< Lakkoobsa 21 >

1 Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraatu sun akka Israaʼel karaa Ataariim irra dhufaa jiru dhageenyaan Israaʼeloota lolee isaan keessaa nama tokko tokko boojiʼe.
Aradi mfalme wa Wakanaani, aliyekuwa akiishi Negebu, aliposikia kuwa Israeli alikuwa akisafiri kwa kupitia barabara kuelekea Atharimu, akapigana dhidi ya Israeli na kujitwalia baadhi ya mateka.
2 Israaʼeloonnis, “Yoo ati saba kana dabarsitee harka keenyatti kennite, nu guutumaan guutuutti magaalaa isaanii barbadeessina” jedhanii Waaqayyoof wareegan.
Israeli akaapa mbele ya BWANA akasema, “Kama utatupa ushindi dhidi ya hawa watu, ndipo tutakapoingamiza kabisa miji yao,”
3 Waaqayyos iyya Israaʼel dhagaʼee warra Kanaʼaan dabarsee harka isaaniitti kenne. Israaʼeloonnis isaanii fi magaalaawwan isaanii illee guutumaan guutuutti barbadeessan; kanaafuu iddoon sun Hormaa jedhamee waamame.
BWANA akaisikia sautiya Israeli na kuwapa ushindi dhidi ya Wakanaani. Wakawaangamiza kabisa pamoja na miji yao. Mahali pale paliitwa Horima.
4 Isaanis Edoom duubaan darbanii deemuuf jedhanii Gaara Hoorii kaʼanii karaa Galaana Diimaatti geessu irra qajeelan. Sabni sun garuu karumatti obsa fixate;
Wakasafiri kutoka Mlima Hori kwa barabara kuelekea bahari ya shamu wakiizunguka nchi ya Edomu. Watu walikufa moyo kwa njia hiyo.
5 isaanis Waaqaa fi Museedhaan mormanii akkana jechuudhaan dubbatan; “Isin maaliif akka gammoojjii keessatti dhumnuuf biyya Gibxii nu baaftan? Buddeenni hin jiru! Bishaan hin jiru! Nus nyaata balfamaa kana jibbineerra!”
Watu wakamnung'unikia Mungu na Musa: “Kwa nini umetutoa Misiri ili tufa katika jangwa hili? Hapa hakuna mikate, wala maji, na chakula hiki dhaifu kimetukinai.”
6 Waaqayyos bofawwan hadhaa qaban gidduu isaaniitti erge; bofawwan sunis isaan iddanii Israaʼeloonni baayʼeen dhuman.
Basi Mungu akatuma nyoka wa sumu kati yao. Wale nyoka wakawauma wale watu; watu wengi walikufa.
7 Sabni sunis gara Musee dhufee akkana jedhe; “Nu yeroo Waaqayyoo fi sitti afaan dabarre sana cubbuu hojjenne. Akka Waaqayyo bofawwan kanneen nurraa fageessuuf nuuf kadhadhu.” Museen saba sanaaf kadhate.
Watu wakaenda kwa Musa wakamwambia, “Tumetenda dhambi kwa sababu tumemnung'unikia Mungu na wewe. Mwombe Mungu atuondolee hawa nyoka.” Kwa hiyo Musa akawaombea watu.
8 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Bofa tokko tolchiitii utubaatti fannisi; namni bofni idde kam iyyuu bofa ati tolchite sana ilaalee jiraachuu dandaʼa.”
BWANA akamwambia Musa, “Tengeneza nyoka na umweke kwenye nguzo. Na itakuwa kila anayeumwa, akimwangalia huyo nyoka atapona,”
9 Museen bofa naasii tokko tolchee utubaatti fannise. Ergasiis namni bofti idde kam iyyuu yeroo bofa naasii sana ilaalu ni jiraata ture.
Kwa hiyo Musa akatengeneza nyoka wa shaba naye akamweka juu ya nguzo. Na kila mtu alipoumwa na nyoka na kumwangalia huyo nyoka alipona.
10 Israaʼeloonni fuula duratti qajeelanii Oobooti keessa qubatan.
Kisha watu wa Israeli wakasafiri na kisha kuweka kambi Obothi.
11 Ergasiis Oobootii kaʼanii Iyyee Abaariim lafa karaa baʼa biiftuutiin fuullee Moʼaabitti gammoojjii keessatti argamu qubatan.
Kisha wakasafiri kutoka pale na kuweka kambi Iye Abarimu katika jangwa linalokabili Moabu kuelekea upande wa mashariki.
12 Achiis kaʼanii Sulula Zered keessa qubatan.
Kutoka pale wakasafiri na kuweka kambi katika bonde la Zeredi.
