< Lakkoobsa 7 >

1 Museen erga dunkaana qulqulluu sana dhaabee fixatee booddee, dunkaanichaa fi miʼa isaa hunda dibe; ni qulqulleesses. Akkasumas iddoo aarsaatii fi miʼa isaa hunda dibee qulqulleesse.
موسی در روزی که بر پا سازی خیمهٔ عبادت را به پایان رسانید تمامی قسمتهای آن و نیز مذبح و لوازم آن را تدهین و تقدیس نمود.
2 Ergasii hooggantoonni Israaʼel, hangafoonni maatiiwwanii kanneen hooggantoota gosootaa taʼanii warra lakkaaʼaman sana qajeelchanis kennaa dhiʼeessan.
آنگاه رهبران اسرائیل، یعنی سران قبایل که ترتیب سرشماری را داده بودند، هدایای خود را آوردند.
3 Isaanis gaariiwwan haguugaman jaʼaa fi sangoota kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo hooggantootaa irraa sangaa tokko, lama lama taʼanii immoo gaarii tokko kennaa ofii godhanii fuula Waaqayyoo duratti fidan. Kennaawwan kanneenis dunkaana qulqulluu sana duratti dhiʼeessan.
ایشان شش ارابهٔ سر پوشیده (یک ارابه برای دو رهبر) که هر ارابه را دو گاو می‌کشیدند آورده، در برابر خیمهٔ عبادت به خداوند تقدیم کردند.
4 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
آنگاه خداوند به موسی فرمود:
5 “Akka isaan hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuu keessatti fayyadaniif kennaawwan kanneen isaan harkaa fuudhi. Waan kana akkuma hojiin tokkoo tokkoo namaa barbaaddutti Lewwotatti kenni.”
«هدایای ایشان را قبول کن و از آنها برای کار خیمۀ ملاقات استفاده نما. آنها را به لاویان بده تا هر کس متناسب با خدمتش از آنها استفاده کند.»
6 Museenis gaariiwwanii fi sangoota sana fuudhee Lewwotatti kenne.
پس موسی، ارابه‌ها و گاوها را در اختیار لاویان گذاشت.
7 Innis akkuma hojii isaaniitiif malutti gaariiwwan lamaa fi sangoota afur ilmaan Geershoonitti kenne;
دو ارابه و چهار گاو به طایفهٔ جرشون داد تا برای کار خود از آنها استفاده کنند
8 gaariiwwan afurii fi sangoota saddeet akkuma hojii isaaniitiif malutti ilmaan Meraaritti kenne. Isaan hundinuu qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaa jala turan.
و چهار ارابه و هشت گاو نیز به طایفهٔ مراری که تحت رهبری ایتامار پسر هارون بودند، داد تا برای کارشان از آنها استفاده کنند.
9 Ilmaan Qohaati garuu sababii miʼa qulqulluu gatiittiitti baachuun hojii isaanii taʼeef Museen homaa isaaniitti hin kennine.
به قهاتیان گاو یا ارابه داده نشد، چون قرار بود ایشان سهم بار خود را از اسباب مقدّس خیمهٔ عبادت، روی دوش حمل کنند.
10 Yeroo iddoon aarsaa dibametti hooggantoonni kennaawwan isaanii eebba iddoo aarsaatiif fidanii iddoo aarsaa duratti dhiʼeessan.
رهبران در روزی که مذبح تدهین شد هدایایی نیز برای تبرک آن تقدیم کردند و آنها را جلوی مذبح گذاشتند.
11 Waaqayyo Museedhaan, “Dura buʼaan tokko guyyuma tokko kennaa isaa sirna eebba iddoo aarsaa sanaatiif haa dhiʼeessu” jedhee tureetii.
خداوند به موسی فرمود: «هر روز یکی از رهبران، هدیهٔ خود را جهت تبرک مذبح تقدیم کند.»
