< Lakkoobsa 27 >

1 Balbala Minaasee ilma Yoosef keessaas intallan Zelofehaad ilma Heefer, ilma Giliʼaad, ilma Maakiirii fi ilma Minaaseetu dhiʼaate. Maqaan intallan sanaas Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha.
Und die Töchter Zelophehads, des Sohnes Hephers, des Sohnes Gileads, des Sohnes Machirs, des Sohnes Manasses, unter den Geschlechtern Manasses, des Sohnes Josephs, mit Namen Mahela, Noa, Hogla, Milka und Thirza, kamen herzu
2 Isaanis balbala dunkaana wal gaʼii dura, fuula Musee fi Eleʼaazaar lubichaa dura, fuula hooggantootaatii fi waldaa hundaa dura dhaabatanii akkana jedhan;
und traten vor Mose und vor Eleasar, den Priester, und vor die Fürsten und die ganze Gemeinde vor der Tür der Hütte des Stifts und sprachen:
3 “Abbaan keenya Gammoojjii keessatti duʼe. Inni hooggantoota Qooraahi kanneen Waaqayyotti fincilan sana keessa hin turre. Garuu inni cubbudhuma ofii isaatiin duʼe. Ilmaanis hin qabu ture.
Unser Vater ist gestorben in der Wüste und war nicht mit unter der Gemeinde, die sich wider den HERRN empörte in der Rotte Korahs, sondern ist an seiner Sünde gestorben, und hatte keine Söhne.
4 Maaliif maqaan abbaa keenyaa sababii inni ilma hin qabneef balbala isaa keessaa bada? Firoota abbaa keenyaa gidduutti dhaala nuu kenni.”
Warum soll denn unsers Vaters Name unter seinem Geschlecht untergehen, weil er keinen Sohn hat? Gebt uns auch ein Gut unter unsers Vaters Brüdern!
5 Museen dubbii isaanii sana fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeesse;
Mose brachte ihre Sache vor den HERRN.
6 Waaqayyos akkana jedheen;
Und der HERR sprach zu ihm:
7 “Wanni intallan Zelofehaad jedhan kun sirrii dha. Atis firoota abbaa isaanii gidduutti dhaala kenniif; dhaala abbaa isaaniis isaaniif dabarsi.
Die Töchter Zelophehads haben recht geredet; du sollst ihnen ein Erbgut unter ihres Vaters Brüdern geben und sollst ihres Vaters Erbe ihnen zuwenden.
8 “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu ilma hin dhalchin duʼe, dhaala isaa intala isaatiif dabarsaa.
Und sage den Kindern Israel: Wenn jemand stirbt und hat nicht Söhne, so sollt ihr sein Erbe seiner Tochter zuwenden.
9 Yoo inni intalas qabaachuu baate dhaala isaa obboloota isaatiif kennaa.
Hat er keine Tochter, sollt ihr's seinen Brüdern geben.
10 Yoo inni obboloota qabaachuu baate dhaala isaa obboloota abbaa isaatiif kennaa.
Hat er keine Brüder, sollt ihr's seines Vaters Brüdern geben.
11 Yoo abbaan isaa obboloota qabaachuu baate immoo dhaala isaa balbala isaa keessaa fira aanteef kennaa; firri sun haa dhaalu. Kunis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti saba Israaʼeliif sirna seera qabeessa haa taʼu.’”
Hat er nicht Vatersbrüder, sollt ihr's seinen nächsten Blutsfreunden geben, die ihm angehören in seinem Geschlecht, daß sie es einnehmen. Das soll den Kindern Israel ein Gesetz und Recht sein, wie der HERR dem Mose geboten hat.
12 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Tulluu Abaariim kanatti ol baʼiitii biyya ani saba Israaʼeliif kenne ilaali.
Und der HERR sprach zu Mose: Steig auf dies Gebirge Abarim und besiehe das Land, das ich den Kindern Israel gebe werde.
13 Erga biyya sana argitee booddee atis akkuma obboleessa kee Aroon gara saba keetiitti walitti qabamta;
Und wenn du es gesehen hast, sollst du dich sammeln zu deinem Volk, wie dein Bruder Aaron versammelt ist,
14 yeroo waldaan Gammoojjii Siin keessatti natti finciletti isin lachanuus ajaja kootti finciltanii turtaniitii. Isin bishaanota sana biratti fuula isaanii duratti qulqullina koo hin mulʼifne.” Bishaanonni kunneenis bishaanota Mariibaa Qaadesh kan Gammoojjii Siin keessa jiranii dha.
dieweil ihr meinem Wort ungehorsam gewesen seid in der Wüste Zin bei dem Hader der Gemeinde, da ihr mich heiligen solltet durch das Wasser vor ihnen. Das ist das Haderwasser zu Kades in der Wüste Zin.
15 Museenis Waaqayyoon akkana jedhe;
Und Mose redete mit dem HERRN und sprach:
16 “Waaqayyo Waaqni hafuurota nama hundaa waldaa kana irratti nama tokko haa muudu;
Der HERR, der Gott der Geister alles Fleisches, wolle einen Mann setzen über die Gemeinde,
17 namichi kunis akka sabni Waaqayyoo akkuma hoolota tiksee hin qabnee hin taaneef kan isaan dura gad baʼuu fi ol galu, kan gad isaan baasuu fi ol isaan galchuu dha.”
der vor ihnen her aus und ein gehe und sie aus und ein führe, daß die Gemeinde des HERRN nicht sei wie die Schafe ohne Hirten.
18 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Iyyaasuu ilma Nuuni, namicha hafuurri keessa jiru sana fuudhii harka kee isa irra kaaʼi.
Und der HERR sprach zu Mose: Nimm Josua zu dir, den Sohn Nuns, einen Mann, in dem der Geist ist, und lege deine Hände auf ihn
19 Akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhi; fuuluma isaanii durattis isa muudi.
und stelle ihn vor den Priester Eleasar und vor die ganze Gemeinde und gebiete ihm vor ihren Augen,
20 Akka sabni Israaʼel hundi isaaf ajajamuuf aangoo kee irraa kenniif.
und lege von deiner Herrlichkeit auf ihn, daß ihm gehorche die ganze Gemeinde der Kinder Israel.
21 Innis fuula Eleʼaazaar lubichaa kan fuula Waaqayyoo duratti Uriimiidhaan gaafatee murtii isaaf kennuu dura dhaabachuu qaba. Innii fi waldaan Israaʼelootaa hundi ajaja isaatiin baʼu; ajajuma isaatiinis galu.”
Und er soll treten vor den Priester Eleasar, der soll für ihn ratfragen durch die Weise des Lichts vor dem HERRN. Nach desselben Mund sollen aus und einziehen er und alle Kinder Israel mit ihm und die ganze Gemeinde.
22 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe. Innis Iyyaasuu geessee akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhe.
Mose tat, wie ihm der HERR geboten hatte, und nahm Josua und stellte ihn vor den Priester Eleasar und vor die ganze Gemeinde
23 Ergasiis akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sana harka ofii isaa isa irra kaaʼee isa muude.
und legte seine Hand auf ihn und gebot ihm, wie der HERR mit Mose geredet hatte.

< Lakkoobsa 27 >