< Lakkoobsa 16 >

1 Qooraahi ilmi Yizihaar, ilmi Qohaati, ilmi Lewwii, gosa Ruubeen keessaa immoo ilmaan Eliiyaab, Daataanii fi Abiiraam akkasumas Ooni ilmi Phelet kaʼanii
Now Korah, the son of Izhar, the son of Kohath, the son of Levi, with Dathan and Abiram, the sons of Eliab, and On, the son of Peleth, sons of Reuben, took some men.
2 Museedhaan morman. Isaan wajjinis namoota Israaʼel jechuunis hooggantoota waldaa bebeekamoo kanneen miseensa yaaʼii taʼanii muudamanii turan 250 gaʼantu ture.
They rose up before Moses, with some of the children of Israel, two hundred fifty princes of the congregation, called to the assembly, men of renown.
3 Isaanis Musee fi Arooniin mormuuf jedhanii tokkummaadhaan walitti qabamanii dhufanii akkana isaaniin jedhan; “Isin dubbii baayʼiftaniirtu! Waldaan kun guutummaatti tokkoon tokkoon isaanii iyyuu qulqulluu dha; Waaqayyos isaan wajjin jira. Yoos isin maaliif waldaa Waaqayyoo irratti of tuultu ree?”
They assembled themselves together against Moses and against Aaron, and said to them, “You take too much on yourself, since all the congregation are holy, everyone of them, and the LORD is among them! Why do you lift yourselves up above the LORD’s assembly?”
4 Museen dubbii kana dhageenyaan addaan lafatti gombifame.
When Moses heard it, he fell on his face.
5 Ergasiis Qooraahii fi warra isa duukaa buʼan hundaan akkana jedhe: “Bori ganama Waaqayyo nama kan isaa taʼee fi nama qulqulluu taʼe ni argisiisa; akka namni sun gara isaatti dhiʼaatu illee ni godha. Inni nama filate sana akka inni itti dhiʼaatu godha.
He said to Korah and to all his company, “In the morning, the LORD will show who are his, and who is holy, and will cause him to come near to him. Even him whom he shall choose, he will cause to come near to him.
6 Qooraahi, atii fi warri si duukaa buʼan hundi waan kana godhaa: Girgiraawwan fudhadhaatii
Do this: have Korah and all his company take censers,
7 bori fuula Waaqayyoo duratti ibiddaa fi ixaana itti naqaa. Namni Waaqayyo filatu inni nama qulqulluu taʼa. Isin Lewwonni dubbii baayʼiftaniirtu!”
put fire in them, and put incense on them before the LORD tomorrow. It shall be that the man whom the LORD chooses, he shall be holy. You have gone too far, you sons of Levi!”
8 Museenis Qooraahiidhaan akkana jedhe; “Isin Lewwonni mee dhagaʼaa!
Moses said to Korah, “Hear now, you sons of Levi!
9 Waaqni Israaʼel waldaa Israaʼel kaan keessaa isin filatee akka isin hojii dunkaana qulqulluu Waaqayyoo hojjettanii fi akka isin fuula waldaa dura dhaabatanii isaan tajaajiltaniif jedhee ofitti isin dhiʼeessuun isaa isin hin gaʼuu?
Is it a small thing to you that the God of Israel has separated you from the congregation of Israel, to bring you near to himself, to do the service of the LORD’s tabernacle, and to stand before the congregation to minister to them;
10 Inni siʼii fi Lewwota si wajjin jiran hunda ofitti dhiʼeesseera; isin garuu lubummaa illee fudhachuu barbaaddan.
and that he has brought you near, and all your brothers the sons of Levi with you? Do you seek the priesthood also?
11 Kanaafuu atii fi miiltonni kee hundinuu walitti qabamtanii Waaqayyoon mormitan. Aroon isin itti guungumtan kun eenyuu dha?”
Therefore you and all your company have gathered together against the LORD! What is Aaron that you complain against him?”
