< Lakkoobsa 3 >

1 Yeroo Waaqayyo Tulluu Siinaa irratti Museetti dubbatetti seenaan sanyii Aroonii fi Musee kanaa dha.
This is the account of Aaron and Moses at the time the LORD spoke with Moses on Mount Sinai.
2 Maqaan ilmaan Aroon: Naadaab hangafticha, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.
These are the names of the sons of Aaron: Nadab the firstborn, then Abihu, Eleazar, and Ithamar.
3 Kunneen maqaawwan ilmaan Aroon jechuunis luboota muudaman kanneen akka luboota taʼanii tajaajilaniif dibaman sanaa ti.
These were Aaron’s sons, the anointed priests, who were ordained to serve as priests.
4 Naadaabii fi Abiihuu garuu yeroo Gammoojjii Siinaa keessatti ibidda hin eeyyamamin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessanitti fuuluma isaa duratti duʼan. Isaan ilmaan tokko illee hin qaban ture. Kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar bara abbaan isaanii Aroon lubbuun jiraatetti luboota taʼanii tajaajilan.
Nadab and Abihu, however, died in the presence of the LORD when they offered unauthorized fire before the LORD in the Wilderness of Sinai. And since they had no sons, only Eleazar and Ithamar served as priests during the lifetime of their father Aaron.
5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Then the LORD said to Moses,
6 “Gosa Lewwii fidiitii akka isaan Aroon lubicha gargaaraniif isa dura dhaabi.
“Bring the tribe of Levi and present them to Aaron the priest to assist him.
7 Isaanis hojii dunkaana qulqulluu hojjechuudhaan waan isa irraa barbaadamuu fi waan waldaa hunda irraa barbaadamu fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa raawwatan.
They are to perform duties for him and for the whole congregation before the Tent of Meeting, attending to the service of the tabernacle.
8 Isaan hojii dunkaana qulqulluu hojjetanii dirqama Israaʼelootaa guutuudhaan miʼa dunkaana wal gaʼii hunda haa eegan.
They shall take care of all the furnishings of the Tent of Meeting and fulfill obligations for the Israelites by attending to the service of the tabernacle.
9 Lewwota sana Aroonii fi ilmaan isaatti kenni; isaan warra saba Israaʼel keessaa guutumaan guutuutti isatti kennamanii dha.
Assign the Levites to Aaron and his sons; they have been given exclusively to him from among the Israelites.
10 Ati akka isaan luboota taʼanii tajaajilaniif Aroonii fi ilmaan isaa muudi; namni biraa kan iddoo qulqulluu sanatti dhiʼaatu garuu ajjeefamuu qaba.”
So you shall appoint Aaron and his sons to carry out the duties of the priesthood; but any outsider who approaches the tabernacle must be put to death.”
11 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Again the LORD spoke to Moses, saying,
12 “Kunoo ani Israaʼeloota keessaa qooda dhiira hangafa dubartoota Israaʼel hundaa Lewwota fudhadheera. Lewwonni kan koo ti;
“Behold, I have taken the Levites from among the children of Israel in place of every firstborn Israelite from the womb. The Levites belong to Me,
13 hangafti hundinuu kan kootii. Ani yeroo biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeesetti hangafa Israaʼel hunda jechuunis namas taʼu horii ofii kootiif addaan baafadheera. Isaan kan koo taʼan. Ani Waaqayyo.”
for all the firstborn are Mine. On the day I struck down every firstborn in the land of Egypt, I consecrated to Myself all the firstborn in Israel, both man and beast. They are Mine; I am the LORD.”
14 Waaqayyo Gammoojjii Siinaa keessatti Museedhaan akkana jedhe;
Then the LORD spoke to Moses in the Wilderness of Sinai, saying,
15 “Lewwota maatii isaaniitii fi balbala isaaniitiin lakkaaʼi. Dhiira jiʼa tokkoo yookaan hammasii olii hunda lakkaaʼi.”
“Number the Levites by their families and clans. You are to count every male a month old or more.”
16 Museen akkuma dubbiin Waaqayyoo isa ajajetti isaan lakkaaʼe.
So Moses numbered them according to the word of the LORD, as he had been commanded.
17 Kunneen maqaawwan ilmaan Lewwii ti: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
These were the sons of Levi by name: Gershon, Kohath, and Merari.
18 Kunneen maqaawwan ilmaan Geershoonii ti: Loobeenii fi Shimeʼii.
These were the names of the sons of Gershon by their clans: Libni and Shimei.
