< Lakkoobsa 23 >

1 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; amma illee korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naa qopheessi” jedhe.
And Balaam said unto Balak: 'Build me here seven altars, and prepare me here seven bullocks and seven rams.'
2 Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedhe sana godhe; isaan lamaan tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irratti korma looniitii fi korbeessa hoolaa tokko tokko aarsaa dhiʼeessan.
And Balak did as Balaam had spoken; and Balak and Balaam offered on every altar a bullock and a ram.
3 Ergasii Balaʼaam Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani xinnoo achi sirraa nan siqa; ati immoo asuma aarsaa kee bira turi. Tarii Waaqayyo anaa wajjin wal arguuf ni dhufa taʼa. Waan inni natti mulʼisu kam iyyuu ani sittin hima.” Innis gara gaara tokkoo dhaqe.
And Balaam said unto Balak: 'Stand by thy burnt-offering, and I will go; peradventure the LORD will come to meet me; and whatsoever He showeth me I will tell thee.' And he went to a bare height.
4 Waaqayyo isaan wal arginaan Balaʼaam, “Ani iddoo aarsaa torba qopheessee tokkoo tokkoo isaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko qopheesseera” jedhe.
And God met Balaam; and he said unto Him: 'I have prepared the seven altars, and I have offered up a bullock and a ram on every altar.'
5 Waaqayyo ergaa tokko afaan Balaʼaam keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen.
And the LORD put a word in Balaam's mouth, and said: 'Return unto Balak, and thus thou shalt speak.'
6 Balaʼaam Baalaaqitti deebiʼee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge.
And he returned unto him, and, lo, he stood by his burnt-offering, he, and all the princes of Moab.
7 Balaʼaam ergaa isaa akkana jedhee dubbate: “Baalaaq Arraam irraa, mootichi Moʼaab gaarran baʼaa irraa na fide. Innis, ‘Kottuutii Yaaqoobin naa abaari; kottuutii Israaʼelin naa balaaleffadhu’ jedhe.
And he took up his parable, and said: From Aram Balak bringeth me, the king of Moab from the mountains of the East: 'Come, curse me Jacob, and come, execrate Israel.'
8 Ani akkamittan warra Waaqni hin abaarin abaaruu dandaʼa? Ani akkamittan warra Waaqayyo hin balaaleffatin balaaleffachuu dandaʼa?
How shall I curse, whom God hath not cursed? And how shall I execrate, whom the LORD hath not execrated?
9 Fiixee gaarranii irraa ani isa nan arga; tulluuwwan irraas isa nan ilaala. Saba kophaa isaa jiraatu, kan saba kaan keessatti of hin lakkoofne nan arga.
For from the top of the rocks I see him, and from the hills I behold him: lo, it is a people that shall dwell alone, and shall not be reckoned among the nations.
10 Eenyutu awwaara Yaaqoob lakkaaʼuu dandaʼa? Eenyutu Israaʼel keessaa kurmaana isaa illee lakkaaʼa? Ani duʼa nama qajeelaa haa duʼu; dhumni koos akkuma dhuma isaa haa taʼu!”
Who hath counted the dust of Jacob, or numbered the stock of Israel? Let me die the death of the righteous, and let mine end be like his!
11 Baalaaqis Balaʼaamiin, “Wanni ati na goote kun maali? Ani akka ati diina koo naa abaartuufin si fide; ati kunoo isaan eebbifte malee waan tokko iyyuu isaan hin goone!” jedhe.
And Balak said unto Balaam: 'What hast thou done unto me? I took thee to curse mine enemies, and, behold, thou hast blessed them altogether.'
12 Innis, “Ani waan Waaqayyo afaan koo keessa kaaʼu hin dubbadhuu?” jedhee deebii kenneef.
And he answered and said: 'Must I not take heed to speak that which the LORD putteth in my mouth?'
13 Baalaaq, “Mee gara lafa itti isaan arguu dandeessu biraa na wajjin kottu; ati gara tokko qofa malee hunduma isaanii arguu hin dandeessu. Achiis isaan naa abaari” jedheen.
And Balak said unto him: 'Come, I pray thee, with me unto another place, from whence thou mayest see them; thou shalt see but the utmost part of them, and shalt not see them all; and curse me them from thence.'
14 Inni gara dirree Xoofiim kan fiixee Phisgaa irratti argamuutti isa geesse; achittis iddoo aarsaa torba ijaaree tokkoo tokkoo iddoo aarsaa sanaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
And he took him into the field of Zophim, to the top of Pisgah, and built seven altars, and offered up a bullock and a ram on every altar.