12 Namni guyyaa jalqabaatti kennaa ofii fide Nahishoon ilma Amiinaadaab kan gosa Yihuudaa ture.
پس رهبران، هدایای خود را به ترتیب زیر تقدیم نمودند: روز از قبیله اسم رهبر اول یهودا نحشون پسر عمیناداب دوم یساکار نتنائیل پسر صوغر سوم زبولون الیاب پسر حیلون چهارم رئوبین الیصور پسر شدی‌ئور پنجم شمعون شلومی‌ئیل پسر صوریشدای ششم جاد الیاساف پسر دعوئیل هفتم افرایم الیشمع پسر عمیهود هشتم منسی جملی‌ئیل پسر فدهصور نهم بنیامین ابیدان پسر جدعونی دهم دان اخیعزر پسر عمیشدای یازدهم اشیر فجعی‌ئیل پسر عکران دوازدهم نفتالی اخیرع پسر عینان هدایای تقدیمی هر یک از رهبران که کاملاً مشابه یکدیگر بود عبارت بودند از: یک سینی نقره‌ای به وزن ۱٫۵ کیلوگرم با یک کاسهٔ نقره‌ای به وزن هشتصد گرم (برحسب مثقال عبادتگاه)، که هر دو پر از آرد مرغوب مخلوط با روغن برای هدیهٔ آردی بودند؛ یک ظرف طلایی به وزن ۱۱۰ گرم پر از بخور خوشبو؛ یک گوسالۀ نر، یک قوچ و یک برهٔ نر یک ساله برای قربانی سوختنی؛ یک بز نر برای قربانی گناه؛ دو گاو نر، پنج قوچ، پنج بز نر و پنج برهٔ نر یک ساله برای قربانی سلامتی.
13 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokkoo fi waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu kan tokkoon tokkoon isaanii akka kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
14 cilfaa warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
15 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
16 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
17 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe ture. Kennaan Nahishoon ilmi Amiinaadaab dhiʼeesse kana ture.
18 Guyyaa lammaffaattis Naatnaaʼel ilma Zuuwaar dura buʼaa Yisaakoritu kennaa isaa fide.
19 Kennaan inni fides gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kan tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
20 caabii warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
21 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
22 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
23 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Kennaan Naatnaaʼel ilma Zuuwaar kana ture.
24 Guyyaa sadaffaatti Eliiyaab ilma Heeloon hangafa ijoollee Zebuuloonitu kennaa isaa fide.
25 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
26 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
27 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
28 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
29 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaa korbeeyyii hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Eliiyaab ilma Heeloon kana ture.
30 Guyyaa afuraffaatti Eliizuur ilma Shedeeʼuur dura buʼaa ijoollee Ruubeenitu kennaa isaa fide.
31 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kan tokkoo tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
32 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
33 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
34 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
35 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaa korbeeyyii hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Eliizuur ilma Shedeeʼuur kana ture.
36 Guyyaa shanaffaatti Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi hoogganaa ijoollee Simiʼoonitu kennaa isaa fide.
37 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko, kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
38 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
39 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
40 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
41 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko ture. Egaa kennaan Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi kana ture.
42 Guyyaa jaʼaffaatti Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel dura buʼaa ijoollee Gaaditu kennaa isaa fide.
43 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kana akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkumameen guutaman,
44 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
45 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
46 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
47 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel kana ture.
48 Guyyaa torbaffaatti Eliishaamaa ilma Amiihuud dura buʼaa ijoollee Efreemitu kennaa isaa fide.
49 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkumameen guutaman,
50 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
51 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
52 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
53 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko ture. Egaa kennaan Eliishaamaa ilma Amiihuud kana ture.
54 Guyyaa saddeettaffaatti Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur hoogganaa ijoollee Minaaseetu kennaa isaa fide.
55 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
56 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
57 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe,
58 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
59 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korommii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur kana ture.
60 Guyyaa saglaffaatti Abiidaan ilma Gaadeyoon dura buʼaa ijoollee Beniyaamitu kennaa isaa fide.
61 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
62 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
63 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
64 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
65 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Abiidaan ilma Gaadeyoon kana ture.
66 Guyyaa kudhannaffaatti Ahiiʼezer ilma Amiishadaay dura buʼaa ijoollee Daanitu kennaa isaa fide.
67 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
68 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
69 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
70 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
71 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi korbeeyyii hoolaa xixinnaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Ahiiʼezer ilma Amiishadaay kana ture.
72 Guyyaa kudha tokkoffaatti Fagiʼeel ilma Okraan hoogganaa ijoollee Aasheeritu kennaa isaa fide.
73 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daaku bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
74 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame,
75 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
76 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
77 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Fagiʼeel ilma Okraan kana ture.
