< Lakkoobsa 15 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
וידבר יהוה אל משה לאמר׃
2 “Saba Israaʼelitti akkana jedhii dubbadhu: ‘Yommuu biyya ani akka isin keessa jiraattaniif isiniif kennu sana seentanii
דבר אל בני ישראל ואמרת אלהם כי תבאו אל ארץ מושבתיכם אשר אני נתן לכם׃
3 aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu, loon keessaa yookaan bushaayee keessaa fuutanii aarsaa gubamu yookaan qalma wareega addaatiif yookaan aarsaa fedhii keessanii yookaan aarsaa ayyaana waggaa Waaqayyoof dhiʼeessitu,
ועשיתם אשה ליהוה עלה או זבח לפלא נדר או בנדבה או במעדיכם לעשות ריח ניחח ליהוה מן הבקר או מן הצאן׃
4 namni aarsaa dhiʼeessu sun daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka tokko kan zayitii iinii harka afur keessa harka tokkootiin sukkuumame kennaa midhaanii godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
והקריב המקריב קרבנו ליהוה מנחה סלת עשרון בלול ברבעית ההין שמן׃
5 Tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa kan aarsaa gubamuuf yookaan qalmaaf dhiʼeeffamu wajjinis daadhii wayinii iinii harka afur keessaa harka tokko dhibaayyuudhaaf qopheessi.
ויין לנסך רביעית ההין תעשה על העלה או לזבח לכבש האחד׃
6 “‘Korbeessa hoolaa tokko wajjinis daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka lama kan zayitii iinii harka sadii keessaa harka tokkoon sukkumameen kennaa midhaanii qopheessi.
או לאיל תעשה מנחה סלת שני עשרנים בלולה בשמן שלשית ההין׃
7 Daadhii wayinii iinii harka sadii keessaa harka tokko dhibaayyuu urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhii dhiʼeessi.
ויין לנסך שלשית ההין תקריב ריח ניחח ליהוה׃
8 “‘Ati yommuu dibicha loonii tokko aarsaa gubamu yookaan qalma wareega addaatiif yookaan aarsaa nagaatiif Waaqayyoof qopheessitutti,
וכי תעשה בן בקר עלה או זבח לפלא נדר או שלמים ליהוה׃
9 dibicha sana wajjin kennaa midhaanii fidi; kennaan sunis daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka sadii kan zayitii walakkaa iiniitiin sukkuumame haa taʼu.
והקריב על בן הבקר מנחה סלת שלשה עשרנים בלול בשמן חצי ההין׃
10 Akkasumas daadhii wayinii iinii walakkaa dhibaayyuu godhii fidi. Wanni kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu taʼa.
ויין תקריב לנסך חצי ההין אשה ריח ניחח ליהוה׃
11 Tokkoon tokkoon dibicha loonii yookaan korbeessa hoolaa, tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa yookaan korbeessa reʼee xinnaa haaluma kanaan haa qopheeffaman.
ככה יעשה לשור האחד או לאיל האחד או לשה בכבשים או בעזים׃
12 Akkuma baayʼina waan qopheessitan sanaatti akkuma lakkoobsa isaaniitti, tokkoo tokkoo isaaniitiif akkanuma godhaa.
כמספר אשר תעשו ככה תעשו לאחד כמספרם׃
13 “‘Namni dhalataa biyya sanaa taʼe hundinuu yeroo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu fidutti wantoota kanneen haaluma kanaan haa hojjetu.
כל האזרח יעשה ככה את אלה להקריב אשה ריח ניחח ליהוה׃
14 Dhaloota dhufu keessattis alagaan yookaan namni gidduu keessan jiraatu yeroo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessutti akkuma isin gootan kana haa godhu.
וכי יגור אתכם גר או אשר בתוככם לדרתיכם ועשה אשה ריח ניחח ליהוה כאשר תעשו כן יעשה׃
15 Yaaʼiin sun isinii fi alagaa isin gidduu jiraatuuf illee seeruma tokko haa qabaatu; kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Atii fi alagaan sun fuula Waaqayyoo duratti wal qixxee dha.
