< Fiilmoonaa 1 >

1 Phaawulos isa Kiristoos Yesuusiif jedhee hidhamee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa, Gara Fiilmoonaa isa jaallatamaa fi hojjetaa hidhata keenya taʼe sanaatti;
Paul, a prisoner of Christ Jesus, and Timothy our brother, to Philemon our beloved and fellow-worker,
2 akkanumas gara obboleettii keenya Aphifiyaatti, gara Arkiphaa isa nu wajjin loltuu taʼeetti, gara waldaa kiristaanaa ishee mana keetti walitti qabamtuuttis:
and to Apphia our sister, and to Archippus our fellow-soldier, and to the church in thy house:
3 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
Grace to you and peace from God our Father and the Lord Jesus Christ.
4 Ani yeroo kadhannaa koo keessatti si yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha;
I thank my God always, making mention of thee in my prayers,
5 ani waaʼee amantii kee kan ati Gooftaa Yesuusitti qabduu fi waaʼee jaalala kee kan ati qulqulloota isaa hundaaf qabduu nan dhagaʼaatii.
hearing of thy love, and of the faith which thou hast toward the Lord Jesus, and toward all the saints;
6 Ani akka ati waaʼee waan gaarii nu Kiristoosiin qabnu hundumaa hubannaa guutuu qabaattee amantii kee namaan gaʼuuf jabaattu nan kadhadha.
that the fellowship of thy faith may become effectual, in the knowledge of every good thing which is in you, unto Christ.
7 Yaa obboleessa, waan ati garaa qulqullootaa qabbaneessiteef jaalalli kee gammachuu fi jajjabina guddaa naa kenneera.
For I had much joy and comfort in thy love, because the hearts of the saints have been refreshed through thee, brother.
8 Kanaafuu ani akka ati waan hojjechuu qabdu hojjetu si ajajuuf yoo Kiristoosiin ija jabina qabaadhe illee,
Wherefore, though I have all boldness in Christ to enjoin thee that which is befitting,
9 sababii jaalalaatiif cimseen si kadhadha. Egaa ani Phaawulos jaarsichii fi ammas Kiristoos Yesuusiif kanan hidhame,
yet for love’s sake I rather beseech, being such a one as Paul the aged, and now a prisoner also of Christ Jesus:
10 ilma koo Oneesimoos isa ani hidhamuu kootiin dhalche sanaaf sin kadhadha.
I beseech thee for my child, whom I have begotten in my bonds, Onesimus,
11 Inni kanaan dura nama homaa si hin fayyadne ture; amma garuu siifis anaafis nama faayidaa qabu taʼeera.
who was aforetime unprofitable to thee, but now is profitable to thee and to me:
12 Ani isa, nama akka garaa kootii sana deebisee gara keetti nan erga.
whom I have sent back to thee in his own person, that is, my very heart:
13 Ani yeroon wangeelaaf hidhametti inni iddoo kee buʼee akka na tajaajiluuf of biratti isa hambifachuu barbaadeen ture.
whom I would fain have kept with me, that in thy behalf he might minister unto me in the bonds of the gospel:
14 Ani garuu gaarummaan kee utuu dirqamaan hin taʼin fedhiidhaan akka taʼuuf waanuma tokko illee eeyyama kee malee gochuu hin barbaanne.
but without thy mind I would do nothing; that thy goodness should not be as of necessity, but of free will.
15 Tarii inni yeroo gabaabaaf siin gargar baʼuun isaa akka ati deebiftee isa simattee hamma dhumaatti of bira tursituuf taʼa; (aiōnios g166)
For perhaps he was therefore parted [from thee] for a season, that thou shouldest have him for ever; (aiōnios g166)
16 atis siʼachi akka garbichaatti utuu hin taʼin, akka obboleessa jaallatamaa garbicha caalu tokkootti isa simadhu. Inni keessumattuu erga anaaf akkas jaallatamaa taʼe siif immoo fooniinis Gooftaadhaanis hammam caalaa jaallatamaa haa taʼu ree?
no longer as a servant, but more than a servant, a brother beloved, specially to me, but how much rather to thee, both in the flesh and in the Lord.
17 Egaa ati yoo akka michuu keetiitti na ilaalte akkuma na simatutti isas simadhu.
If then thou countest me a partner, receive him as myself.
18 Yoo inni waanuma tokkoon illee si yakkee jiraate yookaan ati yoo waanuma tokko illee isa irraa qabaatte natti lakkaaʼi.
But if he hath wronged thee at all, or oweth [thee] aught, put that to mine account;
19 Ani Phaawulos siifan kaffala jedhee harkuma kootiin barreesseera. Akka ati mataan kee iyyuu kan koo taate ani homaa sitti hin himu.
I Paul write it with mine own hand, I will repay it: that I say not unto thee how that thou owest to me even thine own self besides.
20 Egaa yaa obboleessa, ani Gooftaadhaan faayidaa kana sirraa argachuu nan barbaada; Kiristoositti garaa koo naa qabbaneessi.
Yea, brother, let me have joy of thee in the Lord: refresh my heart in Christ.
21 Akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekuudhaan ajajamuu kee amanadhee siifan barreessa.
Having confidence in thine obedience I write unto thee, knowing that thou wilt do even beyond what I say.
22 Kana malees ani kadhannaa keessaniin akkan isiniif kennamu waanan abdadhuuf mana boqonnaa naa qopheessi.
But withal prepare me also a lodging: for I hope that through your prayers I shall be granted unto you.
23 Ephaafiraan inni Kiristoos Yesuusiif jedhee na wajjin hidhame nagaa siif dhaama.
Epaphras, my fellow-prisoner in Christ Jesus, saluteth thee;
24 Akkasumas warri na wajjin hojjetan Maarqos, Arisxirokoos, Deemaasii fi Luqaas nagaa siif dhaamu.
[and so do] Mark, Aristarchus, Demas, Luke, my fellow-workers.
25 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu.
The grace of our Lord Jesus Christ be with your spirit. Amen.

< Fiilmoonaa 1 >