< Lakkoobsa 26 >

1 Dhaʼicha sana booddee Waaqayyo Musee fi Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaatiin akkana jedhe;
瘟疫之后,耶和华晓谕摩西和祭司亚伦的儿子以利亚撒说:
2 “Waldaa saba Israaʼel warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi hammasii ol taʼe kanneen loltoota Israaʼel keessa tajaajiluu dandaʼan hunda maatii maatiidhaan lakkaaʼaa.”
“你们要将以色列全会众,按他们的宗族,凡以色列中从二十岁以外、能出去打仗的,计算总数。”
3 Musee fi Eleʼaazaar lubichi dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti akkana jedhanii isaan wajjin dubbatan;
摩西和祭司以利亚撒在摩押平原与耶利哥相对的约旦河边向以色列人说:
4 “Akkuma Waaqayyo Musee ajajetti namoota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii lakkaaʼaa.” Jarri kunneen Israaʼeloota biyya Gibxiitii baʼanii dha:
“将你们中间从二十岁以外的计算总数”;是照耶和华吩咐出埃及地的摩西和以色列人的话。
5 Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: karaa Henookiitiin, balbala Hanookotaa; karaa Faluutiin, balbala Faluuwotaa;
以色列的长子是吕便。吕便的众子:属哈诺的,有哈诺族;属法路的,有法路族;
6 karaa Hezrooniitiin, balbala Asroonotaa; karaa Karmiitiin, balbala Karmootaa.
属希斯伦的,有希斯伦族;属迦米的,有迦米族;
7 Jarri kunneen balbalawwan Ruubeen; baayʼinni isaaniis 43,730 ture.
这就是吕便的各族;其中被数的,共有四万三千七百三十名。
8 Ilmi Faluus Eliiyaab;
法路的儿子是以利押。
9 ilmaan Eliiyaabis Nemuuʼeel, Daataanii fi Aberoon. Daataanii fi Abiiraam kunneen qondaaltota waldaa kanneen Musee fi Aroonitti fincilanii dha; isaan yeroo Qooraahii fi duukaa buutonni isaa Waaqayyotti fincilan sanas achi keessa turan.
以利押的众子是尼母利、大坍、亚比兰。这大坍、亚比兰,就是从会中选召的,与可拉一党同向耶和华争闹的时候也向摩西、亚伦争闹;
10 Laftis afaan banattee Qooraahii fi isaan illee liqimsite; warri garee Qooraahi immoo yeroo ibiddii namoota 250 fixe sana dhuman. Isaanis mallattoo namoonni ittiin of eeggatan taʼan.
地便开口吞了他们,和可拉、可拉的党类一同死亡。那时火烧灭了二百五十个人;他们就作了警戒。
11 Ilmaan Qooraahi garuu hin duune.
然而可拉的众子没有死亡。
12 Ilmaan Simiʼoon akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Nemuuʼeel, balbala Nemuuʼeelotaa; karaa Yaamiin, balbala Yaamiinotaa; karaa Yaakiin, balbala Yaakiinotaa;
按着家族,西缅的众子:属尼母利的,有尼母利族;属雅悯的,有雅悯族;属雅斤的,有雅斤族;
13 karaa Zeraan, balbala Zerootaa; karaa Shaawul, balbala Shaawulootaa ti.
属谢拉的,有谢拉族;属扫罗的,有扫罗族。
14 Jarri kunneen balbalawwan Simiʼoonii ti; isaanis namoota 22,200 turan.
这就是西缅的各族,共有二万二千二百名。
15 Ilmaan Gaad akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Zefoon, balbala Zefoonotaa; karaa Hagii, balbala Hagootaa; karaa Shuunii, balbala Shuunotaa;
按着家族,迦得的众子:属洗分的,有洗分族;属哈基的,有哈基族;属书尼的,有书尼族;
16 karaa Oznii, balbala Oznootaa; karaa Eerii, balbala Eerotaa;
属阿斯尼的,有阿斯尼族;属以利的,有以利族;
17 karaa Arood, balbala Aroodotaa; karaa Ariʼeel, balbala Ariʼeelotaa ti.
