< Fiiliphisiyuus 2 >
1 Kanaafuu gorsa Kiristoosiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara laafina kam iyyuu taanaan,
If then there is any consolation in Christ, if there is any comfort of divine love, if any fellowship of the Spirit, if any affection and mercies,
2 gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa.
fill my joy, that you may think the same thing, having the same divine love, being like-minded, thinking this one thing;
3 Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa.
that nothing is to be according to self-seeking nor according to vain glory, but in humility esteeming one another better than yourselves;
4 Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.
looking not each after your own interests, but each after that of others.
5 Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.
Think the same thing among yourselves, which is also in Christ Jesus:
6 Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu, wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;
who, being in the form of God, thought it not usurpation to be equal with God,
7 qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.
but he humbled himself, having taken the form of a servant, being in the likeness of men; and having been found in fashion like a man;
8 Bifa namaa uffatee argamuudhaanis, gad of deebise; duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!
he humbled himself, being obedient even unto death, yea, the death of the cross.
9 Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe; maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne.
Therefore God has indeed exalted him, and given him a name above every name;
10 Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti, lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf.
that at the name of Jesus every knee must bow, of things in heaven and things upon the earth and things beneath the earth,
11 Akka arrabni hundinuus ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.
and every tongue shall confess that Jesus Christ is Lord, unto the glory of God the Father.
12 Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa;
So, my beloved brethren, as you have always harkened, not only in my presence, but now much more in my absence, work out your own salvation with fear and trembling;
13 akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Waaqaatii.
for God is the one working in you both to will and to do, of his own good pleasure.
14 Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa;
Do all things without murmurings and disputatious;
15 kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif,
in order that you may be blameless and pure, the children of God, irreproachable, amid a crooked and perverse generation, among whom you shine as lights in the world,
16 yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Kiristoositti of jajuu nan dandaʼa.
having the word of life; unto my boasting in the day of Christ, because I did not run in vain, neither did I labor in vain.
17 Ani utuu aarsaa fi tajaajila amantii keessanii irratti akka dhibaayyuutti dhangalaafamee iyyuu nan gammada; hunda keessan wajjinis nan gammada.
But if indeed I am poured out for a sacrifice and an offering for your faith, I rejoice, and rejoice along with you all;
18 Kanaafuu isinis na wajjin gammaduu fi ililchuu qabdu.
but you also rejoice in this same thing, and rejoice along with me.
19 Ani oduu waaʼee keessanii dhagaʼee gammaduuf, akka ani dafee Xiimotewosin gara keessanitti erguu dandaʼu Gooftaa Yesuusin nan abdadha.
But I hope in the Lord Jesus, speedily to send unto you Timothy, in order that I may also be delighted, having learned the things concerning you.
20 Ani nama biraa kan akka isaa waaʼee keessan garaa qulqulluun yaadu tokko illee hin qabu.
For I have no one like-minded, who will nobly remember the things concerning you;
21 Sababiin isaas warri kaan hundi utuu fedhii Yesuus Kiristoosiif hin taʼin fedhii mataa isaaniitiif yaaduutii.
for all are seeking after their own, and not the things of Jesus Christ.
22 Xiimotewos garuu akkuma ilmi abbaa isaa tajaajilutti hojii wangeelaa keessatti na wajjin tajaajiluu isaa akka of mirkaneesse isinuu beektu.
But you know his integrity, that, as a child a father, he served along with me in the gospel.
23 Kanaaf ani akkuma haala koo hubadheen isa erguuf nan abdadha.
Indeed then I hope to send him, so soon as I may learn the things concerning myself:
24 Ani mataan koo iyyuu dafee dhufuuf Gooftaa nan amanadha.
but I trust in the Lord that I myself will come speedily.
25 Ani garuu obboleessa koo Ephafroodiixuu hojjetaa hidhata koo taʼee fi loltuu hidhata koo taʼe, ergamaa keessan kan isin akka inni waan na barbaachisuun na tajaajiluuf ergitan sana deebisee gara keessan erguun barbaachisaa natti fakkaata.
But I thought it necessary to send to you Epaphroditus, my brother and fellow-laborer and fellow-soldier, and apostle and the minister of my necessity;
26 Inni hunda keessan yaadaatii; isin akka inni dhukkubsatee ture waan dhageessaniifis dhiphachaa jira.
since he was longing after you all, and grieving, because you heard that he was sick.
27 Inni dhugumaan dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Waaqni garuu isa maareera; utuu isa qofa hin taʼin akka gaddi gadda irratti natti hin dabalamneef anas baraareera.
For he was indeed nigh unto death: but God had mercy on him; and not only him, but me also, in order that I may not have sorrow upon sorrow.
28 Kanaafuu isin akka yommuu lammata isa argitanitti gammaddanii fi akka yaaddoon koos naa salphatuuf dafee gara keessanitti isa erguu guddaa nan hawwa.
Therefore I the more diligently, in order that, seeing him, you may rejoice again, and I may not be without sorrow.
29 Isinis Gooftaadhaan gammachuu guddaan isa simadhaa; namoota akkasiis kabajaa;
Then receive him in the Lord with all joy, and have such in honor:
30 inni gargaarsa isin naa kennuu hin dandaʼin naa kennuuf, jireenya isaa illee dabarsee kennuun, hojii Kiristoosiif jedhee duʼuu iyyuu gaʼee tureetii.
because he was nigh unto death on account of the work of Christ, having jeoparded his life, in order that he might fulfill your deficiency of ministry towards me.