< Lakkoobsa 28 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
וידבר יהוה אל משה לאמר
2 “Ajaja kana Israaʼelootaaf kenni; akkanas jedhiin: ‘Aarsaa nyaataa kan ibiddaan anaaf dhiʼeeffamu kan fooliin isaa natti tolu sana yeroo murtaaʼetti naa dhiʼeessuu keessan mirkaneeffadhaa.’
צו את בני ישראל ואמרת אלהם את קרבני לחמי לאשי ריח ניחחי תשמרו להקריב לי במועדו
3 Akkana isaaniin jedhi; ‘Aarsaan isin ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeessitan isa kana: xobbaallaawwan hoolaa lama kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokkootii fi kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan yeroo hunda guyyuma guyyaan dhiʼeeffamu godhaa dhiʼeessaa.
ואמרת להם--זה האשה אשר תקריבו ליהוה כבשים בני שנה תמימם שנים ליום עלה תמיד
4 Xobbaallaa hoolaa tokko ganama, kaan immoo galgala dhiʼeessi.
את הכבש אחד תעשה בבקר ואת הכבש השני תעשה בין הערבים
5 Kana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitii ejersaa kan cuunfamee iinii tokko harka afur keessaa harka tokkoon sukkuumame dhiʼeessi.
ועשירית האיפה סלת למנחה בלולה בשמן כתית רביעת ההין
6 Kunis aarsaa yeroo hunda gubamu kan fooliin isaa toluu fi kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu kan Tulluu Siinaa irratti ajajamee dha.
עלת תמיד--העשיה בהר סיני לריח ניחח אשה ליהוה
7 Dhibaayyuun tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjin dhiʼeeffamus dhugaatii cimaa iinii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko haa taʼu; dhibaayyuu sanas iddoo qulqulluu keessatti Waaqayyoof dhangalaasi.
ונסכו רביעת ההין לכבש האחד בקדש הסך נסך שכר--ליהוה
8 Xobbaallaa hoolaa kaan immoo akkuma kennaa midhaaniitii fi kan dhibaayyuu wajjin ganama dhiʼeessite sanaa galgalas dhiʼeessi. Kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan fooliin isaa Waaqayyotti toluu dha.
ואת הכבש השני תעשה בין הערבים כמנחת הבקר וכנסכו תעשה אשה ריח ניחח ליהוה
9 “‘Guyyaa Sanbataa xobbaallaawwan hoolaa lama kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼee fi hirʼina hin qabne aarsaa dhibaayyuutii fi kennaa midhaanii akkasumas kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki lama zayitiidhaan sukkuumame wajjin dhiʼeessi.
וביום השבת--שני כבשים בני שנה תמימם ושני עשרנים סלת מנחה בלולה בשמן--ונסכו
10 Kunis aarsaa gubamu kan aarsaa yeroo hunda gubamuu fi dhibaayyuu isaatti dabalamee Sanbata Sanbataan dhiʼeeffamuu dha.
עלת שבת בשבתו על עלת התמיד ונסכה
11 “‘Jalqaba jiʼoota keessanii hundatti jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko taʼee fi kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii Waaqayyoof dhiʼeessaa.
ובראשי חדשיכם--תקריבו עלה ליהוה פרים בני בקר שנים ואיל אחד כבשים בני שנה שבעה תמימם
12 Tokkoo tokkoo jiboota loonii wajjin kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki lama zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeeffamuu qaba;
ושלשה עשרנים סלת מנחה בלולה בשמן לפר האחד ושני עשרנים סלת מנחה בלולה בשמן לאיל האחד
13 tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjinis kennaan midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeeffamuu qaba. Kunis aarsaa gubamu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu fi fooliin isaa toluu dha.
