< Lakkoobsa 9 >

1 Waaqayyo erga isaan Gibxii baʼanii booddee jiʼa jalqabaa kan waggaa lammaffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti akkana jedhee Museetti dubbate;
Und der HERR redete zu Mose in der Wüste Sinai im zweiten Jahr, nachdem sie aus Ägypten gezogen waren, im ersten Monat, und sprach:
2 “Israaʼeloonni yeroo murtaaʼetti Faasiikaa haa ayyaaneffatan.
Laß die Kinder Israel das Passah zur bestimmten Zeit halten!
3 Isin akkuma seeraa fi dambii ayyaana kanaa hundaatti yeroo murtaaʼetti jiʼa sana keessa, dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti ayyaaneffadhaa.”
Am vierzehnten Tage dieses Monats, gegen Abend, sollt ihr es halten, zur bestimmten Zeit; nach allen seinen Satzungen und Rechten haltet es.
4 Museen akka isaan Faasiikaa ayyaaneffatan Israaʼelootatti hime;
Und Mose redete mit den Kindern Israel, daß sie das Passah hielten.
5 isaanis jiʼa jalqabaa keessa dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti ayyaaneffatan. Sabni Israaʼel akkuma Waaqayyo Musee ajajetti waan hunda godhe.
Und sie hielten das Passah am vierzehnten Tage des ersten Monats, gegen Abend, in der Wüste Sinai. Ganz wie der HERR Mose geboten hatte, so taten die Kinder Israel.
6 Isaan keessaa namoonni tokko tokko sababii reeffa tuqanii xuraaʼaniif guyyaa sana Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye. Isaan guyyuma sana gara Musee fi Aroonii dhufanii,
Da waren etliche Männer unrein von einem entseelten Menschen, so daß sie das Passah an demselben Tage nicht halten konnten; sie traten vor Mose und Aaron an demselben Tag und sprachen:
7 Museedhaan akkana jedhan; “Nu sababii reeffa namaa tuqneef xuroofneerra; garuu maaliif yeroo murtaaʼe sanatti Israaʼeloota kaan wajjin aarsaa Waaqayyoo dhiʼeessuu dhowwamne?”
Wir sind unrein von einem entseelten Menschen. Warum sollen wir zu kurz kommen, daß wir des HERRN Opfergabe nicht herzubringen dürfen unter den Kindern Israel zur bestimmten Zeit?
8 Museenis, “Hamma ani waan Waaqayyo waaʼee keessan ajaju dhagaʼutti turaa” jedheen.
Mose sprach zu ihnen: Wartet, bis ich vernehme, was euch der HERR gebietet!
9 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
Und der HERR redete zu Mose und sprach:
10 “Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Isin keessaa yookaan ilmaan keessan keessaa namni tokko yoo reeffa tuqee xuraaʼe yookaan karaa fagoo deeme, inni amma iyyuu Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu ni dandaʼa.
Sage den Kindern Israel und sprich: Wenn jemand von euch oder von euren Nachkommen durch einen Entseelten unrein wird oder fern auf der Reise ist, so soll er gleichwohl dem HERRN das Passah halten.
11 Isaanis jiʼa lammaffaa keessa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgala Faasiikaa haa ayyaaneffatan. Faasiikaa sanas Maxinoo fi baala hadhaaʼaa wajjin haa nyaatan.
Im zweiten Monat, am vierzehnten Tage, gegen Abend, sollen sie es halten und sollen es mit ungesäuertem Brot und bittern Kräutern essen,
12 Isaanis wantoota kanneen keessaa tokko iyyuu hamma ganamaatti hambisuu yookaan lafee isaa keessaa tokko iyyuu cabsuu hin qaban. Isaan yommuu Faasiikaa ayyaaneffatanitti dambiiwwan hunda duukaa buʼuu qabu.
und sollen nichts davon übriglassen bis zum Morgen, auch kein Bein daran zerbrechen; nach der ganzen Passahordnung sollen sie es halten.
13 Garuu namni qulqulluu taʼee karaa hin deemin yoo Faasiikaa ayyaaneffachuu baate inni sababii yeroo murtaaʼetti aarsaa Waaqayyoo hin dhiʼeessiniif saba isaa keessaa haa balleeffamu. Namichi sun gatii cubbuu isaa ni argata.
Wer aber rein und nicht auf der Reise ist, und läßt es anstehen, das Passah zu halten, eine solche Seele soll ausgerottet werden, weil sie des HERRN Opfergabe nicht zur bestimmten Zeit dargebracht hat; sie soll ihre Sünde tragen!
