< Fakkeenya 16 >
1 Karoorri garaa kan namaa ti; deebiin arrabaa garuu Waaqayyo biraa dhufa.
Mipango ya moyo ni ya mtu, bali Yehova hutoa jawabu kutoka kwenye ulimi wake.
2 Nama tokko karaan isaa hundi qulqulluu itti fakkaata; yaada namaa garuu Waaqayyotu madaala.
Njia zote za mtu ni safi kwenye macho yake mwenyewe, bali Yehova huipima mioyo.
3 Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu; karoorri kees siif milkaaʼa.
Kabidhi kwa Yehova kazi zako zote na mipango yako itafanikiwa.
4 Waaqayyo waan hunda kaayyoo ofii isaatiif hojjeta; hamoota iyyuu guyyaa badiisaatiif qopheessa.
Yehova alifanya kila kitu kwa kusudi lake, hata waovu kwa ajili ya siku ya taabu.
5 Namni of tuulu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha; dhugumaan inni utuu hin adabamin hin hafu.
Yehova anamchukia kila mtu mwenye moyo wa majivuno, ingawa wanasimama imara, hawakosi kupata adhabu.
6 Namni jaalalaa fi amanamummaadhaan araara cubbuu argata; Waaqayyoon sodaachuudhaanis hammina irraa cita.
Kwa agano la uaminifu na udhamini uovu husafishwa na kwa kumcha Yehova watu hujitenga na ubaya.
7 Yoo karaan namaa Waaqayyoon gammachiise, inni akka diinonni isaas nagaan isa wajjin jiraatan ni godha.
Njia za mtu zinapompendeza Yehova, huwafanya hata adui zake huyo mtu wawe na amani naye.
8 Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya.
Bora kitu kidogo pamoja na haki, kuliko mapato makubwa pamoja na udhalimu.
9 Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata; Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.
Katika moyo wake mtu hunuia njia yake, bali Yehova huziongoza hatua zake.
10 Hidhiin mootii hooda dubbata; afaan isaa illee murtii hin jalʼisu.
Mshauri yupo katika midimo ya mfalme, katika hukumu kinywa chake hakisemi kwa udanganyifu.
11 Madaallii fi safartuun qajeelaan kan Waaqayyoo ti; ulfinni korojoo keessa jiru hundinuu hojii isaa ti.
Vipimo vya kweli hutoka kwa Yehova; uzito wote kwenye gunia ni kazi yake.
12 Sababii teessoon qajeelummaadhaan jabaatee dhaabatuuf mootonni waan hamaa hojjechuu ni balfu.
Wafalme wanapofanya mambo maovu, hicho ni kitu cha kudharauliwa, kwa maana utawala huimarishwa kwa kutenda haki.
13 Mootonni afaan dhugaa dubbatutti ni gammadu; isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu.
Mfalme hufurahia midomo ambayo husema haki na anampenda mwenye kusema waziwazi.
14 Dheekkamsi mootii ergamaa duʼaa ti; namni ogeessi garuu ni qabbaneessa.
Hasira ya mfalme ni mjumbe wa mauti lakini mtu mwenye busara atajaribu kutuliza hasira yake.
15 Jireenyi ifa fuula mootii keessa jira; surraan isaa akkuma duumessa bokkaa arfaasaa ti.
Katika nuru ya uso wa mfalme ni uzima na fadhila yake ni kama wingu linaloleta mvua ya masika.
16 Ogummaa argachuun warqee caala; hubannaa argachuunis meetii caala!
Ni bora kiasi gani kupata hekima kuliko dhahabu. Kuchagua kupata ufahamu ni zaidi kuliko fedha.
17 Daandiin nama tolaa hammina irraa fagoo dha; namni karaa isaa eegus jireenya isaa eeggata.
Njia kuu ya watu waadilifu hujitenga na ubaya; mwenye kuyahifadhi maisha yake huilinda njia yake.
18 Of tuuluun badiisaan dura, of bokoksuunis kufaatiin dura deema.
Kiburi hutangulia kabla ya uharibifu na moyo wa kujivuna kabla ya maangamizi.
19 Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa, hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya.
Ni bora kunyenyekea miongoni mwa watu masikini kuliko kugawana ngawira pamoja watu wenye kiburi.
20 Namni gorsa fudhatu kam iyyuu ni milkaaʼa; kan Waaqayyoon amanatus eebbifamaa dha.
Mwenye kutafakari yaliyofundishwa hupata kilicho chema na wenye kumtumaini Yehova watafurahi.
21 Namni garaadhaan ogeessa taʼe qalbeeffataa jedhama; dubbiin miʼaawu immoo gorsa dabala.
Mwenye hekima moyoni anaitwa ufuhamu na utamu wa hotuba huongeza uwezo wa kufundisha.
22 Hubannaan nama isa qabuuf madda jireenyaa ti; gowwummaan garuu gowwootatti adabbii fida.
Ufahamu ni chemchemi ya uzima kwake ambaye nayo, bali adhabu ya wapumbavu ni upumbavu wao.
23 Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha; afaan isaas gorsa dabala.
Moyo wa mtu mwenye hekima hutoa busara katika kinywa chake na huongeza ushawishi katika midomo yake.
24 Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti; inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.
Maneno yenye kufaa ni sega la asali -matamu kwenye nafsi na huponya mifupa.
25 Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
Kuna njia ambayo huonekana sawa kwa mtu, bali mwisho wake ni njia ya mauti.
26 Fedhiin hojjetaan tokko nyaataaf qabu hojiif isa kakaasa; beelaʼuun isaas ittuma cima.
Hamu ya kibarua humfanyia kazi; njaa yake humsihi kuendelea.
27 Namni faayidaa hin qabne hammina malata; haasaan isaas akkuma ibidda waa gubuu ti.
Mtu duni huchimba madhara na usemi wake ni kama moto unaounguza.
28 Namni jalʼaan lola kakaasa; hamattuun immoo michoota walitti dhiʼaatan gargar baafti.
Mtu mkaidi huchochea mafarakano na umbeya huwafarakanisha marafiki.
29 Namni jeequmsaan deemu ollaa isaa gowwoomsee karaa jalʼaatti isa geessa.
Mtu wa vurugu humdanganya jirani yake na kumwongoza kwenye mapito ambayo si mema.
30 Namni ija qisu jalʼina karoorfata; kan hidhii ciniinnatu immoo hammina fida.
Yule anayekonyeza kwa jicho anapanga njama za mambo ya ukaidi; wenye kuandama midomo yao watapitisha mabaya.
31 Arriin gonfoo ulfinaa ti; innis karaa qajeelaadhaan argama.
Mvi ni taji ya utukufu; hupatikana kwa kuishi katika njia ya haki.
32 Goota waraanaa irra nama obsa qabu, nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.
Ni bora kukawia kuwa na hasira kuliko kuwa shujaa na mwenye kutawala roho yake ni imara zaidi kuliko yule anayeuteka mji.
33 Ixaan gudeeda irratti buufama; murtoon isaa garuu guutumaan guutuutti Waaqayyo biraa dhufa.
Kura hurushwa kwenye mkunjo, bali maamuzi hutoka kwa Yehova.