< Lakkoobsa 33 >

1 Sadarkaaleen adeemsa saba Israaʼel kan yeroo isaan kutaa kutaadhaan qajeelfama Museetii fi Aroon jalatti biyya Gibxii baʼanii kana.
These [are] journeys of the sons of Israel who have come out of the land of Egypt, by their hosts, by the hand of Moses and Aaron;
2 Museen ajaja Waaqayyootiin sadarkaalee adeemsa isaanii galmeesse. Adeemsi isaaniis sadarkaa sadarkaadhaan kunoo ti:
and Moses writeth their outgoings, by their journeys, by the command of Jehovah; and these [are] their journeys, by their outgoings:
3 Israaʼeloonni jiʼa jalqabaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti guyyaa Faasiikaatti aanu Raamseedhaa kaʼanii qajeelan. Isaanis utuma warri Gibxii hundi isaan arganuu irree jabaadhaan deeman;
And they journey from Rameses in the first month, on the fifteenth day of the first month, on the morrow of the passover have the sons of Israel gone out with a high hand, before the eyes of all the Egyptians —
4 yeroo kana warri Gibxi ilmaan hangafa isaanii kanneen Waaqayyo isaan gidduudhaa fixe hunda awwaallachaa turan; waaqota warra Gibxitti Waaqayyo muree tureetii.
and the Egyptians are burying those whom Jehovah hath smitten among them, every first-born, and on their gods hath Jehovah done judgments —
5 Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukooti qubatan.
and the sons of Israel journey from Rameses, and encamp in Succoth.
6 Sukootii kaʼanii Eetaam ishee qarqara gammoojjiitti argamtu keessa qubatan.
And they journey from Succoth, and encamp in Etham, which [is] in the extremity of the wilderness;
7 Eetaamii kaʼanii gara Phii Hahiiroti kan gama baʼa Baʼaal Zefooniitti argamtuutti garagalanii Migdool bira qubatan.
and they journey from Etham, and turn back on Pi-Hahiroth, which [is] on the front of Baal-Zephon, and they encamp before Migdol.
8 Fiihahiirootii kaʼanii galaana keessa darbanii gammoojjii seenan; isaanis Gammoojjii Eetaamii keessa bultii sadii deemanii Maaraa qubatan.
And they journey from Pi-Hahiroth, and pass over through the midst of the sea, into the wilderness, and go a journey of three days in the wilderness of Etham, and encamp in Marah.
9 Maaraadhaa kaʼanii Eelim lafa burqaa kudha lamaa fi muka meexxii torbaatama qabu sana dhaqanii achi qubatan.
And they journey from Marah, and come in to Elim, and in Elim [are] twelve fountains of waters, and seventy palm trees, and they encamp there;
10 Eelimii kaʼanii Galaana Diimaa cina qubatan.
and they journey from Elim, and encamp by the Red Sea.
11 Galaana Diimaadhaa kaʼanii Gammoojjii Siin keessa qubatan.
And they journey from the Red Sea, and encamp in the wilderness of Sin;
12 Gammoojjii Siiniitii kaʼanii Dofqaa qubatan.
and they journey from the wilderness of Sin, and encamp in Dophkah.
13 Dofqaadhaa kaʼanii Aaluush qubatan.
And they journey from Dophkah, and encamp in Alush;
14 Aaluushii kaʼanii Refiidiim lafa bishaan namni dhugu hin jirre qubatan.
and they journey from Alush, and encamp in Rephidim; and there was there no water for the people to drink.
15 Refiidiimii kaʼanii Gammoojjii Siinaa keessa qubatan.
And they journey from Rephidim, and encamp in the wilderness of Sinai;
16 Gammoojjii Siinaatii kaʼanii Qiibrooti Hataabaa qubatan.
and they journey from the wilderness of Sinai, and encamp in Kibroth-Hattaavah.
