< Fiiliphisiyuus 1 >
1 Phaawulosii fi Xiimotewos tajaajiltoota Kiristoos Yesuus irraa, Gara warra karaa Kiristoos Yesuusiin qulqulloota taʼan kanneen Phaaphaasotaa fi daaqonoota wajjin Fiiliphisiyuus keessa jiraatan hundaatti:
παυλος και τιμοθεος δουλοι ιησου χριστου πασιν τοις αγιοις εν χριστω ιησου τοις ουσιν εν φιλιπποις συν επισκοποις και διακονοις
2 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
χαρις υμιν και ειρηνη απο θεου πατρος ημων και κυριου ιησου χριστου
3 Ani yeroo isin yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha.
ευχαριστω τω θεω μου επι παση τη μνεια υμων
4 Ani kadhannaa hunda keessaniif kadhadhu keessatti yeroo hunda gammachuun nan kadhadha;
παντοτε εν παση δεησει μου υπερ παντων υμων μετα χαρας την δεησιν ποιουμενος
5 isin guyyaa jalqabaatii hamma ammaatti wangeela lallabuu keessatti hirmaattaniirtuutii;
επι τη κοινωνια υμων εις το ευαγγελιον απο πρωτης ημερας αχρι του νυν
6 inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.
πεποιθως αυτο τουτο οτι ο εναρξαμενος εν υμιν εργον αγαθον επιτελεσει αχρις ημερας ιησου χριστου
7 Waan isin garaa koo keessa jirtaniif ani waaʼee hunda keessanii akkanatti yaaduun koo anaaf sirrii dha; hidhamuu koo keessattis taʼu yookaan wangeelaaf falmuu kootii fi akka wangeelli cimee dhaabatu gochuu koo keessatti hundi keessan na wajjin ayyaana Waaqaa keessatti hirmaatuutii.
καθως εστιν δικαιον εμοι τουτο φρονειν υπερ παντων υμων δια το εχειν με εν τη καρδια υμας εν τε τοις δεσμοις μου και τη απολογια και βεβαιωσει του ευαγγελιου συγκοινωνους μου της χαριτος παντας υμας οντας
8 Akka ani jaalala Kiristoos Yesuusiin hammam hunda keessan yaadu Waaqayyo dhuga baatu koo ti.
μαρτυς γαρ μου εστιν ο θεος ως επιποθω παντας υμας εν σπλαγχνοις ιησου χριστου
9 Kadhannaan koo kanaa dha: kunis akka jaalalli keessan beekumsaa fi hubannaa hundaan ittuma fufee baayʼatu,
και τουτο προσευχομαι ινα η αγαπη υμων ετι μαλλον και μαλλον περισσευη εν επιγνωσει και παση αισθησει
10 akka isin isa waan hundumaa caalu addaan baaftanii beekuu dandeessanii fi akka isin hamma guyyaa Kiristoosittis qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne taataniif,
εις το δοκιμαζειν υμας τα διαφεροντα ινα ητε ειλικρινεις και απροσκοποι εις ημεραν χριστου
11 akka ulfinaa fi galata Waaqaatiifis iji qajeelinaa kan karaa Yesuus Kiristoosiin argamuun guutamtaniif.
πεπληρωμενοι καρπων δικαιοσυνης των δια ιησου χριστου εις δοξαν και επαινον θεου
12 Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan wangeela babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada.
γινωσκειν δε υμας βουλομαι αδελφοι οτι τα κατ εμε μαλλον εις προκοπην του ευαγγελιου εληλυθεν
13 Kanaanis Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera.
ωστε τους δεσμους μου φανερους εν χριστω γενεσθαι εν ολω τω πραιτωριω και τοις λοιποις πασιν
14 Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Waaqaa sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru.
και τους πλειονας των αδελφων εν κυριω πεποιθοτας τοις δεσμοις μου περισσοτερως τολμαν αφοβως τον λογον λαλειν
15 Namoonni tokko tokko dhugumaan weennoo fi morkiidhaan Kiristoosin lallabu; warri kaan garuu yaada gaariidhaan lallabu.
τινες μεν και δια φθονον και εριν τινες δε και δι ευδοκιαν τον χριστον κηρυσσουσιν
16 Warri yaada gaariidhaan lallaban kunneen, akka ani wangeelaaf falmuuf jedhee as kaaʼame beekanii jaalalaan lallabu.
οι μεν εξ εριθειας τον χριστον καταγγελλουσιν ουχ αγνως οιομενοι θλιψιν επιφερειν τοις δεσμοις μου
17 Warri weennoo fi morkiidhaan lallaban immoo utuu garaa qulqulluun hin taʼin, mana hidhaa keessatti rakkina natti cimsuuf jedhanii fedhii ofittummaatiin Kiristoosin lallabu.
