< Lakkoobsa 13 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the LORD spoke to Moses, saying,
2 “Akka isaan dhaqanii biyya Kanaʼaan ishee ani Israaʼelootaaf kennuuf jiru sana basaasaniif namoota ergi. Tokkoo tokkoo abbootii gosaa keessaa hoogganaa tokko ergi.”
Send thou men, that they may search the land of Canaan, which I give to the children of Israel: of every tribe of their fathers shall ye send a man, every one a ruler among them.
3 Museen ajaja Waaqayyootiin Gammoojjii Phaaraan keessaa isaan erge. Hundi isaanii hooggantoota Israaʼelootaa turan.
And Moses, by the commandment of the LORD, sent them from the wilderness of Paran: all those men [were] heads of the children of Israel.
4 Maqaan isaanii kanneenii dha: Gosa Ruubeen keessaa Shamuuʼaa ilma Zakuur;
And these [were] their names: Of the tribe of Reuben, Shammua the son of Zaccur.
5 gosa Simiʼoon keessaa Shaafaaxi ilma Hoorii;
Of the tribe of Simeon, Shaphat the son of Hori.
6 gosa Yihuudaa keessaa Kaaleb ilma Yefunee;
Of the tribe of Judah, Caleb the son of Jephunneh.
7 gosa Yisaakor keessaa Yigiʼaal ilma Yoosef;
Of the tribe of Issachar, Igal the son of Joseph.
8 gosa Efreem keessaa Hoosheeʼaa ilma Nuuni;
Of the tribe of Ephraim, Oshea the son of Nun.
9 gosa Beniyaam keessaa Phaaltii ilma Raaphuu;
Of the tribe of Benjamin, Palti the son of Raphu.
10 gosa Zebuuloon keessaa Gadiiʼeel ilma Soodii;
Of the tribe of Zebulun, Gaddiel the son of Sodi.
11 gosa Minaasee jechuunis gosa Yoosef keessaa Gadii ilma Suus;
Of the tribe of Joseph, [namely], of the tribe of Manassah, Gaddi the son of Susi.
12 gosa Daan keessaa Amiiʼeel ilma Gemaal;
Of the tribe of Dan, Ammiel the son of Gemalli.
13 gosa Aasheer keessaa Sexuur ilma Miikaaʼel;
Of the tribe of Asher, Sethur the son of Michael.
14 gosa Niftaalem keessaa Naahibii ilma Wofsii;
Of the tribe of Naphtali, Nahbi the son of Vophsi.
15 gosa Gaad keessaa Geʼuuʼeel ilma Maakii ti.
Of the tribe of Gad, Geuel the son of Machi.
16 Egaa maqaawwan kunneen maqaawwan namoota akka isaan biyya sana basaasaniif jedhee Museen ergee dha. Museenis Hoosheeʼaa ilma Nuuni sana, “Iyyaasuu” jedhee moggaase.
These [are] the names of the men whom Moses sent to explore the land. And Moses called Oshea the son of Nun Jehoshua.
17 Museen yommuu akka isaan biyya Kanaʼaanii basaasaniif isaan ergetti akkana jedheen; “Karaa Negeeb darbaatii gara biyya gaaraatti ol baʼaa.
And Moses sent them to explore the land of Canaan, and said to them, Go ye up this [way] southward, and ascend the mountain:
18 Biyyi sun maal akka fakkaattu, namoonni achi jiraatanis jajjaboo yookaan dadhaboo, muraasa yookaan hedduu taʼuu isaanii ilaalaa.
And see the land, what it [is]; and the people that dwell therein, whether they [are] strong or weak, few or many;
19 Isaan biyya akkamii keessa jiraatu? Gaarii yookaan gadhee? Magaalaawwan akkamii keessa jiraatu? Dallaa dhagaa hin qaban moo daʼoo jabaa qabu?
And what the land [is] that they dwell in, whether it [is] good or bad; and what cities [they are] that they dwell in, whether in tents, or in strong holds;
20 Lafti isaa gabbataa dha moo gabbataa miti? Muka qaba moo hin qabu. Jabaadhaatii ija biyyattii keessaa muraasa fidaa.” Waqtiin sun yeroo iji wayinii kan jalqabaa itti bilchaatu ture.
And what the land [is], whether it [is] fertile or barren, whether there is wood in it, or not. And be ye of good courage, and bring of the fruit of the land. Now the time [was] the time of the first ripe grapes.
