< Lakkoobsa 8 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Yehova anawuza Mose kuti,
2 “Aroonitti akkana jedhii dubbadhu; ‘Yeroo ati ibsaawwan torban qabsiiftutti isaan iddoo baattuu ibsaa fuula dura jiru haa ibsan.’”
“Yankhula ndi Aaroni kuti pamene uyimika nyale zisanu ndi ziwiri, nyalezo ziziyaka kutsogolo kwa choyikapo nyale.”
3 Aroonis akkasuma godhe; innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti akka isaan fuula baattuu ibsaa duraan ifa kennaniif ibsaawwan sana qabsiise.
Aaroni anachitadi zomwezo. Anayimika nyale ndi kuziyangʼanitsa kumene kunali choyikapo nyale monga Yehova analamulira Mose.
4 Akki itti baattuun ibsaa tolfame akkana: Miilla isaa irraa jalqabee hamma daraaraa isaatti warqee tumame irraa hojjetame. Baattuun ibsaa sun akkuma fakkeenya Waaqayyo Museetti argisiise sanaatti hojjetame.
Choyikapo nyalecho chinapangidwa motere: chinasulidwa kuchokera ku golide, kuyambira pa tsinde pake mpaka ku maluwa ake. Choyikapo nyalecho chinapangidwa monga momwe Yehova anaonetsera Mose.
5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe:
Yehova anawuza Mose kuti,
6 “Saba Israaʼel keessaa Lewwota fuudhii qulqulleessi.
“Tenga Alevi pakati pa Aisraeli ndipo uwayeretse.
7 Isaan qulqulleessuufis waan kana godhi: bishaan qulqullaaʼummaa isaanitti facaasi; akka isaan dhagna isaanii guutuu haaddatanii akkasiin uffata ofii miiccatanii of qulqulleessan godhi.
Powayeretsa uchite izi: uwawaze madzi oyeretsa ndipo amete thupi lawo lonse ndi kuchapa zovala zawo kuti adziyeretse.
8 Isaanis dibicha loonii tokko kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame wajjin haa fuudhan; atis dibicha loonii lammaffaa aarsaa cubbuutiif fuudhi.
Atenge ngʼombe yayimuna yayingʼono ndi chopereka cha chakudya cha ufa wosalala wosakaniza ndi mafuta. Atengenso ngʼombe ina yayimuna, yayingʼono, ya chopereka chopepesera machimo.
9 Lewwota fuula dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼeessiitii waldaa Israaʼelootaa guutuu walitti qabi.
Ubwere nawo Aleviwo kutsogolo kwa tenti ya msonkhano ndipo usonkhanitse gulu la Aisraeli.
10 Lewwotas fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessi; sabni Israaʼel harka isaanii Lewwota irra haa kaaʼan.
Ubwere nawo pamaso pa Yehova, ndipo Aisraeli asanjike manja awo pa iwo.
11 Aroonis akka Lewwonni Waaqayyo tajaajiluu dandaʼaniif saba Israaʼel keessaa aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti isaan haa dhiʼeessu.
Aaroni apereke Alevi aja pamaso pa Yehova ngati chopereka choweyula kuchokera kwa Aisraeli kuti akhale okonzeka kugwira ntchito ya Yehova.
12 “Erga Lewwonni harka isaanii mataa jiboota sanaa irra kaaʼanii booddee ati Lewwotaaf araaraa buusuudhaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu, kaan immoo aarsaa gubamu godhiitii Waaqayyoof dhiʼeessi.
“Alevi akatsiriza kusanjika manja awo pa mitu ya ngʼombe zazimuna, imodzi ikhale ya nsembe yopepesera machimo ndipo inayo ikhale ya nsembe yopsereza ya kwa Yehova, kupepesera machimo a Alevi.
13 Akka Lewwonni fuula Aroonii fi fuula ilmaan isaa dura dhaabatan godhi; ergasiis aarsaa sochoofamu godhiitii Waaqayyotti isaan dhiʼeessi.
Uyimiritse Aleviwo pamaso pa Aaroni ndi ana ake aamuna ndipo uwapereke ngati nsembe yoweyula kwa Yehova.
14 Haala kanaan Israaʼeloota kaan keessaa Lewwota addaan baasi; Lewwonnis kan koo haa taʼan.
Pochita zimenezi mudzapatula Alevi pakati pa Aisraeli ndipo Aleviwo adzakhala anga.
15 “Erga ati Lewwota qulqulleessitee aarsaa sochoofamu gootee isaan dhiʼeessitee booddees isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf haa dhufan.
