< Lakkoobsa 15 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Ubangiji ya ce wa Musa,
2 “Saba Israaʼelitti akkana jedhii dubbadhu: ‘Yommuu biyya ani akka isin keessa jiraattaniif isiniif kennu sana seentanii
“Ka yi magana da Isra’ilawa, ka ce musu, ‘Bayan kun shiga ƙasar da nake ba ku a matsayin gida,
3 aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu, loon keessaa yookaan bushaayee keessaa fuutanii aarsaa gubamu yookaan qalma wareega addaatiif yookaan aarsaa fedhii keessanii yookaan aarsaa ayyaana waggaa Waaqayyoof dhiʼeessitu,
kuka yi hadayar da akan yi da wuta ga Ubangiji, daga cikin shanu, ko tumaki, abin ƙanshi mai daɗi ga Ubangiji, ko hadaya ta ƙonawa, ko hadayu don alkawura na musamman, ko hadayar yardar rai, ko kuma hadaya ta biki,
4 namni aarsaa dhiʼeessu sun daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka tokko kan zayitii iinii harka afur keessa harka tokkootiin sukkuumame kennaa midhaanii godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu.
sai shi wanda ya kawo hadayar yă miƙa wa Ubangiji hadaya ta gari mai laushi mai kyau, kashi ɗaya bisa goma na efa wanda aka kwaɓa da kwalaba ɗaya na mai.
5 Tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaa kan aarsaa gubamuuf yookaan qalmaaf dhiʼeeffamu wajjinis daadhii wayinii iinii harka afur keessaa harka tokko dhibaayyuudhaaf qopheessi.
Da kowane ɗan rago don hadaya ta ƙonawa, a shirya kwalaba ɗaya na ruwan inabi, a matsayin hadaya ta sha.
6 “‘Korbeessa hoolaa tokko wajjinis daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka lama kan zayitii iinii harka sadii keessaa harka tokkoon sukkumameen kennaa midhaanii qopheessi.
“‘In da rago ne za a miƙa, to, sai a shirya hadaya ta gari mai laushi, garin yă zama kashi biyu bisa goma na efa. A kwaɓa shi da kashi ɗaya bisa uku na garwan mai,
7 Daadhii wayinii iinii harka sadii keessaa harka tokko dhibaayyuu urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhii dhiʼeessi.
da kashi ɗaya bisa uku na garwan ruwan inabi, a matsayin hadaya ta sha. A miƙa ta abin ƙanshi mai daɗi ga Ubangiji.
8 “‘Ati yommuu dibicha loonii tokko aarsaa gubamu yookaan qalma wareega addaatiif yookaan aarsaa nagaatiif Waaqayyoof qopheessitutti,
“‘Sa’ad da kuka shirya rago don hadaya ta ƙonawa saboda alkawari na musamman, ko hadaya ta salama ga Ubangiji,
9 dibicha sana wajjin kennaa midhaanii fidi; kennaan sunis daakuu bullaaʼaa iifii harka kudhan keessaa harka sadii kan zayitii walakkaa iiniitiin sukkuumame haa taʼu.
sai ku kawo hadaya ta gari tare da bijimi, kashi ɗaya bisa uku na gari mai laushi kwaɓaɓɓe da rabin garwan mai.
10 Akkasumas daadhii wayinii iinii walakkaa dhibaayyuu godhii fidi. Wanni kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu taʼa.
A kuma kawo rabin garwan ruwan inabi na hadaya ta sha. Za tă zama hadayar da aka yi da wuta mai daɗin ƙanshi ga Ubangiji.
11 Tokkoon tokkoon dibicha loonii yookaan korbeessa hoolaa, tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa yookaan korbeessa reʼee xinnaa haaluma kanaan haa qopheeffaman.
Haka za a yi da kowane bijimi, ko rago, ko ɗan rago, ko bunsuru.
12 Akkuma baayʼina waan qopheessitan sanaatti akkuma lakkoobsa isaaniitti, tokkoo tokkoo isaaniitiif akkanuma godhaa.
Haka za a yi da kowannensu bisa ga abin da aka shirya.
13 “‘Namni dhalataa biyya sanaa taʼe hundinuu yeroo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu fidutti wantoota kanneen haaluma kanaan haa hojjetu.
“‘Duk wanda yake ɗan ƙasa, ta haka ne dole zai aikata waɗannan abubuwa sa’ad da ya kawo hadaya da akan yi da wuta mai daɗin ƙanshi ga Ubangiji.
14 Dhaloota dhufu keessattis alagaan yookaan namni gidduu keessan jiraatu yeroo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessutti akkuma isin gootan kana haa godhu.