17 Qiibrooti Hataabaadhaa kaʼanii Haxerooti qubatan.
And they journey from Kibroth-Hattaavah, and encamp in Hazeroth;
18 Haxerootii kaʼanii Riitmaa qubatan.
and they journey from Hazeroth, and encamp in Rithmah.
19 Riitmaadhaa kaʼanii Rimoon Phereez qubatan.
And they journey from Rithmah, and encamp in Rimmon-Parez;
20 Rimoon Phereezii kaʼanii Libnaa qubatan.
and they journey from Rimmon-Parez, and encamp in Libnah.
21 Libnaadhaa kaʼanii Riisaa qubatan.
And they journey from Libnah, and encamp in Rissah;
22 Riisaadhaa kaʼanii Qehelaataa qubatan.
and they journey from Rissah, and encamp in Kehelathah.
23 Qehelaataadhaa kaʼanii Gaara Shaafer bira qubatan.
And they journey from Kehelathah, and encamp in mount Shapher;
24 Gaara Shaafer biraa kaʼanii Haraadaa qubatan.
and they journey from mount Shapher, and encamp in Haradah.
25 Haraadaa kaʼanii Maqiheelooti qubatan.
And they journey from Haradah, and encamp in Makheloth;
26 Maqiheelootii kaʼanii Tahaati qubatan.
and they journey from Makheloth, and encamp in Tahath.
27 Tahaatii kaʼanii Taaraa qubatan.
And they journey from Tahath, and encamp in Tarah;
28 Taaraadhaa kaʼanii Miitiqaa qubatan.
and they journey from Tarah, and encamp in Mithcah.
29 Miitiqaadhaa kaʼanii Hashmoonaa qubatan.
And they journey from Mithcah, and encamp in Hashmonah;
30 Hashmoonaadhaa kaʼanii Mooserooti qubatan.
and they journey from Hashmonah, and encamp in Moseroth.
31 Mooserootii kaʼanii Benee Yaaʼakaan qubatan.
And they journey from Moseroth, and encamp in Bene-Jaakan;
32 Benee Yaaʼakaanii kaʼanii Hoori Hagidgaad qubatan.
and they journey from Bene-Jaakan, and encamp at Hor-Hagidgad.
33 Hoori Hagidgaadii kaʼanii Yoxbaataa qubatan.
And they journey from Hor-Hagidgad, and encamp in Jotbathah;
34 Yoxbaataadhaa kaʼanii Abroonaa qubatan.
and they journey from Jotbathah, and encamp in Ebronah.
35 Abroonaadhaa kaʼanii Eziyoon Geber qubatan.
And they journey from Ebronah, and encamp in Ezion-Gaber;
36 Eziyoon Geberii kaʼanii Gammoojjii Siin keessa Qaadesh qubatan.
and they journey from Ezion-Gaber, and encamp in the wilderness of Zin, which [is] Kadesh.
37 Qaadeshii kaʼanii daarii biyya Edoom irra Tulluu Hoori bira qubatan.
And they journey from Kadesh, and encamp in mount Hor, in the extremity of the land of Edom.
38 Aroon lubichis ajaja Waaqayyootiin Tulluu Hooriitti ol baʼe; innis erga Israaʼeloonni biyya Gibxiitii baʼanii booddee waggaa afurtamaffaatti guyyaa jalqaba jiʼa shanaffaatti achitti duʼe.
And Aaron the priest goeth up unto mount Hor, by the command of Jehovah, and dieth there, in the fortieth year of the going out of the sons of Israel from the land of Egypt, in the fifth month, on the first of the month;
39 Aroon yommuu Tulluu Hoori irratti duʼe sana umuriin isaa waggaa dhibba tokkoo fi digdamii sadii ture.
and Aaron [is] a son of a hundred and twenty and three years in his dying in mount Hor.
40 Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraachaa ture sun akka sabni Israaʼel dhufaa jiru dhagaʼe.
And the Canaanite — king Arad — who is dwelling in the south, in the land of Canaan, heareth of the coming of the sons of Israel.