属亚律的,有亚律族;属亚列利的,有亚列利族。
18 Jarri kunneen balbalawwan Gaadii ti; baayʼinni isaaniis 40,500 ture.
这就是迦得子孙的各族,照他们中间被数的,共有四万零五百名。
19 Eerii fi Oonaan ilmaan Yihuudaa ti; isaan garuu Kanaʼaan keessatti duʼan.
犹大的儿子是珥和俄南。这珥和俄南死在迦南地。
20 Ilmaan Yihuudaa akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Sheelaa, balbala Sheelaanotaa; karaa Faares, balbala Faaresotaa; karaa Zaaraa, balbala Zaarotaa ti.
按着家族,犹大其余的众子:属示拉的,有示拉族;属法勒斯的,有法勒斯族;属谢拉的有谢拉族。
21 Ilmaan Faaresis kanneenii dha: karaa Hezroon, balbala Hezroonotaa; karaa Hamuul, balbala Hamuulotaa ti.
法勒斯的儿子:属希斯 的,有希斯 族;属哈母勒的,有哈母勒族。
22 Jarri kunneen balbalawwan Yihuudaa ti; baayʼinni isaaniis 76,500 ture.
这就是犹大的各族,照他们中间被数的,共有七万六千五百名。
23 Ilmaan Yisaakor akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Toolaa, balbala Toolotaa; karaa Fuwaa, balbala Fuuwotaa;
按着家族,以萨迦的众子:属陀拉的,有陀拉族;属普瓦的,有普瓦族;
24 karaa Yaashuub, balbala Yaashuubotaa; karaa Shimroon, balbala Shimroonotaa ti.
属雅述的,有雅述族;属伸 的,有伸 族。
25 Jarri kunneen balbalawwan Yisaakor; baayʼinni isaaniis 64,300 ture.
这就是以萨迦的各族,照他们中间被数的,共有六万四千三百名。
26 Ilmaan Zebuuloon akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Sered, balbala Seredootaa; karaa Eeloon, balbala Eeloonotaa; karaa Yahiliʼeel, balbala Yahiliʼeelotaa ti.
按着家族,西布伦的众子:属西烈的,有西烈族;属以伦的,有以伦族;属雅利的,有雅利族。
27 Jarri kunneen balbalawwan Zebuuloon; baayʼinni isaaniis 60,500 ture.
这就是西布伦的各族,照他们中间被数的,共有六万零五百名。
28 Ilmaan Yoosef akkuma balbala balbala isaaniitti: Minaasee fi Efreem.
按着家族,约瑟的儿子有玛拿西、以法莲。
29 Ilmaan Minaasee: karaa Maakiir, balbala Maakiirotaa; Maakiir kun abbaa Giliʼaad; karaa Giliʼaad, balbala Giliʼaadotaa ti.
玛拿西的众子:属玛吉的,有玛吉族;玛吉生基列;属基列的,有基列族。
30 Ilmaan Giliʼaad isaan kanneenii dha: karaa Iiʼezer, balbala Iiʼezerootaa; karaa Heleq, balbala Heleqootaa;
基列的众子:属伊以谢的,有伊以谢族;属希勒的,有希勒族;
31 karaa Asriʼeel, balbala Asriiʼeelotaa, karaa Sheekem, balbala Sheekemotaa;
属亚斯烈的,有亚斯烈族;属示剑的,有示剑族;
32 karaa Shemiidaa, balbala Shemiidaa; karaa Heefer, balbala Heeferotaa ti.
属示米大的,有示米大族;属希弗的,有希弗族。
33 Zelofehaad ilmi Heefer ilmaan hin qabu ture; inni intallan qofa qaba ture; maqaan isaaniis Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha.
