< Lakkoobsa 30 >
1 Museen abbootii gosoota Israaʼeliin akkana jedhe: “Wanni Waaqayyo ajaje kanaa dha:
And he said to the princes of the tribes of the children of Israel: This is the word that the Lord hath commanded:
2 Namni tokko yoo Waaqayyoof waa wareege yookaan akka waan tokko hojjetu ofumaa isaatiin yoo kakate, inni kakuu ofii sana hin cabsin; qooda kanaa waan dubbate hunda guutuu qaba.
If any man make a vow to the Lord, or bind himself by an oath: he shall not make his word void but shall fulfill all that he promised.
3 “Yoo intalli tokko utuma mana abbaa ishee jirtuu Waaqayyoof wareega wareegde yookaan waan tokko gochuudhaaf dirqama keessa seente,
If a woman vow any thing, and bind herself by an oath, being in her father’s house, and but yet a girl in age: if her father knew the vow that she hath promised, and the oath wherewith she hath bound her soul, and held his peace, she shall be bound by the vow:
4 yoo abbaan ishees waaʼee wareega ishee yookaan dirqama keessa seenuu ishee dhagaʼee homaa isheen jechuu baate wareegni isheettii fi dirqamni isheen seente sun hundi hin geeddaramu.
Whatsoever she promised and swore, she shall fulfill in deed.
5 Yoo abbaan ishee waan kana dhagaʼee ishee dhowwe garuu wareega ishee yookaan kakuu isheen ittiin dirqama seente keessaa tokko iyyuu hin guutamu; sababii abbaan ishee ishee dhowweef Waaqayyo ishee ni bilisoomsa.
But if her father, immediately as soon as he heard it, gainsaid it, both her vows and her oaths shall be void, neither shall she be bound to what she promised, because her father hath gainsaid it.
6 “Yoo isheen erga wareega seentee booddee yookaan erga dubbii utuu itti hin yaadin dubbatteen dirqama seentee booddee heerumte,
If she have a husband, and shall vow any thing, and the word once going out of her mouth shall bind her soul by an oath:
7 dhirsi ishees yoo waan kana dhagaʼee homaa isheen jechuu baate wareegni ishee yookaan dirqamni isheen seente sun hin geeddaramu.
The day that her husband shall hear it, and not gainsay it, she shall be bound to the vow, and shall give whatsoever she promised.
8 Garuu dhirsi ishee yoo yeroo waan kana dhagaʼutti ishee dhowwe, wareega ishee kan dirqama keessa ishee galchu yookaan waadaa isheen utuu itti hin yaadin dirqama keessa of galchite sana ishee jalaa diiga; Waaqayyos ishee bilisoomsa.
But if as soon as he heareth he gainsay it, and make her promises and the words wherewith she had bound her soul of no effect: the Lord will forgive her.
9 “Wareegni haadha hiyyeessaa yookaan dubartii dhirsa jalaa baatee, dirqamni isheen seente kam iyyuu ishee qabata.
The widow, and she that is divorced, shall fulfill whatsoever they vow.
10 “Yoo dubartiin dhirsa ishee wajjin jiraattu tokko wareega tokko wareegdee yookaan waan tokko gochuudhaaf kakuudhaan dirqama keessa of galchite,
If the wife in the house of her husband, hath bound herself by vow and by oath,
11 dhirsi ishees yoo waan kana dhagaʼee homaa isheedhaan jechuu baate yookaan yoo ishee dhowwuu baate wareegni ishee yookaan waadaan isheen ittiin dirqama keessa of galchite sun hundi hin geeddaramu.
If her husband hear, and hold his peace, and doth not disallow the promise, she shall accomplish whatsoever she had promised.
12 Garuu yoo dhirsi ishee yeroo waan kana dhagaʼutti ishee jalaa diige, wareega ishee yookaan waadaa afaan isheetii baʼe keessaa tokko iyyuu hojii irra hin oolu; sababii dhirsi ishee ishee jalaa diigeef, Waaqayyo ishee bilisoomsa.
But if forthwith he gainsay it, she shall not be bound by the promise: because her husband gainsaid it, and the Lord will be merciful to her.
13 Dhirsi ishee wareega isheen wareegdu yookaan waadaa isheen gad of qabuuf kakuudhaan seentu kam iyyuu fudhachuu yookaan diiguu ni dandaʼa.
If she vow and bind herself by oath, to afflict her soul by fasting, or abstinence from other things, it shall depend on the will of her husband, whether she shall do it, or not do it.
14 Garuu yoo dhirsi ishee guyyuma guyyaan homaa isheen jechuu baate, inni wareega ishee yookaan dirqama ishee irra jiru hunda fudhateera jechuu dha. Inni sababii gaafa waaʼee waan kanaa dhagaʼe sana homaa isheedhaan hin jedhiniif waan sana fudhateera.
But if the husband hearing it hold his peace, and defer the declaring his mind till another day: whatsoever she had vowed and promised, she shall fulfill: because immediately as he heard it, he held his peace.
15 Taʼus inni yoo erga waaʼee waan kanaa dhagaʼee booddee waadaa sana diige yakka isheetti ni gaafatama.”
But if he gainsay it after that he knew it, he shall bear her iniquity.
16 Isaan kunneen seerawwan dhirsaa fi niitii gidduu akkasumas abbaa fi intala isaa kan yeroo ijoollummaa isheetti mana isaa jirtu gidduu jiraachuu qabu kan Waaqayyo Musee ajajee dha.
These are the laws which the Lord appointed to Moses between the husband and the wife, between the father and the daughter that is as yet but a girl in age, or that abideth in her father’s house.