< Lakkoobsa 4 >

1 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
BWANA akanena na Musa na Haruni. Akasema,
2 “Lewwota keessaa gosa Qohaatotaa balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼi.
Fanya sensa ya uzao waume wa Kohathi kutoka kwa Walawi, kwa kufuata jamaa na na familia za koo.
3 Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf dhufan hunda lakkaaʼi.
Uwahesabu wanaume ambao wana umri wa miaka thelathini hadi miaka hamsini. Hawa wataungana na kundi linalotumika kutoa huduma kwenye hema ya kukutania.
4 “Hojiin Qohaatonni wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼaniin wal qabatee dunkaana wal gaʼii keessatti hojjetan kanaa dha.
Uzao wa Kohathi watalinda vile vitu vitakatifu zaidi vilivyohifadhiwa kwa ajili yangu katika hema ya kukutania.
5 Yommuu qubanni deemuuf kaʼutti Aroonii fi ilmaan isaa ol galanii golgaa daʼeessu sana gad haa buusan; golgaa sanaanis taabota kakuu seeraatti haa haguugan.
Wakati kambi inapojiandaa kusonga mbele, Haruni na wanawe lazima waende hemani, kulishusha pazia linalotenganisha mahali patakatifu na kulifunika sanduku la ushuhuda kwa pazia hilo. Watalifunika hilo sanduku kwa ngozi za pomboo.
6 Waan kanattis gogaa duugame uffisanii huccuu bifti isaa guutumaan guutuutti cuquliisa taʼe irraan haa afan. Danqaraawwanis iddoo iddoo isaanii keessa haa galchan.
Watatandika juu yake nguo za rangi ya samawi. Watachomeka hiyo miti ya kubebea.
7 “Isaanis huccuu bifa cuquliisaa tokko minjaala Buddeena Ilaalchaatti uffisanii gabatee, caabii fi waciitii akkasumas okkotee ittiin dhibaayyuu dhiʼeessan isa irra haa kaaʼan; buddeenni yeroo hunda achii hin dhabamne sunis isa irra haa kaaʼamu.
Watatandika nguo ya rangi ya samawi kwenye meza ya mikate ya wonyesho. Juu yake wataweka sahani, vijiko, mabakuli na vikombe vya kumiminia. Mikate itakuwepo daima mezani.
8 Huccuu bildiimaa isaan irra haa diriirsan; gogaa duugame itti haa uwwisan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan.
Wataifunika na nguo ya rangi nyekundu na ngozi za pomboo. na kuweka miti ya kubebea.
9 “Huccuu bifti isaa cuquliisaa fuudhanii baattuu ibsaa kan ibsuuf tolchame ibsaa isaa wajjin, waan ittiin foʼaa ibsaa kutanii fi baattuu daaraa, meeshaawwan zayitii kanneen hojii kanaaf oolan hundas ittiin haa haguugan.
Watachukua nguo ya rangi ya samawi na kukifunika kinara, pamoja na taa zake, na koleo zake, na sahani zake na vikombe vyake vya kuwekea mafuta ya taa.
10 Ergasiis waan kanaa fi miʼa isaa hunda gogaa duugameen maranii wasaasaa ittiin waa baatan irra haa kaaʼan.
Wataweka kinara na vifaa vyake vikiwa vimefunikwa na ngozi ya pomboo, na wataweka kwenye miti ya kukibebea.
11 “Huccuu biftii isaa cuquliisa taʼes iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetametti uffisanii gogaa duugame itti haa haguugan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan.
Watafunika na nguo ya samawi katika madhabau ya dhahabu. Wataifunika na ngozi za pomboo, na kuweka ile miti ya kubebea.
12 “Meeshaawwan ittiin iddoo qulqulluu keessa tajaajilan hundas fuudhanii huccuu bifa cuquliisaatiin maranii gogaa duugameen haguuganii wasaasaa ittiin waa baatan irra haa kaaʼan.
Watavichukua vyombo vyote vya kazi takatifu na kuvizonga kwenye hiyo nguo ya rangi ya samawi. Watavifunika na ngozi za pomboo na kuviweka hivyo vyombo kwenye miti ya kubebea.
