< Fakkeenya 15 >

1 Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; jechi hamaan garuu aarii kakaasa.
מענה-רך ישיב חמה ודבר-עצב יעלה-אף
2 Arrabni nama ogeessaa beekumsa jaja; afaan nama gowwaa garuu gowwummaa dhangalaasa.
לשון חכמים תיטיב דעת ופי כסילים יביע אולת
3 Iji Waaqayyoo idduma hunda jira; nama hamaa fi gaariis ni toʼata.
בכל-מקום עיני יהוה צפות רעים וטובים
4 Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti; arrabni sobu garuu hafuura cabsa.
מרפא לשון עץ חיים וסלף בה שבר ברוח
5 Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata; namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.
אויל--ינאץ מוסר אביו ושמר תוכחת יערים
6 Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba; galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida.
בית צדיק חסן רב ובתבואת רשע נעכרת
7 Arrabni nama ogeessaa beekumsa facaasa; garaan nama gowwaa garuu akkas miti.
שפתי חכמים יזרו דעת ולב כסילים לא-כן
8 Waaqayyo aarsaa hamootaa ni balfa; kadhannaan tolootaa garuu isa gammachiisa.
זבח רשעים תועבת יהוה ותפלת ישרים רצונו
9 Waaqayyo karaa hamootaa ni balfa; warra qajeelummaa duukaa buʼan garuu ni jaallata.
תועבת יהוה דרך רשע ומרדף צדקה יאהב
10 Nama daandii irraa jalʼatu adabbii hamaatu isa eeggata; kan sirreeffama jibbu ni duʼa.
מוסר רע לעזב ארח שונא תוכחת ימות
11 Duʼaa fi Badiisni fuula Waaqayyoo duratti beekamoo dha; yoos garaan namaa hammam caalaa haa beekamu ree! (Sheol h7585)
שאול ואבדון נגד יהוה אף כי-לבות בני-אדם (Sheol h7585)
12 Namni qoosu sirreeffama hin jaallatu; nama ogeessaanis hin mariʼatu.
לא יאהב-לץ הוכח לו אל-חכמים לא ילך
13 Garaan gammadu akka fuulli ifu godha; gaddi garaa garuu hafuura cabsa.
לב שמח ייטב פנים ובעצבת-לב רוח נכאה
14 Garaan waa qalbeeffatu beekumsa barbaada; afaan gowwaa garuu gowwummaa nyaata.
לב נבון יבקש-דעת ופני (ופי) כסילים ירעה אולת
15 Barri nama hacuucamee guutumaan guutuutti gadadoo dha; garaa gammaduuf garuu guyyaan hundinuu cidha.
כל-ימי עני רעים וטוב-לב משתה תמיד
16 Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa, Waaqayyoon sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya.
טוב-מעט ביראת יהוה-- מאוצר רב ומהומה בו
17 Jibbaan cooma sangaa nyaachuu mannaa, jaalalaan raafuu nyaachuu wayya.
טוב ארחת ירק ואהבה-שם-- משור אבוס ושנאה-בו
18 Namni dafee aaru lola kakaasa; namni obsa qabu garuu lola qabbaneessa.
איש חמה יגרה מדון וארך אפים ישקיט ריב
19 Karaan nama dhibaaʼaa qoraattiidhaan cufama; daandiin tolootaa garuu karaa diriiraa dha.
דרך עצל כמשכת חדק וארח ישרים סללה
20 Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.
בן חכם ישמח-אב וכסיל אדם בוזה אמו
21 Nama qalbii hin qabne gowwummaatu isa gammachiisa; namni hubataan garuu daandii qajeelaa irra deema.
אולת שמחה לחסר-לב ואיש תבונה יישר-לכת
22 Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu; garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.
הפר מחשבות באין סוד וברב יועצים תקום
23 Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata; dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!
שמחה לאיש במענה-פיו ודבר בעתו מה-טוב
24 Daandiin nama hubataa akka inni siiʼoolitti gad hin buuneef gara jireenyaatti ol isa baasa. (Sheol h7585)
ארח חיים למעלה למשכיל-- למען סור משאול מטה (Sheol h7585)
25 Waaqayyo mana nama of tuuluu ni diiga; daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba.
בית גאים יסח יהוה ויצב גבול אלמנה
26 Waaqayyo yaada nama hamaa ni balfa; yaadni nama qulqulluu garuu isa gammachiisa.
תועבת יהוה מחשבות רע וטהרים אמרי-נעם
27 Namni doqni maatii isaatti rakkina fida; kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata.
עכר ביתו בוצע בצע ושונא מתנת יחיה
28 Garaan nama qajeelaa haala ittiin deebii kennu yaada; afaan nama hamaa garuu hammina dhangalaasa.
לב צדיק יהגה לענות ופי רשעים יביע רעות
29 Waaqayyo nama hamaa irraa fagoo jira; kadhannaa nama qajeelaa garuu ni dhagaʼa.
רחוק יהוה מרשעים ותפלת צדיקים ישמע
30 Fuulli ifaan garaa gammachiisa; oduun gaariinis lafee haaromsa.
מאור-עינים ישמח-לב שמועה טובה תדשן-עצם
31 Namni adabbii jireenya kennu dhaggeeffatu, ogeeyyii gidduu jiraata.
אזן--שמעת תוכחת חיים בקרב חכמים תלין
32 Namni adabbii tuffatu ofuma tuffata; kan sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata.
פורע מוסר מואס נפשו ושומע תוכחת קונה לב
33 Waaqayyoon sodaachuun ogummaa nama barsiisa; gad of qabuunis ulfina dura dhufa.
יראת יהוה מוסר חכמה ולפני כבוד ענוה

< Fakkeenya 15 >