< Fiiliphisiyuus 1 >

1 Phaawulosii fi Xiimotewos tajaajiltoota Kiristoos Yesuus irraa, Gara warra karaa Kiristoos Yesuusiin qulqulloota taʼan kanneen Phaaphaasotaa fi daaqonoota wajjin Fiiliphisiyuus keessa jiraatan hundaatti:
Bulu mba Timoti igran Yesu, hi bi wa ba ziba ni mi Yesu wa ba he ni Filibi ni biwa ba nji coci ni dikinoni.
2 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
Ndu zizi he ni yi ni' si Irji tiembu nda tie Bacimbu Yesu Kristi
3 Ani yeroo isin yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha.
Mi ngri ni Rji ni nton wa' mi tamre mbia.
4 Ani kadhannaa hunda keessaniif kadhadhu keessatti yeroo hunda gammachuun nan kadhadha;
Ko ni tanyi wami tie bre Irji ni yiwu, mi tie bre ni ngryi.
5 isin guyyaa jalqabaatii hamma ammaatti wangeela lallabuu keessatti hirmaattaniirtuutii;
Mi ngryi yi wu wa bi wu ta ni to du Rji ni fin umumum'e har ye zizan.
6 inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.
Mi kpa nyme ni kpi biyi wawu, wawu wa ati tun ndinti ni mi bi arji kle du nra bi ni ye ivri Rji.
7 Waan isin garaa koo keessa jirtaniif ani waaʼee hunda keessanii akkanatti yaaduun koo anaaf sirrii dha; hidhamuu koo keessattis taʼu yookaan wangeelaaf falmuu kootii fi akka wangeelli cimee dhaabatu gochuu koo keessatti hundi keessan na wajjin ayyaana Waaqaa keessatti hirmaatuutii.
Abi na kyi wa mi wo itre ndindi ni tun bi bi he ni sroun mu. Bi yi wawu bi gpo gba mu ni mi dun Rji ni tre ma.
8 Akka ani jaalala Kiristoos Yesuusiin hammam hunda keessan yaadu Waaqayyo dhuga baatu koo ti.
Rji ton sroun mu wa mi hewu niyi ni son wu Kristi ye ni yi
9 Kadhannaan koo kanaa dha: kunis akka jaalalli keessan beekumsaa fi hubannaa hundaan ittuma fufee baayʼatu,
Mi bra ni yi wu dei son bi ndi kwuci ni tre Rji.
10 akka isin isa waan hundumaa caalu addaan baaftanii beekuu dandeessanii fi akka isin hamma guyyaa Kiristoosittis qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne taataniif,
In bremu niyiwu dei tsre ndidi ni kon wa abi. Mi bre niyiwu ndi yi tsre gye gyer meni kon Rji.
11 akka ulfinaa fi galata Waaqaatiifis iji qajeelinaa kan karaa Yesuus Kiristoosiin argamuun guutamtaniif.
Wayi akiyi di Rji ni srendinbi wa Yesu ni nun wa inde Rji ni bi.
12 Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan wangeela babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada.
I mri vayi mi son duyi ton ikpi mba sisre dun ha'ni tre Rji.
13 Kanaanis Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera.
Don tre Rji iya si kpa biwa mba sre ni kon Yesu.
14 Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Waaqaa sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru.
Imri vayi gbugbu mba kri gbangban wa mba to me nimi sara, nda kri gban gban ni zan mba handa tre tre Rji
15 Namoonni tokko tokko dhugumaan weennoo fi morkiidhaan Kiristoosin lallabu; warri kaan garuu yaada gaariidhaan lallabu.
Mba ri mba tre tre Rji ni mi fu ni son sroun, mbari ni sroun ndiki.
16 Warri yaada gaariidhaan lallaban kunneen, akka ani wangeelaaf falmuuf jedhee as kaaʼame beekanii jaalalaan lallabu.
Bi tre tre Rji ni sroun ndindi mbato mba zi me nde me kle du tre Rji.
