< Lakkoobsa 14 >

1 Halkan sana namoonni waldaa sanaa hundinuu sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan.
Wherefore the whole multitude crying wept that night.
2 Israaʼeloonni hundinuu Musee fi Aroonitti guunguman; waldaan guutuunis akkana isaaniin jedhe; “Nu utuu biyyuma Gibxitti dhumnee jiraannee! Yookaan utuu gammoojjii kana keessatti dhumnee jiraannee!
And all the children of Israel murmured against Moses and Aaron, saying:
3 Waaqayyo maaliif akka nu goraadeedhaan dhumnuuf jedhee biyya kanatti nu fida? Niitonni keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu. Biyya Gibxitti deebiʼuun nuu hin wayyuu?”
Would God that we had died in Egypt and would God we may die in this vast wilderness, and that the Lord may not bring us into this land, lest we fall by the sword, and our wives and children be led away captives. Is it not better to return into Egypt?
4 Isaanis, “Amma hoogganaa filannee biyya Gibxitti haa deebinu” waliin jedhan.
And they said one to another: Let us appoint a captain, and let us return into Egypt.
5 Kana irratti Musee fi Aroon fuula guutummaa yaaʼii Israaʼel kanneen achitti walitti qabamanii duratti addaan lafatti gombifaman.
And when Moses and Aaron heard this, they fell down flat upon the ground before the multitude of the children of Israel.
6 Jarreen biyyattii keessa deemanii basaasan keessaa Iyyaasuun ilmi Nuuniitii fi Kaaleb ilmi Yefunee uffata ofii tarsaasanii,
But Josue the son of Nun, and Caleb the son of Jephone, who themselves also had viewed the land, rent their garments,
7 guutummaa yaaʼii Israaʼelootaatiin akkana jedhan; “Biyyi nu keessa deemnee basaasne sun akka malee gaarii dha.
And said to all the multitude of the children of Israel: The land which we have gone round is very good:
8 Waaqayyo yoo nutti gammade biyya sanatti nu galchee biyyattii aannanii fi damma baaftu sana nuu kenna.
If the Lord be favourable, he will bring us into it, and give us a land flowing with milk and honey.
9 Isin garuu Waaqayyotti hin fincilinaa. Waan nu isaan lilliqimsinuuf namoota biyya sanaa hin sodaatinaa. Gaaddisni isaan irraa kaʼeera; Waaqayyo nu wajjin jira. Isaan hin sodaatinaa.”
Be not rebellious against the Lord: and fear ye not the people of this land, for we are able to eat them up as bread. All aid is gone from them: the Lord is with us, fear ye not.
10 Waldaan guutuun garuu dhagaan isaan tumuudhaaf mariʼate. Ulfinni Waaqayyoos fuula dunkaana wal gaʼii duratti Israaʼeloota hundatti mulʼate.
And when all the multitude cried out, and would have stoned them, the glory of the Lord appeared over the tabernacle of the covenant to all the children of Israel.
11 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Sabni kun hamma yoomiitti akkana na tuffata? Utuma ani mallattoowwan kanneen hunda gidduu isaaniitti hojjedhuu isaan hamma yoomiitti na amanuu didu?
And the Lord said to Moses: How long will this people detract me? how long will they not believe me for all the signs that I have wrought before them?
12 Ani golfaadhaan dhaʼee isaan nan balleessa; siʼi garuu saba isaan caalaa guddaa fi jabaa sin godha.”
I will strike them therefore with pestilence, and will consume them: but thee I will make a ruler over a great nation, and a mightier than this is.
13 Museen Waaqayyoon akkana jedhe; “Warri Gibxi waaʼee waan kanaa ni dhagaʼu! Ati humna keetiin saba kana gidduu isaaniitii baaftee fiddeertaatii.
And Moses said to the Lord: That the Egyptians, from the midst of whom thou hast brought forth this people,
14 Isaanis waaʼee waan kanaa saba biyya sana keessa jiraatutti ni odeessu. Yaa Waaqayyo, isaan akka ati saba kana gidduu jirtu dhagaʼaniiru; yaa Waaqayyo isaan akka ati fuuluma isaaniitti mulʼatu, akka duumassi kee isaaniin ol jiruu fi akka ati guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan immoo utubaa ibiddaatiin isaan dura deemtu dhagaʼanii jiru.