Idan baƙon da yake baƙunci a cikinku, ko kowane ne da yake tare da ku a dukan zamananku, yana so yă ba da hadayar da akan yi da wuta don a yi ƙanshi mai daɗi ga Ubangiji, dole yă yi kamar yadda kuke yi.
15 Yaaʼiin sun isinii fi alagaa isin gidduu jiraatuuf illee seeruma tokko haa qabaatu; kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Atii fi alagaan sun fuula Waaqayyoo duratti wal qixxee dha.
Ƙa’ida ɗaya ce ga jama’a da kuma baƙin da suke zama a cikinku, wannan za tă zama dawwammamiyar farilla a dukan tsararraki masu zuwa. Da ku, da baƙi, za ku zama ɗaya a gaban Ubangiji.
16 Isiniifis alagaa isin gidduu jiraatuufis seerrii fi dambiin tokkuma haa taʼu.’”
Doka ɗaya da ƙa’ida ɗaya za a yi aiki da ita a kan ku da kuma baƙin da suke zama a cikinku.’”
17 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
Ubangiji ya ce wa Musa,
18 “Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu: ‘Isin yeroo biyya ani itti isin galchu sana seentanii
“Ka yi magana da Isra’ilawa, ka ce musu, ‘Sa’ad da kuka shiga ƙasar da ina kai ku,
19 midhaan ishee nyaattanitti, nyaata sana irraa Waaqayyoof kennaa dhiʼeessaa.
kuka ci abincin ƙasar, ku miƙa wani sashe na amfanin ƙasar a matsayin hadaya ga Ubangiji.
20 Bukoo keessan kan jalqabaa irraa maxinoo tokko kennaa dhiʼeessaa; isas akka aarsaa oobdii irraa fuudhameetti dhiʼeessaa.
Ku kawo waina daga nunan fari na ɓarzajjen hatsinku, ku kuma miƙa shi a matsayin hadaya daga masussuka.
21 Dhaloota dhufu hundumaa keessatti bukoo keessan kan jalqabaa irraa Waaqayyoof kennaa kennuu qabdu.
A duk tsararraki masu zuwa, za ku miƙa wannan hadaya daga nunan fari na ɓarzajjen hatsinku ga Ubangiji.
22 “‘Yoo isin utuu hin beekin ajajawwan Waaqayyo Museetti kenne kanneen keessaa tokko illee
“‘To, in ku a matsayin jama’a, da gangan kuka ƙi kiyaye waɗannan ƙa’idodi da Ubangiji ya ba wa Musa ba,
23 jechuunis yoo isin ajaja Waaqayyoo kan gaafa Waaqayyo ajaja kana kennee jalqabee dhaloota dhufu keessa illee ittuma fufuudhaan karaa Museetiin isin ajaje kam iyyuu cabsitan,
ko wani daga cikin umarnan da Ubangiji ya ba ku ta wurinsa, daga ranar da Ubangiji ya ba da su, har zuwa tsararraki masu zuwa,
24 yoo wanti kun dogoggoraan utuu waldaan hin beekin hojjetamee jiraate waldaan sun hundi dibicha loonii aarsaa gubamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu, kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu ajajame wajjin, aarsaa cubbuutiif immoo korbeessa reʼee haa dhiʼeessan.
in kuwa aka yi haka ba da gangan ba, kuma da rashin sani, sai duk jama’a su miƙa ɗan bijimi don hadaya ta ƙonawa mai daɗin ƙanshi ga Ubangiji, tare da ƙayyadadden hadaya ta gari, da hadaya ta sha, da kuma bunsuru na hadaya don zunubi.
25 Lubnis waldaa saba Israaʼel hundaaf araara haa buusu; isaanis waan utuu hin beekin cubbuu hojjetaniif, balleessaa isaaniitiifis waan aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamuu fi aarsaa cubbuu Waaqayyoof fidaniif dhiifama ni argatu.
Firist kuwa zai yi kafara domin dukan jama’ar Isra’ilawa, za a kuma gafarta musu, gama ba da gangan ba ne suka aikata, kuma sun kawo wa Ubangiji hadayar da akan yi da wuta da kuma hadaya don zunubi saboda laifinsu.
26 Sababii sabni hundi balleessaa dogoggoraan hojjetame sana keessatti hirmaateefis waldaan saba Israaʼel hundii fi alagaawwan isaan gidduu jiraatan dhiifama ni argatu.
Za a gafarta wa dukan jama’ar Isra’ilawa, da baƙin da suke zama a cikinsu, gama duk laifin da aka yi da rashin sani, yakan shafi dukan mutane.
27 “‘Garuu yoo namni tokko qofti utuu hin beekin cubbuu hojjete inni goromtii reʼee kan umuriin ishee waggaa tokkoo aarsaa cubbuutiif haa fidu.
