< Fiiliphisiyuus 3 >

1 Dhuma irrattis yaa obboloota ko, Gooftaatti gammadaa! Ani waanuma kanaan duraa irra deebiʼee isinii barreessuun na hin dhibu; kun isiniif eegumsa.
Uostalom, braćo moja, radujte se u Gospodinu! Pisati vam jedno te isto meni nije dosadno, a za vas je sigurnije.
2 Saroota irraa of eeggadhaa; namoota hammina hojjetan irraa of eeggadhaa; dhagna qabaa sobaa irraas of eeggadhaa.
Čuvajte se tih pasa, čuvajte se tih opakih radnika, čuvajte se te osakaćenosti!
3 Sababiin isaa nu warri Hafuura Waaqaatiin waaqeffannu, warri Kiristoos Yesuusiin of jajnuu fi warri foon hin amananne dhagna qabanneerraatii;
Jer mi smo obrezanje, mi koji u Duhu Božjemu obavljamo bogoslužje i dičimo se Kristom Isusom, a ne pouzdajemo se u tijelo,
4 taʼus ani mataan koo amanachuu akkanaatiif sababii qaba. Namni biraa kam iyyuu foon amanachuuf waan sababii qabu yoo of seʼe, ani immoo isa caalaa qaba:
iako bih se ja mogao pouzdati i u tijelo. Smatra li tko drugi da se može uzdati u tijelo, ja još više:
5 Ani dhaladhee guyyaa saddeettaffaattin dhagna qabadhe; sanyii Israaʼel keessaas gosa Beniyaam irraa dhaladhe; warra Ibrootaa keessaas Ibricha tokkoo dha; akka seeraattis ani Fariisota keessaa tokko dha;
obrezan osmog dana, od roda sam Izraelova, plemena Benjaminova, Hebrej od Hebreja; po Zakonu farizej,
6 waaʼee hinaaffaa, ani waldaa kiristaanaa ariʼachaan ture; waaʼee qajeelummaa seera eeguun argamuus ani mudaa hin qabu ture.
po revnosti progonitelj Crkve, po pravednosti zakonskoj besprijekoran.
7 Garuu waan na fayyadaa ture amma Kiristoosiif jedhee akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala.
Ali što mi god bijaše dobitak, to poradi Krista smatram gubitkom.
8 Dhugumaanuu sababii Gooftaa koo Kiristoos Yesuus isa waan hundumaa caalu sana beekuutiif ani waan hundumaa akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. Ani isaaf jedhee waan hundumaa dhabeera; Kiristoosin argachuufis waan hundumaa akka kosiitti nan ilaala;
Štoviše, čak sve gubitkom smatram zbog onoga najizvrsnijeg, zbog spoznanja Isusa Krista, Gospodina mojega, radi kojega sve izgubih i otpadom smatram: da Krista steknem
9 kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf.
i u njemu se nađem - ne svojom pravednošću, onom od Zakona, nego pravednošću po vjeri u Krista, onom od Boga, na vjeri utemeljenoj -
10 Ani Kiristoosii fi humna duʼaa kaʼuu isaa beekuu, dhiphina isaa keessatti hirmaachuu fi duʼa isaatiinis isa fakkaachuu nan barbaada;
da upoznam njega i snagu uskrsnuća njegova i zajedništvo u patnjama njegovim,
11 akkasiinis ani duʼaa kaʼuu warra duʼanii argachuu nan dandaʼa.
ne bih li kako, suobličen smrti njegovoj, prispio k uskrsnuću od mrtvih.
12 Kiristoos Yesuus waan kan ofii isaa na godhateef anis waan kana harkatti galfachuuf nan fiiga jechuudha malee waan kana hunda argadheera yookaan nama hirʼina hin qabne taʼeera jechuu miti.
Ne kao da sam već postigao ili dopro do savršenstva, nego - hitim ne bih li kako dohvatio jer sam i zahvaćen od Krista.
13 Yaa obboloota, ani akka waan harkatti isa galfadheetti hin ilaalu. Waan tokko garuu nan godha: Waan na duuba jiru irraanfadhee gara waan fuula koo dura jiruutti nan hiixadha;
Braćo, ja nipošto ne smatram da sam već dohvatio. Jedno samo: što je za mnom, zaboravljam, za onim što je preda mnom, prežem,
14 badhaasa Waaqni Kiristoos Yesuusiin ol samiitti itti na waame sana argachuuf gara kaayyoo sanaatti nan fiiga.
k cilju hitim, k nagradi višnjeg poziva Božjeg u Kristu Isusu.
15 Nu warri bilchaatoon hundinuu waan akkanaa haa yaadnu. Yoo waan tokko tokko irratti yaada garaa garaa qabaattan garuu kanas Waaqni isinii ibsa.
Koji smo god zreli, ovako mislimo! I ako što drukčije mislite, Bog će vam ovako objaviti.
16 Taʼus waanuma kanaan dura irra geenye sanaan haa jiraannu.
Samo, držimo se onoga do čega smo stigli!
17 Yaa obboloota, fakkeenya koo duukaa buʼuudhaan warra kaaniin tokko taʼaa; warra fakkeenya nu isinii kennineen jiraatanis hubadhaa.
Braćo! Nasljedovatelji moji budite i promatrajte one koji žive po uzoru koji imate u nama.
18 Akkuma ani yeroo hedduu isinitti himee fi akkuma ani amma illee imimmaaniin iyyuu isinitti himu, namoonni baayʼeen diinota fannoo Kiristoos taʼanii jiraatuutii.
Jer često sam vam govorio, a sada i plačući govorim: mnogi žive kao neprijatelji križa Kristova.
19 Dhumni isaanii badiisa; Waaqni isaanii garaa isaanii ti; ulfinni isaanii salphina isaaniitiin. Yaadni isaaniis waanuma lafaa irratti hundeeffama.
Svršetak im je propast, bog im je trbuh, slava u sramoti - jer misle na zemaljsko.
20 Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna;
Naša je pak domovina na nebesima, odakle iščekujemo Spasitelja, Gospodina našega Isusa Krista:
21 innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.
snagom kojom ima moć sve sebi podložiti on će preobraziti ovo naše bijedno tijelo i suobličiti ga tijelu svomu slavnomu.

< Fiiliphisiyuus 3 >