And the inhabitants of this land, (who have heard that thou, O Lord, art among this people, and art seen face to face, and thy cloud protecteth them, and thou goest before them in a pillar of a cloud by day, and in a pillar of fire by night, )
15 Yoo ati saba kana yeruma tokkotti barbadeessite, saboonni oduu waaʼee keetii dhagaʼan,
May hear that thou hast killed so great a multitude as it were one man and may say:
16 ‘Waaqayyo biyya kakuudhaan waadaa isaaniif gale sanatti saba kana galchuu hin dandeenye; inni kanumaaf gammoojjii keessatti isaan gogorraʼe’ jedhu.
He could not bring the people into the land for which he had sworn, therefore did he kill them in the wilderness.
17 “Egaa akkuma ati akkana jettee dubbatte sanatti jabinni Gooftaa haa argisiifamu:
Let their the strength of the Lord be magnified, as thou hast sworn, saying:
18 ‘Waaqayyo dafee hin aaru; jaalalli isaa immoo guddaa dha; inni cubbuu fi fincila namaaf dhiisa. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee ni adaba.’
The Lord is patient and full of mercy, taking away iniquity and wickedness, and leaving no man clear, who visitest the sins of the fathers upon the children unto the third and fourth generation.
19 Akkuma yeroo isaan biyya Gibxii baʼanii jalqabdee hamma ammaatti dhiifama isaaniif goote sana akkuma jaalala kee guddaa sanaatti cubbuu saba kanaa dhiisiif.”
Forgive, I beseech thee, the sins of this people, according to the greatness of thy mercy, as thou hast been merciful to them from their going out of Egypt unto this place.
20 Waaqayyo akkana jedhee deebiseef; “Ani akkuma ati kadhatte sana isaaniif dhiiseera.
And the Lord said: I have forgiven according to thy word.
21 Taʼu illee akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼee fi akkuma ulfinni Waaqayyoo dhugumaan lafa hunda guute sana,
As I live: and the whole earth shall be filled with the glory of the Lord.
22 namoota ulfina koo arganii, mallattoowwan ani biyya Gibxiitii fi gammoojjii keessatti hojjedhe arganii garuu naa ajajamuu didanii yeroo kudhan na qoran sana keessaa namni tokko iyyuu,
But yet all the men that have seen my majesty, and the signs that I have done in Egypt, and in the wilderness, and have tempted me now ten times, and have not obeyed my voice,
23 tokkoon isaanii biyya ani kakuudhaan abbootii isaaniitiif waadaa gale sana hin argan. Namni na tuffate tokko biyya sana hin argu.
Shall not see the land for which I aware to their fathers, neither shall any one of them that hath detracted me behold it.
24 Garbicha koo Kaaleb garuu sababii inni hafuura addaa qabuu fi sababii garaa guutuudhaan na duukaa buʼaa jiruuf, ani biyya inni dhaqe sanatti isa galcha; sanyiin isaas biyya sana ni dhaala.
My servant Caleb, who being full of another spirit hath followed me, I will bring into this land which he hath gone round: and his seed shall possess it.
25 Sababii Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni Sululoota keessa jiraataniif, isin bor deebiʼaatii karaa Galaana Diimaatiin gammoojjiitti qajeelaa.”
For the Amalecite and the Chanaanite dwell in the valleys. Tomorrow remove the camp, and return into the wilderness by the way of the Red Sea.
26 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
And the Lord spoke to Moses and Aaron, saying:
27 “Waldaan hamaan kun hamma yoomiitti natti guunguma? Ani guungummii Israaʼeloota guungumtoota sanaa dhagaʼeera.
How long doth this wicked multitude murmur against me? I have heard the murmurings of the children of Israel.
28 Akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha; ani jiraataadhaatii, akkuma isin gurra kootti dubbattan sana anis isinitti godha:
Say therefore to them: As I live, saith the Lord: According as you have spoken in my hearing, so will I do to you.
29 Reeffi keessan jechuunis reeffi warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi digdamaa olii kanneen lakkoobsa uummataa keessatti lakkaaʼamanii natti guunguman hundaa gammoojjii kana keessatti harcaʼee hafa.
In the wilderness shall your carcasses lie. All you that were numbered from twenty years old and upward, and have murmured against me,
30 Kaaleb ilma Yefuneetii fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee tokkoon keessan iyyuu biyya ani keessa isin qubachiisuuf kakadhe sanatti hin galtan.
Shall not enter into the land, over which I lifted up my bend to make you dwell therein, except Caleb the son of Jephone, and Josue the son of Nun.