15 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Ati hamma ani achi siqee Waaqa wajjin wal argutti asuma aarsaa kee bira turi” jedhe.
And he said unto Balak: 'Stand here by thy burnt-offering, while I go toward a meeting yonder.'
16 Waaqayyo Balaʼaam wajjin wal argee ergaa tokko afaan isaa keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen.
And the LORD met Balaam, and put a word in his mouth, and said: 'Return unto Balak, and thus shalt thou speak.'
17 Balaʼaam Baalaaq bira dhaqee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge. Baalaaqis, “Waaqayyo maal jedhe?” jedhee Balaʼaamiin gaafate.
And he came to him, and, lo, he stood by his burnt-offering, and the princes of Moab with him. And Balak said unto him: 'What hath the LORD spoken?'
18 Balaʼaam akkana jedhee ergaa isaa dubbate: “Yaa Baalaaq, kaʼiitii dhaggeeffadhu; yaa ilma Ziphoori na dhagaʼi.
And he took up his parable, and said: Arise, Balak, and hear; give ear unto me, thou son of Zippor:
19 Waaqni nama miti; inni hin sobu; yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti. Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu? Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu?
God is not a man, that He should lie; neither the son of man, that He should repent: when He hath said, will He not do it? or when He hath spoken, will He not make it good?
20 Kunoo ani eebbisuudhaaf ajaja argadheera; inni eebbiseera; anis geeddaruu hin dandaʼu.
Behold, I am bidden to bless; and when He hath blessed, I cannot call it back.
21 “Inni Yaaqoob keessatti daba hin argine; rakkina tokko illee Israaʼel keessatti hin argine. Waaqayyo Waaqni isaanii isaan wajjin jira; ililleen Mootii isaan wajjin jira.
None hath beheld iniquity in Jacob, neither hath one seen perverseness in Israel; the LORD his God is with him, and the shouting for the King is among them.
22 Waaqayyo biyya Gibxiitii isaan baase; inni jabina akka jabina gafarsaa qaba.
God who brought them forth out of Egypt is for them like the lofty horns of the wild-ox.
23 Yaaqoob irratti falfalli tokko iyyuu hin hojjetu; Israaʼel irrattis tolchi tokko iyyuu hin hojjetu. Amma Yaaqoobii fi Israaʼeliin, ‘Waan Waaqni hojjete ilaalaa!’ jedhama.
For there is no enchantment with Jacob, neither is there any divination with Israel; now is it said of Jacob and of Israel: 'What hath God wrought!'
24 Kunoo sabni sun akka leenca dhalaatti kaʼa; akkuma leencaattis ol jedha; inni hamma waan adamsate nyaatee fixutti, hamma dhiiga waan ajjeefate sanaa dhuguttis hin ciisu.”
Behold a people that riseth up as a lioness, and as a lion doth he lift himself up; he shall not lie down until he eat of the prey, and drink the blood of the slain.
25 Baalaaq Balaʼaamiin, “Ati gonkumaa isaan hin abaarin yookaan isaan hin eebbisin” jedhe.
And Balak said unto Balaam: 'Neither curse them at all, nor bless them at all.'
26 Balaʼaamis, “Ani akka waan Waaqayyo jedhu kam iyyuu hojjedhu sitti hin himnee?” jedhee Baalaaqiif deebise.
But Balaam answered and said unto Balak: 'Told not I thee, saying: All that the LORD speaketh, that I must do?'
27 Ergasii Baalaaq Balaʼaamiin, “Mee kottu amma illee ani iddoo biraa sin geessaa. Tarii achii jara naaf abaaruun kee Waaqa gammachiisa taʼaatii” jedhe.
And Balak said unto Balaam: 'Come now, I will take thee unto another place; peradventure it will please God that thou mayest curse me them from thence.'
28 Baalaaqis Balaʼaamin fiixee tulluu Pheʼoor kan irra dhaabatanii gammoojjii sana gad ilaalanitti ol baase.
And Balak took Balaam unto the top of Peor, that looketh down upon the desert.
29 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; ammas korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naaf qopheessi” jedhe.
And Balaam said unto Balak: 'Build me here seven altars, and prepare me here seven bullocks and seven rams.'
30 Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedheen sana godhe; tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irrattis korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
And Balak did as Balaam had said, and offered up a bullock and a ram on every altar.

< Lakkoobsa 23 >