< Lakkoobsa 5 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the Lord said to Moses,
2 “Nama dhukkuba gogaa kan namatti darbu qabu yookaan nama dhangalaʼaa dhagnaa qabu yookaan nama sababii waan duʼe tokkootiin xuraaʼaa taʼe kam iyyuu akka qubata keessaa baasaniif saba Israaʼel ajaji.
Give orders to the children of Israel to put outside the tent-circle every leper, and anyone who has any sort of flow from his body, and anyone who is unclean from the touch of the dead;
3 Dhiiras dubartiis gad baasaa; akka isaan qubata isaanii iddoo ani gidduu isaanii jiraadhu sana hin xureessineef qubata keessaa isaan baasaa.”
Male or female they are to be put outside the tent-circle, so that they may not make unclean my resting-place among them.
4 Israaʼeloonnis akkanuma godhanii qubata keessaa isaan baasan. Isaanis akkuma Waaqayyo Museetti hime sana godhan.
So the children of Israel did as the Lord had said to Moses, and put them outside the tent-circle.
5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the Lord said to Moses,
6 “Warra Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Yoo dhiirri yookaan dubartiin tokko karaa kamiin iyyuu nama kaanitti balleessa hojjechuudhaan Waaqayyo duratti amanamummaa dhabe, namni sun yakkamaa dha;
Say to the children of Israel, If a man or a woman does any of the sins of men, going against the word of the Lord, and is in the wrong;
7 cubbuu hojjetes himachuu qaba. Yakka isaatiifis guutumaan guutuutti haa kiisu. Kiisii sana irrattis harka shan keessaa harka tokko dabalee namicha miidhame sanaaf haa kennu.
Let them say openly what they have done; and make payment for the wrong done, with the addition of a fifth part, and give it to him to whom the wrong was done.
8 Namni yakki isa irratti hojjetame sun yoo fira aantee kan kiisii sana isaaf fuudhu qabaachuu baate garuu kiisiin sun kan Waaqayyoo ti; korbeessa hoolaa ittiin araarri isaaf buufamu wajjin lubaaf haa kennamu.
But if the man has no relation to whom the payment may be made, then the payment for sin made to the Lord will be the priest's, in addition to the sheep offered to take away his sin.
9 Buusiiwwan qulqulluun Israaʼeloonni lubatti fidan hundi kan isaa ti.
And every offering lifted up of all the holy things which the children of Israel give to the priest, will be his.
10 Wantoonni qulqulluun kanuma abbootii isaanii ti; wanni isaan lubichaaf kennan garuu kanuma lubichaa ti.’”
And every man's holy things will be his: whatever a man gives to the priest will be his.
11 Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the Lord said to Moses,
12 “Akkana jedhiitii saba Israaʼelitti dubbadhu: ‘Yoo niitiin nama kamii iyyuu karaa irraa baduudhaan isaaf amanamuu baattee
Say to the children of Israel, If any man's wife does wrong, sinning against him
13 dhiira biraa wajjin ciifte, yoo dhirsi ishees waan kana beekuu baate, yoo xuraaʼummaan ishee akkuma dhokatetti hafe, yoo namni ishee irratti dhugaa baʼu hin argamin, isheen yoo waan kana irratti hin qabamin,
By taking as her lover another man, and keeps it secret so that her husband has no knowledge of it, and there is no witness against her, and she is not taken in the act;
14 yoo dhirsa ishee hafuurri hinaaffaa qabatee inni niitii isaa shakke, yoo isheen xurooftuu taate yookaan yoo inni hinaafee ishee shakkee isheen xurooftuu hin taʼin,
If the spirit of doubt comes into her husband's heart, and he has doubts of his wife, with good cause; or if he has doubts of her without cause:
15 inni niitii isaa lubatti haa geessu. Akkasumas inni kennaa daakuu garbuu iifii harka kudhan keessaa harka tokko qooda ishee haa geessu. Kennaan midhaanii kan sababii hinaaffaatiif dhiʼeeffamu kun waan kennaa yaadannoo kan yakka yaadachiisu taʼeef, inni zayitii fi ixaana itti naquu hin qabu.
Then let him take her to the priest, offering for her the tenth part of an ephah of barley meal, without oil or perfume; for it is a meal offering of a bitter spirit, a meal offering keeping wrongdoing in mind.
16 “‘Lubichis ishee fidee fuula Waaqayyoo dura ishee haa dhaabu.
And the priest will make her come near and put her before the Lord;
17 Ergasii inni bishaan qulqulluu okkotee supheetti haa naqu; lafa dunkaana qulqulluu irraa biyyoo fuudhee bishaan sana keessa haa buusu.
