< Lakkoobsa 35 >

1 Waaqayyos dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe;
And Jehovah spoke to Moses in the plains of Moab by the Jordan at Jericho, saying,
2 “Israaʼeloonni dhaala ofii isaaniitii argachuuf jiran keessaa magaalaawwan Lewwonni keessa jiraatan akka isaanii kennan Israaʼeloota ajaji. Lafa horii itti bobbaafatanis naannoo magaalaawwaniitti haa kennaniif.
Command the sons of Israel, that they give to the Levites from the inheritance of their possession cities to dwell in. And ye shall give suburbs for the cities round about them to the Levites.
3 Isaanis magaalaawwan keessa jiraatanii fi lafa itti loon isaaniitii fi horii isaanii kaan hunda bobbaafatan ni qabaatu.
And they shall have the cities to dwell in, and their suburbs shall be for their cattle, and for their substance, and for all their beasts.
4 “Lafti horiin itti bobbaʼu kan isin naannoo magaalaawwaniitti Lewwotaaf kennitan sun dallaa magaalaa irraa jalqabee gama hundaan dhundhuma kuma tokko achi balʼata.
And the suburbs of the cities, which ye shall give to the Levites, shall be from the wall of the city and outward a thousand cubits round about.
5 Magaalaa sana gidduutti hambisuudhaan karaa alaatiin gama baʼaatiin dhundhuma kuma lama, gama kibbaatiin dhundhuma kuma lama, gama dhiʼaatiin dhundhuma kuma lama, gama kaabaatiin immoo dhundhuma kuma lama safaraa. Iddoowwan kunneen magaalaawwan sanaaf iddoowwan itti horii bobbaafatan taʼu.
And ye shall measure outside the city for the east side two thousand cubits, and for the south side two thousand cubits, and for the west side two thousand cubits, and for the north side two thousand cubits, the city being in the midst. This shall be to them the suburbs of the cities.
6 “Magaalaawwan jaʼan isin Lewwotaaf kennitan magaalaawwan itti baqatan kanneen namni nama ajjeese itti baqatu taʼu. Magaalaawwan afurtamii lamas kanatti dabalaatii isaanii kennaa.
And of the cities which ye shall give to the Levites, there shall be the six cities of refuge, which ye shall give for the manslayer to flee to. And besides them ye shall give forty-two cities.
7 Walumaa galatti magaalaawwan afurtamii saddeet kanneen lafa tika ofii isaanii qaban Lewwotaaf kennaa.
All the cities which ye shall give to the Levites shall be forty-eight cities, them with their suburbs.
8 Magaalaawwan isin lafa Israaʼeloonni dhaalan irraa Lewwotaaf kennitan, akkuma qooda dhaala tokkoo tokkoo gosaatti haa taʼu; gosa dhaala baayʼee qabu irraa magaalaawwan baayʼee, gosa dhaala muraasa qabu irraa immoo magaalaawwan xinnoo fuudhaa.”
And concerning the cities which ye shall give of the possession of the sons of Israel, from the many ye shall take many, and from the few ye shall take few. Everyone according to his inheritance which he inherits shall give of his cities to the Levites.
9 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe:
And Jehovah spoke to Moses, saying,
10 “Israaʼelootatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Isin yommuu Yordaanosin ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti,
Speak to the sons of Israel, and say to them, When ye pass over the Jordan into the land of Canaan,
11 akka isin magaalaawwan itti baqatan kanneen namni tasa nama ajjeese itti baqatu isinii taʼaniif magaalaawwan filadhaa.
then ye shall appoint cities to be cities of refuge for you, that the manslayer who kills any person unwittingly may flee there.
12 Magaalaawwan kunneenis akka namni nama ajjeesuudhaan himatame utuu murtii argachuuf waldaa duratti hin dhiʼaatin hin duuneef iddoo inni itti nama haaloo isa baʼu jalaa baqatu taʼu.
And the cities shall be to you for refuge from the avenger, that the manslayer not die until he stands before the congregation for judgment.
13 Magaalaawwan isin kennitan jaʼan kunneenis magaalaawwan itti baqattan isinii taʼu.
And the cities which ye shall give shall be for you six cities of refuge.
14 Yordaanos gamanaan magaalaawwan sadii, Kanaʼaan keessaa immoo magaalaawwan sadii, magaalaawwan itti baqatan godhaa kennaa.
Ye shall give three cities beyond the Jordan, and three cities ye shall give in the land of Canaan. They shall be cities of refuge.
15 Magaalaawwan jaʼan kunneen akka namni tasa nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf Israaʼelootaaf, alagootaa fi saba isaan gidduu jiraatuuf iddoo itti baqatan taʼu.
For the sons of Israel, and for the stranger and for the sojourner among them, these six cities shall be for refuge, that everyone who kills any person unwittingly may flee there.
16 “‘Namni tokko yoo meeshaa sibiilaatiin nama dhaʼee namichi sun duʼe, inni ajjeese sun nama gumaa ti; namichi ajjeese sun ajjeefamuu qaba.
But if he smote him with an instrument of iron, so that he died, he is a murderer. The murderer shall surely be put to death.
17 Yookaan namni tokko yoo dhagaa nama ajjeesuu dandaʼu harkatti qabatee nama dhaʼee ajjeese, inni nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba.
And if he smote him with a stone in the hand, by which a man may die, and he died, he is a murderer. The murderer shall surely be put to death.
18 Yookaan namni tokko yoo meeshaa mukaa kan nama ajjeesuu dandaʼu harkatti qabatee nama dhaʼee namichi sun duʼe, inni ajjeese sun nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba.