21 Isaan ol baʼanii Gammoojjii Siin irraa jalqabanii hamma Rehoobitti gara Leeboo Hamaatitti biyyattii basaasan.
So they went up, and searched the land from the wilderness of Zin to Rehob, as men come to Hamath.
22 Isaanis karaa Negeeb ol baʼanii gara Kebroon lafa Ahiiman, Sheeshaayii fi Talmaayi ilmaan Anaaq sun jiraataniitti dhufan. Kebroon kunis utuu Zooʼaan isheen biyya Gibxi sun hin ijaaramin waggaa torbaan dura ijaaramte.
And they ascended by the south, and came to Hebron; where Ahiman, Sheshai, and Talmai, the children of Anak, [were]. (Now Hebron was built seven years before Zoan in Egypt.)
23 Isaanis yommuu Sulula Eshkool gaʼanitti hurbuu ija wayinii tokko kutan. Wayinii sanas roomaanii fi harbuu wajjin nama lama taʼanii danqaraadhaan baatan.
And they came to the brook of Eshcol, and cut down from thence a branch with one cluster of grapes, and they bore it between two upon a staff; and [they brought] of the pomegranates, and of the figs.
24 Iddoon sun sababii hurbuu ija wayinii kan warri Israaʼel kutan sanaatiif Sulula Eshkool jedhame.
The place was called the brook Eshcol, because of the cluster of grapes which the children of Israel cut down from thence.
25 Jarris dhuma bultii afurtamaatti biyya sana basaasanii deebiʼan.
And they returned from exploring the land after forty days.
26 Isaanis gara Qaadesh ishee Gammoojjii Phaaraan keessaa gara Musee fi Aroon, gara waldaa Israaʼel guutuu deebiʼanii dhufan. Achittis gabaasa isaaniif dhiʼeessan; ija biyyattiis isaan argisiisan.
And they went and came to Moses, and to Aaron, and to all the congregation of the children of Israel, to the wilderness of Paran, to Kadesh; and brought back word to them, and to all the congregation, and showed them the fruit of the land.
27 Isaanis akkana jedhanii Museetti himan: “Nu gara biyya ati itti nu ergite sanaa dhaqneerra; biyyattiin aannanii fi damma baafti! Iji ishees kunoo kana.
And they told him, and said, We came to the land whither thou sentest us, and surely it floweth with milk and honey; and this [is] the fruit of it.
28 Garuu namoonni achi jiraatan jajjaboo dha; magaalaawwan ishee dallaa jabaa qabu; gurguddaa dhas. Nu sanyii Anaaq iyyuu achitti argineerra.
Nevertheless, the people [are] strong that dwell in the land, and the cities [are] walled, [and] very great: and moreover, we saw the children of Anak there.
29 Amaaleqoonni Negeeb keessa jiraatu; Heetonni, Yebuusonnii fi Amooronni biyya gaaraa keessa jiraatu; Kanaʼaanonni immoo galaana biraa fi qarqara Yordaanos jiraatu.”
The Amalekites dwell in the land of the south: and the Hittites, and the Jebusites, and the Amorites, dwell in the mountains: and the Canaanites dwell by the sea, and by the coast of Jordan.
30 Kaalebis fuula Musee duratti saba calʼisiisee, “Nu dafnee ol baanee biyyattii haa dhaallu; moʼachuu ni dandeenyaatii” jedhe.
And Caleb stilled the people before Moses, and said, Let us go up at once, and possess it; for we are well able to overcome it.
31 Namoonni isa wajjin ol baʼanii turan garuu, “Nu warra sana dhaʼuu hin dandeenyu; isaan nurra jajjaboo dha” jedhan.
But the men that went up with him said, We are not able to go up against the people; for they [are] stronger than we.
32 Isaanis waaʼee biyya basaasan sanaa saba Israaʼel gidduutti oduu gadhee tamsaasan. Akkanas jedhan; “Biyyi nu basaasne sun biyya warra ishee keessa jiraatu iyyuu nyaattuu dha. Namoonni nu achitti argine hundinuu dhedheeroo dha.
And they brought an evil report of the land which they had searched to the children of Israel, saying, The land through which we have passed to search it, [is] a land that eateth up its inhabitants; and all the people that we saw in it, [are] men of a great stature.
33 Achitti Nefiiliimota argine; ilmaan Anaaq Nefiiliimota irraa dhufan. Nu ofuma keenyatti iyyuu korophisa fakkaanne; fuula isaanii durattis akkasuma taane.”
And there we saw the giants, the sons of Anak, [who come] of the giants: and we were in our own sight as grasshoppers, and so we were in their sight.

< Lakkoobsa 13 >