< Lakkoobsa 31 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Jehovah spoke to Moses, saying,
2 “Saba Israaʼeliif jedhiitii warra Midiyaan irratti haaloo baʼi. Ergasii ati gara saba keetiitti walitti qabamta.”
"Avenge the children of Israel for the Midianites. Afterward you shall be gathered to your people."
3 Kana irratti Museen saba sanaan akkana jedhe; “Akka isaan warra Midiyaanitti duulanii haaloo Waaqayyoo isaan irratti baʼaniif namoota keessan keessaa muraasa hidhachiisaa.
Moses spoke to the people, saying, "Arm men from among you for the war, that they may go against Midian, to execute Jehovah's vengeance on Midian.
4 Tokkoo tokkoo gosa Israaʼel keessaa nama kuma tokko tokkoo duulatti ergaa.”
Of every tribe one thousand, throughout all the tribes of Israel, you shall send to the war."
5 Akkasitti tokkoo tokkoo gosa Israaʼel keessaa namoonni kumni tokko tokko walitti buufamanii namni kumni kudha lama lolaaf hidhate.
So there were delivered, out of the thousands of Israel, a thousand of every tribe, twelve thousand armed for war.
6 Museenis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama kuma tokko tokko Fiinehaas ilma Eleʼaazaar lubichaa isa miʼa iddoo qulqulluutii fi malakata afuufamu harkatti qabate sana wajjin gara waraanaatti erge.
Moses sent them, one thousand of every tribe, to the war, them and Phinehas the son of Eleazar the priest, to the war, with the vessels of the sanctuary and the trumpets for the alarm in his hand.
7 Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti warra Midiyaan lolanii dhiira hunda ajjeesan.
They warred against Midian, as Jehovah commanded Moses; and they killed every male.
8 Mootonni Midiyaan shanan jechuunis Eewii, Reqem, Zuuri, Huurii fi Rebaanis warra ajjeefaman keessa turan. Akkasumas Balaʼaam ilma Beʼoor goraadeedhaan ajjeesan.
They killed the kings of Midian with the rest of their slain: Evi, and Rekem, and Zur, and Hur, and Reba, the five kings of Midian: Balaam also the son of Beor they killed with the sword.
9 Israaʼeloonni dubartootaa fi ijoollee warra Midiyaan boojiʼan; loon, bushaayee fi qabeenya isaanii hundas ni saaman.
The children of Israel took captive the women of Midian and their little ones; and all their livestock, and all their flocks, and all their goods, they took for a prey.
10 Magaalaawwan Midiyaanonni keessa jiraatan hundaa fi qubatawwan isaanii hunda ibiddaan guban.
All their cities in the places in which they lived, and all their encampments, they burnt with fire.
11 Isaanis waan boojiʼanii fi waan saaman hunda namaa fi horii illee fuudhanii
They took all the spoil, and all the prey, both of man and of animal.
12 warra boojiʼan, waan qabatanii fi waan saaman gara iddoo qubata isaanii kan fuula Yerikoo dura, Yordaanos cina, dirreewwan Moʼaab keessa jiruutti gara Museetti, gara Eleʼaazaar lubichaatii fi gara waldaa Israaʼelitti fidan.
They brought the captives, and the prey, and the spoil, to Moses, and to Eleazar the priest, and to the congregation of the children of Israel, to the camp at the plains of Moab, which are by the Jordan at Jericho.
13 Museen, Eleʼaazaar lubichii fi hooggantoonni waldaa hundi qubataan alatti isaan simachuuf gad baʼan.
Moses, and Eleazar the priest, and all the leaders of the congregation, went forth to meet them outside of the camp.
14 Museenis ajajjuuwwan loltootaa jechuunis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa kanneen lolaa galanitti aare.
Moses was angry with the officers of the army, the captains of thousands and the captains of hundreds, who came from the service of the war.
15 Innis akkana jedhee isaan gaafate; “Isin maaliif dubartoota hunda hambiftan?
Moses said to them, "Have you saved all the women alive?
16 Kunoo warri waan Pheʼooritti taʼe sana keessatti gorsa Balaʼaam fudhachuudhaan akka dhaʼichi saba Waaqayyoo irra buʼuuf Israaʼeloota Waaqayyo irraa deebisan isaan turan.
Look, these caused the children of Israel, through the counsel of Balaam, to commit trespass against Jehovah in the matter of Peor, and so the plague was among the congregation of Jehovah.
