< Lakkoobsa 24 >

1 Balaʼaam yeroo akka Israaʼelin eebbisuun Waaqayyoon gammachiise argetti akka yeroo kaanii falfala barbaacha hin dhaqne; garuu fuula isaa gara gammoojjiitti deebifate.
Basi Balaamu alipoona imempendeza Bwana kubariki Israeli, hakuendelea tena kutafuta uchawi kama nyakati nyingine, bali aligeuza uso wake kuelekea nyikani.
2 Yommuu Balaʼaam ol milʼatee akka Israaʼel gosa gosaan qubate argetti Hafuurri Waaqaa isa irra buʼe;
Balaamu alipotazama nje na kuona Israeli amepiga kambi kabila kwa kabila, Roho wa Mungu akawa juu yake,
3 innis akkana jedhee ergaa isaa dubbate: “Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor, ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,
naye akatoa ujumbe wake: “Ujumbe wa Balaamu mwana wa Beori, ujumbe wake yeye ambaye jicho lake linaona vizuri;
4 ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu isa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu kan kufee iji isaa banamu sanaa:
ujumbe wake yeye ambaye husikia maneno ya Mungu, ambaye huona maono kutoka kwa Mwenyezi, ambaye huanguka kifudifudi, na ambaye macho yake yamefunguka:
5 “Yaa Yaaqoob, dunkaanonni kee, Yaa Israaʼel, iddoon ati jiraattu akkam miidhaga!
“Tazama jinsi yalivyo mazuri mahema yako, ee Yakobo, maskani yako, ee Israeli!
6 “Isaan akkuma sulula diriiraa, akkuma iddoo biqiltuu kan afaan lagaa, akkuma argeessa Waaqayyo dhaabee, akkuma birbirsaa qarqara bishaanii ti.
“Kama mabonde, yanaenea, kama bustani kando ya mto, kama miti ya udi iliyopandwa na Bwana, kama mierezi kando ya maji.
7 Okolee isaa keessaa bishaantu lolaʼa; sanyiin isaa bishaan baayʼee argata. “Mootiin isaa Agaag caala; mootummaan isaa ni kabajama.
Maji yatatiririka kutoka ndoo zake; mbegu yake itakuwa na maji tele. “Mfalme wake atakuwa mkuu kuliko Mfalme Agagi; ufalme wake utatukuka.
8 “Waaqayyo Gibxii isa baase; inni jabina akka jabina gafarsaa qaba. Inni saba diinota isaa taʼe nyaata; lafee isaanii ni caccabsa; xiyya ofii isaatiin isaan waraana.
“Mungu alimleta kutoka Misri; yeye ana nguvu kama nyati. Anayararua mataifa yaliyo adui zake, na kuvunja mifupa yao vipande vipande; huwachoma kwa mishale yake.
9 Inni akkuma leencaa ciiseera; akkuma leenca dhalaas ciiseera; eenyutu isa dammaqsa? “Warri si eebbisan haa eebbifaman; warri si abaaranis haa abaaraman!”
Hujikunyata na kuvizia kama simba, kama simba jike; nani anayethubutu kumwamsha? “Abarikiwe kila akubarikiye, na alaaniwe kila akulaaniye!”
10 Baalaaq Balaʼaamitti aare. Innis harka ofii isaa walitti rurrukutee Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani akka ati diina koo abaartuufan si waammadhe; ati kunoo yeroo sadan kana isaan eebbifte.
Ndipo hasira ya Balaki ikawaka dhidi ya Balaamu. Akapiga mikono yake pamoja, akamwambia Balaamu, “Nilikuita uje kuwalaani adui zangu, lakini umewabariki mara hizi tatu.
11 Amma dafii asii deemii mana keetti gali! Ani ulfina guddaa siif nan kenna jedheen ture; amma garuu Waaqayyo akka ati ulfina hin arganne si godheera.”
Sasa ondoka upesi uende nyumbani! Mimi nilisema nitakuzawadia vizuri sana, lakini Bwana amekuzuia usizawadiwe.”
12 Balaʼaamis Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani ergamoota ati natti ergite sanatti akkana jedheen hime mitii?
Balaamu akamwambia Balaki, “Je, hukumbuki jinsi nilivyowaambia wajumbe uliowatuma kwangu? Niliwaambia hivi,
13 ‘Utuu Baalaaq masaraa meetii fi warqeen guutame sana naaf kennee iyyuu, ani waanuma Waaqayyo jedhe qofan dubbadha malee ajaja Waaqayyootiin alatti waan yaada koo gaarii yookaan hamaa tokko iyyuu hojjechuu hin dandaʼu.’
