< Fakkeenya 11 >

1 Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa; madaalii dhugaatti immoo ni gammada.
Bwana huchukia sana mizani za udanganyifu, bali vipimo sahihi ni furaha yake.
2 Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa; gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.
Kiburi kinapokuja, ndipo huja aibu, bali unyenyekevu huja na hekima.
3 Amanamummaan tolootaa isaan dura deema; warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.
Uadilifu wa wenye haki huwaongoza, bali wasio waaminifu huharibiwa na hila yao.
4 Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
Utajiri haufaidi kitu katika siku ya ghadhabu, bali haki huokoa kutoka mautini.
5 Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee karaa qajeelaa baasaaf; hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu.
Haki ya wasio na lawama, huwatengenezea njia iliyonyooka, bali waovu huangushwa kwa uovu wao wenyewe.
6 Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha; warri hin amanamne garuu hawwii hamaadhaan qabamu.
Haki ya wanyofu huwaokoa, bali wasio waaminifu hunaswa na tamaa mbaya.
7 Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada; wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.
Wakati mtu mwovu anapokufa, matumaini yake hutoweka; yote aliyoyatazamia kutokana na nguvu zake huwa si kitu.
8 Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama; rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa.
Mtu mwenye haki huokolewa kutoka taabu, naye mtu mwovu huingia humo badala yake.
9 Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa; namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa.
Kwa kinywa chake mtu asiyemwamini Mungu humwangamiza jirani yake, bali kwa maarifa mwenye haki huokolewa.
10 Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada; yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama.
Wakati mwenye haki anapofanikiwa, mji hufurahi; mwovu atowekapo, kuna kelele za furaha.
11 Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata; afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama.
Kutokana na baraka ya mtu mnyofu mji hukwezwa, bali kwa kinywa cha mwovu mji huharibiwa.
12 Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata; kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa.
Mtu asiye na akili humdharau jirani yake, bali mtu mwenye ufahamu huuzuia ulimi wake.
13 Namni odeessu dhoksaa gad baasa; kan amanamu garuu icciitii eega.
Masengenyo husaliti tumaini, bali mtu mwaminifu hutunza siri.
14 Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa; baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.
Pasipo ushauri wa hekima taifa huanguka, bali washauri wengi hufanya ushindi uwe wa hakika.
15 Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata; namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo nagaan jiraata.
Yeye amdhaminiye mgeni hakika atateseka, bali yeyote akataaye kuunga mkono dhamana ni salama.
16 Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti; namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.
Mwanamke mwenye moyo wa huruma hupata heshima, bali wanaume wakorofi hupata mali tu.
17 Namni gaariin of fayyada; gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.
Mwenye huruma hujinufaisha mwenyewe, bali mkatili hujiletea taabu mwenyewe.
18 Namni hamaan mindaa sobaa argata; kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.
Mtu mwovu hupata ujira wa udanganyifu, bali yeye apandaye haki huvuna tuzo ya uhakika.
19 Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata; kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata.
Mtu mwenye haki kweli kweli hupata uzima, bali yeye afuatiliaye ubaya huendea kifo chake.
20 Waaqayyo warra yaada jalʼaa qaban balfa; warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.
Bwana huwachukia sana watu wenye moyo wa upotovu, bali hupendezwa na wale ambao njia zao hazina lawama.
21 Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu; qajeeltonni garuu bilisa baʼu.
Uwe na hakika na hili: Waovu hawataepuka kuadhibiwa, bali wenye haki watakuwa huru.
22 Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabne akkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti.
Kama pete ya dhahabu katika pua ya nguruwe ndivyo alivyo mwanamke mzuri ambaye hana busara.
23 Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf; abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.
Shauku ya mwenye haki huishia tu kwenye mema, bali tumaini la mwovu huishia tu kwenye ghadhabu.
24 Namni tokko toluma waa namaa kenna; taʼus ittuma caalchisee sooroma; kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma.
Kuna mtu atoaye kwa ukarimu, hata hivyo hupata zaidi, mwingine huzuia, lakini huwa maskini.
25 Namni arjaan ni badhaadha; namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.
Mtu mkarimu atastawi; yeye awaburudishaye wengine ataburudishwa mwenyewe.
26 Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara; kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf.
Watu humlaani mtu awanyimae watu nafaka, bali baraka itamkalia kichwani kama taji yeye aliye radhi kuiuza.
27 Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata; hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa.
Yeye atafutaye mema hupata ukarimu, bali ubaya huja kwake yeye autafutaye.
28 Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa; qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.
Yeyote ategemeaye utajiri wake ataanguka, bali mwenye haki atastawi kama jani bichi.
29 Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala; gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.
Yeye aletaye taabu kwa jamaa yake atarithi tu upepo, naye mpumbavu atakuwa mtumishi wa wenye hekima.
30 Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti; namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.
Tunda la mwenye haki ni mti wa uzima, naye mwenye hekima huvuta roho za watu.
31 Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii, namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan hammam caalaa haa argatanii ree!
Kama wenye haki watapokea ujira wao duniani, si zaidi sana yule asiyemcha Mungu na mwenye dhambi?

< Fakkeenya 11 >