< Lakkoobsa 11 >

1 Sabni sun utuma Waaqayyo isa dhagaʼuu waaʼee rakkina isaa guungume; innis yommuu waan kana dhagaʼetti ni aare. Kana irratti ibiddi Waaqayyoo isaan gidduutti bobaʼee qarqara qubata isaanii gube.
ויהי העם כמתאננים רע באזני יהוה וישמע יהוה ויחר אפו ותבער בם אש יהוה ותאכל בקצה המחנה׃
2 Sabni Museetti iyye; Museen immoo Waaqayyoon kadhatee ibiddi sun dhaame.
ויצעק העם אל משה ויתפלל משה אל יהוה ותשקע האש׃
3 Sababii ibiddi Waaqayyo biraa gad buʼee gidduu isaaniitti bobaʼeef, iddoon sun “Tabeeraa” jedhamee waamame.
ויקרא שם המקום ההוא תבערה כי בערה בם אש יהוה׃
4 Sabni wal makaan isaan wajjin tures nyaata biraa dharraʼe; Israaʼeloonni ammas akkana jedhanii booʼuu jalqaban; “Nu utuu foon nyaannu argannee!
והאספסף אשר בקרבו התאוו תאוה וישבו ויבכו גם בני ישראל ויאמרו מי יאכלנו בשר׃
5 Nu biyya Gibxi keessatti qurxummii toluma nyaanne; akkasumas dabaaqula, habaabii, goodarree, qullubbii diimaa fi qullubbii adii nyaanne sana ni yaadanna.
זכרנו את הדגה אשר נאכל במצרים חנם את הקשאים ואת האבטחים ואת החציר ואת הבצלים ואת השומים׃
6 Amma garuu fedhiin nyaataa nurraa badeera; mannaa kana malees waan tokko illee hin arginu!”
ועתה נפשנו יבשה אין כל בלתי אל המן עינינו׃
7 Mannaan sun akka sanyii dinbilaalaa taʼee bifti isaa haphee fakkaata ture.
והמן כזרע גד הוא ועינו כעין הבדלח׃
8 Namoonnis mannaa sana nanaannaʼanii walitti qabanii dhagaa daakuutti daakachaa yookaan mooyyeetti tumachaa turan. Isaanis mannaa sana okkoteetti affeelu yookaan maxinoo isaa tolfatu turan. Innis akka waan zayitii ejersaatiin qopheeffameetti miʼaawa ture.
שטו העם ולקטו וטחנו ברחים או דכו במדכה ובשלו בפרור ועשו אתו עגות והיה טעמו כטעם לשד השמן׃
9 Galgala yommuu fixeensi qubata irra buʼetti mannaan sunis gad buʼe.
וברדת הטל על המחנה לילה ירד המן עליו׃
10 Museen utuu namoonni maatii hundaa balbala dunkaana ofii isaa duratti booʼanuu dhagaʼe. Waaqayyos akka malee aare; Museen immoo ni dhiphate.
וישמע משה את העם בכה למשפחתיו איש לפתח אהלו ויחר אף יהוה מאד ובעיני משה רע׃
11 Innis akkana jedhee Waaqayyoon gaafate; “Ati maaliif dhiphina kana garbicha keetti fidde? Ati kan baʼaa saba kanaa hunda narra keesse ani maal balleessee si gaddisiiseeti?
ויאמר משה אל יהוה למה הרעת לעבדך ולמה לא מצתי חן בעיניך לשום את משא כל העם הזה עלי׃
12 Saba kana hunda anatu ulfaaʼee? Anatu isaan daʼee? Ati maaliif akka ani akkuma guddiftuun daaʼima baattutti gara biyya ati abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galteetti irree kootti baadhee isaan geessuudhaaf na ajajja?
האנכי הריתי את כל העם הזה אם אנכי ילדתיהו כי תאמר אלי שאהו בחיקך כאשר ישא האמן את הינק על האדמה אשר נשבעת לאבתיו׃
13 Ani saba kana hundaaf foon eessaan argadha? Isaan, ‘Foon nyaannu nuu kenni!’ jedhanii natti booʼu.
מאין לי בשר לתת לכל העם הזה כי יבכו עלי לאמר תנה לנו בשר ונאכלה׃
14 Ani kophaa koo saba kana hunda baachuu hin dandaʼu; baʼaan kun akka malee natti ulfaata.
לא אוכל אנכי לבדי לשאת את כל העם הזה כי כבד ממני׃
15 Ati yoo akkana na goota taʼe, yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, maaloo ammuma na ajjeesi; akka ani gidiraa natti dhufu argus na hin godhin.”