הקהל חקה אחת לכם ולגר הגר חקת עולם לדרתיכם ככם כגר יהיה לפני יהוה׃
16 Isiniifis alagaa isin gidduu jiraatuufis seerrii fi dambiin tokkuma haa taʼu.’”
תורה אחת ומשפט אחד יהיה לכם ולגר הגר אתכם׃
17 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
וידבר יהוה אל משה לאמר׃
18 “Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu: ‘Isin yeroo biyya ani itti isin galchu sana seentanii
דבר אל בני ישראל ואמרת אלהם בבאכם אל הארץ אשר אני מביא אתכם שמה׃
19 midhaan ishee nyaattanitti, nyaata sana irraa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa.
והיה באכלכם מלחם הארץ תרימו תרומה ליהוה׃
20 Bukoo keessan kan jalqabaa irraa maxinoo tokko kennaa dhiʼeessaa; isas akka aarsaa oobdii irraa fuudhameetti dhiʼeessaa.
ראשית ערסתכם חלה תרימו תרומה כתרומת גרן כן תרימו אתה׃
21 Dhaloota dhufu hundumaa keessatti bukoo keessan kan jalqabaa irraa Waaqayyoof kennaa kennuu qabdu.
מראשית ערסתיכם תתנו ליהוה תרומה לדרתיכם׃
22 “‘Yoo isin utuu hin beekin ajajawwan Waaqayyo Museetti kenne kanneen keessaa tokko illee
וכי תשגו ולא תעשו את כל המצות האלה אשר דבר יהוה אל משה׃
23 jechuunis yoo isin ajaja Waaqayyoo kan gaafa Waaqayyo ajaja kana kennee jalqabee dhaloota dhufu keessa illee ittuma fufuudhaan karaa Museetiin isin ajaje kam iyyuu cabsitan,
את כל אשר צוה יהוה אליכם ביד משה מן היום אשר צוה יהוה והלאה לדרתיכם׃
24 yoo wanti kun dogoggoraan utuu waldaan hin beekin hojjetamee jiraate waldaan sun hundi dibicha loonii aarsaa gubamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu, kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu ajajame wajjin, aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee haa dhiʼeessan.
והיה אם מעיני העדה נעשתה לשגגה ועשו כל העדה פר בן בקר אחד לעלה לריח ניחח ליהוה ומנחתו ונסכו כמשפט ושעיר עזים אחד לחטת׃
25 Lubnis waldaa saba Israaʼel hundaaf araara haa buusu; isaanis waan utuu hin beekin cubbuu hojjetaniif, balleessaa isaaniitiifis waan aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamuu fi aarsaa cubbuu Waaqayyoof fidaniif dhiifama ni argatu.
וכפר הכהן על כל עדת בני ישראל ונסלח להם כי שגגה הוא והם הביאו את קרבנם אשה ליהוה וחטאתם לפני יהוה על שגגתם׃
26 Sababii sabni hundi balleessaa dogoggoraan hojjetame sana keessatti hirmaateefis waldaan saba Israaʼel hundii fi alagaawwan isaan gidduu jiraatan dhiifama ni argatu.
ונסלח לכל עדת בני ישראל ולגר הגר בתוכם כי לכל העם בשגגה׃
27 “‘Garuu yoo namni tokko qofti utuu hin beekin cubbuu hojjete inni goromtii reʼee kan umuriin ishee waggaa tokkoo aarsaa cubbuutiif haa fidu.
ואם נפש אחת תחטא בשגגה והקריבה עז בת שנתה לחטאת׃
28 Lubni sunis namicha utuu itti hin yaadin cubbuu hojjete sanaaf fuula Waaqayyoo duratti araara haa buusu; erga araarri isaaf buʼee booddee immoo namichi sun dhiifama ni argata.