13 “Isaanis iddoo aarsaa irraa daaraa haranii huccuu diimaa dhiilgee itti haa uffisan.
Watayaondoa majivu kwenye madhabahu na kutandika nguo ya rangi ya zambarau juu yake.
14 Ergasiis miʼa iddoo aarsaa ittiin tajaajilan hunda, baattuu ibiddaa, qabduuwwan foonii, meeshaa ittiin daaraa hammaaranii fi waciitii isa irra haa kaaʼan. Gogaa duugamee isa irraan haa afan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan.
Watavieka kwenye miti ya kubebea vyombo vyote wanavyovitumia kwa kazi ya madhabahuni. Vyombo hivi ni vyetezo, majembe, mabakuli na vitu vingine vya madhabahuni. Wataifuniks madhabahu na ngozi za pomboo na kuweka ile miti ya kubebea.
15 “Erga Aroonii fi ilmaan isaa meeshaawwan qulqulluu sanaa fi miʼa qulqulluu hunda haguuganii fixanii booddee yeroo qubanni sun godaanuuf kaʼutti Qohaatonni miʼa kana baachuudhaaf haa dhufan. Isaan garuu miʼa qulqulluu sana hin tuqin; yoo tuqan ni duʼuutii. Qohaatonni waan dunkaana wal gaʼii keessa jiru hunda haa baatan.
Wakati Haruni na wanawe walipokuwa wamekamilisha kupafunika mahali patakatifu na vyombo vyote, na kambi itakapoanza kuendelea mbele, ndipo wana wa Kohathi watakapokuja kubeba vitu vya mahali patakatifu. Kama watagusa vyombo vitakatifu, lazima watakufa. Hii ni kazi ya wana wa uzao wa Kohathi, kubeba mapambo ya hema ya kukutania.
16 “Eleʼaazaar ilmi Aroon lubichaa itti gaafatamaa zayitii ibsaa, ixaana urgaaʼaa, kennaa midhaanii kan yeroo baayʼee dhiʼeeffamuu fi zayitii ittiin dibanii haa taʼu. Inni dunkaana qulqulluu hundaa fi waan isa keessa jiru hundatti, miʼaa fi meeshaawwan isaa qulqulluuttis itti gaafatamaa haa taʼu.”
Eliazari mwana wa Haruni kuhani atalinda na kusimamia mafuta ya taa, ubani mzuri, sadaka za mara kwa mara na mafuta ya upako. Atasimamia ulinzi wa hema lote na vyote vilivyomo, mahali patakatifu na vyombo vyake.”
17 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe;
BWANA akanena na Musa na Haruni. Akasema,
18 “Balbalawwan gosa Qohaatii Lewwota keessaa hin balleessinaa.
Usiruhusu kabila la Wakohathi kuondolewa kati ya Walawi.
19 Akka isaan yommuu wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼanitti dhiʼaatanitti, akka lubbuun jiraatan malee hin duuneef waan kana isaaniif godhaa: Aroonii fi ilmaan isaa iddoo qulqulluu seenanii waan tokkoon tokkoon namaa hojjetuu fi baatu haa qoqqoodan.
Walinde waishi ili wasije wakafa, kwa kufanya hivi. Wanapokuwa wanasogelea
20 Qohaatonni garuu akka hin duuneef yeroo xinnaaf illee wantoota qulqulluu ilaaluudhaaf ol seenuu hin qaban.”
wasije wakaingia ndani ili kuona eneo takatifu hata kwa kitambo, vinginevyo watakufa. Bali Haruni na wanawe wanaweza kuingia, ndipo Haruni na Wanawe watakapowapangia Wakohathi kazi maalumu ya kufanya, kwa kila mmoj.”
21 Waaqayyo Museen akkana jedhe;
BWANA akanena na Musa tena, Akasema, “Fanya sensa kwa wana Gerishoni pia, kwa kufuata familia za mababu zao, koo zao.
22 “Geershoonotas maatii maatii isaanii fi balbala balbala isaaniitiin lakkaaʼi.
Uwahesabu wale wenye umri wa mika thelathini hadi miaka hamsini.
23 Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuu dhufan hunda lakkaaʼi.
Uwahesabu wote ili waje kuungana na wale wanaotumika katika hema ya kukutania.