“‘Amma in mutum ɗaya ne kaɗai ya yi laifi ba da gangan ba, dole yă kawo akuya domin hadaya don zunubi.
28 Lubni sunis namicha utuu itti hin yaadin cubbuu hojjete sanaaf fuula Waaqayyoo duratti araara haa buusu; erga araarri isaaf buʼee booddee immoo namichi sun dhiifama ni argata.
Firist zai yi kafara a gaban Ubangiji saboda mutumin nan da ya aikata laifi ba da gangan ba, in kuwa an yi kafara saboda shi, za a gafarta masa.
29 Dhalataa Israaʼeliifis taʼu yookaan alagaa isin gidduu jiraatuuf, nama utuu itti hin yaadin cubbuu hojjete hundaaf seerri tokkuma haa taʼu.
Ƙa’ida dai za tă zama ɗaya ga duk wanda ya yi laifi ba da gangan ba, ko shi ɗan ƙasa ne, ko kuma baƙon da yake zama a cikinku.
30 “‘Garuu dhalataa biyyaas taʼu yookaan alagaan, namni beekaa cubbuu hojjetu Waaqayyoon arrabsuu isaa ti; namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
“‘Amma duk wanda ya yi zunubi da gangan, ko shi ɗan ƙasa ne, ko baƙo, ya saɓi Ubangiji, dole a ware wannan mutum daga mutanensa,
31 Namichi sun sababii dubbii Waaqayyoo tuffatee fi sababii ajaja isaa cabseef inni haa balleeffamu; balleessaa isaattis isatu gaafatama.’”
gama ya rena maganar Ubangiji, ya kuma karya umarninsa. Tabbatacce za a kashe wannan mutum, alhakinsa laifinsa kuwa yana wuyansa.’”
32 Yeroo sabni Israaʼel gammoojjii keessa turetti, namni tokko utuu guyyaa Sanbataatiin qoraan walitti qabatuu argame.
Yayinda Isra’ilawa suke ciki hamada, sai aka sami wani mutum yana tattara itace a ranar Asabbaci.
33 Warri utuu inni qoraan walitti qabatuu arganis Museetti, Arooniitii fi waldaa guutuutti isa geessan;
Waɗanda suka gan shi, suka kawo shi wurin Musa da Haruna da dukan taro,
34 sababii wanni isa godhan hin beekaminiif hidhanii isa tursan.
sai suka sa shi a gidan waƙafi don ba su riga sun san abin da za a yi da shi ba tukuna.
35 Waaqayyo Museedhaan, “Namichi duʼuu qaba. Waldaan sun guutuun qubataan alatti dhagaadhaan isa haa tumu” jedhe.
Sai Ubangiji ya ce wa Musa, “Dole mutumin yă mutu. Dole dukan taron su jajjefe shi a bayan sansani.”
36 Waldaan sun akkuma Waaqayyo Musee ajajetti namicha sana qubata keessaa gad baasee dhagaadhaan tumee ajjeese.
Saboda haka taron suka ɗauke shi zuwa bayan sansani, suka kuma jajjefe shi har ya mutu, yadda Ubangiji ya umarci Musa.
37 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Ubangiji ya ce wa Musa,
38 “Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu: ‘Dhaloota dhufu hunda keessa qarqara wayyaa keessanii irratti handaara tolfadhaa; tokkoon tokkoon handaara sanaas foʼaa bifa cuquliisaa haa qabaatu.
“Ka yi magana da Isra’ilawa, ka ce musu, ‘A dukan tsararraki masu zuwa, za ku sa tuntaye a gefen rigunarku, su sa zare mai ruwan shuɗi a bisan kowane tuntu.
39 Isin handaara kana ilaaltanii ajaja Waaqayyoo hunda yaadattu; kunis akka ajaja kana eegdanii hawwii garaa keessaniitii fi hawwii ija keessanii duukaa buʼuudhaan hin sagaagalleef.
Tuntayen za su zama muku abin dubawa don ku riƙa tunawa da dukan umarnan Ubangiji, don kada ku bi son zuciyarku, da sha’awar idanunku yadda kuka taɓa yi.
40 Yoos isin ajaja koo hunda yaadattanii ni eegdu; Waaqa keessaniifis qulqulloota ni taatu.
Sa’an nan za ku riƙa tuna, ku kuma aikata dukan umarnaina ku zama tsarkaka ga Allahnku.
41 Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan Waaqa isinii taʼuuf jedhee biyya Gibxii isin baasee dha. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”
Ni ne Ubangiji Allahnku, da ya fitar da ku daga Masar, don in zama Allahnku. Ni ne Ubangiji Allahnku.’”

< Lakkoobsa 15 >