< Lakkoobsa 23 >

1 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; amma illee korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naa qopheessi” jedhe.
Bala’am ya ce, “Ka gina mini bagadai bakwai a nan, ka shirya mini bijimai bakwai da raguna bakwai.”
2 Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedhe sana godhe; isaan lamaan tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irratti korma looniitii fi korbeessa hoolaa tokko tokko aarsaa dhiʼeessan.
Balak ya yi yadda Bala’am ya faɗa, sai su biyu suka miƙa bijimi da rago a kan kowane bagade.
3 Ergasii Balaʼaam Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani xinnoo achi sirraa nan siqa; ati immoo asuma aarsaa kee bira turi. Tarii Waaqayyo anaa wajjin wal arguuf ni dhufa taʼa. Waan inni natti mulʼisu kam iyyuu ani sittin hima.” Innis gara gaara tokkoo dhaqe.
Sa’an nan Bala’am ya ce wa Balak, “Tsaya nan kusa da hadayarka, ni kuwa in koma wani wurin da yake a kaɗaice. Wataƙila Ubangiji zai sadu da ni. Duk abin da ya bayyana mini, zan faɗa maka.” Sai ya haura kan wani wurin da yake a kaɗaice a tudun.
4 Waaqayyo isaan wal arginaan Balaʼaam, “Ani iddoo aarsaa torba qopheessee tokkoo tokkoo isaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko qopheesseera” jedhe.
Allah kuwa ya sadu da Bala’am. Bala’am ya ce, “Na shirya bagadai bakwai, na kuma miƙa bijimi guda da rago guda, a kan kowane bagade.”
5 Waaqayyo ergaa tokko afaan Balaʼaam keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen.
Ubangiji ya ba wa Bala’am saƙo ya ce, “Ka koma wurin Balak, ka faɗa masa wannan saƙo.”
6 Balaʼaam Baalaaqitti deebiʼee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge.
Saboda haka, sai Bala’am ya koma wurin Balak ya same shi tsaye a kusa da hadayarsa, tare da dukan dattawan Mowab.
7 Balaʼaam ergaa isaa akkana jedhee dubbate: “Baalaaq Arraam irraa, mootichi Moʼaab gaarran baʼaa irraa na fide. Innis, ‘Kottuutii Yaaqoobin naa abaari; kottuutii Israaʼelin naa balaaleffadhu’ jedhe.
Sai Bala’am ya furta abin da Allah ya faɗa masa ya ce, “Balak ya kawo ni daga Aram, sarkin Mowab ya kawo ni daga gabashin duwatsu. Ya ce, ‘Zo, ka la’anta mini Yaƙub; zo, ka tsine Isra’ila.’
8 Ani akkamittan warra Waaqni hin abaarin abaaruu dandaʼa? Ani akkamittan warra Waaqayyo hin balaaleffatin balaaleffachuu dandaʼa?
Yaya zan iya la’anta waɗanda Allah bai la’anta ba? Yaya zan tsine waɗanda Ubangiji bai tsine ba?
9 Fiixee gaarranii irraa ani isa nan arga; tulluuwwan irraas isa nan ilaala. Saba kophaa isaa jiraatu, kan saba kaan keessatti of hin lakkoofne nan arga.
Daga kan duwatsu na gan su, daga bisa kan tuddai na hange su. Na ga mutane da suke zaune su kaɗai ba sa ɗauki kansu ɗaya da al’ummai ba.
10 Eenyutu awwaara Yaaqoob lakkaaʼuu dandaʼa? Eenyutu Israaʼel keessaa kurmaana isaa illee lakkaaʼa? Ani duʼa nama qajeelaa haa duʼu; dhumni koos akkuma dhuma isaa haa taʼu!”
Wa zai iya ƙidaya ƙurar Yaƙub ko yă ƙidaya kashi ɗaya bisa huɗu na Isra’ila? Bari in mutu, mutuwar adali ƙarshena kuma yă zama kamar nasu!”
11 Baalaaqis Balaʼaamiin, “Wanni ati na goote kun maali? Ani akka ati diina koo naa abaartuufin si fide; ati kunoo isaan eebbifte malee waan tokko iyyuu isaan hin goone!” jedhe.
Balak ya ce wa Bala’am, “Me ke nan ka yi mini? Na kawo ka, ka la’anta abokan gābana, sai ga shi albarka kake sa musu!”
12 Innis, “Ani waan Waaqayyo afaan koo keessa kaaʼu hin dubbadhuu?” jedhee deebii kenneef.
Bala’am ya ce, “Ba dole in faɗa abin da Ubangiji ya sa a bakina ba?”
13 Baalaaq, “Mee gara lafa itti isaan arguu dandeessu biraa na wajjin kottu; ati gara tokko qofa malee hunduma isaanii arguu hin dandeessu. Achiis isaan naa abaari” jedheen.
Sa’an nan Balak ya ce masa, “Zo, mu tafi wani wuri inda za ka gan su; a nan kana ganin sashe ne kawai, ba dukansu ba. Daga can kuwa, ka la’anta mini su.”
14 Inni gara dirree Xoofiim kan fiixee Phisgaa irratti argamuutti isa geesse; achittis iddoo aarsaa torba ijaaree tokkoo tokkoo iddoo aarsaa sanaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
Saboda haka ya ɗauke shi zuwa filin Zofim a ƙwanƙolin Fisga, a can ya gina bagadai bakwai, ya kuma miƙa bijimi da rago a kan kowane bagade.