希弗的儿子:西罗非哈没儿子,只有女儿。西罗非哈女儿的名字就是玛拉、挪阿、曷拉、密迦、得撒。
34 Jarri kunneen balbalawwan Minaasee ti; baayʼinni isaaniis 52,700 ture.
这就是玛拿西的各族;他们中间被数的,共有五万二千七百名。
35 Ilmaan Efreem akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Shuutelaa, balbala Shuutelootaa; karaa Beker, balbala Bekerotaa; karaa Taahan, balbala Taahanotaa ti.
按着家族,以法莲的众子:属书提拉的,有书提拉族;属比结的,有比结族;属他罕的,有他罕族。
36 Ilmaan Shuutelaa isaan kanneenii dha: karaa Eeraan, balbala Eeraanotaa ti.
书提拉的众子:属以兰的,有以兰族。
37 Jarri kunneen balbalawwan Efreem; baayʼinni isaaniis 32,500 ture. Isaan kunneen ilmaan Yoosef warra akkuma balbala balbala isaaniitti lakkaaʼamanii dha.
这就是以法莲子孙的各族,照他们中间被数的,共有三万二千五百名。按着家族,这都是约瑟的子孙。
38 Ilmaan Beniyaam akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Belaa, balbala Belaaʼotaa; karaa Ashbeel, balbala Asbeelotaa; karaa Ahiiraam, balbala Ahiiraamotaa;
按着家族,便雅悯的众子:属比拉的,有比拉族;属亚实别的,有亚实别族;属亚希兰的,有亚希兰族;
39 karaa Shefuufaami, balbala Shefuufaamotaa; karaa Huufaam, balbala Huufaamotaa ti.
属书反的,有书反族;属户反的,有户反族。
40 Ilmaan Belaa, karaa Ardii fi Naʼamaan: karaa Ardii, balbala Ardootaa; karaa Naʼamaan, balbala Naʼamaanotaa ti.
比拉的众子是亚勒、乃幔。属 亚勒 的,有亚勒族;属乃幔的,有乃幔族。
41 Jarri kunneen balbalawwan Beniyaam; baayʼinni isaaniis 45,600 ture.
按着家族,这就是便雅悯的子孙,其中被数的,共有四万五千六百名。
42 Ilmaan Daan akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Shuuhaam, balbala Shuuhaamotaa ti. Jarri kunneen balbalawwan Daan:
按着家族,但的众子:属书含的,有书含族。按着家族,这就是但的各族。
43 Isaan hundinuu balbalawwan Shuuhaamotaa ti; baayʼinni isaaniis 64,400 ture.
照其中被数的,书含所有的各族,共有六万四千四百名。
44 Ilmaan Aasheer akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Yimnaa, balbala Yuumnootaa; karaa Yishwii, balbala Yishwiiyotaa; karaa Beriiyaa, balbala Beriiyootaa;
按着家族,亚设的众子:属音拿的,有音拿族;属亦施韦的,有亦施韦族;属比利亚的,有比利亚族。
45 karaa ilmaan Beriiyaa immoo: karaa Hebeer, balbala Hebeerotaa; karaa Malkiiʼeel, balbala Malkiiʼeelotaa ti.
比利亚的众子:属希别的,有希别族;属玛结的,有玛结族。
46 Aasheer intala Seraa jedhamtu tokko qaba ture.
亚设的女儿名叫西拉。
47 Jarri kunneen balbalawwan Aasheer; baayʼinni isaaniis 53,400 ture.
这就是亚设子孙的各族,照他们中间被数的,共有五万三千四百名。
48 Ilmaan Niftaalem akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Yahizeel, balbala Yahizeelotaa, karaa Guunii, balbala Guunotaa;
按着家族,拿弗他利的众子:属雅薛的,有雅薛族;属沽尼的,有沽尼族;
49 karaa Yeexer, balbala Yeexirotaa; karaa Shiileem, balbala Shiileemotaa ti.
