< Lakkoobsa 6 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the Lord spoke unto Moses, saying,
2 “Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu: ‘Dhiirri yookaan dubartiin tokko yoo Waaqayyoof addaan of baasuuf wareega addaa yookaan wareega Naazirummaa wareegan,
Speak unto the children of Israel, and say unto them, When either man or woman pronounce an especial vow, the vow of a Nazarite, to be abstinent in honor of the Lord:
3 daadhii wayinii fi dhugaatii nama macheessu irraa of haa eeggatan; namni sun dhangaggaaʼaa daadhii wayinii irraa hojjetame yookaan dhangaggaaʼaa dhugaatii nama macheessuu biraa hin dhugin. Inni cuunfaa gumaa wayinii dhuguu yookaan ija wayinii asheetii yookaan goggogaa isaa nyaachuu hin qabu.
Then shall he abstain from wine and strong drink, vinegar of wine, or vinegar of strong drink shall he not drink, and any infusion of grapes shall he not drink, and grapes, fresh or dried, shall he not eat.
4 Innis bara Naazirummaa isaa hunda keessa waan gumaa wayinii irraa argamu kam iyyuu sanyii isaas taʼu qola isaa nyaachuu hin qabu.
All the days of his abstinence shall he eat nothing that is made of the grape-vine, from the kernels even to the husk.
5 “‘Bara wareega addaan baafamuu isaa hunda keessa qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqin. Hamma yeroon inni itti Waaqayyoof addaan baafame sun xumuramutti inni qulqulluu haa taʼu; akka rifeensi mataa isaa guddatuufis gad haa dhiisu.
All the days of the vow of his abstinence no razor shall pass over his head: until the days be completed, in which he abstaineth in honor of the Lord, shall he be holy, letting grow untouched the hair of his head.
6 “‘Naazirichi bara Waaqayyoof addaan of baase hunda keessa reeffatti dhiʼaachuu hin qabu.
All the days of his abstinence in honor of the Lord shall he not come near any dead body.
7 Sababii mallattoon inni ittiin Waaqayyoof addaan baafame mataa isaa irra jiruuf yoo abbaan isaa yookaan haati isaa, obboleessi isaa yookaan obboleettiin isaa duʼan illee isaaniif jedhee akka seeraatti of hin xureessin.
On his father, or on his mother, on his brother, or on his sister, shall he not make himself unclean, when they die; because the consecration of his God is upon his head.
8 Inni bara itti addaan baafame sana hunda keessa kan Waaqayyoof qulqulleeffamee dha.
All the days of his abstinence is he holy unto the Lord.
9 “‘Yoo namni tokko iddoo Naazirichi jirutti akka tasaa duʼee akkasiin rifeensa inni addaan baase sana xureesse, inni guyyaa itti qulqulleeffamutti jechuunis guyyaa torbaffaatti mataa isaa haa haaddatu.
And if some one die very suddenly by him, and he thus defile his consecrated head: then shall he shave his head on the day of his being cleansed, on the seventh day shall he shave it.
10 Ergasiis inni guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fidu.
And on the eighth day shall he bring two turtle-doves, or two young pigeons, to the priest, to the door of the tabernacle of the congregation:
11 Sababii inni iddoo reeffi jirutti argamuudhaan cubbuu hojjeteef lubichi isa tokko aarsaa cubbuu, isa kaan immoo aarsaa gubamu godhee araara buusuuf haa dhiʼeessuuf. Guyyuma sanas rifeensa mataa isaa addaan haa baasu.
And the priest shall prepare the one for a sin-offering, and the other for a burnt-offering, and make an atonement for him, because he hath sinned through the dead; and he shall hallow his head on that same day.
12 Inni yeroo itti addaan baafame keessa ammas Waaqayyoof addaan of haa baasu; xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼes aarsaa yakkaa godhee haa fidu. Garuu sababii inni yeroo addaan baʼiisa isaa keessa xureeffameef guyyoonni darban hin lakkaaʼaman.
And he shall consecrate unto the Lord [again] the days of his abstinence, and he shall bring a sheep of the first year for a trespass-offering; but the prior days shall not be counted, because his consecration hath been defiled.
13 “‘Egaa yeroo addaan baʼumsi isaa xumuramutti seerri Naazirichaa kanaa dha: Inni gara karra dunkaana wal gaʼiitti haa fidamu.