12 Museenis ergasii ilmaan Eliiyaab Daataanii fi Abiiraam waamsise. Isaan garuu akkana jedhan; “Nu hin dhufnu!
Moses sent to call Dathan and Abiram, the sons of Eliab; and they said, “We will not come up!
13 Ati gammoojjii keessatti nu fixuuf jettee biyya aannanii fi damma baasu keessaa nu baasuun kee si hin gaʼuu? Amma immoo gooftaa nutti taʼuu feetaa?
Is it a small thing that you have brought us up out of a land flowing with milk and honey, to kill us in the wilderness, but you must also make yourself a prince over us?
14 Kana malee iyyuu ati biyya aannanii fi damma baasutti nu hin galchine yookaan dhaala lafa qotiisaatii fi iddoo dhaabaa wayinii nuu hin kennine. Ati ija namoota kanaa ni baaftaa? Lakkii, nu hin dhufnu!”
Moreover you have not brought us into a land flowing with milk and honey, nor given us inheritance of fields and vineyards. Will you put out the eyes of these men? We will not come up.”
15 Museen akka malee aaree Waaqayyoon, “Aarsaa isaanii hin fudhatin. Ani harree tokko illee isaan irraa hin fudhanne yookaan isaan keessaa nama tokko illee hin miine” jedhe.
Moses was very angry, and said to the LORD, “Do not respect their offering. I have not taken one donkey from them, neither have I hurt one of them.”
16 Museen Qooraahiidhaan akkana jedhe; “Atii fi miiltonni kee hundinuu akkasumas ati, isaanii fi Aroon bori fuula Waaqayyoo duratti argamaa.
Moses said to Korah, “You and all your company go before the LORD, you, and they, and Aaron, tomorrow.
17 Tokkoon tokkoon namaa girgiraa isaa fudhatee, ixaana itti naqatee fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu; girgiraawwan kunneenis walumaa galatti 250 taʼu. Akkasumas atii fi Aroon girgiraa keessan dhiʼeessuu qabdu.”
Each man take his censer and put incense on it, and each man bring before the LORD his censer, two hundred fifty censers; you also, and Aaron, each with his censer.”
18 Tokkoon tokkoon namaa girgiraa isaa fudhatee, ibiddaa fi ixaana itti naqatee Musee fi Aroon wajjin balbala dunkaana wal gaʼii dura dhaabate.
They each took his censer, and put fire in it, and laid incense on it, and stood at the door of the Tent of Meeting with Moses and Aaron.
19 Yeroo Qooraahi isaaniin mormuuf jedhee duukaa buutota isaa hunda balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabetti, ulfinni Waaqayyoo waldaa guutuutti mulʼate.
Korah assembled all the congregation opposite them to the door of the Tent of Meeting. The LORD’s glory appeared to all the congregation.
20 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe;
The LORD spoke to Moses and to Aaron, saying,
21 “Akka ani yeruma tokkoon isaan fixuuf waldaa kana irraa gargar baʼaa.”
“Separate yourselves from among this congregation, that I may consume them in a moment!”
22 Musee fi Aroon garuu addaan lafatti gombifamanii akkana jedhanii iyyan; “Yaa Waaqayyo Waaqa hafuurota sanyii nama hundaa, ati yoo namni tokko yakke waldaa guutuutti dheekkamtaa?”
They fell on their faces, and said, “God, the God of the spirits of all flesh, shall one man sin, and will you be angry with all the congregation?”
23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
The LORD spoke to Moses, saying,
24 “Waldaa kanaan, ‘Dunkaanota Qooraahi, kan Daataaniitii fi Abiiraam irraa fagaadhaa’ jedhi.”
“Speak to the congregation, saying, ‘Get away from around the tent of Korah, Dathan, and Abiram!’”
25 Museenis kaʼee gara Daataanii fi Abiiraam dhaqe; maanguddoonni Israaʼelis isa duukaa buʼan.
Moses rose up and went to Dathan and Abiram; and the elders of Israel followed him.