Or if he smote him with a weapon of wood in the hand, by which a man may die, and he died, he is a murderer. The murderer shall surely be put to death.
19 Namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha nama ajjeese sana haa ajjeesu; inni yommuu argatutti isa haa ajjeesu.
The avenger of blood shall himself put the murderer to death. When he meets him, he shall put him to death.
20 Namni tokko yoo jibbaan nama darbatee lafaan dhaʼee yookaan beekaa waa itti darbachuudhaan isa ajjeese,
And if he thrust him from hatred, or hurled at him, lying in wait, so that he died,
21 yookaan yoo diinummaadhaan kaʼee harkaan isa dhaʼee namichi sun duʼe, inni nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba; inni nama gumaa ti. Namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha nama ajjeese sana yeroo argatutti isa haa ajjeesu.
or in enmity smote him with his hand, so that he died, he who smote him shall surely be put to death. He is a murderer. The avenger of blood shall put the murderer to death, when he meets him.
22 “‘Garuu inni yoo utuu diinummaa hin qabaatin tasa nama darbatee lafaan dhaʼe yookaan utuu hin beekin waan tokko isatti darbatee
But if he thrust him suddenly without enmity, or hurled upon him anything without lying in wait,
23 yookaan utuu isa hin argin dhagaa isa ajjeesuu dandaʼu itti gad dhiisee namichi sun duʼe, inni waan diina isaa hin taʼinii fi isa miidhuuf hin yaadiniif
or with any stone, by which a man may die, not seeing him, and cast it upon him, so that he died, and he was not his enemy, nor sought his harm,
24 waldaan sun akkuma seera kanneeniitti namicha nama ajjeese sanaa fi isa haaloo dhiigaa baʼu sana gidduutti murtii haa kennu.
then the congregation shall judge between the smiter and the avenger of blood according to these ordinances.
25 Waldaan sun namicha nama ajjeesuudhaan himatame sana harka namicha haaloo dhiigaa baʼu sanaa jalaa baasee magaalaa inni itti baqatee ture sanatti deebisee isa haa ergu. Innis hamma lubni ol aanaan zayitii qulqulluudhaan dibame sun duʼutti achuma haa turu.
And the congregation shall deliver the manslayer out of the hand of the avenger of blood, and the congregation shall restore him to his city of refuge where he fled. And he shall dwell in it until the death of the high priest, who was anointed with the holy oil.
26 “‘Taʼus yoo namichi nama ajjeese sun daarii magaalaa itti baqate sanaa keessaa baʼee
But if the manslayer shall at any time go beyond the border of his city of refuge where he flees,
27 namichi haaloo dhiigaa baʼu sun magaalaa sanaan alatti isa argate, namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha himatame sana ajjeesuu dandaʼa; yakka ajjeechaa sanaattis hin gaafatamu.
and the avenger of blood find him outside the border of his city of refuge, and the avenger of blood kills the manslayer, he shall not be guilty of blood,
28 Namichi nama ajjeese sun hamma lubni ol aanaan sun duʼutti magaalaa itti baqate keessa turuu qaba; inni erga lubichi ol aanaan duʼee booddee gara qabeenya isaatti deebiʼuu dandaʼa.
because he should have remained in his city of refuge until the death of the high priest. But after the death of the high priest the manslayer shall return into the land of his possession.
29 “‘Isaan kunneenis dhaloota dhufu keessatti lafa isin jiraattan kamitti iyyuu seeraa fi qajeelfama isiniif haa taʼan.
And these things shall be for a statute and ordinance to you throughout your generations in all your dwellings.
30 “‘Namni kam iyyuu yoo nama ajjeese namichi sun ragaa dhugaa baatonni kennaniin ajjeefama. Taʼus namni kam iyyuu dhuga baʼumsa nama tokkoo qofaan hin ajjeefamin.
Whoever kills any person, the murderer shall be slain at the mouth of witnesses, but one witness shall not testify against any person so that he dies.
31 “‘Namicha nama ajjeesee duuti isaaf malu tokko irraa gumaa lubbuu hin fudhatinaa. Inni ajjeefamuu qaba.
Moreover ye shall take no ransom for the life of a murderer who is guilty of death, but he shall surely be put to death.
32 “‘Akka inni utuu lubichi ol aanaan hin duʼin dura biyya ofii isaatti deebiʼee achi jiraatu eeyyamuuf jettanii nama gara magaalaa itti baqataniitti baqate kamiif iyyuu gumaa hin fudhatinaa.
And ye shall take no ransom for him who has fled to his city of refuge, that he may come again to dwell in the land, until the death of the priest.
33 “‘Sababii dhangalaafamuun dhiigaa biyya xureessuuf, isin biyya keessa jiraattan sana hin xureessinaa; dhiiguma namicha dhiiga dhangalaase sanaatiin malees biyya dhiigni itti dhangalaafame sanaaf araarri hin buufamu.
So ye shall not pollute the land in which ye are, for blood, it pollutes the land. And no expiation can be made for the land for the blood that is shed in it, but by the blood of him who shed it.
34 Biyya isin keessa jirtan iddoo ani jiraadhu sana hin xureessinaa. Ani Waaqayyo Israaʼeloota gidduu nan jiraadhaatii.’”
And thou shall not defile the land which ye inhabit, in the midst of which I dwell, for I, Jehovah, dwell in the midst of the sons of Israel.

< Lakkoobsa 35 >