19 Balbalawwan Qohaatotaa: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
The sons of Kohath by their clans were Amram, Izhar, Hebron, and Uzziel.
20 Balbalawwan Meraarotaa: Mahilii fi Muusii. Kunneen akkuma maatii isaaniitti balbalawwan Lewwotaa ti.
And the sons of Merari by their clans were Mahli and Mushi. These were the clans of the Levites, according to their families.
21 Balbalawwan Liibnii fi Shimeʼii kan Geershoon turan; isaanis balbalawwan Geershoonotaa ti.
From Gershon came the Libnite clan and the Shimeite clan; these were the Gershonite clans.
22 Baayʼinni dhiirota umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen lakkaaʼaman hundaa 7,500 ture.
The number of all the males a month old or more was 7,500.
23 Balbalawwan Geershoonotaa karaa lixa biiftuutiin dunkaana qulqulluu dugda duubaan qubatan.
The Gershonite clans were to camp on the west, behind the tabernacle,
24 Hoogganaan balbalawwan Geershoonotaas Eliyaasaaf ilma Laaʼel ture.
and the leader of the families of the Gershonites was Eliasaph son of Lael.
25 Itti gaafatamni Geershoononni dunkaana wal gaʼii keessatti qabanis dunkaana qulqulluu, dunkaanaa fi irra buusaa isaa, golgaa balbala dunkaana wal gaʼii irra jiru,
The duties of the Gershonites at the Tent of Meeting were the tabernacle and tent, its covering, the curtain for the entrance to the Tent of Meeting,
26 golgaawwan oobdii, golgaa balbala dallaa kan dunkaana qulqulluu fi iddoo aarsaatti naannaʼee jiru, funyoo fi tajaajila akkanaa kennu hunda eeguu ture.
the curtains of the courtyard, the curtain for the entrance to the courtyard that surrounds the tabernacle and altar, and the cords—all the service for these items.
27 Balbalawwan Amraamotaa, Yizihaarotaa, Kebroonotaa fi Uziiʼeelotaa balbalawwan Qohaatii ti; isaanis balbalawwan Qohaatotaa turan.
From Kohath came the clans of the Amramites, the Izharites, the Hebronites, and the Uzzielites; these were the clans of the Kohathites.
28 Baayʼinni dhiirota jiʼa tokkoo fi hammasii olii hundaa 8,600 ture. Qohaatonni iddoo qulqulluu sana eeguutti itti gaafatamtoota turan.
The number of all the males a month old or more was 8,600. They were responsible for the duties of the sanctuary.
29 Balbalawwan Qohaatotaa karaa kibba dunkaana qulqulluutiin qubatan.
The clans of the Kohathites were to camp on the south side of the tabernacle,
30 Hoogganaan maatiiwwan balbalawwan Qohaatotaas Eliisaafaan ilma Uziiʼeel ture.
and the leader of the families of the Kohathites was Elizaphan son of Uzziel.
31 Isaanis taabota, minjaala, baattuu ibsaa, iddoowwan aarsaa, miʼa iddoo qulqulluu ittiin tajaajilan, golgaa fi wantoota tajaajila akkanaa kennan hunda eeguutti itti gaafatamtoota turan.
Their duties were the ark, the table, the lampstand, the altars, the articles of the sanctuary used with them, and the curtain—all the service for these items.
32 Hoogganaan Lewwotaa hangafti Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaa ture. Innis warra itti gaafatamtoota eegumsa iddoo qulqulluu turan sana irratti dibame.
The chief of the leaders of the Levites was Eleazar son of Aaron the priest; he oversaw those responsible for the duties of the sanctuary.
33 Balbalawwan Mahelootaa fi Muusotaa kan Meraarii turan; isaanis balbalawwan Meraarotaa ti.
From Merari came the clans of the Mahlites and Mushites; these were the Merarite clans.
34 Baayʼinni dhiirota umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen lakkaaʼaman hundaa 6,200 ture.
The number of all the males a month old or more was 6,200.
35 Hoogganaan maatiiwwan balbalawwan Meraarotaas Zuriiʼel ilma Abiihaayilii ti; isaanis karaa kaaba dunkaana qulqullummaatiin qubatan.
The leader of the families of the Merarites was Zuriel son of Abihail; they were to camp on the north side of the tabernacle.