ואם ככה את עשה לי הרגני נא הרג אם מצאתי חן בעיניך ואל אראה ברעתי׃
16 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Maanguddoota Israaʼel keessaa nama torbaatama kanneen hooggantootaa fi qondaaltota sabaa taʼuu isaanii beektu naa fidi. Akka isaan gara dunkaana wal gaʼii dhufanii si wajjin achi dhadhaabatan godhi.
ויאמר יהוה אל משה אספה לי שבעים איש מזקני ישראל אשר ידעת כי הם זקני העם ושטריו ולקחת אתם אל אהל מועד והתיצבו שם עמך׃
17 Ani gad buʼee achitti si wajjin nan dubbadha; Hafuura sirra jiru irraas fuudhee isaan irra nan kaaʼa; isaanis akka ati kophaa kee baʼaa sana hin baanneef baʼaa saba sanaa si wajjin baatu.
וירדתי ודברתי עמך שם ואצלתי מן הרוח אשר עליך ושמתי עליהם ונשאו אתך במשא העם ולא תשא אתה לבדך׃
18 “Saba kanaan akkana jedhi: ‘Isin bori foon nyaattuutii of qulqulleessaa qophaaʼaa. Waaqayyo yeroo isin, “Nu utuu foonuma nyaannu argannee! Yeroo nu biyya Gibxi keessa jirru nuu wayya ture!” jettanii boossan dhagaʼeeraatii. Waaqayyo amma foon isinii kenna; isinis ni nyaattu.
ואל העם תאמר התקדשו למחר ואכלתם בשר כי בכיתם באזני יהוה לאמר מי יאכלנו בשר כי טוב לנו במצרים ונתן יהוה לכם בשר ואכלתם׃
19 Isin hamma guyyaa tokkoo, yookaan lamaa, yookaan shanii, kudhanii, yookaan digdamaa qofa hin nyaattan;
לא יום אחד תאכלון ולא יומים ולא חמשה ימים ולא עשרה ימים ולא עשרים יום׃
20 garuu jiʼa tokko guutuu hamma funyaaniin isin baʼutti, hamma nuffitanittis nyaattu; isin Waaqayyo gidduu keessan jiru sana diddanii, “Nu maaliif biyya Gibxi keessaa baane?” jettanii fuula isaa duratti boossanii turtaniitii.’”
עד חדש ימים עד אשר יצא מאפכם והיה לכם לזרא יען כי מאסתם את יהוה אשר בקרבכם ותבכו לפניו לאמר למה זה יצאנו ממצרים׃
21 Museen garuu akkana jedhe; “Kunoo ani namoota lafoo kuma dhibba jaʼa gidduun jira; ati immoo, ‘Ani foon isaan jiʼa guutuu nyaatan kennaaf!’ jetta.
ויאמר משה שש מאות אלף רגלי העם אשר אנכי בקרבו ואתה אמרת בשר אתן להם ואכלו חדש ימים׃
22 Utuma bushaayee fi karri loonii isaaniif qalamanii iyyuu gaʼaa laata? Utuma qurxummiin galaana keessaa hundi isaanii qabamee iyyuu gaʼaa laata?”
הצאן ובקר ישחט להם ומצא להם אם את כל דגי הים יאסף להם ומצא להם׃
23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Harki Waaqayyoo gabaabaadhaa? Ati akka wanni ani siin jedhu siif guutamuu fi akka siif hin guutamne amma ni argita.”
ויאמר יהוה אל משה היד יהוה תקצר עתה תראה היקרך דברי אם לא׃
24 Museen dhaqee waan Waaqayyo jedhe sana sabatti hime. Innis saba sana keessaa maanguddoota torbaatama walitti qabee akka isaan naannoo dunkaanaa dhadhaabatan godhe.