78 Guyyaa kudha lammaffaatti Ahiiraa ilma Eenaan hoogganaa ijoollee Niftaalemitu kennaa isaa fide.
79 Kennaan isaas gabatee meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu tokko, waciitii meetii kan akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii torbaatama ulfaatu tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii akkuma kennaa midhaaniitti daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumameen guutaman,
80 xuwwee warqee kan saqilii kudhan ulfaatee ixaanaan guutame tokko,
81 aarsaa gubamuufis dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe tokko,
82 aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee tokko,
83 aarsaa nagaatiif qaluufis sangoota lama, korbeeyyii hoolaa shan, korbeeyyii reʼee shanii fi xobbaallaawwan hoolaa shan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkoo ture. Egaa kennaan Ahiiraa ilma Eenaan kana ture.
84 Kennaan hooggantoonni Israaʼel gaafa iddoon aarsaa dibame sana sirna eebbaatiif dhiʼeessan kana ture; isaanis gabatee meetii kudha lama, waciitii meetii kudha lamaa fi xuwwee warqee kudha lama:
بنابراین، در روزی که مذبح تدهین شد آن را به‌وسیلۀ هدایایی که سران قبایل اسرائیل آورده بودند تبرک کردند. این هدایا عبارت بودند از: دوازده سینی نقره‌ای هر کدام به وزن تقریبی ۱٫۵ کیلوگرم؛ دوازده کاسهٔ نقره‌ای، هر کدام به وزن تقریبی ۸۰۰ گرم برحسب مثقال عبادتگاه (پس وزن تمام نقرهٔ اهدایی حدود ۲۸ کیلوگرم بود)؛ دوازده ظرف طلایی، هر یک به وزن تقریبی ۱۱۰ گرم که وزن کل آنها حدود ۱٫۳ کیلوگرم بود؛ دوازده گاو نر، دوازده قوچ، دوازده بز نر یک ساله (با هدایای آردی همراه آنها) برای قربانی سوختنی، دوازده بز نر برای قربانی گناه؛ بیست و چهار گاو نر جوان، شصت قوچ، شصت بز نر و شصت برهٔ نر یک ساله برای قربانی سلامتی.
85 Tokkoon tokkoon isaanii meetii saqilii dhibba tokkoo fi soddoma ulfaatu ture; tokkoon tokkoon waciitii meetii saqilii torbaatama ulfaata ture. Miʼi meetii kun akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti walumaa galatti saqilii kuma lamaa fi dhibbaa afur ulfaata ture.
86 Xuwweewwan warqee kudha lamaan kanneen ixaanaan guutamanis tokkoon tokkoon isaanii akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii kudhan ulfaatu turan. Xuwweewwan warqee walumaa galatti saqilii dhibba tokkoo fi digdama ulfaatu turan.
87 Baayʼinni horii aarsaa gubamuuf dhiʼeeffamanii walumaa galatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa kudha lama, xobbaallaawwan hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼe kudha lama ture; kennaan midhaaniis isaan wajjin dhiʼeeffameera. Korbeeyyiin reʼee kudha lama aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffamanii turan.
88 Baayʼinni horii aarsaa nagaatiif dhiʼeeffamanii walumaa galatti sangoota digdamii afur, korbeeyyii hoolaa jaatama, korbeeyyii reʼee jaatamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kanneen umuriin isaanii waggaa tokko ture. Kennaawwan erga iddoon aarsaa dibamee booddee sirna eebba isaatiif dhiʼeeffaman kanneen turan.
89 Museen yommuu Waaqayyo wajjin dubbachuuf dunkaana wal gaʼii ol seenetti teessoo araaraa kan taabota kakuu seeraa irra jiruun olitti kiirubeelii lamaan gidduudhaa sagalee isatti dubbatu dhagaʼe. Waaqayyo isa wajjin dubbate.
وقتی که موسی وارد خیمهٔ ملاقات شد تا با خدا گفتگو کند، از بالای تخت رحمت که روی صندوق عهد قرار داشت یعنی از میان دو کروبی، صدای خدا را که با او سخن می‌گفت شنید.

< Lakkoobsa 7 >