24 “Tajaajilli balbalawwan Geershoonotaa hojii hojjechuu fi baʼaa baachuudhaan tajaajilan kanaa dha:
Hii ndiyo itakuwa kazi ya koo za Gerishoni, wanapotumikia na wanachobeba.
25 Isaan golgaa dunkaana qulqulluu, dunkaana wal gaʼii, uffata isaa fi irra buusaa isaa kan gogaa duugame irraa hojjetame, golgaa balbala dunkaana wal gaʼii,
Watabeba pazia la masikani, hema la kukutania, na vifunikio vyake, vifuniko vya ngozi ya pomboo ambvyo viko juu yake, na pazia kwenye lango la hema ya kukutania.
26 golgaawwan dallaa dunkaana qulqulluu fi iddoo aarsaatti naannaʼee jiru sanaa, golgaa balbala isaa, funyoo fi miʼa tajaajila kanaaf fayyadu hunda baatu. Geershoononni waan wantoota kanaan hojjetamuu qabu hunda haa hojjetan.
Watabeba pazia la ua, pazia la kwenye mlango wa ua, ambao uko karibu na maskani karibu na madhabahu, kamba zake na vifaa vyote vya utumishi wake. Chochote kinachotakiwa kufanywa kutokana na vitu hivi, wao ndio watakaofanya.
27 Tajaajilli Geershoonotaa hundi baʼaa baachuus taʼu hojiin biraa ajaja Aroonii fi ilmaan isaa kennaniin haa adeemsifamu. Waan isaan baachuu qaban hundas akkuma itti gaafatama isaaniitti qoqoodaafii.
Haruni na wanawe ndio watakaongoza utumishi wa uzao wa Wagerishoni, kwa vitu vyote vile vya kusafirisha, na katika utumishi wao wote. Lazima uwagawie majukumu yao yote.
28 Tajaajilli balbalawwan Geershoonotaa dunkaana wal gaʼiitti kennan kanaa dha. Hojiin isaaniis Iitaamaar ilma Aroon lubichaatiin haa qajeelfamu.
Huu ndio utumishi wa koo za uzao wa wana wa Wagerishoni katka hema ya kukutania. Ithamari mwana wa Haruni kuhani atawaongoza katika utumishi.
29 “Meraarota balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼi.
Utawahesabu uzao wa Merari kwa koo zao, na uwapange katika familia za mabau zao,
30 Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf dhufan hunda lakkaaʼi.
kuanzia wenye umri wa miaka thelatini hadi miaka hamsini. Umuhesabu kila atakayeungana na kundi lenye utumishi katika hema ya kukutania.
31 Wanni isaan yeroo hojii dunkaana wal gaʼii hojjetanitti godhan kanaa dha: kunis tuggeewwan dunkaana qulqulluu, dagaleewwan isaa, utubootaa fi miillawwan isaanii,
Huu ndio wajibu na kazi yao katika utumishi wao kwenye hema ya kukutania. Watazilinda mbao za maskani, mataluma yake, nguzo na makalishio yake,
32 utuboota oobdiitti naannaʼanii jiran miillawwan isaanii wajjin, qofoowwan dunkaanaa, funyoowwan, miʼa isaanii hundaa fi wantoota hojii kanaaf fayyadan hunda baachuu dha. Isinis waan tokkoon tokkoon namaa baatu addaan baasaatii ramadaafii.
pamoja na nguzo za ua zinazozunguka masikani, makalishio yake, vigingi na kamba zake, na vifaa vinginevya ujenzi. Waorodheshe kwa majina na majukumu yao.
33 Tajaajilli balbalawwan Meraarotaa qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaa jala dunkaana wal gaʼii keessatti kennan kanaa dha.”
Huu ndio utumishi wa koo za uzao wa Merari, ambao wanatakiwa kufanya katika hema ya kukutania, chini ya uongozi wa Ithmari mwana wa Haruni kuhani.”
34 Museen, Aroonii fi hooggantoonni waldaas Qohaatota balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼan.
Musa na Haruni na viongozi wa watu waliwahesabu wana wa uzao wa Wakohathi kwa kufuata koo za familia za mababu zao.
