< Lakkoobsa 13 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Bwana akamwambia Mose,
2 “Akka isaan dhaqanii biyya Kanaʼaan ishee ani Israaʼelootaaf kennuuf jiru sana basaasaniif namoota ergi. Tokkoo tokkoo abbootii gosaa keessaa hoogganaa tokko ergi.”
“Watume baadhi ya watu wakaipeleleze nchi ya Kanaani, ambayo ninawapa Waisraeli. Kutoka kwa kila kabila la baba zao, tuma mmoja wa viongozi wao.”
3 Museen ajaja Waaqayyootiin Gammoojjii Phaaraan keessaa isaan erge. Hundi isaanii hooggantoota Israaʼelootaa turan.
Hivyo kwa agizo la Bwana Mose akawatuma kutoka Jangwa la Parani. Wote walikuwa viongozi wa Waisraeli.
4 Maqaan isaanii kanneenii dha: Gosa Ruubeen keessaa Shamuuʼaa ilma Zakuur;
Haya ndiyo majina yao: kutoka kabila la Reubeni, Shamua mwana wa Zakuri;
5 gosa Simiʼoon keessaa Shaafaaxi ilma Hoorii;
kutoka kabila la Simeoni, Shafati mwana wa Hori;
6 gosa Yihuudaa keessaa Kaaleb ilma Yefunee;
kutoka kabila la Yuda, Kalebu mwana wa Yefune;
7 gosa Yisaakor keessaa Yigiʼaal ilma Yoosef;
kutoka kabila la Isakari, Igali mwana wa Yosefu;
8 gosa Efreem keessaa Hoosheeʼaa ilma Nuuni;
kutoka kabila la Efraimu, Hoshea mwana wa Nuni;
9 gosa Beniyaam keessaa Phaaltii ilma Raaphuu;
kutoka kabila la Benyamini, Palti mwana wa Rafu;
10 gosa Zebuuloon keessaa Gadiiʼeel ilma Soodii;
kutoka kabila la Zabuloni, Gadieli mwana wa Sodi,
11 gosa Minaasee jechuunis gosa Yoosef keessaa Gadii ilma Suus;
kutoka kabila la Manase (kabila la Yosefu), Gadi mwana wa Susi;
12 gosa Daan keessaa Amiiʼeel ilma Gemaal;
kutoka kabila la Dani, Amieli mwana wa Gemali;
13 gosa Aasheer keessaa Sexuur ilma Miikaaʼel;
kutoka kabila la Asheri, Sethuri mwana wa Mikaeli;
14 gosa Niftaalem keessaa Naahibii ilma Wofsii;
kutoka kabila la Naftali, Nabi mwana wa Wofsi;
15 gosa Gaad keessaa Geʼuuʼeel ilma Maakii ti.
kutoka kabila la Gadi, Geueli mwana wa Maki.
16 Egaa maqaawwan kunneen maqaawwan namoota akka isaan biyya sana basaasaniif jedhee Museen ergee dha. Museenis Hoosheeʼaa ilma Nuuni sana, “Iyyaasuu” jedhee moggaase.
Haya ndiyo majina ya watu ambao Mose aliwatuma kuipeleleza nchi. (Mose akampa Hoshea mwana wa Nuni jina Yoshua.)
17 Museen yommuu akka isaan biyya Kanaʼaanii basaasaniif isaan ergetti akkana jedheen; “Karaa Negeeb darbaatii gara biyya gaaraatti ol baʼaa.
Mose alipowatuma wakaipeleleze Kanaani, alisema, “Pandeni kupitia Negebu, mwende mpaka nchi ya vilima.
18 Biyyi sun maal akka fakkaattu, namoonni achi jiraatanis jajjaboo yookaan dadhaboo, muraasa yookaan hedduu taʼuu isaanii ilaalaa.
Mwone nchi ni ya namna gani, na kama watu waishio humo wana nguvu au ni wadhaifu, iwapo ni wachache au wengi.
19 Isaan biyya akkamii keessa jiraatu? Gaarii yookaan gadhee? Magaalaawwan akkamii keessa jiraatu? Dallaa dhagaa hin qaban moo daʼoo jabaa qabu?
Wanaishi katika nchi ya namna gani? Je, ni nzuri au mbaya? Wanaishi katika miji ya namna gani? Je, haina kuta au ngome?
20 Lafti isaa gabbataa dha moo gabbataa miti? Muka qaba moo hin qabu. Jabaadhaatii ija biyyattii keessaa muraasa fidaa.” Waqtiin sun yeroo iji wayinii kan jalqabaa itti bilchaatu ture.
Ardhi iko aje? Ina rutuba au la? Je, kuna miti ndani yake au la? Jitahidini kadiri mwezavyo kuleta baadhi ya matunda ya nchi.” (Ulikuwa msimu wa kuiva zabibu za kwanza.)
21 Isaan ol baʼanii Gammoojjii Siin irraa jalqabanii hamma Rehoobitti gara Leeboo Hamaatitti biyyattii basaasan.
Hivyo wakapanda na kuipeleleza nchi kutoka Jangwa la Sini hadi Rehobu, kuelekea Lebo-Hamathi.