属耶色的,有耶色族;属示冷的,有示冷族。
50 Jarri kunneen balbalawwan Niftaalem; baayʼinni isaaniis 45,400 ture.
按着家族,这就是拿弗他利的各族;他们中间被数的,共有四万五千四百名。
51 Walumaa galatti baayʼinni dhiira Israaʼel 601,730 ture.
以色列人中被数的,共有六十万零一千七百三十名。
52 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
耶和华晓谕摩西说:
53 “Biyyi sun akkuma baayʼina maqaa namaatti dhaala taʼee isaan kanneeniif haa qoodamu.
“你要按着人名的数目将地分给这些人为业。
54 Balbala guddaadhaaf dhaala guddaa, balbala xinnaadhaaf immoo dhaala xinnaa kenni; tokkoon tokkoon balbalaa akkuma baayʼina namoota galmeeffamaniitti dhaala isaa haa argatu.
人多的,你要把产业多分给他们;人少的,你要把产业少分给他们;要照被数的人数,把产业分给各人。
55 Garuu biyyi sun ixaadhaan haa qoqoodamtu. Isaanis akkuma maqaawwan gosoota abbootii isaaniitti ni dhaalu.
虽是这样,还要拈阄分地。他们要按着祖宗各支派的名字承受为业。
56 Tokkoon tokkoon dhaala sanaa garee guddaa fi garee xinnaa gidduutti ixaadhaan haa qoodamu.”
要按着所拈的阄,看人数多,人数少,把产业分给他们。”
57 Lewwonni balbala balbalaan lakkaaʼaman kanneenii dha: karaa Geershoon, balbala Geershoonotaa; karaa Qohaati, balbala Qohaatotaa; karaa Meraarii, balbala Meraarotaa ti.
利未人,按着他们的各族被数的:属革顺的,有革顺族;属哥辖的,有哥辖族;属米拉利的,有米拉利族。
58 Jarri kunneenis balbalawwan Lewwotaa ti: balbala Liibnotaa, balbala Kebroonotaa, balbala Mahelootaa, balbala Muusotaa, balbala Qooraahotaa. Qohaati abbaa Amraam;
利未的各族有立尼族、希伯伦族、玛利族、母示族、可拉族。哥辖生暗兰。
59 maqaan niitii Amraam Yookebeed. Isheen intala Lewwii kan biyya Gibxitti Lewwiif dhalattee dha. Amraamiifis Aroon, Musee fi obboleettii isaanii Miiriyaam deesse.
暗兰的妻名叫约基别,是利未女子,生在埃及。她给暗兰生了亚伦、摩西,并他们的姊姊米利暗。
60 Aroon abbaa Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.
亚伦生拿答、亚比户、以利亚撒、以他玛。
61 Naadaabii fi Abiihuu garuu yeroo ibidda hin eeyyamamin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan sana duʼan.
拿答、亚比户在耶和华面前献凡火的时候就死了。
62 Dhiironni umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii ol taʼe kanneen lakkaaʼaman hundi 23,000 turan. Isaanis sababii gidduu isaaniitti dhaala hin argatiniif Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
利未人中,凡一个月以外、被数的男丁,共有二万三千。他们本来没有数在以色列人中;因为在以色列人中,没有分给他们产业。
63 Isaan kunneen warra yeroo Musee fi Eleʼaazaar lubichi dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Israaʼeloota lakkaaʼan sana lakkaaʼamanii dha.
这些就是被摩西和祭司以利亚撒所数的;他们在摩押平原与耶利哥相对的约旦河边数点以色列人。
64 Namoota karaa Museetii fi Aroon lubichaan Gammoojjii Siinaa keessatti lakkaaʼaman keessaa namni tokko iyyuu isaan gidduu hin turre.
但被数的人中,没有一个是摩西和祭司亚伦从前在西奈的旷野所数的以色列人,
65 Sababii Waaqayyo waaʼee isaanii, “Isaan Gammoojjii keessatti ni dhumu” jedhee dubbatee tureef, Kaaleb ilma Yefunee fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafne.
因为耶和华论到他们说:“他们必要死在旷野。”所以,除了耶孚尼的儿子迦勒和嫩的儿子约书亚以外,连一个人也没有存留。

< Lakkoobsa 26 >