‘Hata ikiwa Balaki angenipa jumba lake la kifalme likiwa limejazwa fedha na dhahabu, nisingeweza kufanya kitu chochote kwa matakwa yangu, kikiwa kizuri au kibaya, kwenda kinyume na agizo la Bwana, nami imenipasa kusema tu kile Bwana atakachosema’?
14 Kunoo ani amma saba kootti nan deebiʼa; garuu mee kottu ani waan sabni kun bara dhufu keessa saba keetiif godhu sin beeksisaa.”
Sasa ninarudi kwa watu wangu. Lakini njoo, nikuonye kuhusu kile watu hawa watakachowatenda watu wako siku zijazo.”
15 Inni akkana jedhee ergaa isaa dubbate: Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor, ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,
Kisha Balaamu akatoa ujumbe wake: “Ujumbe wa Balaamu mwana wa Beori, ujumbe wake yeye ambaye jicho lake linaona vizuri;
16 ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu kan beekumsa Waaqa Waan Hundaa Olii qabu kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu kan kufee diriiruu, iji isaas kan banamu sanaa:
ujumbe wake yeye ambaye husikia maneno ya Mungu, ambaye ana maarifa kutoka kwa Aliye Juu Sana, huona maono kutoka Mwenyezi, ambaye huanguka kifudifudi na ambaye macho yake yamefunguka:
17 “Ani isa nan arga; garuu amma miti; ani isa nan ilaala; garuu dhiʼootti miti. Yaaqoob keessaa urjiin tokko ni baʼa; Israaʼel keessaa bokkuun tokko ol kaʼa. Inni adda warra Moʼaab, buqqee mataa ilmaan Seet hundaas ni caccabsa.
“Namwona yeye, lakini si sasa; namtazama yeye, lakini si karibu. Nyota itatoka kwa Yakobo, fimbo ya ufalme itainuka kutoka kwa Israeli. Atawaponda Wamoabu vipaji vya nyuso na mafuvu yote ya wana wa Shethi.
18 Edoom ni moʼatama; Seeʼiir, diinni isaa ni moʼatama; Israaʼel garuu jabaachaa deema.
Edomu itamilikiwa, Seiri, adui wake, itamilikiwa, lakini Israeli atakuwa na nguvu.
19 Yaaqoob keessaa bulchaan tokko ni kaʼa; warra magaalaa sana keessatti lubbuudhaan hafanis ni barbadeessa.”
Mtawala atakuja kutoka kwa Yakobo na kuangamiza walionusurika katika mji.”
20 Ergasiis Balaʼaam Amaaleqin argee akkana jedhee ergaa ofii isa dubbate: “Amaaleq saboota keessaa kan jalqabaa ture; dhumni isaa garuu barbadaaʼuu dha.”
Kisha Balaamu akawaona watu wa Amaleki, na kutoa ujumbe wake: “Amaleki ilikuwa ya kwanza miongoni mwa mataifa, lakini mwisho wake itaangamizwa milele.”
21 Ergasii Qeenota argee akkana jedhee ergaa ofii isaa itti dubbate: “Iddoon ati jiraattu jabaa dha; manni kees kattaa keessatti ijaarame;
Kisha akawaona Wakeni, akatoa ujumbe wake: “Makao yenu ni salama, kiota chenu kiko kwenye mwamba.
22 taʼus isin warri Qeenotaa, gaafa Asoor isin boojiʼu ni baddu.”
Hata hivyo ninyi Wakeni mtaangamizwa Ashuru atakapowachukua mateka.”
23 Innis akkana jedhee ergaa isaa itti dubbate: “Wayyoo! Yeroo Waaqayyo waan kana hojjetu eenyutu jiraachuu dandaʼa?
Ndipo akatoa ujumbe wake: “Lo, ni nani atakayeweza kuishi wakati Mungu atakapofanya hili?
24 Dooniiwwan qarqara Kitiim irraa ni dhufu; isaanis Asoorii fi Eeberin ni qabatu; garuu isaanis ni barbadeeffamu.”
Meli zitakuja kutoka pwani za Kitimu, zitaitiisha Ashuru na Eberi, lakini nao pia wataangamizwa.”
25 Ergasii Balaʼaam kaʼee mana ofii isaatti deebiʼe; Baalaaq immoo karaa ofii isaa qajeele.
Kisha Balaamu akainuka na kurudi nyumbani kwake, naye Balaki akashika njia yake.

< Lakkoobsa 24 >