< Fakkeenya 15 >
1 Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; jechi hamaan garuu aarii kakaasa.
Jawabu la upole huondoa ghadhabu, bali neno la ukatili huchochea hasira.
2 Arrabni nama ogeessaa beekumsa jaja; afaan nama gowwaa garuu gowwummaa dhangalaasa.
Ulimi wa watu mwenye hekima husifu maarifa, bali kinywa cha wapumbavu humwaga upuuzi.
3 Iji Waaqayyoo idduma hunda jira; nama hamaa fi gaariis ni toʼata.
Macho ya Yehova yapo kila mahali, yakiwatazama juu ya waovu na wema.
4 Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti; arrabni sobu garuu hafuura cabsa.
Ulimi unaoponya ni mti wa uzima, bali ulimi wa udanganyifu huvunja moyo.
5 Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata; namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.
Mpumbavu hudharau marudi ya baba yake, bali yeye anayejifunza kutokana na masahihisho ni mwenye hekima.
6 Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba; galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida.
Katika nyumba ya wale watendao haki kuna hazina kubwa, bali mapato ya watu waovu huwapa taabu.
7 Arrabni nama ogeessaa beekumsa facaasa; garaan nama gowwaa garuu akkas miti.
Midomo ya wenye hekima husambaza maarifa, bali mioyo ya wapumbavu haifanyi hivyo.
8 Waaqayyo aarsaa hamootaa ni balfa; kadhannaan tolootaa garuu isa gammachiisa.
Yehova anachukia sadaka za watu waovu, bali maombi ya watu waadilifu ndiyo furaha yake.
9 Waaqayyo karaa hamootaa ni balfa; warra qajeelummaa duukaa buʼan garuu ni jaallata.
Yehova anachukia njia ya watu waovu, bali anampenda yule ambaye huandama haki.
10 Nama daandii irraa jalʼatu adabbii hamaatu isa eeggata; kan sirreeffama jibbu ni duʼa.
Marudi ya ukatili hungojea kwa yeyote ambaye huiacha njia na yule ambaye huchukia masahihisho atakufa.
11 Duʼaa fi Badiisni fuula Waaqayyoo duratti beekamoo dha; yoos garaan namaa hammam caalaa haa beekamu ree! (Sheol )
Kuzimu na uharibifu vipo wazi mbele za Yehova; je si zaidi sana mioyo ya wana wa wanadamu? (Sheol )
12 Namni qoosu sirreeffama hin jaallatu; nama ogeessaanis hin mariʼatu.
Mwenye mzaha huchukia masahihisho; hatakwenda kwa wenye hekima.
13 Garaan gammadu akka fuulli ifu godha; gaddi garaa garuu hafuura cabsa.
Moyo wenye furaha husababisha uchangamfu wa uso, bali huzuni huvunja moyo.
14 Garaan waa qalbeeffatu beekumsa barbaada; afaan gowwaa garuu gowwummaa nyaata.
Moyo wa mwenye ufahamu hutafuta maarifa, bali kinywa cha wapumbavu hujilisha kwenye upuuzi.
15 Barri nama hacuucamee guutumaan guutuutti gadadoo dha; garaa gammaduuf garuu guyyaan hundinuu cidha.
Siku zote za watu waliokandamizwa ni taabu, bali moyo wenye furaha unakaramu daima.
16 Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa, Waaqayyoon sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya.
Bora kitu kidogo pamoja na kumcha Mungu kuliko hazina kubwa pamoja na ghasia.
17 Jibbaan cooma sangaa nyaachuu mannaa, jaalalaan raafuu nyaachuu wayya.
Bora mlo wenye mboga kukiwa na upendo kuliko kuandaliwa ndama aliyenona kwa chuki.
18 Namni dafee aaru lola kakaasa; namni obsa qabu garuu lola qabbaneessa.
Mtu mwenye hasira huchochea mabishano, bali mtu ambaye hukawia kukasirika hutuliza ugomvi.
19 Karaan nama dhibaaʼaa qoraattiidhaan cufama; daandiin tolootaa garuu karaa diriiraa dha.
Mapito ya mtu goigoi ni kama sehemu yenye uwa wa miiba, bali mapito ya mtu mwadilifu ni njia kuu iliyojengwa imara.
20 Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.
Mwana mwenye busara huleta furaha kwa baba yake, bali mtu mpumbavu humdharau mama yake.
21 Nama qalbii hin qabne gowwummaatu isa gammachiisa; namni hubataan garuu daandii qajeelaa irra deema.
Upuuzi humfurahia mtu ambaye amepungukiwa akili, bali mwenye ufahamu hutembea katika njia nyofu.
22 Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu; garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.
Mipango huharibika ambapo hakuna ushauri, bali washauri wengi wanafanikiwa.
23 Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata; dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!
Mtu anapata furaha wakati anapotoa jibu la kufaa; je ni zuri kiasi gani neno kwa wakati muafaka!
24 Daandiin nama hubataa akka inni siiʼoolitti gad hin buuneef gara jireenyaatti ol isa baasa. (Sheol )
Njia ya uzima huwapeleka juu watu wenye hekima, ili waondoke kutoka chini kuzimu. (Sheol )
25 Waaqayyo mana nama of tuuluu ni diiga; daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba.
Yehova hurarua urithi wa mwenye kiburi, bali huzilinda mali za mjane.
26 Waaqayyo yaada nama hamaa ni balfa; yaadni nama qulqulluu garuu isa gammachiisa.
Yehova huyachukia mawazo ya watu waovu, bali maneno ya upole ni safi.
27 Namni doqni maatii isaatti rakkina fida; kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata.
Mporaji huleta shida kwenye familia yake, bali yeye ambaye huchukia rushwa ataishi.
28 Garaan nama qajeelaa haala ittiin deebii kennu yaada; afaan nama hamaa garuu hammina dhangalaasa.
Moyo wa yule atendaye haki hutafakari kabla ya kujibu, bali kinywa cha watu waovu humwanga ubaya wake wote.
29 Waaqayyo nama hamaa irraa fagoo jira; kadhannaa nama qajeelaa garuu ni dhagaʼa.
Yehova yupo mbali na watu waovu, bali husikia maombi ya wale watendao haki.
30 Fuulli ifaan garaa gammachiisa; oduun gaariinis lafee haaromsa.
Nuru ya macho huleta furaha moyoni na habari njema ni afya kwenye mwili.
31 Namni adabbii jireenya kennu dhaggeeffatu, ogeeyyii gidduu jiraata.
Kama utazingatia wakati mtu anapokurekebisha jinsi ya kuishi, utabaki miongoni mwa watu wenye busara.
32 Namni adabbii tuffatu ofuma tuffata; kan sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata.
Yeye anayekataa karipio hujidharau mwenyewe, bali yule asikilizaye masahihisho hujipatia ufahamu.
33 Waaqayyoon sodaachuun ogummaa nama barsiisa; gad of qabuunis ulfina dura dhufa.
Kumcha Yehova hufundisha hekima na unyenyekevu huja kabla ya heshima.