13 Achii kaʼaniis daarii Arnoon lafa gammoojjii keessaa kan bulchiinsa Amoorotaa keessa seentu sana irra qubatan. Arnoon lafa daarii Moʼaab irraa kan Moʼaabii fi Amoor gidduu jirtuu dha.
Kutoka pale walisafiri na kuweka kambi kwenye upande mwingine wa mto Amoni, ambao ukubwa wake unaanzia kwenye mpaka wa Waamori. Mto wa Amoni ndio unaootengeneza mpaka wa Moabu, kati ya Moabu na Waamori.
14 Sababiin Kitaabni Waraana Waaqayyoo akkana jedhuuf kana: “Waaheb Suufaa keessaa fi lageen, Arnoonii fi
Ndiyo maana imeandikwa katika gombo la Kitabu cha BWANA, “Wahebu katika Sufa, na bonde la Amoni,
15 irraan-gadee sululaa kan gara Aaritti geessuu fi daarii Moʼaab irratti argamu.”
mtelemko wa bonde linaloelekea katika mji wa Ari na kuelekea kwenye mpaka wa Moabu,”
16 Achii kaʼanii gara Biʼeer boolla bishaanii kan Waaqayyo Museedhaan, “Saba walitti qabi; ani bishaan kennaafii” jedhe sanaa karaa isaanii itti fufan.
Kutoka pale wakasafiri mpaka Beeri, hapo ndipo palipo na kisima ambacho Bwana alimwambia Musa, “Wakusanye watu kwa ajili yangu ili uwape maji,”
17 Israaʼelis faarfannaa kana faarfate: “Yaa boolla bishaanii nana, burqi! Isinis waaʼee isaa faarfadhaa;
Ndipo Israeli waipoimba wimbo huu: “enyi visima, yajazeni maji. Imbeni juu ya kisima hiki.
18 Boolla bishaanii ilmaan mootii qotan, kan kabajamoonni sabaa, qajeelcha warra seera kennuutiin ulee isaaniitiin qotan faarfadhaa.” Isaan ergasii gammoojjii sana keessaa baʼanii Mataanaa dhaqan;
Kisima ambacho viongozi wetu walichimba, kisima ambacho wenye hekima walichimba kwa fimbo ya kifalme na kwa fimbo ya kutembelea.” Kisha kutoka jangwani walitembea mpaka Matanaha.
19 Mataanaadhaa kaʼanii Nahaaliʼeel dhaqan; Nahaaliʼeelii kaʼanii Baamooti dhaqan;
Kutoka Matanaha walisafiri mpaka Nathalieli, na kutoka Nathalieli mpaka Bamothi,
20 Baamootii immoo kaʼanii sulula Moʼaab, iddoo itti fiixeen Phisgaa gammoojjiitti garagaltu qubatan.
na kutoka Bamothi hadi kwenye bonde la Moabu. Hapo ndipo kilele cha Mlima Piska kinapoonekana jangwani.
21 Israaʼelis Sihoon mooticha Amoorotaatiin akkana jechuuf ergamoota ergate:
Kisha Israeli akatuma wajumbe kwa Sihoni mfalme wa Waamori akisema,
22 “Akka nu biyya kee keessaan darbinu nuuf eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokkotti iyyuu hin gorru yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo illee hin dhugnu. Nu hamma biyya kee keessaa baanutti karaa mootichaa irra yaana.”
Tunaomba tupite katika nchi yako. hatutapita katika shamba au kwenye shamba la mizabibu. Hatutakunywa maji ya visima vyako. Tutapita katika njia kuu ya mfalme mpaka tutakapopita mpaka wako.”
23 Sihoon garuu akka Israaʼel biyya isaa keessa baʼee darbu hin eeyyamne. Innis loltoota ofii guutuu walitti qabatee Israaʼelin loluuf gammoojjiitti gad baʼe. Yommuu Yaahazi gaʼettis Israaʼeliin wal lole.
Lakini mfalme Sihoni hakumruhusu Israeli kupita kwenye mpaka wao. Badala yake, Sihoni akakusanya jeshi lake lote na kumvamia Isreli huko jangwani. Akaja kwa Jahazi, ambapo alipigana dhidi ya Israeli.
24 Israaʼel garuu goraadeedhaan isa ajjeesee Arnoonii jalqabee hamma Yaaboq gaʼutti biyya isaa qabate; garuu sababii dallaan daangaa Amoorotaa jabaa tureef inni hamma daangaa Amoonotaa qofatti deemuu dandaʼe.