36 Meraaronnis tuggeewwan dunkaana qulqulluu, dagaleewwan isaa, utubaawwan isaa, miillawwan isaa, miʼa isaa hundaa fi wantoota tajaajila akkanaa kennan hunda,
The duties assigned to the sons of Merari were the tabernacle’s frames, crossbars, posts, bases, and all its equipment—all the service for these items,
37 akkasumas utubaawwan oobdii sanatti naannaʼanii jiran, miillawwan isaanii, qofoo dunkaanaa fi funyoowwan isaa eeguuf muudaman.
as well as the posts of the surrounding courtyard with their bases, tent pegs, and ropes.
38 Museen, Aroonii fi ilmaan Aroon dunkaana qulqulluu irraa karaa baʼaa, qixa baʼa biiftuutiin fuula dunkaana wal gaʼii dura qubatan. Isaanis iddoo Israaʼelootaa buʼanii iddoo qulqulluu eeguutti itti gaafatamtoota turan. Namni biraa kan iddoo qulqulluu sanatti dhiʼaatu haa ajjeefamu.
Moses, Aaron, and Aaron’s sons were to camp to the east of the tabernacle, toward the sunrise, before the Tent of Meeting. They were to perform the duties of the sanctuary as a service on behalf of the Israelites; but any outsider who approached the sanctuary was to be put to death.
39 Lewwonni lakkaaʼaman hundi kanneen Musee fi Aroon ajaja Waaqayyootiin akkuma balbala balbala isaaniitti lakkaaʼan, dhiironni jiʼa tokkoo fi hammasii olii hundi 22,000 turan.
The total number of Levites that Moses and Aaron counted by their clans at the LORD’s command, including all the males a month old or more, was 22,000.
40 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Dhiirota Israaʼel hangafoota kanneen jiʼa tokkootii fi hammasii olii hunda lakkaaʼii maqaa isaanii barreessi.
Then the LORD said to Moses, “Number every firstborn male of the Israelites a month old or more, and list their names.
41 Qooda ijoollee Israaʼel kanneen hangafa taʼan hundaa Lewwota naa fudhadhu; qooda ilmaan hangafa horii Israaʼelootaa hundaas horii Lewwotaa naa fudhadhu. Ani Waaqayyo.”
You are to take the Levites for Me—I am the LORD—in place of all the firstborn of Israel, and the livestock of the Levites in place of all the firstborn of the livestock of the Israelites.”
42 Museen akkuma Waaqayyo isa ajajetti hangafoota Israaʼel hunda lakkaaʼe.
So Moses numbered all the firstborn of the Israelites, as the LORD had commanded him.
43 Dhiironni hangafoonni jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen maqaa maqaan barreeffaman hundii 22,273 turan.
The total number of the firstborn males a month old or more, listed by name, was 22,273.
44 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Again the LORD spoke to Moses, saying,
45 “Qooda ijoollee Israaʼel kanneen hangafa taʼan hundaa Lewwota fudhadhu; qooda horii Israaʼelootaas horii Lewwotaa fudhadhu. Lewwonni kan koo ti. Ani Waaqayyo.
“Take the Levites in place of all the firstborn of Israel, and the livestock of the Levites in place of their livestock. The Levites belong to Me; I am the LORD.
46 Israaʼeloota hangafoota 273 kanneen baayʼina Lewwotaa caalan furuuf,
To redeem the 273 firstborn Israelites who outnumber the Levites,
47 tokkoo tokkoo isaaniitiif akkuma madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii shan shan fuudhi; saqiliin tokko geeraa digdama.
you are to collect five shekels for each one, according to the sanctuary shekel of twenty gerahs.
48 Maallaqa Israaʼeloota dabalaman furuuf fuudhame sanas Aroonii fi ilmaan isaatti kenni.”
Give the money to Aaron and his sons as the redemption price for the excess among the Israelites.”
49 Museen maallaqa sana Israaʼeloota lakkoobsaan warra Lewwotaan furamaniin ol taʼan sana irraa fuudhe.
So Moses collected the redemption money from those in excess of the number redeemed by the Levites.
50 Innis akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti meetii saqilii 1,365 ulfaattu Israaʼeloota hangafa irraa fuudhe.
He collected the money from the firstborn of the Israelites: 1,365 shekels, according to the sanctuary shekel.
51 Museenis akkuma dubbii Waaqayyootti, akkuma Waaqni Musee ajajetti maallaqa furii sana Aroonii fi ilmaan isaatti kenne.
And Moses gave the redemption money to Aaron and his sons in obedience to the word of the LORD, just as the LORD had commanded him.

< Lakkoobsa 3 >