35 Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessaa sana keessa hojjechuuf dhufan hundi
Waliwahesabu wale wenye umri wa miaka thelathini hadi miaka hamsini. Walimhesabu kila mmoja aliyepaswa kuungana na kundi linalotoa huduma ya utumishi kwenye hema ya kukutania.
36 balbala balbalaan lakkaaʼamanii 2,750 turan.
Waliwahesabu wanaume 2, 750 kwa kufuata koo zao.
37 Kun lakkoobsa balbalawwan Qohaatota warra dunkaana wal gaʼii keessa hojjechaa turanii ti. Musee fi Aroon akkuma ajaja Waaqayyoo kan karaa Museetiin kennameetiin isaan lakkaaʼan.
Musa na Haruni waliwahesabu wanaume wote kutoka koo na familia za Wakohathi ambao hutumika kwenye hema ya kukutania. Walifanya hivi kwa kumtii BWANA aliyewaagiza kupitia kwa Musa.
38 Geershoononni balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼaman.
Uzao wa Gerishoni walihesabiwa kufuata koo na familia za mababu zao,
39 Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessa hojjechuuf dhufan hundi
kuanzia umri wa miaka thelathini hadi miaka hamsini, kwa kila mmoja aliyetakiwa kuungana na watu wanaotoa huduma kwenye hema ya kukutania.
40 balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼamanii 2,630 turan.
Wanaume wote waliohesabiwa kufuata koo na familia za mababu zao walikuwa 2, 630.
41 Balbalawwan Geershoonotaa, warri hojii dunkaana wal gaʼii keessa hojjetan kanneen Musee fi Aroon akkuma ajaja Waaqayyootti lakkaaʼan hundi kanneenii dha.
Musa na Haruni walizihesabu koo za uzao wa Gerishoni ambao watatumika kwenye hema ya kukutania. Walifanya hivi ili kutii ambacho BWANA aliwaamuru kufanya kuptia kwa Musa.
42 Meraaronnis balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼaman.
Uzao wa Merari walihesabiwa kwa koo kupitia familia za mababu zao,
43 Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessa tajaajiluu dhufan hundi
kuanzia wenye umri wa miaka thelathini hadi miaka hamsini, kila anayepaswa kuungana na watu wanaotumika kwenye hema ya kukutania.
44 balbala balbala isaaniitiin lakkaaʼamanii 3,200 turan.
Wanaume wote waliohesabiwa kupitia koo za familia za mababu zao walikuwa 3. 200.
45 Warri balbalawwan Meraarotaa keessaa lakkaaʼaman kanneen Musee fi Aroon akkuma ajaja Waaqayyoo kan karaa Museetiin kenname sanaatti lakkaaʼan kanneenii dha.
Musa na Haruni waliwahesabu wanaume hawa, uzao wa Merari. Kw kufanya hivi walitii amri ya BWANA aliyowaaagiza kufanya kupitia kwa Musa.
46 Museen, Aroonii fi hooggantoonni Israaʼel Lewwota hunda balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼan.
Kwa hiyo Musa na Haruni na viongozi wa Israeli waliwahesabu Walawi wote kw kufuata koo na familia za mababu zao
47 Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii tajaajilaa hojjechuu fi dunkaana wal gaʼii baachuu dhufanii
kuanzia wenye umri wa miaka thelathini hadi miaka hamsini. walimhesabu kila aliyepaswa kufanya kazi kwenye masikani, na kila aliyepaswa kubeba na kulinda vitu vya kwenye hema ya kukutania.
48 lakkaaʼaman hundi 8,580 turan.
Waliwahesabu wanaume 8, 580.
49 Isaanis akkuma ajaja Waaqayyoo kan karaa Museetiin kennameetiin tokkoon tokkoon isaanii waan hojjechuu qabanitti ramadaman; wanni isaan baachuu qabanis isaanitti himame. Akkasiin isaan akkuma Waaqayyo Musee ajajetti lakkaaʼaman.
Kwa agizo la BWANA, Musa alimhesabu kila mwanamume na kutunza kumbukumbu ya kazi ambayo kila mmoja anaweza kufanya. Kwa hivyo, walitii kile ambacho BWANA alikuwa amewaagiza kufanya kupitia kwa Musa.

< Lakkoobsa 4 >