“Utatha kuyeretsa ndi kupereka Aleviwo monga nsembe yoweyula, apite kukagwira ntchito yawo ku tenti ya msonkhano.
16 Isaan Israaʼeloota keessaa guutumaan guutuutti naaf kennamuu qabu. Ani qooda hangafa saba Israaʼel kan gadameessa saaqu hundaa Lewwota ofii kootiif fudhadheera.
Iwo ndiwo Aisraeli amene aperekedwa kwathunthu kwa Ine. Ndawatenga kuti akhale anga mʼmalo mwa mwana wamwamuna aliyense woyamba kubadwa wa Mwisraeli aliyense wamkazi.
17 Israaʼel keessaa dhiirri hangafni hundi namas taʼu horiin kan koo ti. Ani yeroon biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeese sana ofii kootiifan addaan isaan baafadhe.
Mwana aliyense wamwamuna woyamba kubadwa mu Israeli, kaya wa munthu kapena wa ziweto, ndi wanga. Pamene ndinakantha ana oyamba kubadwa ku Igupto, ndinawapatulira kwa Ine mwini.
18 Ani qooda ilmaan Israaʼel hangafoota hundaa Lewwota fudhadheera.
Ndipo ndatenga Alevi mʼmalo mwa ana aamuna onse oyamba kubadwa mu Israeli.
19 Yommuu Israaʼeloonni iddoo qulqulluutti dhiʼaatanitti akka dhaʼichi isaan hin arganneef, akka isaan Israaʼelootaaf araara buusanii fi akka isaan tajaajila Israaʼelootaa dunkaana wal gaʼii keessatti raawwataniif ani Lewwota saba Israaʼel hunda keessaa Aroonii fi ilmaan isaatiif kennaa godhee kenneera.”
Mwa Aisraeli onse, ndapereka Alevi kuti akhale mphatso kwa Aaroni ndi ana ake aamuna kugwira ntchito ya ku tenti ya msonkhano mʼmalo mwa Aisraeli onse kuti azikapereka nsembe yopepesera machimo, kuti mliri usadzaphe Aisraeli pamene ayandikira ku malo wopatulika.”
20 Museen, Aroonii fi waldaan Israaʼel guutuun akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana Lewwotas godhan.
Mose, Aaroni pamodzi ndi gulu lonse la Israeli anachita kwa Alevi monga momwe Yehova analamulira Mose.
21 Lewwonnis of qulqulleessanii wayyaa ofii miiccatan. Aroonis akkuma aarsaa sochoofamuutti fuula Waaqayyoo duratti isaan dhiʼeesse; isaan qulqulleessuufis araara isaaniif buuse.
Alevi anadziyeretsa ndi kuchapa zovala zawo. Kenaka Aaroni anawapereka ngati nsembe yoweyula pamaso pa Yehova ndi kuchita nsembe yopepesera machimo yowayeretsa.
22 Ergasii Lewwonni qajeelcha Aroonii fi ilmaan isaatiin hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuudhaaf dhufan. Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana Lewwotas godhan.
Zitatha zimenezi, Alevi anapita kukagwira ntchito yawo ku tenti ya msonkhano motsogozedwa ndi Aaroni ndi ana ake aamuna. Anachita kwa Alevi monga momwe Yehova analamulira Mose.
23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Yehova anawuza Mose kuti,
24 “Kun seera Lewwotaaf kennamee dha: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamii shanii fi hammasii olii hojii dunkaana wal gaʼii keessatti hirmaachuuf haa dhufan;
“Ntchito za Alevi ndi izi: Amuna a zaka 24 kapena kuposera pamenepa ndiye azibwera kudzagwira ntchito ku tenti ya msonkhano.
25 umurii waggaa shantamaatti garuu tajaajila isaanii haa dhaaban; deebiʼaniis hin tajaajilin.
Koma akakwana zaka makumi asanu, apume pa ntchito yawo ya tsiku ndi tsiku ndi kulekeratu kugwira ntchitoyo.
26 Hojii dunkaana wal gaʼii irratti obboloota ofii gargaaruu ni dandaʼu; ofii isaaniitii garuu hojii sana hin hojjetin. Egaa kun haala itti ati itti gaafatama Lewwotaa ramadduu dha.”
Atha kuthandiza abale awo kugwira ntchito za ku tenti ya msonkhano, koma iwowo asamagwire ntchitoyo. Mmenemu ndimo ugawire ntchito yomwe azigwira Alevi.”

< Lakkoobsa 8 >