31 Ani garuu ijoollee keessan warra isin ni boojiʼamu jettan sana itti nan galcha; isaanis biyya isin tuffattan sana ni beeku.
But your children, of whom you said, that they should be a prey to the enemies, will I bring in: that they may see the land which you have despised.
32 Isin garuu, reeffi keessan gammoojjuma kana keessatti harcaʼa.
Your carcasses shall lie in the wilderness.
33 Ijoolleen keessan waggaa afurtama gammoojjii kana keessa ni jooru; hamma isin hundi gammoojjii keessatti dhumtanitti isaan sababii amanamummaa dhabuu keessaniitiif achitti rakkatu.
Your children shall wander in the desert forty years, and shall bear your fornication, until the carcasses of their fathers be consumed ill the desert,
34 Isin akkuma bultii afurtama biyya sana basaastan, akkasuma bultiin tokko akka waggaa tokkootti lakkaaʼamee waggaa afurtama cubbuu keessaniif dhiphattu; yeroo sana isin akka ani isiniin mormu ni beektu.’
According to the number of the forty days, wherein you viewed the land: year shall be counted for a day. And forty years you shall receive your iniquities, and shall know my revenge:
35 Ani Waaqayyo waan kana dubbadheen jira; ani dhugumaan waan kana waldaa hamaa naan mormuuf walitti gurmaaʼe kana guutuutti nan fida. Isaan gammoojjii kana keessatti dhumu; asumattis ni duʼu.”
For as I have spoken, so will I do to all this wicked multitude, that hath risen up together against me: in this wilderness shall it faint away and die.
36 Namoonni Museen akka isaan biyyattii basaasaniif erge yommuu achii deebiʼanitti waaʼee biyya sanaa gabaasa hamaa waldaatti gabaasanii akka waldaan Museetti guungumu godhan jechuunis
Therefore all the men, whom Moses had sent to view the land, and who at their return had made the whole multitude to murmur against him, speaking ill of the land that it was naught,
37 namoonni waaʼee biyyattii gabaasa hamaa gabaasuutti gaafataman sun dhaʼichaan fuula Waaqayyoo duratti dhuman.
Died and were struck in the sight of the Lord.
38 Namoota biyyattii basaasuu dhaqan keessaa Iyyaasuu ilma Nuunitii fi Kaaleb ilma Yefunee qofatu duʼa oole.
But Josue. the son of Nun. and Caleb the son of Jephone lived, of all them that had gone to view the land.
39 Museen waan kana hunda Israaʼelootatti himnaan isaan akka malee booʼan.
And Moses spoke all these words to all the children of Israel, and the people mourned exceedingly.
40 Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan fiixee biyya gaaraatti ol baʼanii, “Nu cubbuu hojjenneerra; nu amma gara lafa Waaqayyo waadaa nuu gale sanaa dhaqna” jedhan.
And behold rising up very early in the morning, they went up to the top of the mountain, and said: We are ready to go up to the place, of which the Lord hath spoken: for we have sinned.
41 Museen garuu akkana jedhe; “Isin maaliif ajaja Waaqayyoo cabsitu? Wanni kun isiniif hin milkaaʼu!
And Moses said to them: Why transgress you the word of the Lord, which shall not succeed prosperously with you?
42 Akka diinota keessaniin hin moʼatamneef ol hin baʼinaa; Waaqayyo isin wajjin hin jiruutii;
Go not up, for the Lord is not with you: lest you fall before your enemies.
43 Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni achitti isinitti dhufuutii. Sababii isin Waaqayyo irraa garagaltaniif inni isin wajjin hin jiraatu; goraadeedhaan barbadeeffamtu.”
The Amalecite and the Chanaanite are before you, and by their sword you shall fall, because you would not consent to the Lord, neither will the Lord be with you.
44 Isaan garuu utuu Musee fi taabonni kakuu Waaqayyoo qubata keessaa gad hin baʼin yaaduma isaaniitiin kaʼanii fiixee biyya gaaraatti ol baʼan.
But they being blinded went up to the top of the mountain. But the ark of the testament of the Lord and Moses departed not from the camp.
45 Yommus Amaaleqoonnii fi Kanaʼaanonni gaara sana irra jiraatan gad buʼanii isaan dhaʼanii hamma Hormaatti isaan ariʼan.
And the Amalecite came down, and the Chanaanite that dwelt in the mountain: and smiting and slaying them pursued them as far as Horma.

< Lakkoobsa 14 >