< Fakkeenya 2 >

1 Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee ajaja koos of keessatti kuufatte,
我儿,你若领受我的言语, 存记我的命令,
2 yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee yaada kee hubannaatti deebifatte,
侧耳听智慧, 专心求聪明,
3 yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte,
呼求明哲, 扬声求聪明,
4 yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde,
寻找它,如寻找银子, 搜求它,如搜求隐藏的珍宝,
5 ati Waaqayyoon sodaachuu ni hubatta; Waaqa beekuus ni argatta.
你就明白敬畏耶和华, 得以认识 神。
6 Waaqayyo ogummaa namaa kennaatii; afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.
因为,耶和华赐人智慧; 知识和聪明都由他口而出。
7 Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa; warra adeemsi isaanii mudaa hin qabneef gaachana;
他给正直人存留真智慧, 给行为纯正的人作盾牌,
8 inni daandii tolootaa ni eega; karaa qulqulloota isaa illee ni tiksa.
为要保守公平人的路, 护庇虔敬人的道。
9 Ergasii ati qajeelummaa fi murtii qajeelaa, nama wal qixxeessuu, karaa qajeelaa hundas ni hubatta.
你也必明白仁义、公平、 正直、一切的善道。
10 Ogummaan garaa kee seena; beekumsis lubbuu kee gammachiisa.
智慧必入你心; 你的灵要以知识为美。
11 Qalbeeffannaan si eega; hubannaanis si tiksa.
谋略必护卫你; 聪明必保守你,
12 Ogummaan karaa hamootaa irraa, namoota daba dubbatan jalaas si baraara;
要救你脱离恶道, 脱离说乖谬话的人。
13 warra karaa dukkanaa irra deemuudhaaf jedhanii daandii qajeelaa dhiisan,
那等人舍弃正直的路, 行走黑暗的道,
14 warra waan hamaa hojjechuutti gammadan, warra jalʼina hojjechuun itti tolu,
欢喜作恶, 喜爱恶人的乖僻,
15 warra daandiin isaanii jalʼate, warra karaan isaanii dabe jalaa si baraara.
在他们的道中弯曲, 在他们的路上偏僻。
16 Ogummaatu dubartii ganda labee, niitii dubbiidhaan sossobdee ofitti nama harkiftu jalaa si baraara;
智慧要救你脱离淫妇, 就是那油嘴滑舌的外女。
17 niitii dhirsa ishee kan jalqabaa dhiiftee kakuu fuula Waaqaa duratti galte sana dagatte jalaa si baraara.
她离弃幼年的配偶, 忘了 神的盟约。
18 Manni ishee gara duʼaatti, karaan ishee immoo gara hafuurota warra duʼaniitti nama geessaatii.
她的家陷入死地; 她的路偏向阴间。 (questioned)
19 Namni gara ishee dhaqu tokko iyyuu hin deebiʼu yookaan karaa jireenyaa hin argatu.
凡到她那里去的,不得转回, 也得不着生命的路。
20 Kanaafuu ati karaa namoota gaggaarii irra ni deemta; daandii qajeeltotaa irraas hin jalʼattu.
智慧必使你行善人的道, 守义人的路。
21 Toloonni biyyattii keessa ni jiraatuutii; warri mudaa hin qabnes achi keessa jiraatu;
正直人必在世上居住; 完全人必在地上存留。
22 hamoonni garuu biyyattii keessaa ni balleeffamu; warri hin amanamnes ishee keessaa buqqifamu.
惟有恶人必然剪除; 奸诈的,必然拔出。

< Fakkeenya 2 >