17 Ammas ilmaan dhiiraa hunda fixaa; akkasumas dubartii dhiira wajjin ciifte hunda ajjeesaa.
Now therefore kill every male among the little ones, and kill every woman who has known man by lying with him.
18 Garuu dubara takkumaa dhiira wajjin hin ciisin ofii keessaniif hambifadhaa.
But all the girls, who have not known man by lying with him, keep alive for yourselves.
19 “Isin keessaa namni nama ajjeese kam iyyuu yookaan namni nama ajjeefame tuqe kam iyyuu bultii torba qubataan ala haa turu. Bultii sadaffaa fi bultii torbaffaattis ofii keessanii fi boojuu keessan qulqulleessaa.
"Encamp outside of the camp seven days: whoever has killed any person, and whoever has touched any slain, purify yourselves on the third day and on the seventh day, you and your captives.
20 Uffata hunda akkasumas waan gogaa irraa, rifeensa reʼee irraa yookaan muka irraa hojjetame hunda qulqulleessaa.”
As to every garment, and all that is made of skin, and all work of goats' hair, and all things made of wood, you shall purify yourselves."
21 Ergasiis Eleʼaazaar lubichi loltoota duula dhaqanii turan sanaan akkana jedhe; “Qajeelfamni seeraa kan Waaqayyo Museef kenne kanaa dha:
Eleazar the priest said to the men of war who went to the battle, "This is the statute of the law which Jehovah has commanded Moses:
22 Warqee, meetii, naasii, sibiila, qorqorroo, dilaalii fi
however the gold, and the silver, the bronze, the iron, the tin, and the lead,
23 wanni ibidda irraa hafuu dandaʼu kam iyyuu ibidda keessa dabarfamee qulqullaaʼuu qaba. Garuu wanni sun bishaan qulqullaaʼummaatiinis qulqulleeffamuu qaba. Wanni ibidda irra hafuu hin dandeenye kam iyyuu bishaan sanaan qulqulleeffama.
everything that may withstand the fire, you shall make to go through the fire, and it shall be clean; nevertheless it shall be purified with the water for impurity: and all that doesn't withstand the fire you shall make to go through the water.
24 Guyyaa torbaffaatti uffata keessan miiccadhaa; isinis ni qulqulleeffamtu. Ergasii qubatatti galuu dandeessu.”
You shall wash your clothes on the seventh day, and you shall be clean; and afterward you shall come into the camp."
25 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Jehovah spoke to Moses, saying,
26 “Ati, Eleʼaazaar lubichii fi abbootiin maatii waldaa sanaa namootaa fi horii boojiʼaman lakkaaʼaa.
"Take the sum of the prey that was taken, both of man and of animal, you, and Eleazar the priest, and the heads of the ancestral houses of the congregation;
27 Boojuu sanas loltoota duula dhaqanii turanii fi waldaa hunda gidduutti iddoo lamatti qoodi.
and divide the prey into two parts: between the men skilled in war, who went out to battle, and all the congregation.
28 Loltoota duulan irraa namas taʼu loon, harroota, hoolota yookaan reʼoota dhibba shan keessaa tokko Waaqayyoof gibira fuudhi.
Levy a tribute to Jehovah of the men of war who went out to battle: one soul of five hundred; of the persons, of the cattle, of the donkeys, and of the flocks.
29 Gibira sanas walakkaa qooda isaanii irraa fuudhii qooda Waaqayyoo godhiitii Eleʼaazaar lubichatti kenni.
Take it of their half, and give it to Eleazar the priest, for Jehovah's wave offering.
30 Walakkaa qooda saba Israaʼel irraa immoo namas taʼu loon, harroota, hoolota, reʼoota yookaan horii biraa shantama keessaa tokko fuudhiitii Lewwota warra itti gaafatamtoota dunkaana Waaqayyoo taʼanitti kenni.”
Of the children of Israel's half, you shall take one drawn out of every fifty, of the persons, of the cattle, of the donkeys, and of the flocks, of all the livestock, and give them to the Levites, who perform the duty of the tabernacle of Jehovah."
31 Musee fi Eleʼaazaar lubichi akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana godhan.
Moses and Eleazar the priest did as Jehovah commanded Moses.