15 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Ati hamma ani achi siqee Waaqa wajjin wal argutti asuma aarsaa kee bira turi” jedhe.
Bala’am ya ce wa Balak, “Tsaya nan kusa da hadayarka, ni kuwa in je in sadu da Ubangiji a can.”
16 Waaqayyo Balaʼaam wajjin wal argee ergaa tokko afaan isaa keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen.
Ubangiji ya sadu da Bala’am, ya kuma ba shi saƙo ya ce, “Koma wurin Balak ka ba shi wannan saƙo.”
17 Balaʼaam Baalaaq bira dhaqee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge. Baalaaqis, “Waaqayyo maal jedhe?” jedhee Balaʼaamiin gaafate.
Saboda haka ya tafi ya same Balak tsaye a kusa da hadayarsa, tare da dattawan Mowab. Balak ya tambaye Bala’am ya ce, “Mene ne Ubangiji ya ce?”
18 Balaʼaam akkana jedhee ergaa isaa dubbate: “Yaa Baalaaq, kaʼiitii dhaggeeffadhu; yaa ilma Ziphoori na dhagaʼi.
Sai Bala’am ya furta saƙon da aka ba shi ya ce, “Tashi, Balak, ka saurara; ka kasa kunne gare ni, ɗan Ziffor.
19 Waaqni nama miti; inni hin sobu; yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti. Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu? Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu?
Allah ba mutum ba ne, da zai yi ƙarya, shi ba ɗan mutum ba ne, da zai canja tunaninsa. Yana maganar abin da ba zai iya aikata ba ne? Yakan kuma yi alkawarin da ba zai iya cikawa ba?
20 Kunoo ani eebbisuudhaaf ajaja argadheera; inni eebbiseera; anis geeddaruu hin dandaʼu.
Na karɓi umarni in sa albarka; na kuwa sa albarka, ba zan iya janye ta ba.
21 “Inni Yaaqoob keessatti daba hin argine; rakkina tokko illee Israaʼel keessatti hin argine. Waaqayyo Waaqni isaanii isaan wajjin jira; ililleen Mootii isaan wajjin jira.
“Bai ga mugunta a cikin Yaƙub ba, bai kuma ga wahala a Isra’ila ba. Ubangiji Allahnsu yana tare da su; sowar Sarki yana cikinsu.
22 Waaqayyo biyya Gibxiitii isaan baase; inni jabina akka jabina gafarsaa qaba.
Allah ya fitar da su daga Masar; suna da ƙarfi iri na kutunkun ɓauna.
23 Yaaqoob irratti falfalli tokko iyyuu hin hojjetu; Israaʼel irrattis tolchi tokko iyyuu hin hojjetu. Amma Yaaqoobii fi Israaʼeliin, ‘Waan Waaqni hojjete ilaalaa!’ jedhama.
Ba wata maitar da za tă ci Yaƙub, ba sihiri da zai cuci Isra’ila. Yanzu za a ce game da Yaƙub da Isra’ila, ‘Duba abin da Allah ya yi!’
24 Kunoo sabni sun akka leenca dhalaatti kaʼa; akkuma leencaattis ol jedha; inni hamma waan adamsate nyaatee fixutti, hamma dhiiga waan ajjeefate sanaa dhuguttis hin ciisu.”
Mutane sun tashi kamar ƙaƙƙarfar zakanya; sun tā da kansu kamar zaki wanda ba ya hutawa sai ya cinye naman abin da ya kama ya kuma sha jinin abin da ya kama.”
25 Baalaaq Balaʼaamiin, “Ati gonkumaa isaan hin abaarin yookaan isaan hin eebbisin” jedhe.
Sai Balak ya ce wa Bala’am, “Kada ka la’anta su, kada kuma ka sa musu albarka!”
26 Balaʼaamis, “Ani akka waan Waaqayyo jedhu kam iyyuu hojjedhu sitti hin himnee?” jedhee Baalaaqiif deebise.
Bala’am amsa ya ce, “Ban faɗa maka zan yi kaɗai abin da Ubangiji ya ce ba?”
27 Ergasii Baalaaq Balaʼaamiin, “Mee kottu amma illee ani iddoo biraa sin geessaa. Tarii achii jara naaf abaaruun kee Waaqa gammachiisa taʼaatii” jedhe.
Sai Balak ya ce wa Bala’am, “Zo in kai ka wani wuri. Wataƙila zai gamshi Allah, yă bari ka la’anta mini su daga can.”
28 Baalaaqis Balaʼaamin fiixee tulluu Pheʼoor kan irra dhaabatanii gammoojjii sana gad ilaalanitti ol baase.
Balak kuwa ya ɗauki Bala’am zuwa ƙwanƙolin Feyor, wanda yake fuskantar hamada.
29 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; ammas korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naaf qopheessi” jedhe.
Bala’am ya ce, “Ka gina mini bagadai bakwai a nan, ka kuma shirya mini bijimai bakwai da raguna bakwai.”
30 Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedheen sana godhe; tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irrattis korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
Balak ya yi yadda Bala’am ya ce, ya kuwa miƙa bijimi da rago a kan kowane bagade.

< Lakkoobsa 23 >