< Fakkeenya 11 >

1 Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa; madaalii dhugaatti immoo ni gammada.
A false balance is an abomination to the LORD, but accurate weights are his delight.
2 Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa; gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.
When pride comes, then comes shame, but with humility comes wisdom.
3 Amanamummaan tolootaa isaan dura deema; warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.
The integrity of the upright shall guide them, but the perverseness of the treacherous shall destroy them.
4 Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
Riches do not profit in the day of wrath, but righteousness delivers from death.
5 Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee karaa qajeelaa baasaaf; hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu.
The righteousness of the blameless will direct his way, but the wicked shall fall by his own wickedness.
6 Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha; warri hin amanamne garuu hawwii hamaadhaan qabamu.
The righteousness of the upright shall deliver them, but the unfaithful will be trapped by evil desires.
7 Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada; wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.
When a wicked man dies, hope perishes, and expectation of power comes to nothing.
8 Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama; rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa.
A righteous person is delivered out of trouble, and the wicked takes his place.
9 Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa; namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa.
With his mouth the godless man destroys his neighbor, but the righteous will be delivered through knowledge.
10 Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada; yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama.
When it goes well with the righteous, the city rejoices. When the wicked perish, there is shouting.
11 Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata; afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama.
By the blessing of the upright, the city is exalted, but it is overthrown by the mouth of the wicked.
12 Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata; kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa.
One who despises his neighbor is void of wisdom, but a man of understanding holds his peace.
13 Namni odeessu dhoksaa gad baasa; kan amanamu garuu icciitii eega.
One who brings gossip betrays a confidence, but one who is of a trustworthy spirit is one who keeps a secret.
14 Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa; baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.
Where there is no wise guidance, the nation falls, but in the multitude of counselors there is victory.
15 Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata; namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo nagaan jiraata.
He who is collateral for a stranger will suffer for it, but he who refuses pledges of collateral is secure.
16 Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti; namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.
A gracious woman obtains honor, but violent men obtain riches.
17 Namni gaariin of fayyada; gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.
The merciful man does good to his own soul, but he who is cruel troubles his own flesh.
18 Namni hamaan mindaa sobaa argata; kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.
Wicked people earn deceitful wages, but one who sows righteousness reaps a sure reward.
19 Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata; kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata.
He who is truly righteous gets life. He who pursues evil gets death.
20 Waaqayyo warra yaada jalʼaa qaban balfa; warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.
Those who are perverse in heart are an abomination to the LORD, but those whose ways are blameless are his delight.
21 Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu; qajeeltonni garuu bilisa baʼu.
Most certainly, the evil man will not be unpunished, but the offspring of the righteous will be delivered.
22 Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabne akkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti.
Like a gold ring in a pig’s snout, is a beautiful woman who lacks discretion.
23 Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf; abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.
The desire of the righteous is only good. The expectation of the wicked is wrath.
24 Namni tokko toluma waa namaa kenna; taʼus ittuma caalchisee sooroma; kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma.
There is one who scatters, and increases yet more. There is one who withholds more than is appropriate, but gains poverty.
25 Namni arjaan ni badhaadha; namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.
The liberal soul shall be made fat. He who waters shall be watered also himself.
26 Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara; kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf.
People curse someone who withholds grain, but blessing will be on the head of him who sells it.
27 Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata; hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa.
He who diligently seeks good seeks favor, but he who searches after evil, it shall come to him.
28 Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa; qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.
He who trusts in his riches will fall, but the righteous shall flourish as the green leaf.
29 Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala; gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.
He who troubles his own house shall inherit the wind. The foolish shall be servant to the wise of heart.
30 Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti; namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.
The fruit of the righteous is a tree of life. He who is wise wins souls.
31 Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii, namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan hammam caalaa haa argatanii ree!
Behold, the righteous shall be repaid in the earth, how much more the wicked and the sinner!

< Fakkeenya 11 >