< Lakkoobsa 34 >
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
耶和華曉諭摩西說:
2 “Akkana jedhii Israaʼeloota ajaji: ‘Yeroo isin Kanaʼaan seentanitti biyyi akka dhaalaatti isinii kennamtu sun daangaawwan kanneen qabaatti:
「你吩咐以色列人說:你們到了迦南地,就是歸你們為業的迦南四境之地,
3 “‘Daangaan keessan kan gama kibbaa Gammoojjii Siin kan qarqara Edoom irra jirtu irraa jalqaba; karaa baʼaatiin daangaan keessan kan kibbaa dhuma Galaana Soogiddaa irraa jalqaba;
南角要從尋的曠野,貼着以東的邊界;南界要從鹽海東頭起,
4 daangaan keessan kibba irraa gara tabba Aqrabiimitti deebiʼee, gara Siinitti ceʼee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis gara Hazar Adaaritti ittuma fufee gara Azimoonitti darba.
繞到亞克拉濱坡的南邊,接連到尋,直通到加低斯‧巴尼亞的南邊,又通到哈薩‧亞達,接連到押們,
5 Daangaan sunis Azimoon irraa gara laga Gibxitti deebiʼee galaana gaʼee dhuma.
從押們轉到埃及小河,直通到海為止。
6 Daangaan keessan kan gama dhiʼaa immoo qarqara Galaana guddichaa ti. Kunis gama dhiʼaatiin daangaa keessan taʼa.
「西邊要以大海為界;這就是你們的西界。
7 Daarii keessan kan kaabaatiif galaana guddaadhaa hamma Tulluu Huuritti,
「北界要從大海起,劃到何珥山,
8 Tulluu Huuriitii hamma Leeboo Hamaatiitti mallattoo tolchaa. Daariin sunis hamma Zedaaditti deemee
從何珥山劃到哈馬口,通到西達達,
9 hamma Ziifronitti itti fufee Hazar Eenaan irratti dhuma. Kunis daarii keessan kan kaabaa taʼa.
又通到西斐崙,直到哈薩‧以難。這要作你們的北界。
10 Daarii keessan kan baʼaatiifis Hazar Eenaanii jalqabaatii hamma Shefaamaatti mallattoo tolchaa.
「你們要從哈薩‧以難劃到示番為東界。
11 Daariin sunis Shefaamaa jalqabee karaa baʼa Aayiniitiin hamma Riibilaatti gad buʼa; itti fufees hamma ededa gama baʼaa Galaana Kinereetitti argamuutti deema.
這界要從示番下到亞延東邊的利比拉,又要達到基尼烈湖的東邊。
12 Daariin kunis Yordaanositti gad buʼee Galaana Soogiddaa gaʼee dhaabata. “‘Egaa biyyi gama hundaan daarii qabu kun keessan taʼa.’”
這界要下到約旦河,通到鹽海為止。這四圍的邊界以內,要作你們的地。」
13 Museen akkana jedhee Israaʼeloota ajaje: “Biyya kana dhaala godhadhaatii ixaadhaan qoodadhaa; Waaqayyo akka biyyi kun gosa sagalii fi walakkaadhaaf kennamu ajajeera;
摩西吩咐以色列人說:「這地就是耶和華吩咐拈鬮給九個半支派承受為業的;
14 maatiiwwan gosa Ruubeen, kan gosa Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee dhaala ofii fudhataniiruutii.
因為呂便支派和迦得支派按着宗族受了產業,瑪拿西半個支派也受了產業。
15 Gosoonni lamaanii fi walakkaan gosa tokkoo Yordaanos gamaa, fuullee Yerikootii gara baʼa biiftuutti karaa baʼaatiin dhaala isaanii argataniiru.”
這兩個半支派已經在耶利哥對面、約旦河東、向日出之地受了產業。」
16 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
耶和華曉諭摩西說:
17 “Maqaan namoota akka dhaalaatti lafa kana isinii qoodaniis Eleʼaazaar lubichaa fi Iyyaasuu ilma Nuunii ti.
「要給你們分地為業之人的名字是祭司以利亞撒和嫩的兒子約書亞。
18 Isinis akka isaan lafa dhaalaa qoodaniif tokkoo tokkoo gosaa keessaa hoogganaa tokko filadhaa.
又要從每支派中選一個首領幫助他們。
19 “Maqaan isaaniis kanneenii dha: “Gosa Yihuudaa keessaa, Kaaleb ilma Yefunee;
這些人的名字:猶大支派有耶孚尼的兒子迦勒。
20 gosa Simiʼoon keessaa, Shemuuʼeel ilma Amiihuud;
西緬支派有亞米忽的兒子示母利。
21 gosa Beniyaam keessaa, Eliidaad ilma Kisloon;
便雅憫支派有基斯倫的兒子以利達。
22 gosa Daan keessaa hoogganaan, Bukii ilma Yoogilii;
但支派有一個首領,約利的兒子布基。
23 gosa Minaasee ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Haniiʼeel ilma Eefoodi;
約瑟的子孫瑪拿西支派有一個首領,以弗的兒子漢聶。
24 gosa Efreem ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Qamuʼeel ilma Shiifxaan;
以法蓮支派有一個首領,拾弗但的兒子基母利。
25 gosa Zebuuloon keessaa hoogganaan, Eliisaafaan ilma Phaarnaak;
西布倫支派有一個首領,帕納的兒子以利撒番。
26 gosa Yisaakor keessaa hoogganaan, Phaaltiiʼeel ilma Azaan;
以薩迦支派有一個首領,阿散的兒子帕鐵。
27 gosa Aasheer keessaa hoogganaan, Ahiihuud ilma Sheloomii;
亞設支派有一個首領,示羅米的兒子亞希忽。
28 gosa Niftaalem keessaa hoogganaan, Phedaaʼeel ilma Amiihuud.”
拿弗他利支派有一個首領,亞米忽的兒子比大黑。」
29 Namoonni kunneen warra Waaqayyo akka isaan biyya Kanaʼaan keessatti Israaʼelootaaf dhaala hiraniif isaan ajajee dha.
這些人就是耶和華所吩咐、在迦南地把產業分給以色列人的。