< Fakkeenya 1 >

1 Fakkeenya Solomoon Ilma Daawit, mootii Israaʼel:
Mithali za Sulemani mwana wa Daudi, mfalme wa Israeli.
2 Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf, dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;
Mithali hizi zinafundisha hekima na maarifa, kufundisha maneno ya busara,
3 ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan, murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan qajeelfama argachuudhaaf;
ili mpate maarifa kwa ajili ya kuishi kwa kutenda wema, haki na adili.
4 warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf, dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,
Mithali hizi zinatoa hekima kwa wale ambao hawakufunzwa, na kuwapa vijana maarifa na hadhari.
5 ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan; warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;
Watu wenye busara wasikie na kuongeza elimu yao na watu wenye ufahamu wapate mwongozo,
6 kunis fakkeenyaa fi hiikkaa, jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf.
kwa kuelewa mithali, misemo, vitendawili na maneno ya wenye busara.
7 Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.
Hofu ya Yehova ni chanzo cha maarifa- wapumbavu hudharau hekima na nidhamu.
8 Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu; barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
Mwanangu, sikia fundisho la baba yako na wala usiziache kanuni za mama yako;
9 Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo, morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.
zitakuwa kilemba cha neema katika kichwa chako na jebu zinazoning'inia kwenye shingo yako.
10 Yaa ilma ko, yoo cubbamoonni sossobanii ofitti si harkisan, tole hin jedhiniif.
Mwanangu wenye dhambi wakikushawishi katika dhambi zao, kataa kuwafuata.
11 Yoo isaan, “Nu wajjin kottu; riphnee dhiiga namaa dhangalaasnaa; nama balleessaa hin qabne galaafachuudhaafis dhokannee eeggannaa;
Kama watasema, “haya tufuatae, tuvizie ili kufanya mauaji, tujifiche ili tuwashambulie watu wasio na hatia, pasipo sababu.
12 kottu akkuma awwaalaa jiraatti isaan liqimsinaa; akkuma warra boolla keessa buufamaniis guutumaan guutuutti isaan liqimsinaa; (Sheol h7585)
Haya tuwameza wakiwa hai, kama kuzimu inavyowachukua wenye afya, na kuwa kama wale waangukao kwenye shimoni. (Sheol h7585)
13 nu waan gatii qabu kan gosa hundaa ni arganna; manneen keenya illee boojuudhaan guuttanna;
Tutapata vitu vyote vya thamani; tutazijaza nyumba zetu vile tunavyoiba kwa wengine.
14 ixaa kee nu wajjin buufadhu; nus korojoo tokko si wajjin qooddannaa” siin jedhan,
Weka vitu vyako kwetu; tutakuwa na mfuko moja kwa pamoja.”
15 yaa ilma ko, ati isaan wajjin hin deemin; miilla keetiin karaa isaanii irra illee hin ejjetin;
Mwanangu, usitembee katika njia moja pamoja nao; usiruhusu mguu wako kugusa katika mapito yao;
16 miilli isaanii cubbuutti ariifataatii; isaan dhiiga dhangalaasuuf jarjaru.
miguu ya hukimbilia mabaya na huharakisha kumwaga damu.
17 Utuma simbirroonni hundi arganuu, kiyyoo buusuun waan gatii hin qabnee dha!
Kwa kuwa haina maana kumtegea ndege mtego wakati ndege anaona.
18 Namoonni kunneen dhiiguma ofii isaanii riphanii eeggatu; lubbuma ofii isaanii gaadu!
Watu hawa huvizia kujiua wenyewe—wanatega mtego kwa ajili yao wenyewe.
19 Kun dhuma warra qabeenya karaa hamaadhaan argamu duukaa buʼan hundaa ti; wanni akkasii jireenya warra isa argatanii balleessa.
Ndivyo zilivyo njia za kila ambaye hupata utajiri kwa udhalimu; mapato ya udhalimu huondoa uhai wa wenye utajiri.
20 Ogummaan karaa irratti guddiftee iyyiti; iddoo wal gaʼii uummataattis sagalee ishee ol fudhatti.
Hekima inalia kwa sauti mtaani, inapaza sauti katika viwanja;
21 Isheen fiixee daandii irraa iyyiti; karra magaalaa duraas akkana jettee dubbatti:
katika mitaa inalia kwa sauti kuu, kwenye maingilio ya milango ya mji inasema “
22 “Isin warri homaa hin beekne kun hamma yoomiitti karaa keessan kan faayidaa hin qabne sana jaallattu? Warri namatti qoosan hamma yoomiitti qoosaa sanatti gammadanii gowwoonnis beekumsa jibbu?
Mpaka lini enyi wajinga mtapenda kuwa wajinga? Mpaka lini enyi wenye dhihaka mtapenda dhihaka, na hadi lini enyi wapumbavu, mtachukia maarifa?
23 Mormii koo qalbeeffadhaa; ani yaada koo isinii nan dhangalaasa; dubbii koos isiniifin ibsa.
Zingatia karipio langu; nitatoa mawazo yangu kwa ajili yenu; nitawafahamisha maneno yangu.
24 Garuu sababii isin yeroo ani isin waametti diddanii yeroo ani harka balʼifadhetti namni tokko iyyuu na hin dhaggeeffatiniif,
Nimeita, nanyi mkakataa kusikiliza; nimeunyosha mkono wangu, wala hakuna aliyezingatia.
25 waan isin gorsa koo hunda tuffattanii dheekkamsa koo dhagaʼuu diddaniif,
Lakini mumedharau mafundisho yangu yote na wala hamkuzingatia maelekezo yangu.
26 anis badiisa keessanitti nan kolfa, yeroo balaan isinitti dhufuttis nan qoosa;
Nitacheka katika taabu yenu, nitawadhihaki wakati wa kupatwa taabu-
27 yeroo balaan akkuma bubbeetti isin fudhatutti, yeroo badiisni akkuma bubbee hamaatti isin haxaaʼutti, yeroo dhiphinaa fi rakkinni isinitti dhufutti ani isinittan qoosa.
hofu ya kutisha itawapata kama tufani na maafa yatawakumba kama upepo wa kisulisuli, taabu na uchungu vitawapata.
28 “Yeroo sana isaan na waammatu; ani garuu isaan jalaa hin owwaadhu; isaan na barbaadu; garuu na hin argatan.
Halafu wataniita, nami sitawajibu; wataniita katika hali ya kukata tamaa lakini hawataniona.
29 Isaan waan beekumsa jibbanii Waaqayyoon sodaachuu illee filachuu didaniif,
Kwa sababu wamechukia maarifa na hawakuchagua kuwa na hofu ya Yehova,
30 waan gorsa koo fudhachuu didanii dheekkamsa koos tuffataniif,
hawakufuata mafundisho yangu na wakayadharau masahihisho yangu yote.
31 isaan gatii karaa isaanii ni nyaatu; buʼaa jalʼina isaaniis ni quufu.
Watakula matunda ya njia zao, na watashibishwa kwa matunda ya hila zao wenyewe.
32 Gowwoota waa dagachuutu isaan balleessaatii; quufni gowwootaa isaanuma balleessa;
kwa maana wajinga hufa wanaporudi nyuma, na kutojali kwa wapumbavu kutawaangamiza.
33 namni na dhaggeeffatu kam iyyuu garuu nagaadhaan jiraata; inni qabbanaan jiraata; wanni hamaanis isa hin sodaachisu.”
Bali kila anisikilizaye ataishi kwa usalama na atapumzika salama pasipo hofu ya maafa.

< Fakkeenya 1 >