22 Isaanis karaa Negeeb ol baʼanii gara Kebroon lafa Ahiiman, Sheeshaayii fi Talmaayi ilmaan Anaaq sun jiraataniitti dhufan. Kebroon kunis utuu Zooʼaan isheen biyya Gibxi sun hin ijaaramin waggaa torbaan dura ijaaramte.
Wakapanda kupitia Negebu hadi wakafika Hebroni, mahali ambapo Ahimani, Sheshai na Talmai, wazao wa Anaki, waliishi. (Hebroni ulikuwa umejengwa miaka saba kabla ya mji wa Soani ulioko Misri.)
23 Isaanis yommuu Sulula Eshkool gaʼanitti hurbuu ija wayinii tokko kutan. Wayinii sanas roomaanii fi harbuu wajjin nama lama taʼanii danqaraadhaan baatan.
Walipofika katika Bonde la Eshkoli, walivunja tawi lililokuwa na kishada kimoja cha zabibu. Wawili wao wakalichukua lile tawi kwenye mti, pamoja na komamanga na tini.
24 Iddoon sun sababii hurbuu ija wayinii kan warri Israaʼel kutan sanaatiif Sulula Eshkool jedhame.
Eneo lile likaitwa Bonde la Eshkoli kwa sababu ya kile kishada cha zabibu ambacho Waisraeli walikikata huko.
25 Jarris dhuma bultii afurtamaatti biyya sana basaasanii deebiʼan.
Mwishoni mwa siku arobaini wakarudi kutoka kuipeleleza nchi.
26 Isaanis gara Qaadesh ishee Gammoojjii Phaaraan keessaa gara Musee fi Aroon, gara waldaa Israaʼel guutuu deebiʼanii dhufan. Achittis gabaasa isaaniif dhiʼeessan; ija biyyattiis isaan argisiisan.
Wakarudi kwa Mose, Aroni na jumuiya yote ya Waisraeli huko Kadeshi kwenye Jangwa la Parani. Hapo ndipo walipotoa habari kwao na kwa kusanyiko lote na kuwaonyesha matunda ya hiyo nchi.
27 Isaanis akkana jedhanii Museetti himan: “Nu gara biyya ati itti nu ergite sanaa dhaqneerra; biyyattiin aannanii fi damma baafti! Iji ishees kunoo kana.
Wakampa Mose taarifa hii: “Tuliingia katika nchi uliyotutuma, nayo inatiririka maziwa na asali! Hili hapa tunda lake.
28 Garuu namoonni achi jiraatan jajjaboo dha; magaalaawwan ishee dallaa jabaa qabu; gurguddaa dhas. Nu sanyii Anaaq iyyuu achitti argineerra.
Lakini watu wanaoishi huko ni wenye nguvu, na miji yao ina ngome na ni mikubwa sana. Huko tuliona hata wazao wa Anaki.
29 Amaaleqoonni Negeeb keessa jiraatu; Heetonni, Yebuusonnii fi Amooronni biyya gaaraa keessa jiraatu; Kanaʼaanonni immoo galaana biraa fi qarqara Yordaanos jiraatu.”
Waamaleki wanaishi Negebu; Wahiti, Wayebusi na Waamori wanaishi katika nchi ya vilima; nao Wakanaani wanaishi karibu na bahari na kando ya Yordani.”
30 Kaalebis fuula Musee duratti saba calʼisiisee, “Nu dafnee ol baanee biyyattii haa dhaallu; moʼachuu ni dandeenyaatii” jedhe.
Kisha Kalebu akawanyamazisha watu mbele ya Mose na kusema, “Imetupasa kupanda na kuimiliki nchi, kwa maana hakika tunaweza kufanya hivyo.”
31 Namoonni isa wajjin ol baʼanii turan garuu, “Nu warra sana dhaʼuu hin dandeenyu; isaan nurra jajjaboo dha” jedhan.
Lakini watu waliokuwa wamepanda pamoja naye wakasema, “Hatuwezi kuwashambulia wale watu; wana nguvu kutuliko sisi.”
32 Isaanis waaʼee biyya basaasan sanaa saba Israaʼel gidduutti oduu gadhee tamsaasan. Akkanas jedhan; “Biyyi nu basaasne sun biyya warra ishee keessa jiraatu iyyuu nyaattuu dha. Namoonni nu achitti argine hundinuu dhedheeroo dha.
Wakaeneza taarifa mbaya miongoni mwa Waisraeli kuhusu nchi waliyoipeleleza. Wakasema, “Nchi tuliyoipeleleza hula watu waishio ndani yake. Watu wote tuliowaona huko ni majitu.
33 Achitti Nefiiliimota argine; ilmaan Anaaq Nefiiliimota irraa dhufan. Nu ofuma keenyatti iyyuu korophisa fakkaanne; fuula isaanii durattis akkasuma taane.”
Tuliwaona Wanefili huko (wazao wa Anaki wanatokana na Wanefili.) Tulijiona kama panzi machoni petu wenyewe, nao ndivyo walivyotuona.”

< Lakkoobsa 13 >