26 Innis waldaa sanaan, “Dunkaana namoota hamoo kanneenii irraa fagaadhaa! Isin akka sababii cubbuu isaanii hundaan hin barbadeeffamneef waan kan isaanii taʼe kam iyyuu hin tuqinaa” jedhe.
He spoke to the congregation, saying, “Depart, please, from the tents of these wicked men, and touch nothing of theirs, lest you be consumed in all their sins!”
27 Isaan dunkaanota Qooraahi, kan Daataanii fi kan Abiiraamiis irraa fagaatan. Daataanii fi Abiiraamiis gad baʼanii niitota, ijoollee fi daaʼimman isaanii wajjin balbala dunkaanota isaanii dura dhadhaabachaa turan.
So they went away from the tent of Korah, Dathan, and Abiram, on every side. Dathan and Abiram came out, and stood at the door of their tents with their wives, their sons, and their little ones.
28 Ergasii Museen akkana jedhe; “Ani wantoota kanneen hunda akkan hojjedhuuf Waaqayyo akka na erge, kunis yaada koo akka hin taʼin isin kanaan ni beektu:
Moses said, “Hereby you shall know that the LORD has sent me to do all these works; for they are not from my own mind.
29 Yoo namoonni kunneen duʼuma uumamaan dhufu duʼanii fi wanni nama hundatti dhufu isaanitti dhufe Waaqayyo na hin ergine.
If these men die the common death of all men, or if they experience what all men experience, then the LORD has not sent me.
30 Garuu yoo Waaqayyo waan guutummaan guutuutti haaraa taʼe tokko isaanitti fidee lafti afaan bantee waan isaan qaban hunda wajjin isaan liqimsite, yoo isaanis utuma lubbuun jiranuu boolla buʼan, isin akka namoonni kunneen Waaqayyoon tuffatan ni beektan.” (Sheol h7585)
But if the LORD makes a new thing, and the ground opens its mouth, and swallows them up with all that belong to them, and they go down alive into Sheol (Sheol h7585), then you shall understand that these men have despised the LORD."
31 Akkuma inni waan kana hunda dubbatee fixateen lafti isaan jalaa baqaqxe;
As he finished speaking all these words, the ground that was under them split apart.
32 lafti sunis afaan bantee warra mana isaanii, namoota Qooraahi hundaa fi qabeenya isaanii hunda wajjin isaan liqimsite.
The earth opened its mouth and swallowed them up with their households, all of Korah’s men, and all their goods.
33 Isaanis waan qaban hunda wajjin jiraatti boolla buʼan; laftis isaan irratti afaan walitti deebifatte; isaanis akkasiin waldaa keessaa balleeffaman. (Sheol h7585)
So they, and all that belonged to them went down alive into Sheol (Sheol h7585). The earth closed on them, and they perished from among the assembly.
34 Isaan iyyinaan Israaʼeloonni naannoo isaanii turan hundinuu, “Lafti kun nuunis ni liqimsiti!” jedhanii iyyaa baqatan.
All Israel that were around them fled at their cry; for they said, “Lest the earth swallow us up!”
35 Ibiddi Waaqayyo biraa gad buʼee namoota 250 kanneen aarsaa ixaanaa dhiʼeessaa turan sana fixe.
Fire came out from the LORD, and devoured the two hundred fifty men who offered the incense.
36 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
The LORD spoke to Moses, saying,
37 “Akka inni girgiraawwan sana lafa jarri itti gubamanii fuudhee cilee isaanii kan bobaʼu achi fageessee keessaa bittinneessuuf Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaatti himi; girgiraawwan sun qulqulluudhaatii.
“Speak to Eleazar the son of Aaron the priest, that he take up the censers out of the burning, and scatter the fire away from the camp; for they are holy,
38 Girgiraawwan kunneenis girgiraawwan namoota lubbuu isaaniitti muruudhaan cubbuu hojjetanii ti. Girgiraawwan sanas iddoo aarsaatti uffisuudhaaf tumii haphisi; isaan fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeeffamanii qulqulluu taʼaniiruutii. Isaanis Israaʼelootaaf mallattoo haa taʼan.”
even the censers of those who sinned against their own lives. Let them be beaten into plates for a covering of the altar, for they offered them before the LORD. Therefore they are holy. They shall be a sign to the children of Israel.”