וכפר הכהן על הנפש השגגת בחטאה בשגגה לפני יהוה לכפר עליו ונסלח לו׃
29 Dhalataa Israaʼeliifis taʼu yookaan alagaa isin gidduu jiraatuuf, nama utuu itti hin yaadin cubbuu hojjete hundaaf seerri tokkuma haa taʼu.
האזרח בבני ישראל ולגר הגר בתוכם תורה אחת יהיה לכם לעשה בשגגה׃
30 “‘Garuu dhalataa biyyaas taʼu yookaan alagaan, namni beekaa cubbuu hojjetu Waaqayyoon arrabsuu isaa ti; namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
והנפש אשר תעשה ביד רמה מן האזרח ומן הגר את יהוה הוא מגדף ונכרתה הנפש ההוא מקרב עמה׃
31 Namichi sun sababii dubbii Waaqayyoo tuffatee fi sababii ajaja isaa cabseef inni haa balleeffamu; balleessaa isaattis isatu gaafatama.’”
כי דבר יהוה בזה ואת מצותו הפר הכרת תכרת הנפש ההוא עונה בה׃
32 Yeroo sabni Israaʼel gammoojjii keessa turetti, namni tokko utuu guyyaa Sanbataatiin qoraan walitti qabatuu argame.
ויהיו בני ישראל במדבר וימצאו איש מקשש עצים ביום השבת׃
33 Warri utuu inni qoraan walitti qabatuu arganis Museetti, Arooniitii fi waldaa guutuutti isa geessan;
ויקריבו אתו המצאים אתו מקשש עצים אל משה ואל אהרן ואל כל העדה׃
34 sababii wanni isa godhan hin beekaminiif hidhanii isa tursan.
ויניחו אתו במשמר כי לא פרש מה יעשה לו׃
35 Waaqayyo Museedhaan, “Namichi duʼuu qaba. Waldaan sun guutuun qubataan alatti dhagaadhaan isa haa tumu” jedhe.
ויאמר יהוה אל משה מות יומת האיש רגום אתו באבנים כל העדה מחוץ למחנה׃
36 Waldaan sun akkuma Waaqayyo Musee ajajetti namicha sana qubata keessaa gad baasee dhagaadhaan tumee ajjeese.
ויציאו אתו כל העדה אל מחוץ למחנה וירגמו אתו באבנים וימת כאשר צוה יהוה את משה׃
37 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
ויאמר יהוה אל משה לאמר׃
38 “Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu: ‘Dhaloota dhufu hunda keessa qarqara wayyaa keessanii irratti handaara tolfadhaa; tokkoon tokkoon handaara sanaas foʼaa bifa cuquliisaa haa qabaatu.
דבר אל בני ישראל ואמרת אלהם ועשו להם ציצת על כנפי בגדיהם לדרתם ונתנו על ציצת הכנף פתיל תכלת׃
39 Isin handaara kana ilaaltanii ajaja Waaqayyoo hunda yaadattu; kunis akka ajaja kana eegdanii hawwii garaa keessaniitii fi hawwii ija keessanii duukaa buʼuudhaan hin sagaagalleef.
והיה לכם לציצת וראיתם אתו וזכרתם את כל מצות יהוה ועשיתם אתם ולא תתרו אחרי לבבכם ואחרי עיניכם אשר אתם זנים אחריהם׃
40 Yoos isin ajaja koo hunda yaadattanii ni eegdu; Waaqa keessaniifis qulqulloota ni taatu.
למען תזכרו ועשיתם את כל מצותי והייתם קדשים לאלהיכם׃
41 Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan Waaqa isinii taʼuuf jedhee biyya Gibxii isin baasee dha. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”
אני יהוה אלהיכם אשר הוצאתי אתכם מארץ מצרים להיות לכם לאלהים אני יהוה אלהיכם׃

< Lakkoobsa 15 >