Israeli akalivamia jeshi la Sihoni na nchi ya upanga na kuchukua nchi yao kutoka Amon mpaka mto Jabboki, hadi kufikia nchi ya watu wa Amoni. Sasa mpaka wa watu wa Amoni ulikuwa umefungwa.
25 Israaʼelis magaalaawwan Amoorotaa hunda, Heshboonii fi qubatawwan naannoo ishee jiran hunda qabatee keessa qubate.
Israeli akachukua miji yote ya Waamori na akaishi ndani yake, pamoja na Heshiboni na vijiji vyake wote.
26 Heshboon kun magaalaa Sihoon mootii Amoorotaa isa mooticha Moʼaab kan duraa lolee biyya isaa hunda hamma Arnoonitti irraa fudhate sanaa ture.
Heshiboni ulikuwa mji wa Sihoni mfalme wa Waamori, ambaye hapo awali alipigana dhidi ya mfalme wa kwanza wa Moabu. Sihoni alikuwa ameteka ardhi yake yote toka mipaka yake mpaka mto wa Amoni.
27 Sababiin weellistoonni akkana jedhaniif kana: “Gara Heshboon kottaa; isheen deebitee haa ijaaramtu; Magaalaan Sihoonis haa haaromfamtu.
Hiyo ndiyo sababu wala ambao huongea kwa Mitahali husema, “Njoni Heshboni. Mji wa Sihoni ujengwe na kuimarishwa tena.
28 “Heshboon keessaa ibiddi, magaalaa Sihoon keessaa arrabni ibiddaa baʼe. Ibiddi sun Aari magaalaa Moʼaab, jiraattota gaara Arnooniis gubee barbadeesse.
Moto uliwaka toka Heshiboni, moto kutoka mji wa Sihoni ambao uliiteketeza Ari ya Moabu, na wenyeji wa miji ya juu ya Amoni.
29 Yaa Moʼaab, siif wayyoo! Yaa warra Kemoosh, isin barbadooftaniirtu! Inni ilmaan isaa akka baqattootaatti, intallan isaa immoo akka boojiʼamtootaatti, Sihoon mootii Amoorotaatti dabarsee kenneera.
Ole wako, Moabu! umepotea, enyi watu wa Chemoshi. Amewafanya watu wake kuwa wakimbizi na binti zake kuwa wafungwa wa Sihoni mfalme wa Waamori.
30 “Nu garuu isaan garagalchineerra; Heshboon hamma Diiboonitti barbadoofteerti. Nus hamma Noofaa ishee gara Meedebaatti diriirtu sanaatti isaan barbadeessineerra.”
Lakini tumempiga Sihoni. Tumeiangsmiza Heshibon mpaka Diboni. Tumewaharibu wote mpaka Nofa, ambayo inafika mpaka Madeba.”
31 Akkasiin Israaʼel biyya Amoor keessa qubate.
Kwa hiyo Israeli akaanza kuishi katika nchi ya Waamori,
32 Museen Yaʼizeeritti basaastota erge; isaanis qubatawwan naannoo ishee qabatanii Amoorota achi keessa jiraachaa turan ariʼanii baasan.
Kisha Musa akatuma watu kwenda kuingalia Yaziri. Waliviteka vijiji vyake na kuwafukuza Waamori waliokuwa wakiishi humo.
33 Isaanis ergasii deebiʼanii karaa Baashaan qabatanii ol baʼan; Oogi mootichi Baashaaniitii fi loltoonni isaa guutuun Edreyiitti isaaniin wal loluuf itti gad baʼan.
Kisha wakageuka na kuelekea njia inayoelekea Bashani. Ogu mfalme wa Bashani akatofautiana nao, yeye na Jeshi lake lote, ili apigane nao kule Ederei.
34 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sababii ani guutuu loltoota isaatii fi biyya isaa illee dabarsee harka keetti kenneef isa hin sodaatin. Waanuma Sihoon mootiin Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sana goote isa illee godhi.”
Kisha BWANA akasema na Musa, “Msimwogope, kwa sababu nimewapeni ushindi dhidi yake, Jeshi lake lote na nchi yake. Mfanyeni kama mlivyomfanya Sihoni mfalme wa Waamori, aliyekuwa akiishi Heshiboni.”
35 Isaan isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa hunda utuu nama tokko illee hin hambisiniif dhaʼanii biyya isaa illee irraa fudhatan.
Kwa hiyo wakamuua, na wanawe, na jeshi lake lote, mpaka wote wakaishi na hakubaki hata mmoja aliyebaki hai. Kisha wakaichukua nchi yake.

< Lakkoobsa 21 >