17 Warri weennoo fi morkiidhaan lallaban immoo utuu garaa qulqulluun hin taʼin, mana hidhaa keessatti rakkina natti cimsuuf jedhanii fedhii ofittummaatiin Kiristoosin lallabu.
Mbari mba tre tre Rji dun son tun, ni sroun meme, ni impre mba ndi mba zitrenya ni mi yan.
18 Yoos wanni kun maal qaba ree? Wanni barbaachisaan fakkeessuunis taʼu yookaan dhugaan karaa kam iyyuu Kiristoos lallabamuu isaa ti. Sababii kanaaf ani akka malee nan gammada. Eeyyee ani ittuma fufee nan gammada;
Ni kon meme, kon ni meme bi tre tre Yesu, me gri, ra zizan me ngryi.
19 akka wanni narra gaʼe kun karaa kadhannaa keessaniitii fi karaa gargaarsa Hafuura Yesuus Kiristoosiin gara furamaatti naa geeddaramu nan beekaatii.
Ni kon yi mi gbukbun ni sara. wa ni he wa bi bra nimu, ni zo Ruhu Yesu Kristi.
20 Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Kiristoos dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas.
A bra mu ni son mu, mi na sha sha nan ni sroun mu wawu, Yesu son ni sroun mu kon mi ni ri kon kwu.
21 Anaaf jiraachuun Kiristoos; duʼuunis buʼaa dha.
Ndi me he ni re a Kristi, ndi mi kwu a kwuci.
22 Ani yoo fooniin jiraadhe kun anaaf hojii buʼa qabeessa; garuu maalan filadha? Ani hin beeku!
Wa mi tsre ni kpa wa zo me wu tre Rji me ma to wa me huna.
23 Ani yaada kana lamaan gidduutti rarraʼeera; ani deemee Kiristoos wajjin jiraachuu nan hawwa; kun waan hunda caalaatii;
Ha ri mba ba mba mre mu Mremu ndi bri wirji yi ndi he ni Almasihu wa yi ni fin.
24 isiniif garuu fooniin turuun koo caalaa barbaachisaa dha.
Tsre mu ni kpa alele ni yiwu.
25 Anis kana amanadhee akka isin amantiin guddattanii fi akka isin gammaddaniif hunda keessan bira akka turu, isin wajjinis akka jiraadhun beeka.
Mi to wa yi alele ani ha na kiyi, wa mi he niyi, ni tse sroun bi, ni mi sroun bi.
26 Kunis ani ammas isin biratti argamuu kootiin of jajuun isin Kiristoos Yesuusitti qabdan sababii kootiin akka baayʼatuuf.
Yagan bi ni mi Almasihu Kristi a ni gji kwui do kba ye ni yi.
27 Waan fedhe iyyuu taʼu akka wangeela Kiristoosiif malutti jiraadhaa. Yoos ani dhufee isin arguunis taʼu yookaan fagoo taaʼee waaʼee keessan dhagaʼuu qofaan, akka isin amantii wangeelaatiif jettanii akkuma nama tokkootti tattaaffachuun hafuura tokkoon jabaattanii dhaabattan nan beeka.
Tsre gyegyer ni kon Rji, ko mi ye komina ye na mi ku wo bi kyi gbegba ni mi enbru ndidi. me gri ndu mi wo ndi bisi tsre gyegyer ni kon Rji.
28 Isin waanuma tokkoon illee mormitoota keessaniin hin raafaminaa. Kun isaaniif mallattoo badiisaa ti; isiniif immoo mallattoo fayyinaa ti; kunis hojii Waaqaa ti.
Na klu sistri biwa mbana son yina. ni mba wu a kwu ni tawu a kon ndurh ma wayi rji ni Rji.
29 Isin akka Kiristoositti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii;
Mba te didi niwu dun Almasihu ana kpa Almasihu megen na, bi sha ya men.
30 kunis walʼaansoo ani keessa ture isa argitan sanaa fi isa ani amma iyyuu keessa jiru kan dhageessan kana keessa darbuutti waan jirtaniifii dha.
Bizi shaya iri mu wa bi zi to, wa bi zi wo sha yan.

< Fiiliphisiyuus 1 >