< Fakkeenya 10 >

1 Fakkeenyawwan Solomoon: Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.
The proverbs of Solomon. A wise son maketh a glad father: but a foolish son is the heaviness of his mother.
2 Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
Treasures of wickedness profit nothing: but righteousness delivereth from death.
3 Waaqayyo akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu; hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa.
The LORD will not suffer the soul of the righteous to famish: but he thrusteth away the desire of the wicked.
4 Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa; harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa.
He becometh poor that dealeth with a slack hand: but the hand of the diligent maketh rich.
5 Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa; kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo ilma nama qaanessuu dha.
He that gathereth in summer is a wise son: [but] he that sleepeth in harvest is a son that causeth shame.
6 Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
Blessings are upon the head of the righteous: but violence covereth the mouth of the wicked.
7 Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa; maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada.
The memory of the just is blessed: but the name of the wicked shall rot.
8 Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
The wise in heart will receive commandments: but a prating fool shall fall.
9 Namni amanamaan sodaa malee deema; kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
He that walketh uprightly walketh surely: but he that perverteth his ways shall be known.
10 Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
He that winketh with the eye causeth sorrow: but a prating fool shall fall.
11 Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
The mouth of the righteous is a fountain of life: but violence covereth the mouth of the wicked.
12 Jibbi lola kakaasa; jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.
Hatred stirreth up strifes: but love covereth all transgressions.
13 Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti; uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa.
In the lips of him that hath discernment wisdom is found: but a rod is for the back of him that is void of understanding.
14 Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu; afaan gowwaa garuu badiisa waama.
Wise men lay up knowledge: but the mouth of the foolish is a present destruction.
15 Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti.
The rich man’s wealth is his strong city: the destruction of the poor is their poverty.
16 Mindaan qajeeltotaa jireenya; galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa.
The labour of the righteous [tendeth] to life; the increase of the wicked to sin.
17 Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema; namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.
He is in the way of life that heedeth correction: but he that forsaketh reproof erreth.
18 Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu, kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha.
He that hideth hatred is of lying lips; and he that uttereth a slander is a fool.
19 Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu; namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.
In the multitude of words there wanteth not transgression: but he that refraineth his lips doeth wisely.
20 Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha; garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba.
The tongue of the righteous is as choice silver: the heart of the wicked is little worth.
21 Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora; gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu.
The lips of the righteous feed many: but the foolish die for lack of understanding.
22 Eebbi Waaqayyoo nama sooromsa; inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.
The blessing of the LORD, it maketh rich, and he addeth no sorrow therewith.
23 Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata; namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada.
It is as sport to a fool to do wickedness: and [so is] wisdom to a man of understanding.
24 Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa; hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf.
The fear of the wicked, it shall come upon him: and the desire of the righteous shall be granted.
25 Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu; qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu.
When the whirlwind passeth, the wicked is no more: but the righteous is an everlasting foundation.
26 Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee, aarris ija miidhu sana namni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha.
As vinegar to the teeth, and as smoke to the eyes, so is the sluggard to them that send him.
27 Waaqayyoon sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa; umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata.
The fear of the LORD prolongeth days: but the years of the wicked shall be shortened.
28 Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa; wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada.
The hope of the righteous [shall] be gladness: but the expectation of the wicked shall perish.
29 Karaan Waaqayyoo nama qajeelaaf daʼoo dha; nama jalʼaaf garuu badiisa.
The way of the LORD is a strong hold to the upright; but it is a destruction to the workers of iniquity.
30 Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman; hamoonni garuu lafa irratti hin hafan.
The righteous shall never be removed: but the wicked shall not dwell in the land.
31 Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni jalʼaan garuu ni kutama.
The mouth of the righteous bringeth forth wisdom: but the froward tongue shall be cut off.
32 Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata; afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata.
The lips of the righteous know what is acceptable: but the mouth of the wicked [speaketh] frowardness.

< Fakkeenya 10 >