< Lakkoobsa 27 >
1 Balbala Minaasee ilma Yoosef keessaas intallan Zelofehaad ilma Heefer, ilma Giliʼaad, ilma Maakiirii fi ilma Minaaseetu dhiʼaate. Maqaan intallan sanaas Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha.
’Ya’yan nan mata na Zelofehad, ɗan Hefer, ɗan Gileyad, ɗan Makir, ɗan Manasse, suna cikin kabilan Manasse ɗan Yusuf, suka tafi ƙofar shiga Tentin Sujada. Sunayensu kuwa su ne Mala, Nowa, Hogla, Milka da kuma Tirza.
2 Isaanis balbala dunkaana wal gaʼii dura, fuula Musee fi Eleʼaazaar lubichaa dura, fuula hooggantootaatii fi waldaa hundaa dura dhaabatanii akkana jedhan;
Da suka tafi ƙofar shiga Tentin Sujada, sai suka tsaya a gaban Musa, Eleyazar firist, shugabannin da sauran taro, suka ce,
3 “Abbaan keenya Gammoojjii keessatti duʼe. Inni hooggantoota Qooraahi kanneen Waaqayyotti fincilan sana keessa hin turre. Garuu inni cubbudhuma ofii isaatiin duʼe. Ilmaanis hin qabu ture.
“Mahaifinmu ya mutu a hamada. Ba ya cikin mabiyan Kora waɗanda suka taru suka tayar wa Ubangiji, amma ya mutu ne saboda zunubinsa, bai kuma bar’ya’ya maza ba.
4 Maaliif maqaan abbaa keenyaa sababii inni ilma hin qabneef balbala isaa keessaa bada? Firoota abbaa keenyaa gidduutti dhaala nuu kenni.”
Me ya sa sunan mahaifinmu zai ɓace a kabilarsa don kawai ba shi da ɗa? Ka ba mu gādo cikin’yan’uwan mahaifinmu.”
5 Museen dubbii isaanii sana fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeesse;
Saboda haka Musa ya kawo maganarsu a gaban Ubangiji.
6 Waaqayyos akkana jedheen;
Ubangiji kuwa ya ce wa masa,
7 “Wanni intallan Zelofehaad jedhan kun sirrii dha. Atis firoota abbaa isaanii gidduutti dhaala kenniif; dhaala abbaa isaaniis isaaniif dabarsi.
“Abin da’ya’yan nan mata na Zelofehad suke faɗi gaskiya ne. Dole ka ba su mallaka a matsayin gādo cikin’yan’uwan mahaifinsu, ka kuma mayar musu da gādon mahaifinsu.
8 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu ilma hin dhalchin duʼe, dhaala isaa intala isaatiif dabarsaa.
“Ka faɗa wa Isra’ilawa cewa, ‘In wani ya mutu ba shi da ɗa, a ba da gādonsa ga’yarsa.
9 Yoo inni intalas qabaachuu baate dhaala isaa obboloota isaatiif kennaa.
In ba shi da diya, sai a ba wa’yan’uwansa gādonsa.
10 Yoo inni obboloota qabaachuu baate dhaala isaa obboloota abbaa isaatiif kennaa.
In ba shi da’yan’uwa, a ba da gādonsa ga’yan’uwan mahaifinsa.
11 Yoo abbaan isaa obboloota qabaachuu baate immoo dhaala isaa balbala isaa keessaa fira aanteef kennaa; firri sun haa dhaalu. Kunis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti saba Israaʼeliif sirna seera qabeessa haa taʼu.’”
In mahaifinsa ba shi da’yan’uwa, a ba da gādonsa ga danginsa na kusa, a kabilarsa don yă mallaka. Wannan ya zama ƙa’ida wa Isra’ilawa, yadda Ubangiji ya umarci Musa.’”
12 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Tulluu Abaariim kanatti ol baʼiitii biyya ani saba Israaʼeliif kenne ilaali.
Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Musa, “Hau bisa wannan dutse a Abarim. Ka ga ƙasar da na ba wa Isra’ilawa.
13 Erga biyya sana argitee booddee atis akkuma obboleessa kee Aroon gara saba keetiitti walitti qabamta;
Bayan ka gani, kai ma za ka bi ƙafafun mutanenka, kamar yadda ɗan’uwanka Haruna ya yi,
14 yeroo waldaan Gammoojjii Siin keessatti natti finciletti isin lachanuus ajaja kootti finciltanii turtaniitii. Isin bishaanota sana biratti fuula isaanii duratti qulqullina koo hin mulʼifne.” Bishaanonni kunneenis bishaanota Mariibaa Qaadesh kan Gammoojjii Siin keessa jiranii dha.
gama sa’ad da jama’a suka yi tayarwa saboda rashin ruwa a Hamadan Zin, ku biyu, ba ku kiyaye umarnina don ku ɗaukaka ni matsayin mai tsarki, a gabansu ba.” (Waɗannan su ne ruwaye na Meriba da Kadesh, a Hamadan Zin.)
15 Museenis Waaqayyoon akkana jedhe;
Musa ya ce wa Ubangiji,
16 “Waaqayyo Waaqni hafuurota nama hundaa waldaa kana irratti nama tokko haa muudu;
“Bari Ubangiji, Allah na ruhohin’yan adam, yă naɗa wani a kan wannan jama’a
17 namichi kunis akka sabni Waaqayyoo akkuma hoolota tiksee hin qabnee hin taaneef kan isaan dura gad baʼuu fi ol galu, kan gad isaan baasuu fi ol isaan galchuu dha.”
yă shiga, yă kuma fita a gabansu, wanda zai bishe su zuwa waje, yă kuma dawo da su ciki, don kada mutanen Ubangiji su zama kamar tumakin da ba su da makiyayi.”
18 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Iyyaasuu ilma Nuuni, namicha hafuurri keessa jiru sana fuudhii harka kee isa irra kaaʼi.
Sai Ubangiji ya ce wa Musa, “Ka ɗauki Yoshuwa ɗan Nun, mutumin da ruhun shugabanci yake a cikinsa, ka ɗibiya masa hannunka.
19 Akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhi; fuuluma isaanii durattis isa muudi.
Ka sa yă tsaya a gaban Eleyazar firist, da gaban dukan jama’a, sa’an nan ka keɓe shi a gabansu.
20 Akka sabni Israaʼel hundi isaaf ajajamuuf aangoo kee irraa kenniif.
Ka danƙa masa ikonka don dukan jama’a Isra’ilawa su yi masa biyayya.
21 Innis fuula Eleʼaazaar lubichaa kan fuula Waaqayyoo duratti Uriimiidhaan gaafatee murtii isaaf kennuu dura dhaabachuu qaba. Innii fi waldaan Israaʼelootaa hundi ajaja isaatiin baʼu; ajajuma isaatiinis galu.”
Zai tsaya a gaban Eleyazar firist, wanda zai nemi masa shawara ta wurin Urim a gaban Ubangiji. Da umarninsa, da shi da dukan jama’ar Isra’ilawa za su fita, da umarninsa kuma za su shiga.”
22 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe. Innis Iyyaasuu geessee akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhe.
Musa ya yi yadda Ubangiji ya umarce shi. Ya ɗauki Yoshuwa, ya sa ya tsaya a gaban Eleyazar firist, da kuma gaban dukan jama’a.
23 Ergasiis akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sana harka ofii isaa isa irra kaaʼee isa muude.
Sai ya ɗibiya masa hannuwansa, ya keɓe shi, yadda Ubangiji ya umarta ta wurin Musa.