< Lakkoobsa 36 >

1 Abbootiin maatii ilmaan Giliʼaad ilma Maakiir, ilma Minaasee kanneen maatiiwwan ilmaan Yoosef keessaa dhufan sun fuula Museetii fi fuula hooggantoota abbootii maatiiwwan saba Israaʼel duratti dhiʼaatanii dubbatan;
ויקרבו ראשי האבות למשפחת בני גלעד בן מכיר בן מנשה ממשפחת בני יוסף וידברו לפני משה ולפני הנשאים ראשי אבות לבני ישראל׃
2 akkanas jedhan; “Akka ati biyyattii dhaala gootee ixaadhaan saba Israaʼeliif kennituuf Waaqayyo Gooftaa koo ajajeera; akkasumas akka ati dhaala obboleessi keenya Zelofehaad intallan isaatiif kennitu inni si ajajeera.
ויאמרו את אדני צוה יהוה לתת את הארץ בנחלה בגורל לבני ישראל ואדני צוה ביהוה לתת את נחלת צלפחד אחינו לבנתיו׃
3 Garuu yoo isaan ilmaan gosoota saba Israaʼel kaanitti heeruman dhaalli isaanii dhaala abbootii keenyaa keessaa fuudhamee dhaala gosa isaan itti heerumaniitti dabalama. Yoos dhaala ixaadhaan nuu qoodame irraa gariin isaa ni fuudhama.
והיו לאחד מבני שבטי בני ישראל לנשים ונגרעה נחלתן מנחלת אבתינו ונוסף על נחלת המטה אשר תהיינה להם ומגרל נחלתנו יגרע׃
4 Yommuu Waggaan Iyyoobeeliyyuu kan saba Israaʼel dhufutti dhaalli isaanii sun dhaala gosa isaan itti heerumaniitti dabalama; dhaalli isaaniis dhaala gosa abbootii keenyaa irraa fudhatama.”
ואם יהיה היבל לבני ישראל ונוספה נחלתן על נחלת המטה אשר תהיינה להם ומנחלת מטה אבתינו יגרע נחלתן׃
5 Kana irratti Museen akkuma Waaqayyo dubbate sana akkana jedhee saba Israaʼel ajaje: “Wanni gosti ilmaan Yoosef jedhu sirrii dha.
ויצו משה את בני ישראל על פי יהוה לאמר כן מטה בני יוסף דברים׃
6 Wanni Waaqayyo waaʼee intallan Zelofehaad ajaje kanaa dha: Isaan gosa abbaa isaanii qofa keessaa haa taʼu malee nama jaallatanitti haa heeruman.
זה הדבר אשר צוה יהוה לבנות צלפחד לאמר לטוב בעיניהם תהיינה לנשים אך למשפחת מטה אביהם תהיינה לנשים׃
7 Sababii tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala gosa abbaa isaa irraa argatu jabeessee qabatuuf, dhaalli ilmaan Israaʼel gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin.
ולא תסב נחלה לבני ישראל ממטה אל מטה כי איש בנחלת מטה אבתיו ידבקו בני ישראל׃
8 Akka tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala abbootii isaa argatuuf, gosa ilmaan Israaʼel keessaa intalli dhaala argattu kam iyyuu gosa abbaa ishee keessaa nama tokkotti heerumuu qabdi.
וכל בת ירשת נחלה ממטות בני ישראל לאחד ממשפחת מטה אביה תהיה לאשה למען יירשו בני ישראל איש נחלת אבתיו׃
9 Sababii tokkoon tokkoon gosa ilmaan Israaʼel dhaala ofii isaa jabeessee qabatuuf, dhaalli tokko iyyuu gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin.”
ולא תסב נחלה ממטה למטה אחר כי איש בנחלתו ידבקו מטות בני ישראל׃
10 Intallan Zelofehaad akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana godhan.
כאשר צוה יהוה את משה כן עשו בנות צלפחד׃
11 Intallan Zelofehaad Mahilaan, Tiirzaan, Hoglaan, Miilkaa fi Nohi ilmaan obboloota abbaa isaaniitti heeruman.
ותהיינה מחלה תרצה וחגלה ומלכה ונעה בנות צלפחד לבני דדיהן לנשים׃
12 Isaanis maatiiwwan ilmaan Minaasee ilma Yoosef keessatti waan heerumaniif dhaalli isaanii gosa maatii abbaa isaanii harkatti hafe.
ממשפחת בני מנשה בן יוסף היו לנשים ותהי נחלתן על מטה משפחת אביהן׃
13 Ajajawwanii fi murtiiwwan Waaqayyo dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti karaa Museetiin ilmaan Israaʼeliif kenne kanneenii dha.
אלה המצות והמשפטים אשר צוה יהוה ביד משה אל בני ישראל בערבת מואב על ירדן ירחו׃

< Lakkoobsa 36 >