< Lakkoobsa 21 >

1 Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraatu sun akka Israaʼel karaa Ataariim irra dhufaa jiru dhageenyaan Israaʼeloota lolee isaan keessaa nama tokko tokko boojiʼe.
When the Canaanite king of Arad, who lived in the Negev, heard that Israel was coming along the road to Atharim, he attacked Israel and captured some prisoners.
2 Israaʼeloonnis, “Yoo ati saba kana dabarsitee harka keenyatti kennite, nu guutumaan guutuutti magaalaa isaanii barbadeessina” jedhanii Waaqayyoof wareegan.
So Israel made a vow to the LORD: “If You will deliver this people into our hands, we will devote their cities to destruction.”
3 Waaqayyos iyya Israaʼel dhagaʼee warra Kanaʼaan dabarsee harka isaaniitti kenne. Israaʼeloonnis isaanii fi magaalaawwan isaanii illee guutumaan guutuutti barbadeessan; kanaafuu iddoon sun Hormaa jedhamee waamame.
And the LORD heard Israel’s plea and delivered up the Canaanites. Israel devoted them and their cities to destruction; so they named the place Hormah.
4 Isaanis Edoom duubaan darbanii deemuuf jedhanii Gaara Hoorii kaʼanii karaa Galaana Diimaatti geessu irra qajeelan. Sabni sun garuu karumatti obsa fixate;
Then they set out from Mount Hor along the route to the Red Sea, in order to bypass the land of Edom. But the people grew impatient on the journey
5 isaanis Waaqaa fi Museedhaan mormanii akkana jechuudhaan dubbatan; “Isin maaliif akka gammoojjii keessatti dhumnuuf biyya Gibxii nu baaftan? Buddeenni hin jiru! Bishaan hin jiru! Nus nyaata balfamaa kana jibbineerra!”
and spoke against God and against Moses: “Why have you led us up out of Egypt to die in the wilderness? There is no bread or water, and we detest this wretched food!”
6 Waaqayyos bofawwan hadhaa qaban gidduu isaaniitti erge; bofawwan sunis isaan iddanii Israaʼeloonni baayʼeen dhuman.
So the LORD sent venomous snakes among the people, and many of the Israelites were bitten and died.
7 Sabni sunis gara Musee dhufee akkana jedhe; “Nu yeroo Waaqayyoo fi sitti afaan dabarre sana cubbuu hojjenne. Akka Waaqayyo bofawwan kanneen nurraa fageessuuf nuuf kadhadhu.” Museen saba sanaaf kadhate.
Then the people came to Moses and said, “We have sinned by speaking against the LORD and against you. Intercede with the LORD so He will take the snakes away from us.” So Moses interceded for the people.
8 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Bofa tokko tolchiitii utubaatti fannisi; namni bofni idde kam iyyuu bofa ati tolchite sana ilaalee jiraachuu dandaʼa.”
Then the LORD said to Moses, “Make a fiery serpent and mount it on a pole. When anyone who is bitten looks at it, he will live.”
9 Museen bofa naasii tokko tolchee utubaatti fannise. Ergasiis namni bofti idde kam iyyuu yeroo bofa naasii sana ilaalu ni jiraata ture.
So Moses made a bronze snake and mounted it on a pole. If anyone who was bitten looked at the bronze snake, he would live.
10 Israaʼeloonni fuula duratti qajeelanii Oobooti keessa qubatan.
Then the Israelites set out and camped at Oboth.
11 Ergasiis Oobootii kaʼanii Iyyee Abaariim lafa karaa baʼa biiftuutiin fuullee Moʼaabitti gammoojjii keessatti argamu qubatan.
They journeyed from Oboth and camped at Iye-abarim in the wilderness opposite Moab to the east.
12 Achiis kaʼanii Sulula Zered keessa qubatan.
From there they set out and camped in the Valley of Zered.
13 Achii kaʼaniis daarii Arnoon lafa gammoojjii keessaa kan bulchiinsa Amoorotaa keessa seentu sana irra qubatan. Arnoon lafa daarii Moʼaab irraa kan Moʼaabii fi Amoor gidduu jirtuu dha.
From there they moved on and camped on the other side of the Arnon, in the wilderness that extends into the Amorite territory. Now the Arnon is the border between the Moabites and the Amorites.
14 Sababiin Kitaabni Waraana Waaqayyoo akkana jedhuuf kana: “Waaheb Suufaa keessaa fi lageen, Arnoonii fi
Therefore it is stated in the Book of the Wars of the LORD: “Waheb in Suphah and the wadis of the Arnon,
15 irraan-gadee sululaa kan gara Aaritti geessuu fi daarii Moʼaab irratti argamu.”
even the slopes of the wadis that extend to the site of Ar and lie along the border of Moab.”
16 Achii kaʼanii gara Biʼeer boolla bishaanii kan Waaqayyo Museedhaan, “Saba walitti qabi; ani bishaan kennaafii” jedhe sanaa karaa isaanii itti fufan.
From there they went on to Beer, the well where the LORD said to Moses, “Gather the people so that I may give them water.”
17 Israaʼelis faarfannaa kana faarfate: “Yaa boolla bishaanii nana, burqi! Isinis waaʼee isaa faarfadhaa;
Then Israel sang this song: “Spring up, O well, all of you sing to it!