And this is the law of the Nazarite: On the day when the days of his abstinence are completed, shall he present himself at the door of the tabernacle of the congregation;
14 Achitti aarsaa isaa Waaqayyoof haa dhiʼeessu; kunis xobbaallaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabnee kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe aarsaa gubamuuf, xobbaallaa hoolaa dhaltuu hirʼina hin qabne kan umuriin ishee waggaa tokko taʼe aarsaa cubbuutiif, korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne aarsaa nagaatiif,
And he shall bring his offering unto the Lord, one male sheep of the first year without blemish for a burnt-offering, and one ewe of the first year without blemish for a sin-offering, and one ram without blemish for a peace-offering,
15 kana wajjinis Maxinoo gundoo tokko, Maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa tolfame kan zayitiidhaan sukkuumame, bixxillee zayitiin irra dibame akkasumas kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii haa dhiʼeessu.
And a basket of unleavened bread, cakes of fine flour mingled with oil, and unleavened wafers anointed with oil; and their meat-offering, and their drink-offerings.
16 “‘Lubichis fuula Waaqayyoo duratti isaan fidee aarsaa cubbuutii fi aarsaa gubamu haa dhiʼeessu.
And the priest shall bring them near before the Lord, and he shall prepare his sin-offering, and his burnt-offering:
17 Innis korbeessa hoolaa sana Maxinoo gundoo irra jiru sana wajjin aarsaa nagaa godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu; akkasumas lubichi kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaa haa dhiʼeessu.
And the ram shall he prepare for a sacrifice of peace-offering unto the Lord, with the basket of unleavened bread; and the priest shall prepare his meat-offering and his drink-offering.
18 “‘Ergasii Naazirichi balbala dunkaana wal gaʼii duratti rifeensa addaan baase sana haa haaddatu. Rifeensa sanas fuudhee ibidda aarsaa nagaa jalaan jiru sana keessa haa buusu.
And the Nazarite shall shave at the door of the tabernacle of the congregation his consecrated head; and he shall take the hair of his consecrated head, and put it on the fire which is under the sacrifice of the peace-offering.
19 “‘Erga Naazirichi rifeensa ittiin addaan baafame sana haaddatee booddee lubni sun foon gatiittii korbeessa hoolaa kan affeelamee fi Maxinoo fi bixxillee hin bukaaʼin gundoo sana irraa fuudhee harka namichaa irra haa kaaʼu.
And the priest shall take the shoulder of the ram when it is cooked, and one unleavened cake out of the basket, and one unleavened wafer, and he shall put them upon the hands of the Nazarite, after he hath shaved his consecrated [head].
20 Ergasiis lubichi aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti isaan haa sochoosu; isaanis handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana wajjin lubichaaf kan qulqulleeffamanii dha. Ergasii Naazirichi daadhii wayinii dhuguu ni dandaʼa.
And the priest shall make with them a waving before the Lord; it is a holy gift for the priest, together with the breast that was waved and the shoulder that was lifted up: and after that may the Nazarite drink wine.
21 “‘Seerri Naaziricha waan kennuu dandaʼu kaan dabalatee akkuma addaan baʼumsa isaatti kennaa isaa Waaqayyoof wareegu tokkoo kanaa dha. Innis akkuma seera Naazirichaatti waan wareege sana raawwachuu qaba.’”
This is the law of the Nazarite who hath vowed; his offering unto the Lord for his abstinence, besides that which he may be able to give: according to his vow which he may vow, so must he do in addition to what is required by the law of his abstinence.
22 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the Lord spoke unto Moses, saying,
23 “Aroonii fi ilmaan isaatti akkana jedhii himi; ‘Akki isin itti Israaʼeloota eebbiftan kanaa dha. Akkana jedhaanii:
Speak unto Aaron and unto his sons, saying, Thus shall ye bless the children of Israel, saying unto them,
24 “‘“Waaqayyo si haa eebbisu; si haa eegus;
The Lord bless thee, and preserve thee;
25 Waaqayyo fuula isaa siif haa ibsu; garaa siif haa laafu.
The Lord make his face shine unto thee, and be gracious to thee;
26 Waaqayyo fuula isaa gara keetti haa deebisu; nagaas siif haa kennu.”’
The Lord lift up his countenance unto thee, and give thee peace.
27 “Akkasitti isaan maqaa koo saba Israaʼel irra kaaʼu; anis isaan nan eebbisa.”
And they shall put my name upon the children of Israel: and I will bless them.

< Lakkoobsa 6 >