< Fiiliphisiyuus 4 >

1 Kanaafuu yaa obboloota ko, isin warri ani jaalladhuu fi warri ani yaadu, warri gammachuu kootii fi gonfoo koos taatan, yaa michoota ko, akkanatti Gooftaatti jabaadhaa dhaabadhaa!
ωστε αδελφοι μου αγαπητοι και επιποθητοι χαρα και στεφανος μου ουτως στηκετε εν κυριω αγαπητοι
2 Ani akka isaan Gooftaadhaan yaada tokko qabaataniif Ewoodiyaanin nan kadhadha; Sinxiikeenis nan kadhadha.
ευωδιαν παρακαλω και συντυχην παρακαλω το αυτο φρονειν εν κυριω
3 Yaa hidhata dhugaa, dubartoonni kunneen Qaleeminxoosii fi warra na wajjin hojjetan kanneen maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffame kaan wajjin waan hojii wangeelaa keessatti na wajjin dadhabaniif akka ati isaan gargaartuuf sin kadhadha.
και ερωτω και σε συζυγε γνησιε συλλαμβανου αυταις αιτινες εν τω ευαγγελιω συνηθλησαν μοι μετα και κλημεντος και των λοιπων συνεργων μου ων τα ονοματα εν βιβλω ζωης
4 Isin yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas ani irra deebiʼee nan jedha, gammadaa!
χαιρετε εν κυριω παντοτε παλιν ερω χαιρετε
5 Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu. Gooftaan dhiʼoo jira.
το επιεικες υμων γνωσθητω πασιν ανθρωποις ο κυριος εγγυς
6 Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa.
μηδεν μεριμνατε αλλ εν παντι τη προσευχη και τη δεησει μετα ευχαριστιας τα αιτηματα υμων γνωριζεσθω προς τον θεον
7 Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega.
και η ειρηνη του θεου η υπερεχουσα παντα νουν φρουρησει τας καρδιας υμων και τα νοηματα υμων εν χριστω ιησου
8 Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.
το λοιπον αδελφοι οσα εστιν αληθη οσα σεμνα οσα δικαια οσα αγνα οσα προσφιλη οσα ευφημα ει τις αρετη και ει τις επαινος ταυτα λογιζεσθε
9 Isin waan narraa barattan yookaan narraa argattan yookaan narraa dhageessan yookaan narratti argitan hunda isinis akkasuma godhaa. Waaqni nagaa isin wajjin ni taʼa.
α και εμαθετε και παρελαβετε και ηκουσατε και ειδετε εν εμοι ταυτα πρασσετε και ο θεος της ειρηνης εσται μεθ υμων
10 Sababii isin dhuma irratti deebitanii naa yaaduu jalqabdaniif ani Gooftaatti baayʼee nan gammada. Dhugumaanuu carraa ittiin argisiiftan dhabdaniiti malee isin durumaanuu naa yaadaa turtan.
εχαρην δε εν κυριω μεγαλως οτι ηδη ποτε ανεθαλετε το υπερ εμου φρονειν εφ ω και εφρονειτε ηκαιρεισθε δε
11 Ani waan waa dhabeef akkana jechaa hin jiru; haala kam iyyuu keessatti na gaʼa jechuu baradheeraatii.
ουχ οτι καθ υστερησιν λεγω εγω γαρ εμαθον εν οις ειμι αυταρκης ειναι
12 Ani dhabuun maal akka taʼe beeka; baayʼee qabaachuunis maal akka taʼe nan beeka. Haala kam iyyuu keessatti, waan hunda keessattis icciitii quufuutii fi beelaʼuu, baayʼee qabaachuutii fi dhabuu baradheera.
οιδα δε ταπεινουσθαι οιδα και περισσευειν εν παντι και εν πασιν μεμυημαι και χορταζεσθαι και πειναν και περισσευειν και υστερεισθαι
13 Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
παντα ισχυω εν τω ενδυναμουντι με χριστω
14 Haa taʼuu malee rakkina koo keessatti hirmaachuun keessan waan gaarii gochuu keessan ture.
πλην καλως εποιησατε συγκοινωνησαντες μου τη θλιψει
15 Kana malees isin warri Fiiliphisiyuus akkuma beektan, jalqabatti yeroo ani wangeela isinitti lallabetti, yeroo ani Maqedooniyaadhaa kaʼetti isin qofa malee waldaan kiristaanaa tokko iyyuu waaʼee kennuu fi fudhachuu keessatti na wajjin hin hirmaanne.
οιδατε δε και υμεις φιλιππησιοι οτι εν αρχη του ευαγγελιου οτε εξηλθον απο μακεδονιας ουδεμια μοι εκκλησια εκοινωνησεν εις λογον δοσεως και ληψεως ει μη υμεις μονοι
16 Yeroo ani Tasaloniiqee turetti illee yommuu ani rakkadhetti isin yeroo tokkoo ol gargaarsa naaf ergitaniituutii.
οτι και εν θεσσαλονικη και απαξ και δις εις την χρειαν μοι επεμψατε
17 Kunis akka buʼaan isiniif baayʼatu barbaadeen malee ani kennaa keessan barbaadee miti.
ουχ οτι επιζητω το δομα αλλ επιζητω τον καρπον τον πλεοναζοντα εις λογον υμων
18 Ani kaffaltii guutuu argadhee caalaa iyyuu qabaadheera; kennaa isin ergitanis Ephafroodiixuu harkaa fudhadhee hamma na gaʼu argadheera. Kunis kennaa urgaaʼaa fi qalma fudhatamaa Waaqa gammachiisuu dha.
απεχω δε παντα και περισσευω πεπληρωμαι δεξαμενος παρα επαφροδιτου τα παρ υμων οσμην ευωδιας θυσιαν δεκτην ευαρεστον τω θεω
19 Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta.
ο δε θεος μου πληρωσει πασαν χρειαν υμων κατα τον πλουτον αυτου εν δοξη εν χριστω ιησου
20 Waaqa keenyaa fi Abbaa keenyaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinni haa taʼu. Ameen. (aiōn g165)
τω δε θεω και πατρι ημων η δοξα εις τους αιωνας των αιωνων αμην (aiōn g165)
21 Kiristoos Yesuusiin qulqulloota hundatti nagaa naa himaa. Obboloonni na wajjin jiranis nagaa isinii dhaamu.
ασπασασθε παντα αγιον εν χριστω ιησου ασπαζονται υμας οι συν εμοι αδελφοι
22 Qulqulloonni hundinuu, keessumattuu warri mana Qeesaarii jiraatan nagaa isinii dhaamu.
ασπαζονται υμας παντες οι αγιοι μαλιστα δε οι εκ της καισαρος οικιας
23 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
η χαρις του κυριου ημων ιησου χριστου μετα παντων υμων αμην [προς φιλιππησιους εγραφη απο ρωμης δι επαφροδιτου]

< Fiiliphisiyuus 4 >