οι δε εξ αγαπης ειδοτες οτι εις απολογιαν του ευαγγελιου κειμαι
18 Yoos wanni kun maal qaba ree? Wanni barbaachisaan fakkeessuunis taʼu yookaan dhugaan karaa kam iyyuu Kiristoos lallabamuu isaa ti. Sababii kanaaf ani akka malee nan gammada. Eeyyee ani ittuma fufee nan gammada;
τι γαρ πλην παντι τροπω ειτε προφασει ειτε αληθεια χριστος καταγγελλεται και εν τουτω χαιρω αλλα και χαρησομαι
19 akka wanni narra gaʼe kun karaa kadhannaa keessaniitii fi karaa gargaarsa Hafuura Yesuus Kiristoosiin gara furamaatti naa geeddaramu nan beekaatii.
οιδα γαρ οτι τουτο μοι αποβησεται εις σωτηριαν δια της υμων δεησεως και επιχορηγιας του πνευματος ιησου χριστου
20 Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Kiristoos dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas.
κατα την αποκαραδοκιαν και ελπιδα μου οτι εν ουδενι αισχυνθησομαι αλλ εν παση παρρησια ως παντοτε και νυν μεγαλυνθησεται χριστος εν τω σωματι μου ειτε δια ζωης ειτε δια θανατου
21 Anaaf jiraachuun Kiristoos; duʼuunis buʼaa dha.
εμοι γαρ το ζην χριστος και το αποθανειν κερδος
22 Ani yoo fooniin jiraadhe kun anaaf hojii buʼa qabeessa; garuu maalan filadha? Ani hin beeku!
ει δε το ζην εν σαρκι τουτο μοι καρπος εργου και τι αιρησομαι ου γνωριζω
23 Ani yaada kana lamaan gidduutti rarraʼeera; ani deemee Kiristoos wajjin jiraachuu nan hawwa; kun waan hunda caalaatii;
συνεχομαι γαρ εκ των δυο την επιθυμιαν εχων εις το αναλυσαι και συν χριστω ειναι πολλω μαλλον κρεισσον
24 isiniif garuu fooniin turuun koo caalaa barbaachisaa dha.
το δε επιμενειν εν τη σαρκι αναγκαιοτερον δι υμας
25 Anis kana amanadhee akka isin amantiin guddattanii fi akka isin gammaddaniif hunda keessan bira akka turu, isin wajjinis akka jiraadhun beeka.
και τουτο πεποιθως οιδα οτι μενω και συμπαραμενω πασιν υμιν εις την υμων προκοπην και χαραν της πιστεως
26 Kunis ani ammas isin biratti argamuu kootiin of jajuun isin Kiristoos Yesuusitti qabdan sababii kootiin akka baayʼatuuf.
ινα το καυχημα υμων περισσευη εν χριστω ιησου εν εμοι δια της εμης παρουσιας παλιν προς υμας
27 Waan fedhe iyyuu taʼu akka wangeela Kiristoosiif malutti jiraadhaa. Yoos ani dhufee isin arguunis taʼu yookaan fagoo taaʼee waaʼee keessan dhagaʼuu qofaan, akka isin amantii wangeelaatiif jettanii akkuma nama tokkootti tattaaffachuun hafuura tokkoon jabaattanii dhaabattan nan beeka.
μονον αξιως του ευαγγελιου του χριστου πολιτευεσθε ινα ειτε ελθων και ιδων υμας ειτε απων ακουσω τα περι υμων οτι στηκετε εν ενι πνευματι μια ψυχη συναθλουντες τη πιστει του ευαγγελιου
28 Isin waanuma tokkoon illee mormitoota keessaniin hin raafaminaa. Kun isaaniif mallattoo badiisaa ti; isiniif immoo mallattoo fayyinaa ti; kunis hojii Waaqaa ti.
και μη πτυρομενοι εν μηδενι υπο των αντικειμενων ητις αυτοις μεν εστιν ενδειξις απωλειας υμιν δε σωτηριας και τουτο απο θεου
29 Isin akka Kiristoositti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii;
οτι υμιν εχαρισθη το υπερ χριστου ου μονον το εις αυτον πιστευειν αλλα και το υπερ αυτου πασχειν
30 kunis walʼaansoo ani keessa ture isa argitan sanaa fi isa ani amma iyyuu keessa jiru kan dhageessan kana keessa darbuutti waan jirtaniifii dha.
τον αυτον αγωνα εχοντες οιον ειδετε εν εμοι και νυν ακουετε εν εμοι