39 Eleʼaazaar lubichi girgiraawwan naasii kanneen namoonni gubaman sun dhiʼeessan sana iddoo aarsaatti uffisuudhaaf jedhee walitti qabee tume.
Eleazar the priest took the bronze censers which those who were burned had offered; and they beat them out for a covering of the altar,
40 Kanas akkuma Waaqayyo karaa Museetiin isa ajajetti hojjete. Kunis akka sanyii Aroon malee namni tokko iyyuu ixaana aarsuuf fuula Waaqayyoo duratti hin dhiʼaanne, yoo kanaa achii akka inni akkuma Qooraahiitii fi miiltota isaa sanaa taʼu Israaʼeloota yaadataniif.
to be a memorial to the children of Israel, to the end that no stranger who is not of the offspring of Aaron, would come near to burn incense before the LORD, that he not be as Korah and as his company; as the LORD spoke to him by Moses.
41 Guyyaa itti aanutti waldaan Israaʼel hundi, “Isin saba Waaqayyoo fixxan” jedhanii Musee fi Aroonitti guunguman.
But on the next day all the congregation of the children of Israel complained against Moses and against Aaron, saying, “You have killed the LORD’s people!”
42 Garuu yeroo waldaan sun Musee fi Arooniin mormuudhaaf walitti qabamee gara dunkaana wal gaʼii ilaaletti, kunoo duumessi dunkaana sana haguuge; ulfinni Waaqayyoos ni mulʼate.
When the congregation was assembled against Moses and against Aaron, they looked toward the Tent of Meeting. Behold, the cloud covered it, and the LORD’s glory appeared.
43 Musee fi Aroon gara fuuldura dunkaana wal gaʼii dhaqan;
Moses and Aaron came to the front of the Tent of Meeting.
44 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
The LORD spoke to Moses, saying,
45 “Akka ani yommusuma isaan balleessuuf, waldaa kana biraa fagaadhu.” Isaanis addaan lafatti gombifaman.
“Get away from among this congregation, that I may consume them in a moment!” They fell on their faces.
46 Ergasii Museen Arooniin akkana jedhe; “Girgiraa kee fudhadhuutii iddoo aarsaa irraa ixaana ibidda wajjin itti naqadhuutii araara isaaniif buusuudhaaf gara waldaatti fiigi. Dheekkamsi Waaqayyo biraa dhufeera; dhaʼichi jalqabeera.”
Moses said to Aaron, “Take your censer, put fire from the altar in it, lay incense on it, carry it quickly to the congregation, and make atonement for them; for wrath has gone out from the LORD! The plague has begun.”
47 Aroon akkuma Museen jedhe sana fiigee gidduu waldaa seene. Yeroo kanatti dhaʼichi gidduu waldaatti jalqabee ture. Aroon garuu ixaana dhiʼeessee araara isaaniif buuse.
Aaron did as Moses said, and ran into the middle of the assembly. The plague had already begun among the people. He put on the incense, and made atonement for the people.
48 Innis warra jiruu fi warra duʼe gidduu ijaajje; dhaʼichi sunis ni dhaabate.
He stood between the dead and the living; and the plague was stayed.
49 Garuu namoota sababii Qooraahiitiif dhuman malee namoota 14,700 gaʼantu dhaʼicha sanaan dhume.
Now those who died by the plague were fourteen thousand seven hundred, in addition to those who died about the matter of Korah.
50 Aroon sababii dhaʼichi sun dhaabateef gara balbala dunkaana wal gaʼii gara Museetti deebiʼe.
Aaron returned to Moses to the door of the Tent of Meeting, and the plague was stopped.

< Lakkoobsa 16 >