14 “‘Alagaan isin gidduu jiraatu kan Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu fedhu tokko akkuma seeraa fi dambii Faasiikaatti haa ayyaaneffatu. Isinis alagaa fi dhalataa biyyaatiif seeruma tokkicha qabaadhaa.’”
Und wenn ein Fremdling bei euch wohnt und dem HERRN das Passah halten will, so soll er es nach der Satzung und dem Rechte des Passah halten. Einerlei Satzung soll für euch gelten, für den Fremdling wie für die Landeskinder.
15 Gaafa dunkaanni qulqulluun dhaabame sana duumessi dunkaana sana jechuunis dunkaana dhuga baʼumsaa haguuge. Duumessi dunkaana qulqulluudhaan olii sunis galgalaa hamma ganamaatti ibidda fakkaata ture.
An dem Tage aber, als die Wohnung aufgerichtet ward, bedeckte die Wolke die Wohnung der Hütte des Zeugnisses, und vom Abend bis zum Morgen war sie über der Wohnung anzusehen wie Feuer.
16 Wanni kunis yeroo hunda akkanuma ture; guyyaa duumessi isa haguuga ture; halkan immoo duumessi sun ibidda fakkaata ture.
So war es beständig; die Wolke bedeckte sie, aber bei Nacht war sie anzusehen wie Feuer.
17 Yeroo duumessi sun dunkaana irraa kaʼu Israaʼeloonni kaʼanii deemu turan; lafa duumessi buʼu immoo Israaʼeloonni ni qubatu.
Sooft sich die Wolke von der Hütte erhob, brachen die Kinder Israel auf; wo aber die Wolke blieb, da lagerten sich die Kinder Israel.
18 Israaʼeloonni ajaja Waaqayyootiin kaʼanii deemu; ajajuma isaatiinis qubatu. Yeroo duumessi dunkaana qulqulluun ol jiru isaanis qubata keessa turan.
Nach dem Gebot des HERRN brachen die Kinder Israel auf, und nach dem Gebot des Herrn lagerten sie sich; solange die Wolke auf der Wohnung blieb, solange lagen sie still.
19 Yoo duumessi sun guyyaa hedduu dunkaana gubbaa tures Israaʼeloonni seera Waaqayyootiif waan ajajamaniif iddoo sanaa kaʼanii hin deeman ture.
Und wenn die Wolke viele Tage lang auf der Wohnung verharrte, so beachteten die Kinder Israel den Wink des HERRN und zogen nicht.
20 Yeroo tokko tokko duumessi sun guyyaa xinnaadhaaf dunkaana qulqulluu gubbaa oolee bula ture; isaanis ajaja Waaqayyootiin qubatu; ajajuma isaatiinis kaʼanii deemu.
Und wenn es vorkam, daß die Wolke nur etliche Tage auf der Wohnung blieb, so lagerten sie sich doch nach dem Gebot des HERRN und zogen nach dem Gebot des HERRN.
21 Yeroo tokko tokko duumessi sun galgalaa hamma ganamaatti jiraata ture; yommuu duumessi ganamaan kaʼu isaanis kaʼanii deemu. Guyyaas taʼu halkan, yeroo duumessi kaʼu isaanis kaʼanii deemu.
Und wenn es auch vorkam, daß die Wolke nur vom Abend bis zum Morgen blieb und sich alsdann erhob, so zogen sie; und wenn sie sich des Tages oder des Nachts erhob, so zogen sie auch.
22 Yeroo duumessi sun guyyaa lamas taʼu jiʼa tokko yookaan waggaa tokko dunkaana qulqulluu irra turutti Israaʼeloonni qubatuma keessa turu malee kaʼanii hin deeman ture; yeroo duumessichi kaʼutti garuu kaʼanii deemu.
Wenn sie aber zwei Tage oder einen Monat oder längere Zeit auf der Wohnung verblieb, so lagerten sich die Kinder Israel und zogen nicht; erst wenn sie sich erhob, so zogen sie.
23 Isaan ajaja Waaqayyootiin qubatu; ajajuma Waaqayyootiinis kaʼanii deemu. Akkuma ajaja Waaqayyo karaa Museetiin kenne sanaattis seera isaatiif ajajamu.
Nach dem Befehl des HERRN lagerten sie sich, und nach dem Befehl des HERRN zogen sie; sie achteten auf den Wink des HERRN, gemäß dem Befehl des HERRN, durch Mose.

< Lakkoobsa 9 >