< Fakkeenya 12 >

1 Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata; kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha.
אהב מוסר אהב דעת ושנא תוכחת בער׃
2 Namni gaariin Waaqayyo biratti fudhatama argata; Waaqayyo garuu nama hammina malatutti ni mura.
טוב יפיק רצון מיהוה ואיש מזמות ירשיע׃
3 Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu; qajeelaan garuu hin buqqifamu.
לא יכון אדם ברשע ושרש צדיקים בל ימוט׃
4 Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha; niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.
אשת חיל עטרת בעלה וכרקב בעצמותיו מבישה׃
5 Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha; gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha.
מחשבות צדיקים משפט תחבלות רשעים מרמה׃
6 Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf riphee nama eeggata; haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa.
דברי רשעים ארב דם ופי ישרים יצילם׃
7 Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman; manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata.
הפוך רשעים ואינם ובית צדיקים יעמד׃
8 Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama; namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama.
לפי שכלו יהלל איש ונעוה לב יהיה לבוז׃
9 Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko, nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala.
טוב נקלה ועבד לו ממתכבד וחסר לחם׃
10 Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada; hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina.
יודע צדיק נפש בהמתו ורחמי רשעים אכזרי׃
11 Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu.
עבד אדמתו ישבע לחם ומרדף ריקים חסר לב׃
12 Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu; hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa.
חמד רשע מצוד רעים ושרש צדיקים יתן׃
13 Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama; namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa.
בפשע שפתים מוקש רע ויצא מצרה צדיק׃
14 Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama; hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa.
מפרי פי איש ישבע טוב וגמול ידי אדם ישוב לו׃
15 Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata; namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa.
דרך אויל ישר בעיניו ושמע לעצה חכם׃
16 Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama; namni hubataan garuu arrabsoo tuffata.
אויל ביום יודע כעסו וכסה קלון ערום׃
17 Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna; dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti.
יפיח אמונה יגיד צדק ועד שקרים מרמה׃
18 Dubbiin of eeggannaa hin qabne akkuma goraadee nama waraana; arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.
יש בוטה כמדקרות חרב ולשון חכמים מרפא׃
19 Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata; arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.
שפת אמת תכון לעד ועד ארגיעה לשון שקר׃
20 Garaa warra waan hamaa malatanii keessa gowwoomsaatu jira; warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu.
מרמה בלב חרשי רע וליעצי שלום שמחה׃
21 Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu; hamoonni rakkinaan guutamu.
לא יאנה לצדיק כל און ורשעים מלאו רע׃
22 Waaqayyo arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.
תועבת יהוה שפתי שקר ועשי אמונה רצונו׃
23 Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata; gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu.
אדם ערום כסה דעת ולב כסילים יקרא אולת׃
24 Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa; dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.
יד חרוצים תמשול ורמיה תהיה למס׃
25 Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa; dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.
דאגה בלב איש ישחנה ודבר טוב ישמחנה׃
26 Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa; karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa.
יתר מרעהו צדיק ודרך רשעים תתעם׃
27 Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu; kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata.
לא יחרך רמיה צידו והון אדם יקר חרוץ׃
28 Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira; daandii sana irra duuti hin jiru.
בארח צדקה חיים ודרך נתיבה אל מות׃

< Fakkeenya 12 >