18 Boolla bishaanii ilmaan mootii qotan, kan kabajamoonni sabaa, qajeelcha warra seera kennuutiin ulee isaaniitiin qotan faarfadhaa.” Isaan ergasii gammoojjii sana keessaa baʼanii Mataanaa dhaqan;
The princes dug the well; the nobles of the people hollowed it out with their scepters and with their staffs.” From the wilderness the Israelites went on to Mattanah,
19 Mataanaadhaa kaʼanii Nahaaliʼeel dhaqan; Nahaaliʼeelii kaʼanii Baamooti dhaqan;
and from Mattanah to Nahaliel, and from Nahaliel to Bamoth,
20 Baamootii immoo kaʼanii sulula Moʼaab, iddoo itti fiixeen Phisgaa gammoojjiitti garagaltu qubatan.
and from Bamoth to the valley in Moab where the top of Pisgah overlooks the wasteland.
21 Israaʼelis Sihoon mooticha Amoorotaatiin akkana jechuuf ergamoota ergate:
Then Israel sent messengers to Sihon king of the Amorites, saying,
22 “Akka nu biyya kee keessaan darbinu nuuf eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokkotti iyyuu hin gorru yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo illee hin dhugnu. Nu hamma biyya kee keessaa baanutti karaa mootichaa irra yaana.”
“Let us pass through your land. We will not cut through any field or vineyard, or drink water from any well. We will stay on the King’s Highway until we have passed through your territory.”
23 Sihoon garuu akka Israaʼel biyya isaa keessa baʼee darbu hin eeyyamne. Innis loltoota ofii guutuu walitti qabatee Israaʼelin loluuf gammoojjiitti gad baʼe. Yommuu Yaahazi gaʼettis Israaʼeliin wal lole.
But Sihon would not let Israel pass through his territory. Instead, he gathered his whole army and went out to confront Israel in the wilderness. When he came to Jahaz, he fought against Israel.
24 Israaʼel garuu goraadeedhaan isa ajjeesee Arnoonii jalqabee hamma Yaaboq gaʼutti biyya isaa qabate; garuu sababii dallaan daangaa Amoorotaa jabaa tureef inni hamma daangaa Amoonotaa qofatti deemuu dandaʼe.
And Israel put him to the sword and took possession of his land, from the Arnon to the Jabbok—but only up to the border of the Ammonites, because it was fortified.
25 Israaʼelis magaalaawwan Amoorotaa hunda, Heshboonii fi qubatawwan naannoo ishee jiran hunda qabatee keessa qubate.
Israel captured all the cities of the Amorites and occupied them, including Heshbon and all its villages.
26 Heshboon kun magaalaa Sihoon mootii Amoorotaa isa mooticha Moʼaab kan duraa lolee biyya isaa hunda hamma Arnoonitti irraa fudhate sanaa ture.
Heshbon was the city of Sihon king of the Amorites, who had fought against the former king of Moab and taken all his land as far as the Arnon.
27 Sababiin weellistoonni akkana jedhaniif kana: “Gara Heshboon kottaa; isheen deebitee haa ijaaramtu; Magaalaan Sihoonis haa haaromfamtu.
That is why the poets say: “Come to Heshbon, let it be rebuilt; let the city of Sihon be restored.
28 “Heshboon keessaa ibiddi, magaalaa Sihoon keessaa arrabni ibiddaa baʼe. Ibiddi sun Aari magaalaa Moʼaab, jiraattota gaara Arnooniis gubee barbadeesse.
For a fire went out from Heshbon, a blaze from the city of Sihon. It consumed Ar of Moab, the rulers of Arnon’s heights.
29 Yaa Moʼaab, siif wayyoo! Yaa warra Kemoosh, isin barbadooftaniirtu! Inni ilmaan isaa akka baqattootaatti, intallan isaa immoo akka boojiʼamtootaatti, Sihoon mootii Amoorotaatti dabarsee kenneera.
Woe to you, O Moab! You are destroyed, O people of Chemosh! He gave up his sons as refugees, and his daughters into captivity to Sihon king of the Amorites.
30 “Nu garuu isaan garagalchineerra; Heshboon hamma Diiboonitti barbadoofteerti. Nus hamma Noofaa ishee gara Meedebaatti diriirtu sanaatti isaan barbadeessineerra.”
But we have overthrown them; Heshbon is destroyed as far as Dibon. We demolished them as far as Nophah, which reaches to Medeba.”
31 Akkasiin Israaʼel biyya Amoor keessa qubate.
So Israel lived in the land of the Amorites.
32 Museen Yaʼizeeritti basaastota erge; isaanis qubatawwan naannoo ishee qabatanii Amoorota achi keessa jiraachaa turan ariʼanii baasan.
After Moses had sent spies to Jazer, Israel captured its villages and drove out the Amorites who were there.
33 Isaanis ergasii deebiʼanii karaa Baashaan qabatanii ol baʼan; Oogi mootichi Baashaaniitii fi loltoonni isaa guutuun Edreyiitti isaaniin wal loluuf itti gad baʼan.
Then they turned and went up the road to Bashan, and Og king of Bashan and his whole army came out to meet them in battle at Edrei.
34 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sababii ani guutuu loltoota isaatii fi biyya isaa illee dabarsee harka keetti kenneef isa hin sodaatin. Waanuma Sihoon mootiin Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sana goote isa illee godhi.”
But the LORD said to Moses, “Do not fear him, for I have delivered him into your hand, along with all his people and his land. Do to him as you did to Sihon king of the Amorites, who lived in Heshbon.”
35 Isaan isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa hunda utuu nama tokko illee hin hambisiniif dhaʼanii biyya isaa illee irraa fudhatan.
So they struck down Og, along with his sons and his whole army, until no remnant was left. And they took possession of his land.

< Lakkoobsa 21 >