< Fakkeenya 17 >

1 Mana nyaataa dhugaatiin guutame kan lola qabuu mannaa, iddoo nagaan jirutti hurraaʼaa buddeena goggogaa wayya.
Mejor es un bocado de pan seco, y en paz, que la casa de cuestión llena de víctimas.
2 Garbichi hubataan ilma salphaa bulcha; obboloota gidduuttis dhaala qooddata.
El siervo prudente se enseñoreará del hijo deshonrador; y entre los hermanos partirá la herencia.
3 Okkoteen waa itti baqsan meetiif, boolli ibiddaa immoo warqeef; Waaqayyo garuu garaa namaa qora.
Afinador a la plata, y fragua al oro: mas Jehová prueba los corazones.
4 Namni hamaan dubbii gowwoomsaa dhaggeeffata; sobaanis arraba balaʼamaadhaaf gurra kenna.
El malo está atento al labio inicuo; y el mentiroso escucha a la lengua maldiciente.
5 Namni hiyyeeyyiitti qoosu kan isaan Uume sana tuffata; kan badiisa namaatti gammadu utuu hin adabamin hin hafu.
El que escarnece al pobre, afrenta a su hacedor; y el que se alegra en la calamidad ajena no será sin castigo.
6 Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha; haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.
Corona de los viejos son los hijos de los hijos; y la honra de los hijos, sus padres.
7 Dubbiin baʼeessi nama gowwaatti hin tolu; hidhiin sobu immoo hammam bulchaa tokkotti haa hammaatu ree!
No conviene al insensato el labio excelente: ¿cuánto menos al príncipe el labio mentiroso?
8 Mattaʼaan namicha kennuuf miʼa falfalaa ti; inni lafa dhaqu kamitti iyyuu ni milkaaʼa.
Piedra preciosa es el presente en ojos de sus dueños: a donde quiera que se vuelve, da prosperidad.
9 Namni balleessaa namaaf dhiisu jaalala guddisa; namni waan tokko irra deddeebiʼu, garuu michoota walitti dhiʼaatan gargar baasa.
El que cubre la prevaricación, busca amistad: mas el que reitera la palabra, aparta al príncipe.
10 Hamma gowwaan yeroo dhibba garafamee itti dhagaʼamu caalaa ifannaan nama waa hubatutti dhagaʼama.
Aprovecha la reprensión en el entendido, más que cien azotes en el insensato.
11 Namni hamaan fincila qofa barbaada; ergamaan namaa hin naane isatti ni ergama.
El rebelde no busca sino mal; y mensajero cruel será enviado contra él.
12 Gowwaa gowwummaa isa keessa jiruun walitti dhufuu mannaa amaaketa dhaltuu ilmaan ishee jalaa fudhatamaniin walitti dhufuu wayya.
Encuentre con el hombre un oso, que le hayan quitado sus cachorros, y no un insensato en su locura.
13 Nama qooda gaarii hamaa deebisu, hamminni mana isaa keessaa hin baʼu.
El que da mal por bien, no se apartará mal de su casa.
14 Lola jalqabuun akkuma bishaan cabsanii yaasuu ti; kanaafuu utuu lolli hin hoʼin dubbii dhiisi.
Soltar las aguas es el principio de la contienda: pues antes que se revuelva el pleito, déjalo.
15 Waaqayyo waan kana lachuu ni balfa; kunis nama yakka qabu qulqulluu gochuu fi nama balleessaa hin qabnetti muruu dha.
El que justifica al impío, y el que condena al justo, ambos a dos son abominación a Jehová.
16 Sababii inni ogummaa argachuuf fedhii hin qabneef, maallaqni harka gowwaa jiru faayidaa maalii qaba?
¿De qué sirve el precio en la mano del insensato para comprar sabiduría, no teniendo entendimiento?
17 Michuun yeroo hunda nama jaallata; obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.
En todo tiempo ama el amigo: mas el hermano para la angustia es nacido.
18 Namni qalbii hin qabne harka dhaʼee waa namaaf kakata; fuula ollaa ofii isaa durattis wabii taʼa.
El hombre falto de entendimiento toca la mano, fiando a otro delante de su amigo.
19 Namni lola jaallatu cubbuu jaallata; namni karra ol dheeraa ijaarus badiisa waama.
La prevaricación ama, el que ama pleito; y el que alza su portada, busca quebrantamiento.
20 Namni yaada hamaa qabu hin milkaaʼu; kan arrabni isaa nama gowwoomsus rakkoo keessa seena.
El perverso de corazón nunca hallará bien; y el que revuelve con su lengua, caerá en mal.
21 Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; abbaan ilma gowwaas hin gammadu.
El que engendra al insensato, para su tristeza le engendra; y el padre del insensato no se alegrará.
22 Garaan gammadu qoricha gaarii dha; hafuurri cabe immoo lafee gogsa.
El corazón alegre hará buena disposición: mas el espíritu triste seca los huesos.
23 Namni hamaan karaa murtii qajeelaa jalʼisuuf jedhee dhoksaadhaan mattaʼaa fudhata.
El impío toma presentes del seno, para pervertir las veredas del derecho.
24 Namni hubataan fuula isaa gara ogummaatti deebifata; iji gowwaa garuu hamma handaara lafaatti joora.
En el rostro del entendido se parece la sabiduría: mas los ojos del insensato, hasta el cabo de la tierra.
25 Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; haadha isa deessettis jireenya hadheessa.
El hijo insensato es enojo a su padre; y amargura a la que le engendró.
26 Nama balleessaa hin qabne tokko adabuun gaarii miti; qondaaltota amanamoo rukutuunis sirrii miti.
Ciertamente condenar al justo, no es bueno: ni herir a los príncipes sobre el derecho.
27 Namni beekaan of qusachaa dubbata; namni hubataanis hafuura qabanaaʼaa qaba.
Detiene sus dichos el que sabe sabiduría; y de preciado espíritu es el hombre entendido.
28 Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata; yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata.
Aun el insensato cuando calla, es contado por sabio: el que cierra sus labios es entendido.

< Fakkeenya 17 >