And the priest will take holy water in a pot and put in it dust from the floor of the House;
18 Lubichis erga dubartii sana fuula Waaqayyoo dura dhaabee booddee rifeensa mataa ishee hiikee kennaa yaadannoo jechuunis kennaa midhaanii kan hinaaffaaf dhiʼeeffamu sana harka ishee keessa kaaʼa; bishaan hadhaaʼaa abaarsa fidu sanas harka ofiitti qabata.
And he will make the woman come before the Lord with her hair loose, and will put the meal offering, the offering of a bitter spirit, in her hands; and the priest will take in his hand the bitter water causing the curse;
19 Lubichis dubartii sana ni kakachiisa; akkanas jedhaan; “Yoo utuu ati dhirsa qabduu namni biraa si wajjin hin ciisinii fi yoo ati karaa irraa baddee hin xuraaʼin bishaan hadhaaʼaan abaarsa fidu kun si hin miidhin.
And he will make her take an oath, and say to her, If no man has been your lover and you have not been with another in place of your husband, you are free from this bitter water causing the curse;
20 Garuu ati yoo karaa irraa baddee utuu dhirsa qabduu nama dhirsa kee hin taʼin wajjin ciiftee of xureessitee argamte;”
But if you have been with another in place of your husband and have made yourself unclean with a lover:
21 kana irratti lubichi kakaa abaarsaa ishee kakachiisa; akkanas jedhaan; “Waaqayyo gudeeda kee tortorsee garaa kee illee bokoksee saba kee gidduutti kakaa fi abaarsaaf si haa godhu.
Then the priest will put the oath of the curse on the woman, and say to her, May the Lord make you a curse and an oath among your people, sending on you wasting of the legs and disease of the stomach;
22 Akka garaan kee bokokuu fi akka gudeedni kee tortoruuf bishaan abaarsa fidu kun dhagna kee haa seenu.” “‘Dubartiin sunis, “Ameen, ameen” haa jettu.
And this water of the curse will go into your body, causing disease of your stomach and wasting of your legs: and the woman will say, So be it.
23 “‘Lubichis abaarsawwan sana kitaaba maramaa irratti haa barreessu; ergasiis bishaan hadhaaʼaa sanatti irraa haa dhiqu.
And the priest will put these curses in a book, washing out the writing with the bitter water;
24 Innis akka dubartiin sun bishaan hadhaaʼaa abaarsa fidu sana dhugdu haa godhu; bishaan abaarsaa fi dhiphina hamaa fidu sunis ishee seena.
And he will give to the woman the bitter water for drink; and the bitter water causing the curse will go into her.
25 Lubichis kennaa midhaanii kan hinaaffaa sana ishee harkaa fuudhee fuula Waaqayyoo duratti sochoosee gara iddoo aarsaa fida.
And the priest will take from her hand the meal offering of doubt, waving it before the Lord, and will take it to the altar;
26 Lubni sunis kennaa midhaanii sana irraa konyee tokko kennaa yaadannootiif fuudhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; ergasiis akka dubartiin sun bishaan sana dhugdu haa godhu.
And he will take some of it in his hand, burning it on the altar as a sign, and then he will give the woman the bitter water.
27 Yoo isheen of xureessitee dhirsa isheetiif amanamuu baatte, yommuu isheen bishaan abaarsa fidu sana dhugdutti bishaan sun ishee seenee dhiphina hamaa isheetti fida; garaan ishee ni bokoka; gudeedni ishee ni tortora; isheenis saba ishee biratti abaaramtuu taati.
And it will be that if the woman has become unclean, sinning against her husband, when she has taken the bitter water it will go into her body, causing disease of the stomach and wasting of the legs, and she will be a curse among her people.
28 Garuu yoo dubartiin sun of xureessuu baattee fi yoo qulqulluu taate isheen yakka irraa bilisa taati; daʼuus ni dandeessi.
But if she is clean she will be free and will have offspring.
29 “‘Yoo dubartiin utuma dhirsa qabduu karaa irraa gortee of xureessite
This is the law for testing a wife who goes with another in place of her husband and becomes unclean;
30 yookaan yoo dhiirri sababii niitii ofii shakkuuf hafuurri hinaaffaa isa qabate, seerri hinaaffaaf kenname kanaa dha. Lubichi dubartii sana fuula Waaqayyoo dura dhaabee seera kana hunda ishee irratti haa raawwatu.
Or for a husband who, in a bitter spirit, has doubts in his heart about his wife; let him take her to the priest, who will put in force this law.
31 Dhirsi sun balleessaa irraa bilisa taʼa; dubartiin sun garuu gatii cubbuu ishee argatti.’”
Then the man will be free from all wrong, and the woman's sin will be on her.

< Lakkoobsa 5 >