ועשרן עשרון סלת מנחה בלולה בשמן לכבש האחד עלה ריח ניחח אשה ליהוה
14 Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjin dhibaayyuu daadhii wayinii iinii tokkoo irraa walakkaa isaa, tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa wajjin iinii tokko irraa harka sadii keessaa harka tokko, korbeessa hoolaa sana wajjinis iinii tokko irraa harka afur keessaa harki tokko haa dhiʼeeffamu. Kunis aarsaa gubamu kan waggaa keessatti baatii haaraatti dhiʼeeffamuu dha.
ונסכיהם חצי ההין יהיה לפר ושלישת ההין לאיל ורביעת ההין לכבש--יין זאת עלת חדש בחדשו לחדשי השנה
15 Akkasumas aarsaa cubbuutiif korbeessa reʼee tokko Waaqayyoof dhiʼeessaa; innis aarsaa yeroo hunda gubamuu fi dhibaayyuu isaatti dabalamee dhiʼeeffama.
ושעיר עזים אחד לחטאת ליהוה על עלת התמיד יעשה ונסכו
16 “‘Bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaan Waaqayyoo ayyaaneffamuu qaba.
ובחדש הראשון בארבעה עשר יום--לחדש פסח ליהוה
17 Bultii kudha shanaffaa jiʼa kanaatti ayyaanatu jira; isinis guyyaa torba Maxinoo nyaattu.
ובחמשה עשר יום לחדש הזה חג שבעת ימים מצות יאכל
18 Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
ביום הראשון מקרא קדש כל מלאכת עבדה לא תעשו
19 Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeessaa.
והקרבתם אשה עלה ליהוה פרים בני בקר שנים ואיל אחד ושבעה כבשים בני שנה תמימם יהיו לכם
20 Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
ומנחתם--סלת בלולה בשמן שלשה עשרנים לפר ושני עשרנים לאיל--תעשו
21 xobbaallaawwan hoolaa torban wajjin tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaatiif iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessi.
עשרון עשרון תעשה לכבש האחד--לשבעת הכבשים
22 Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessi.
ושעיר חטאת אחד לכפר עליכם
23 Kanas aarsaa gubamu kan yeroo hunda ganama ganama dhiʼeeffamutti dabalaatii dhiʼeessaa.
מלבד עלת הבקר אשר לעלת התמיד--תעשו את אלה
24 Haaluma kanaan nyaata aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamuu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu sana bultii torbaaf guyyuma guyyaan dhiʼeessaa; innis aarsaa gubamuu fi dhibaayyuu isaa kan yeroo hunda dhiʼeeffamutti dabalamee haa dhiʼeeffamu.
כאלה תעשו ליום שבעת ימים--לחם אשה ריח ניחח ליהוה על עולת התמיד יעשה ונסכו
25 Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
וביום השביעי--מקרא קדש יהיה לכם כל מלאכת עבדה לא תעשו
26 “‘Ayyaana Torbanootaa keessa guyyaa ayyaana mataa midhaaniitti yeroo kennaa midhaan haaraa Waaqayyoof dhiʼeessitan sana wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
וביום הבכורים בהקריבכם מנחה חדשה ליהוה--בשבעתיכם מקרא קדש יהיה לכם כל מלאכת עבדה לא תעשו
27 Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa.
והקרבתם עולה לריח ניחח ליהוה--פרים בני בקר שנים איל אחד שבעה כבשים בני שנה
28 Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaan midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame haa dhiʼeeffamu. Korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki lama,
ומנחתם--סלת בלולה בשמן שלשה עשרנים לפר האחד שני עשרנים לאיל האחד
29 Xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko haa dhiʼeeffamu.
עשרון עשרון לכבש האחד--לשבעת הכבשים
30 Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko itti dabalaa dhiʼeessaa.
שעיר עזים אחד לכפר עליכם
31 Aarsaawwan kanneen dhibaayyuu isaanii wajjin, aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamuu fi kennaa midhaan isaatti dabalaatii dhiʼeessaa; horiin sunis kan hirʼina hin qabne taʼuu isaanii mirkaneeffadhaa.
מלבד עלת התמיד ומנחתו--תעשו תמימם יהיו לכם ונסכיהם

< Lakkoobsa 28 >