32 Wanti boojuu loltoonni fudhatan irraa hafe hoolota 675,000,
Now the prey, over and above the booty which the men of war took, was six hundred seventy-five thousand sheep,
33 loon 72,000,
and seventy-two thousand head of cattle,
34 harroota 61,000,
and sixty-one thousand donkeys,
35 dubartoonni takkumaa dhiira wajjin hin ciisin 32,000 turan.
and thirty-two thousand persons in all, of the women who had not known man by lying with him.
36 Qoodni walakkaa kan warra duulaniif qoodame: Hoolota 337,500
The half, which was the portion of those who went out to war, was in number three hundred thirty-seven thousand five hundred sheep:
37 keessaa gibirri Waaqayyoo 675 ture;
and Jehovah's tribute of the sheep was six hundred seventy-five.
38 loon 36,000 keessaa gibirri Waaqayyoo 72 ture;
The cattle were thirty-six thousand; of which Jehovah's tribute was seventy-two.
39 harroota 30,500 keessaa gibirri Waaqayyoo 61 ture;
The donkeys were thirty thousand five hundred; of which Jehovah's tribute was sixty-one.
40 nama 16,000 keessaa gibirri Waaqayyoo 32 ture.
The persons were sixteen thousand; of whom Jehovah's tribute was thirty-two persons.
41 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sanatti gibira sana qooda Waaqayyoo godhee Eleʼaazaar lubichatti kenne.
Moses gave the tribute, which was Jehovah's wave offering, to Eleazar the priest, as Jehovah commanded Moses.
42 Qooda walakkaa kan Museen warra duulan irraa Israaʼelootaaf qoode:
Of the children of Israel's half, which Moses divided off from the men who warred
43 Walakkaan boojuu kan waldaa sanaa hoolota 337,500,
(now the congregation's half was three hundred thirty-seven thousand five hundred sheep,
44 loon 36,000,
and thirty-six thousand head of cattle,
45 harroota 30,500,
and thirty thousand five hundred donkeys,
46 nama 16,000 ture.
and sixteen thousand persons),
47 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sanatti walakkaa saba Israaʼel irraa namaa fi horii shantama keessaa tokko fuudhee Lewwota warra itti gaafatamtoota dunkaana Waaqayyoo taʼanitti kenne.
even of the children of Israel's half, Moses took one drawn out of every fifty, both of man and of animal, and gave them to the Levites, who performed the duty of the tabernacle of Jehovah; as Jehovah commanded Moses.
48 Ergasiis ajajjuuwwan loltoota kumaatama irratti aangoo qaban jechuunis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa gara Musee dhaqanii
The officers who were over the thousands of the army, the captains of thousands, and the captains of hundreds, came near to Moses;
49 akkana jedhaniin; “Nu garboonni kee loltoota ajaja keenya jala jiran lakkoofneerra; namni tokko iyyuu hin hirʼanne.
and they said to Moses, "Your servants have taken the sum of the men of war who are under our command, and there lacks not one man of us.
50 Kanaafuu nu waan tokkoon tokkoon keenya arganne jechuunis miʼa warqee, arboora, bitawoo, qubeelaa chaappaa, lootii fi amartii mormaa akka fuula Waaqayyoo duratti aarsaa araara nuu buusuuf kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu goonee fidneerra.”
We have brought Jehovah's offering, what every man has gotten, of jewels of gold, armlets, and bracelets, signet rings, earrings, and necklaces, to make atonement for our souls before Jehovah."
51 Musee fi Eleʼaazaar lubichis warqee fi faayawwan harkaan tolfaman hunda isaan harkaa fuudhan.
Moses and Eleazar the priest took their gold, even all worked jewels.
52 Warqeen ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa kennan kanneen Musee fi Eleʼaazaar akka kennaatti Waaqayyoof dhiʼeessan hundi saqilii 16,750 ulfaatu ture.
All the gold of the wave offering that they offered up to Jehovah, of the captains of thousands, and of the captains of hundreds, was sixteen thousand seven hundred fifty shekels.
53 Tokkoon tokkoon loltootaa ofii isaaniitiif boojuu fudhatanii turan.
(The men of war had taken booty, every man for himself.)
54 Musee fi Eleʼaazaar lubichis warqee sana ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa harkaa fuudhanii akka Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti ittiin yaadatamaniif dunkaana wal gaʼiitti ol galchan.
Moses and Eleazar the priest took the gold of the captains of thousands and of hundreds, and brought it into the Tent of Meeting, for a memorial for the children of Israel before Jehovah.

< Lakkoobsa 31 >