ka neme shi yadda ake neman azurfa ka kuma neme shi kamar yadda ake neman ɓoyayyiyar dukiya,
5 ati Waaqayyoon sodaachuu ni hubatta; Waaqa beekuus ni argatta.
to, za ka gane tsoron Ubangiji ka kuma sami sanin Allah.
6 Waaqayyo ogummaa namaa kennaatii; afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.
Gama Ubangiji yana ba da hikima, daga bakinsa kuma, sani da ganewa sukan fito.
7 Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa; warra adeemsi isaanii mudaa hin qabneef gaachana;
Yana riƙe da nasara a ma’aji don masu yin gaskiya, shi ne mafaka ga waɗanda tafiyarsu ba ta da laifi,
8 inni daandii tolootaa ni eega; karaa qulqulloota isaa illee ni tiksa.
gama yana tsare abin da masu adalci suke bukata yana kuma tsare hanyar amintattunsa.
9 Ergasii ati qajeelummaa fi murtii qajeelaa, nama wal qixxeessuu, karaa qajeelaa hundas ni hubatta.
Sa’an nan za ku fahimci abin da yake daidai da abin da yake na adalci da abin da yake gaskiya, da kowace hanya mai kyau.
10 Ogummaan garaa kee seena; beekumsis lubbuu kee gammachiisa.
Gama hikima za tă shiga cikin zuciyarka, sani kuma zai faranta maka rai.
11 Qalbeeffannaan si eega; hubannaanis si tiksa.
Tsinkaya za tă tsare ka, ganewa kuma za tă yi maka jagora.
12 Ogummaan karaa hamootaa irraa, namoota daba dubbatan jalaas si baraara;
Hikima za tă cece ka daga hanyoyin mugayen mutane, daga kalmomin mutane masu ɓatanci,
13 warra karaa dukkanaa irra deemuudhaaf jedhanii daandii qajeelaa dhiisan,
waɗanda suke barin miƙaƙƙun hanyoyi don su yi tafiya a hanyoyi masu duhu,
14 warra waan hamaa hojjechuutti gammadan, warra jalʼina hojjechuun itti tolu,
waɗanda suke jin daɗin yin abin da ba shi da kyau suna kuma farin ciki a mugayen ɓatanci,
15 warra daandiin isaanii jalʼate, warra karaan isaanii dabe jalaa si baraara.
waɗanda hanyoyinsu karkatattu ne waɗanda kuma suke cuku-cuku a hanyoyinsu.
16 Ogummaatu dubartii ganda labee, niitii dubbiidhaan sossobdee ofitti nama harkiftu jalaa si baraara;
Zai kiyaye ku kuma daga mazinaciya, daga mace mai lalata, mai ƙoƙarin kama ka da daɗin bakinta,
17 niitii dhirsa ishee kan jalqabaa dhiiftee kakuu fuula Waaqaa duratti galte sana dagatte jalaa si baraara.
wadda ta bar mijin ƙuruciyarta ta kuma ƙyale alkawarin da ta yi a gaban Allah.
18 Manni ishee gara duʼaatti, karaan ishee immoo gara hafuurota warra duʼaniitti nama geessaatii.
Gama gidanta yana kai ga mutuwa hanyarta kuma ga ruhohin matattu.
19 Namni gara ishee dhaqu tokko iyyuu hin deebiʼu yookaan karaa jireenyaa hin argatu.
Duk wanda ya ziyarce ta ba ya ƙara komowa ba zai ƙara komowa ga hanyar rai.
20 Kanaafuu ati karaa namoota gaggaarii irra ni deemta; daandii qajeeltotaa irraas hin jalʼattu.
Don haka dole ku yi tafiya a hanyoyin mutanen kirki ku kuma yi ta bi hanyoyin adalai.
21 Toloonni biyyattii keessa ni jiraatuutii; warri mudaa hin qabnes achi keessa jiraatu;
Gama masu aikata gaskiya za su zauna a cikin ƙasar, marasa laifi kuma za su kasance a cikinta;
22 hamoonni garuu biyyattii keessaa ni balleeffamu; warri hin amanamnes ishee keessaa buqqifamu.
amma za a fid da mugaye daga ƙasar, za a tumɓuke marasa aminci kuma daga gare ta.