< Lakkoobsa 24 >

1 Balaʼaam yeroo akka Israaʼelin eebbisuun Waaqayyoon gammachiise argetti akka yeroo kaanii falfala barbaacha hin dhaqne; garuu fuula isaa gara gammoojjiitti deebifate.
And when Balaam saw that it pleased the Lord that he should bless Israel. he went not as he had gone before, to seek divination: but setting his face towards the desert,
2 Yommuu Balaʼaam ol milʼatee akka Israaʼel gosa gosaan qubate argetti Hafuurri Waaqaa isa irra buʼe;
And lifting up his eyes, he saw Israel abiding in their tents by their tribes: and the spirit of God rushing upon him,
3 innis akkana jedhee ergaa isaa dubbate: “Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor, ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,
He took up his parable and said: Balaam the son of Beor hath said: The man hath said, whose eye ire stopped up:
4 ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu isa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu kan kufee iji isaa banamu sanaa:
The hearer of the words of God hath said, he that hath beheld the vision of the Almighty, he that falleth, and so his eyes are opened:
5 “Yaa Yaaqoob, dunkaanonni kee, Yaa Israaʼel, iddoon ati jiraattu akkam miidhaga!
How beautiful are thy tabernacles, O Jacob, and thy tents, O Israel!
6 “Isaan akkuma sulula diriiraa, akkuma iddoo biqiltuu kan afaan lagaa, akkuma argeessa Waaqayyo dhaabee, akkuma birbirsaa qarqara bishaanii ti.
As woody valleys, as watered gardens near the rivers, as tabernacles which the Lord hath pitched, as cedars by the waterside.
7 Okolee isaa keessaa bishaantu lolaʼa; sanyiin isaa bishaan baayʼee argata. “Mootiin isaa Agaag caala; mootummaan isaa ni kabajama.
Water shall flow out of his bucket, and his seed shall be in many waters. For Agag his king shall be removed, and his kingdom shall be taken awry.
8 “Waaqayyo Gibxii isa baase; inni jabina akka jabina gafarsaa qaba. Inni saba diinota isaa taʼe nyaata; lafee isaanii ni caccabsa; xiyya ofii isaatiin isaan waraana.
God hath brought him out of Egypt, whose strength is like to the rhinoceros. They shall devour the nations that are his enemies, and break their bones, and pierce them with arrows.
9 Inni akkuma leencaa ciiseera; akkuma leenca dhalaas ciiseera; eenyutu isa dammaqsa? “Warri si eebbisan haa eebbifaman; warri si abaaranis haa abaaraman!”
Lying down he hath slept as a lion, and as a lioness, whom none shall dare to rouse. He that blesseth thee, shall also himself be blessed: he that curseth thee shall be reckoned accursed.
10 Baalaaq Balaʼaamitti aare. Innis harka ofii isaa walitti rurrukutee Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani akka ati diina koo abaartuufan si waammadhe; ati kunoo yeroo sadan kana isaan eebbifte.
And Balac being angry against Balaam, clapped his hands together and said: I called thee to curse my enemies, and thou on the contrary hast blessed them three times.
11 Amma dafii asii deemii mana keetti gali! Ani ulfina guddaa siif nan kenna jedheen ture; amma garuu Waaqayyo akka ati ulfina hin arganne si godheera.”
Return to thy place. I had determined indeed greatly to honour thee, but the Lord hath deprived thee of the honour designed for thee.
12 Balaʼaamis Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani ergamoota ati natti ergite sanatti akkana jedheen hime mitii?
Balaam made answer to Balac: Did I not say to thy messengers, whom thou sentest to me:
13 ‘Utuu Baalaaq masaraa meetii fi warqeen guutame sana naaf kennee iyyuu, ani waanuma Waaqayyo jedhe qofan dubbadha malee ajaja Waaqayyootiin alatti waan yaada koo gaarii yookaan hamaa tokko iyyuu hojjechuu hin dandaʼu.’
If Balac would give me his house full of silver and gold, I cannot go beyond the word of the Lord my God, to utter any thing of my own head either good or evil: but whatsoever the Lord shall say, that I will speak?
14 Kunoo ani amma saba kootti nan deebiʼa; garuu mee kottu ani waan sabni kun bara dhufu keessa saba keetiif godhu sin beeksisaa.”
But yet going to my people, I will give thee counsel, what this people shall do to thy people in the latter days.
15 Inni akkana jedhee ergaa isaa dubbate: Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor, ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,
Therefore taking up his parable, again he said: Balaam the son of Beor hath said: The man whose eye is stopped up, hath said:
16 ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu kan beekumsa Waaqa Waan Hundaa Olii qabu kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu kan kufee diriiruu, iji isaas kan banamu sanaa:
The hearer of the words of God hath said, who knoweth the doctrine of the Highest, and seeth the visions of the Almighty, who falling hath his eyes opened:
17 “Ani isa nan arga; garuu amma miti; ani isa nan ilaala; garuu dhiʼootti miti. Yaaqoob keessaa urjiin tokko ni baʼa; Israaʼel keessaa bokkuun tokko ol kaʼa. Inni adda warra Moʼaab, buqqee mataa ilmaan Seet hundaas ni caccabsa.
I shall see him, but not now: I shall behold him, but not near. A STAR SHALL RISE out of Jacob and a sceptre shall spring up from Israel: and shall strike the chiefs of Moab, and shall waste all the children of Seth.
18 Edoom ni moʼatama; Seeʼiir, diinni isaa ni moʼatama; Israaʼel garuu jabaachaa deema.
And he shall possess Idumea: the inheritance of Seir shall come to their enemies, but Israel shall do manfully.
19 Yaaqoob keessaa bulchaan tokko ni kaʼa; warra magaalaa sana keessatti lubbuudhaan hafanis ni barbadeessa.”
Out of Jacob shall he come that shall rule, and shall destroy the remains of the city.
20 Ergasiis Balaʼaam Amaaleqin argee akkana jedhee ergaa ofii isa dubbate: “Amaaleq saboota keessaa kan jalqabaa ture; dhumni isaa garuu barbadaaʼuu dha.”
And when he saw Amalec, he took up his parable, and said: Amalec the beginning of nations, whose latter ends shall be destroyed.
21 Ergasii Qeenota argee akkana jedhee ergaa ofii isaa itti dubbate: “Iddoon ati jiraattu jabaa dha; manni kees kattaa keessatti ijaarame;
He saw also the Cinite: and took up his parable, and said: Thy habitation indeed is strong: but though thou build thy nest in a rock,
22 taʼus isin warri Qeenotaa, gaafa Asoor isin boojiʼu ni baddu.”
And thou be chosen of the stock of Cin, how long shalt thou be able to continue? For Assur shall take thee captive.
23 Innis akkana jedhee ergaa isaa itti dubbate: “Wayyoo! Yeroo Waaqayyo waan kana hojjetu eenyutu jiraachuu dandaʼa?
And taking up his parable, again he said: Alas, who shall live when God shall do these things?
24 Dooniiwwan qarqara Kitiim irraa ni dhufu; isaanis Asoorii fi Eeberin ni qabatu; garuu isaanis ni barbadeeffamu.”
They shall come in galleys from Italy, they shall overcome the Assyrians, and shall waste the Hebrews, and at the last they themselves also shall perish.
25 Ergasii Balaʼaam kaʼee mana ofii isaatti deebiʼe; Baalaaq immoo karaa ofii isaa qajeele.
And Balaam rose, and returned to his place: Balac also returned the way that he came.

< Lakkoobsa 24 >