ויצא משה וידבר אל העם את דברי יהוה ויאסף שבעים איש מזקני העם ויעמד אתם סביבת האהל׃
25 Ergasiis Waaqayyo duumessaan gad buʼee isatti dubbate; Hafuura isa irra jirus fuudhee maanguddoota torbaatamman sana irra buuse. Isaanis yeroo Hafuurri sun isaan irra boqotetti raajii dubbatan; ergasii immoo deebiʼanii raajii sana hin dubbanne.
וירד יהוה בענן וידבר אליו ויאצל מן הרוח אשר עליו ויתן על שבעים איש הזקנים ויהי כנוח עליהם הרוח ויתנבאו ולא יספו׃
26 Taʼu illee namoonni lama kanneen maqaan isaanii Eldaadii fi Meedaad jedhaman qubata keessatti hafanii turan. Isaanis maanguddoota sana keessatti galmeeffamanii turan malee gad baʼanii gara dunkaanaa hin dhaqne ture. Hafuurri immoo isaan irra illee buʼe; isaanis qubata keessatti raajii dubbatan.
וישארו שני אנשים במחנה שם האחד אלדד ושם השני מידד ותנח עליהם הרוח והמה בכתבים ולא יצאו האהלה ויתנבאו במחנה׃
27 Dargaggeessi tokko fiigee dhaqee, “Eldaadii fi Meedaad raajii dubbachuutti jiru” jedhee Museetti hime.
וירץ הנער ויגד למשה ויאמר אלדד ומידד מתנבאים במחנה׃
28 Iyyaasuun ilmi Nuuni kan ijoollummaa ofiitii jalqabee gargaartuu Musee ture sun kaʼee, “Yaa Musee, yaa gooftaa ko, isaan dhowwi!” jedhee dubbate.
ויען יהושע בן נון משרת משה מבחריו ויאמר אדני משה כלאם׃
29 Museen garuu akkana jedhee deebise; “Ati anaaf hinaaftaa? Ani utuu sabni Waaqayyoo hundinuu raajota taʼanii Waaqayyos Hafuura isaa isaan irra kaaʼee nan hawwa!”
ויאמר לו משה המקנא אתה לי ומי יתן כל עם יהוה נביאים כי יתן יהוה את רוחו עליהם׃
30 Ergasiis Musee fi maanguddoonni Israaʼel gara qubataatti deebiʼan.
ויאסף משה אל המחנה הוא וזקני ישראל׃
31 Bubbeen tokkos Waaqayyo biraa baʼee galaana keessaa dimbiriqqee gara qubataatti oofe. Bubbeen sunis dimbiriqqee sana naannoo qubata sanaatti gama hundaan hamma deemsa guyyaa tokkoo fagaatu harcaasee hamma dhundhuma lamaa oli tuule.
ורוח נסע מאת יהוה ויגז שלוים מן הים ויטש על המחנה כדרך יום כה וכדרך יום כה סביבות המחנה וכאמתים על פני הארץ׃
32 Guyyaa sana guutuu fi halkan sana guutuu, guyyaa itti aanu guutuus sabni sun gad baʼee dimbiriqqee sana walitti qabate; isaan keessaas namni homeerii kudhanii gad walitti qabate hin turre. Ergasii dimbiriqqee sana naannoo qubata sanaa afatan.
ויקם העם כל היום ההוא וכל הלילה וכל יום המחרת ויאספו את השלו הממעיט אסף עשרה חמרים וישטחו להם שטוח סביבות המחנה׃
33 Garuu utuma foon sun amma illee gidduu ilkaan isaanii jiruu, utuu hin alanfatin Waaqayyo isaanitti aaree dhaʼicha hamaadhaan isaan dhaʼe.
הבשר עודנו בין שניהם טרם יכרת ואף יהוה חרה בעם ויך יהוה בעם מכה רבה מאד׃
34 Sababii isaan namoota nyaata biraa dharraʼan achitti awwaalaniif maqaan iddoo sanaa, “Qiibrooti Haataaʼabaa” jedhame.
ויקרא את שם המקום ההוא קברות התאוה כי שם קברו את העם המתאוים׃
35 Sabni sunis Qiibrooti Haataaʼabaadhaa kaʼee gara Haxerooti dhaqee achi jiraate.
מקברות התאוה נסעו העם חצרות ויהיו בחצרות׃

< Lakkoobsa 11 >