< Fakkeenya 17 >

1 Mana nyaataa dhugaatiin guutame kan lola qabuu mannaa, iddoo nagaan jirutti hurraaʼaa buddeena goggogaa wayya.
Ni bora kuwa na utulivu pamoja chembe za mkate kuliko nyumba yenye sherehe nyingi pamoja na ugomvi.
2 Garbichi hubataan ilma salphaa bulcha; obboloota gidduuttis dhaala qooddata.
Mtumishi mwenye busara atatawala juu ya mwana atendaye kwa aibu na atashiriki urithi kama mmoja wa ndugu.
3 Okkoteen waa itti baqsan meetiif, boolli ibiddaa immoo warqeef; Waaqayyo garuu garaa namaa qora.
Kalibu ni kwa fedha na tanuu ni kwa dhahabu, bali Yehova huisafisha mioyo.
4 Namni hamaan dubbii gowwoomsaa dhaggeeffata; sobaanis arraba balaʼamaadhaaf gurra kenna.
Mtu atendaye mabaya huwasikiliza wale wanaosema maovu; muongo anausikivu kwa wale wanaosema mambo mabaya.
5 Namni hiyyeeyyiitti qoosu kan isaan Uume sana tuffata; kan badiisa namaatti gammadu utuu hin adabamin hin hafu.
Mwenye kumdhihaki masikini humtukana Muumba wake na anayefurahia msiba hatakosa adhabu.
6 Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha; haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.
Wajukuu ni taji ya wazee na wazazi huleta heshima kwa watoto wao.
7 Dubbiin baʼeessi nama gowwaatti hin tolu; hidhiin sobu immoo hammam bulchaa tokkotti haa hammaatu ree!
Hotuba ya ushawishi haifai kwa mpumbavu; kidogo zaidi midomo ya uongo inafaa kwa ufalme.
8 Mattaʼaan namicha kennuuf miʼa falfalaa ti; inni lafa dhaqu kamitti iyyuu ni milkaaʼa.
Rushwa ni kama jiwe la kiini macho kwa yule ambaye atoaye; yeye anayeiacha, hufanikiwa.
9 Namni balleessaa namaaf dhiisu jaalala guddisa; namni waan tokko irra deddeebiʼu, garuu michoota walitti dhiʼaatan gargar baasa.
Anayesamehe kosa hutafuta upendo, bali yeye anayerudia jambo huwatenganisha marafiki wa karibu.
10 Hamma gowwaan yeroo dhibba garafamee itti dhagaʼamu caalaa ifannaan nama waa hubatutti dhagaʼama.
Karipio hupenya ndani ya mtu mwenye ufahamu kuliko mapigo mamia kwenda kwa mpumbavu.
11 Namni hamaan fincila qofa barbaada; ergamaan namaa hin naane isatti ni ergama.
Mtu mbaya hutafuta uasi tu, hivyo mjumbe katiri atatumwa dhidi yake.
12 Gowwaa gowwummaa isa keessa jiruun walitti dhufuu mannaa amaaketa dhaltuu ilmaan ishee jalaa fudhatamaniin walitti dhufuu wayya.
Ni bora kukutana na dubu aliyeporwa watoto wake kuliko kukutana na mpumbavu katika upumbavu wake.
13 Nama qooda gaarii hamaa deebisu, hamminni mana isaa keessaa hin baʼu.
Mtu anaporudisha mabaya badala ya mema, mabaya hayatatoka katika nyumba yake.
14 Lola jalqabuun akkuma bishaan cabsanii yaasuu ti; kanaafuu utuu lolli hin hoʼin dubbii dhiisi.
Mwanzo wa mafarakano ni kama mtu anayefungulia maji kila mahali, hivyo ondoka kwenye mabishano kabla ya kutokea.
15 Waaqayyo waan kana lachuu ni balfa; kunis nama yakka qabu qulqulluu gochuu fi nama balleessaa hin qabnetti muruu dha.
Yeye ambaye huwaachilia watu waovu au kuwalaumu wale wanaotenda haki - watu hawa wote ni chukizo kwa Yehova.
16 Sababii inni ogummaa argachuuf fedhii hin qabneef, maallaqni harka gowwaa jiru faayidaa maalii qaba?
Kwa nini mpumbavu alipe fedha kwa kujifunza hekima, wakati hana uwezo wa kujifunza?
17 Michuun yeroo hunda nama jaallata; obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.
Rafiki hupenda kwa nyakati zote na ndugu amezaliwa kwa ajili ya nyakati za taabu.
18 Namni qalbii hin qabne harka dhaʼee waa namaaf kakata; fuula ollaa ofii isaa durattis wabii taʼa.
Mtu asiyekuwa na akili hufanya ahadi zenye mashariti na kuanza kuwajibika kwa madeni ya jirani yake.
19 Namni lola jaallatu cubbuu jaallata; namni karra ol dheeraa ijaarus badiisa waama.
Apendaye mafarakano anapenda dhambi; ambaye hutengeneza kizingiti kirefu sana kwenye mlango wake husababisha kuvunjia kwa mifupa.
20 Namni yaada hamaa qabu hin milkaaʼu; kan arrabni isaa nama gowwoomsus rakkoo keessa seena.
Mtu mwenye moyo wa udanganyifu hapati chochote ambacho ni chema; na mwenye ulimi wa ukaidi huanguka kwenye janga.
21 Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; abbaan ilma gowwaas hin gammadu.
Mzazi wa mpumbavu huleta majonzi kwake mwenyewe; baba wa mpumbavu hana furaha.
22 Garaan gammadu qoricha gaarii dha; hafuurri cabe immoo lafee gogsa.
Moyo mchangamfu ni dawa njema, bali roho iliyopondeka hukausha mifupa.
23 Namni hamaan karaa murtii qajeelaa jalʼisuuf jedhee dhoksaadhaan mattaʼaa fudhata.
Mtu mwovu hukubali rushwa ya siri ili kupotosha njia za haki.
24 Namni hubataan fuula isaa gara ogummaatti deebifata; iji gowwaa garuu hamma handaara lafaatti joora.
Mwenye ufahamu huelekeza uso wake kwenye hekima, bali macho ya mpumbavu huelekea ncha za dunia.
25 Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; haadha isa deessettis jireenya hadheessa.
Mwana mpumbavu ni huzuni kwa baba yake na uchungu kwa mwanamke aliyemzaa.
26 Nama balleessaa hin qabne tokko adabuun gaarii miti; qondaaltota amanamoo rukutuunis sirrii miti.
Pia, si vizuri kumwadhibu mwenye kutenda haki; wala si vema kuwachapa mjeledi watu waadilifu wenye ukamilifu.
27 Namni beekaan of qusachaa dubbata; namni hubataanis hafuura qabanaaʼaa qaba.
Mwenye maarifa hutumia maneno machache na mwenye ufahamu ni mtulivu.
28 Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata; yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata.
Hata mpumbavu hudhaniwa kuwa na busara kama akikaa kimya; wakati anapokaa amefunga kinywa chake, anafikiriwa kuwa na akili.

< Fakkeenya 17 >