41 Isaanis Tulluu Hooriitii kaʼanii Zalmoonaa qubatan.
And they journey from mount Hor, and encamp in Zalmonah;
42 Zalmoonaadhaa kaʼanii Phuunon qubatan.
and they journey from Zalmonah, and encamp in Punon.
43 Phuunoniidhaa kaʼanii Oobooti qubatan.
And they journey from Punon, and encamp in Oboth;
44 Oobootii kaʼanii daarii Moʼaab irra Iyyee Abaariim qubatan.
and they journey from Oboth, and encamp in Ije-Abarim, in the border of Moab.
45 Iyyiimii kaʼanii Diiboongaad qubatan.
And they journey from Iim, and encamp in Dibon-Gad;
46 Diiboongaadii kaʼanii Almoon Diiblaatayim qubatan.
and they journey from Dibon-Gad, and encamp in Almon-Diblathaim.
47 Almoon Diiblaatayimii kaʼanii Neboo tulluuwwan Abaariim bira qubatan.
And they journey from Almon-Diblathaim, and encamp in the mountains of Abarim, before Nebo;
48 Tulluuwwan Abaariimiitii kaʼanii dirreewwan Moʼaab irra, Yordaanos bira, Yerikoo gama qubatan.
and they journey from the mountains of Abarim, and encamp in the plains of Moab, by Jordan, [near] Jericho.
49 Isaanis dirreewwan Moʼaab kan Yordaanos cina Beet Yashiimootii jalqabee hamma Abeel Shixiimiitti jiru sana irra qubatan.
And they encamp by the Jordan from Beth-Jeshimoth, unto Abel-Shittim, in the plains of Moab.
50 Waaqayyos dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe;
And Jehovah speaketh unto Moses, in the plains of Moab, by Jordan, [near] Jericho, saying,
51 “Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Isin yommuu Yordaanos ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti,
'Speak unto the sons of Israel, and thou hast said unto them, When ye are passing over the Jordan unto the land of Canaan,
52 jiraattota biyya sanaa of duraa ariʼaa baasaa. Fakkiiwwan isaanii kanneen soofamanii hojjetamanii fi waaqota isaanii kanneen baqfamanii tolfaman hunda barbadeessaa; gaarran sagadaa isaanii hundas diigaa.
then ye have dispossessed all the inhabitants of the land from before you, and have destroyed all their imagery, yea, all their molten images ye destroy, and all their high places ye lay waste,
53 Sababii ani biyyattii handhuuraa godhee isinii kenneef, biyyattii dhuunfadhaa keessa jiraadhaa.
and ye have possessed the land, and dwelt in it, for to you I have given the land — to possess it.
54 Biyya sanas maatiiwwan keessaniif dhaala godhaatii ixaadhaan gargari qoodaa; maatii baayʼeedhaaf dhaala guddaa, maatii muraasaaf immoo dhaala xinnaa kennaa. Iddoon ixaadhaan isaanii baʼe kan isaanii taʼa. Isinis akkuma gosoota abbootii keessaniitti dhaalaa.
'And ye have inherited the land by lot, by your families; to the many ye increase their inheritance, and to the few ye diminish their inheritance; whither the lot goeth out to him, it is his; by the tribes of your fathers ye inherit.
55 “‘Garuu yoo isin warra biyya sana jiraatan achii baasuu baattan, warri isin akka isaan achi jiraataniif dhiiftan sun akka huuba ija keessaatii fi akka qoraattii cinaacha keessaa isinitti taʼu. Biyya isin keessa jiraattan keessattis isin rakkisu.
'And if ye do not dispossess the inhabitants of the land from before you, then it hath been, those whom ye let remain of them, [are] for pricks in your eyes, and for thorns in your sides, and they have distressed you on the land in which ye are dwelling,
56 Anis waanan isaan gochuu yaade sana isinitti nan fida.’”
and it hath come to pass, as I thought to do to them — I do to you.'

< Lakkoobsa 33 >